Jesus is the Way, Truth and Life

Jesus is the Way, Truth and Life Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Jesus is the Way, Truth and Life, Religious Center, Adama, Oromia, Adama.

01/09/2025

Magaalaa Asoosaa tti namoonni 37 gooftaa Yesuus tti Amananiiru ❗

29/08/2025

Si dhaggeeffachuuf ariifadheera, ati anaaf Faarfattoota jajjaboo Waaqayyo nuuf kaase keessaa addatti nama ani jaalladhu fi mararfadhudha. Nama garaa adii, kan jallinni, jibbi fi wayi xaxuun keessa isaa hin jirre, garraamii namaa! Iddoo guddaan siif qaba !

 ’eel Dabalaa beektuu? Mootonni Itoophiyaa qarooma waggaa 3000 himatan utuu quba hin qabaatiin dura namni yeroo jalqabaa...
27/08/2025

’eel Dabalaa beektuu?

Mootonni Itoophiyaa qarooma waggaa 3000 himatan utuu quba hin qabaatiin dura namni yeroo jalqabaaf mana barnootaa ammayyaa biyya keenyatti hundeesse ilma Oromoo Daani’el Dabalaa jedhama!

- Maqaan dhalootasaa Luuluu Dabalaa ture
- Mucaa waggaa 10 ta'ee naannoo Guduruu gabaa guddaa Asandaaboo jedhamu keessaa, abbaasaa biraa bara 1876tti daldala garbaatti gurgurame.
- Daani'eel nama biyya Oromoo Onesmos Nasiib fi Aster Gannoo waliin nama Macaafa Qulqulluu hiikedha. Gulaalaa Macaafa Qulqulluu isa jalqabaatis.
- Namni kun garbummaadhaan warra Swiidinitti gurguramee wagggaa 1 booda biyya Eertiraatti barumsa ammayyaa warruma isa bite sanaan barachuu jalqabe.
- Turtii dheeraa booda barnoonni ammayyaa warra adii kun sabakoos ni fayyada jechuun tarsiimoo barnoota ammayyaa qabatee marsaa afur biyya keenya galchuuf yaalee utuu hin milkaa'iin hafus, 5ffaa irratti milkaa'e.
- "Abuurreerra koottaa" jechuun nama Onesmos Nasibiifi Asteer Gannoof xalayaa barreesseedha.
- Yeroo jalqabaaf mana barumsaa ammayyaa fi Waldaa Kiristaanaa ishee jalqabaa Lixa Oromiyaa Boojjii Birmajjiittii nama hundeessedha.
- Nugusichi bara sanaa Minilik illee erga Daani’eel Dabalaa barnoota ammayyaa biyya kana galchee, waggoota 12 booda mana barumsaa ammayyaa jedhee Finfinneetti bane.

Seenaan nama kanaa dheeraadha. Kitaaba waa’ee isaarratti barreeffame yoo dubbiftan kana caalaa irraa bartu. Kitaabni kun Dilbata fuula keenya duraa (25/12/2017 ykn 31/08/2025) Birbirsa Gooroo Galma Adwaatti sirna ho'aan ni eebbifama.

Irraa hin hafiinaa!

27/08/2025

Waaqayyoo oolchaadha!!!

Boofaa fi Haadha Ergamaa Garboolee (Ajab😁)==================≈==========="Yaa Gooftaa! barichi dheerataa deeme. Haati koo...
27/08/2025

Boofaa fi Haadha Ergamaa Garboolee (Ajab😁)
==================≈===========
"Yaa Gooftaa! barichi dheerataa deeme. Haati koos amma yoonaa sitti amantee hin fayyine. Amma yoomitti kun ta'a? Akka tasa adda ba'uu dandeenya. Carraan kun harka keenya keessa osoo jiruu maaloo waan tokko raawwadhu." jechuun kan kadhate Ergamaa Garboolee Hirphaa ture. Haafurri Waaqayyoos deebiseefii "Aangoo siif kennametti fayyadami." jedheen.

Haati isaa bofa baay'ee sodatu. Ergamichis Adaanechiin(haadha manaa) "har'a mana haadha koo bofti ni dhufa." jedhaniin. Isheenis "maaloo akka hin hiddine." jette. "Ni dhufan jedhe malee ni hidda hin jenne. Sodaachisuun ala aboon hin kennamneef." jedheen. Irra deebitees "Adaraa, akka isaan hin naane" jechuun kadhatte.

Yeroo sana ollaa waan turaniif bofti akka dhufu baruun, aboo Waaqayyoo kennefittis fayyadamuuf naannoo manaa asi achi osoo dededdeemuu haati isaa iyya qaarisiisan. Adaanech fi Ergamichi wal duraa dubaan dhaquun "Maaltu dhalate?" ittiin jedhan. "Raammotu mana na seene" jechuun deebisan. Haalicha cimsee itti mul'isuuf "bofa jedhi malee raammoo hin jedhiin" jedhe Garboolen. "Maqaa isaa hin dhayiin na nyaata." jedhan haati. "Akka si hin nyaanneef gooftaa Yesusitti amani. Yeroo baay'ee sitti himeera. Garuu na didde. Amma tokko kanaan amanuu yoo baatte lagaa as dhufaa kan jiran baay'eedha." jedheen.

"Jalqaba isa kana gad naaf baasiiitii nan amana.😁" jedhan. Bofichi akkuma mana lixeen mataa isaa uraa boolla hantuutaa keessa seensifate. "Homaa miti. Ati as jilbeenfadhu. Adaanech akka inni si hin hiddineef sirraa eegdi." jedheen. Kanarratti walii galanii isaanis qalbii jijjirrachuun gooftaa Yesusitti amanan. Isaaniis bakka jilbeeffatanii ka'anii gara bofichaa ilaalaa "egaa amma gad narraa baasi." jedhaniin. Moofaan qabanii gad baasuuf yaalanis bofichi bakka lamatti adda cite. Homaa gochuun waan hin danda'amneef mataa isaa isa bool'a hantuutaa keessatti hafe gaazii itti naqanii ibiddaan guban.

"Hin ta'u. Gubatus, inni bool'a keessatti hafe na

27/08/2025

Har'a qofaa namoonni 1307 Yesuus Kiristoositti amananiiru❗
Marsil TV 🙌

Abbaa dhalootaa, hayyuu keenya ❤️
27/08/2025

Abbaa dhalootaa, hayyuu keenya ❤️

27/08/2025

Address

Adama, Oromia
Adama

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jesus is the Way, Truth and Life posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share