14/12/2022
Qajeelcha Miseensa waldaa
Waldaa Ergmoota Itiyoophiyaatti miseensi waldaa beekuu fi fudhachuun kan irra jiru, Qajeelcha Waldaa.
1Xim. 1÷8-11Namni akka ta'utti yoo ittiin hojjete seerichi gaarii akka ta'e nuyi in beekna. Namichi sun, seerri nama qajeelaadhaaf akka hin tumamin in beeka; garuu warra seera malee jiraataniif, warra hin abboomamneef, warra Waaqayyo malee jiraataniif, warra cubbamootaaf, warra karaa qulqulluu irraa jal'ataniif, warra wanta qulqullaa'aadhaan mormaniif, abbootaa fi haadhota warra ajjeesaniif, warra gumaaf, Warra halaleedhaaf, warra nama gadhoomsaniif, warra nama butaniif, warra sobduudhaaf, warra kakaa sobaa kakataniif, kan biraas yoo jiraatan warra barsiisa sirriidhaan mormaniif tumame. Barsiifni sirriin kun immoo wangeela isa waa'ee ulfina Waaqayyoo eebbifamaa dubbatuu dha; inni akkan isa lallabuuf hadaraa anatti kennameera .
Foolii Jireenyaa moo Foolii Du'aa
Jechi Waaqaa yoo dandeessan nama hunduma waliin nagaan jiraadhaa waan jedhuuf jireenyaan maatiisaa waliin, ollaasaa waliinii fi nama alaa hunduma waliin nagaan kan hin jiraannee fi jireenya hafuuraa kan hin qabne, miseensi waldaa kamiiyyuu jireenyi isaa hanga akka jecha Waaqayyootti sirraa'utti tajaajila hafuuraa kamiiyyuu akka tajaajiluuf hin filatamu.
Waldaa keessatti kutaa tajaajilaa kan filataman ykn kan filatamu jireenya dhuunfaa saaniitiin keessaanis ta'ee alaan qulqullummaa kan hin qabne, dubbidhaanis ta'ee hojiisaaniin jireenya nama biroo kan gufachiisan, jireenya kan qabanis ta'anii yoo argaman, fayyina ofiisaanifis ta'ee warra fayyaniif gufuu waan ta'aniif, mataasaanii hanga qalbii jijjiirranaan sirreessanii fi hanga bu'a qalbii jijjiirranaa isaanii agarsiisanitti tajaajila kamirraayyuu dhoowwamanii (ittifamanii) akka miseensa kamiittuu akka adabatanii taa'an ni taasifamu.
" Waaqayyo isa yeroo hundumaa karaa Kristos akka warra mo'ee duulaa galuutti nu adeemsisuuf, Kristosin beekuus akka foolii urgaa'uutti harka keenyaan iddoo hundumaan isa ga'uuf galanni haa ta'u. Nuyi, w
ታምራቱንታምራቱን በሕይወቴ አይቻለሁ እንዴት አድርጎ እንደሚያኖርአሰራሩን እኔ በተግባር አይቻለሁ እንዴት አድርጎ እንደሚያኖርአይቻለሁ/2* በእውነት አይቻለሁ አይቻለሁ/2* በራሴ አይ.....