Jama'aa Muslima Torban Diida'aa

Jama'aa Muslima Torban Diida'aa Jaarmiya Islaamummaaf Qabsa'uu!!

Salaata Iida Al fitri Hijraa 1447 Magaalaa Adaamaa
20/03/2026

Salaata Iida Al fitri Hijraa 1447 Magaalaa Adaamaa

EID MUBARAK 1447 🌙​Baga Rabbiin Guyyaa Kabajamaa Kanaan Isin Gahe!​Maqaa Hoggansa Waliigalaa JTD (Jama'aa Torban Dachee)...
19/03/2026

EID MUBARAK 1447 🌙
​Baga Rabbiin Guyyaa Kabajamaa Kanaan Isin Gahe!
​Maqaa Hoggansa Waliigalaa JTD (Jama'aa Torban Dachee) irraa:
​Miseessotaa fi Hoggantoota JTD hundaaf, akkasumas Ummata Islaamaa addunyaa guutuu irratti argamtan hundaan:
"Baga Gammachuu Id-Al-Fixrii Kanaan Isin Gahe!" Rabbiin Ibaadaa keenya hundaa nuuf haa qeebalu.
​📢 Dhaamsa fi Waamicha Hojii (JTD)
​Isin hoggantoonni fi miseessonni JTD dammeelee garaa garaa irratti argamtan, akkuma kanaan dura gargaarsa harka qalleeyyiitiin beekamtan, guyyaa kabajamaa kana irrattis hojiiwwan armaan gadii irratti akka jabaattan maqaa Rabbiitiin isin gaafanna:
​🤝 Birmannaa Harka Qalleeyyii: Akkuma amala keessaniitti, warra gargaarsa barbaadan deggaruun gammachuu isaanii akka mirkaneessitan.
​🧹 Qulqullina Dirree Id-aa: Ganamatti argamuun dirree salaataa qulqulleessuu fi qopheessuu.
​⚖️ Naamusa Eegsisuu: Dirree Id-aa irratti naamusa gaariin ummata tajaajiluu.
​🏃 Ganamatti Ba'uu: Ganama dursa wal-gurmeessitanii ummata dura dirree irratti argamuun tajaajila keessan akka kennitan kabajaan isinitti dhaammanna.
​"Hojiin gaariin milkaaa'ina addunyaa fi aakhiraati!"
​Gammachuu Id-Al-Fixrii Gaarii!
​Sheek Misbaahaa Amaan
Hoggansaa Waliigalaa JTD
📍 ADAMAA, ITOOPHIYAA

11/5/2013 JTD Damee Hamdaa Diksiis Amiira damichaa Ismaa'il H/Abuuna tin yeroo gorfaman.Galmee seenaa irraa ✌️🙏
16/10/2025

11/5/2013 JTD Damee
Hamdaa Diksiis Amiira damichaa Ismaa'il H/Abuuna tin yeroo gorfaman.

Galmee seenaa irraa ✌️🙏

Bara 2012 JTD Damee Balee gasgaar yeroo harka qalleeyyiif deeggarsa godhu.Galmee seenaa irraa🙏✌️
15/10/2025

Bara 2012
JTD Damee Balee gasgaar yeroo harka qalleeyyiif deeggarsa godhu.
Galmee seenaa irraa🙏✌️

Jama'aan Muslimaa Torban Diida'aa Ya'ii Seena qabeessaa gaggeessuun murtiilee ijoo seena qabeessaa ta'an 3 murteesseera....
13/10/2025

Jama'aan Muslimaa Torban Diida'aa Ya'ii Seena qabeessaa gaggeessuun murtiilee ijoo seena qabeessaa ta'an 3 murteesseera.

Jama'aan Muslimaa Torban Diida'aa Yaa'ii seena qabeessaa guyyaa 2/2/2018 Magaalaa Adaamaa Hoteelaa kaayyootti gaggeesseen Murtiilee fuulduree Jama'ichaa murteessan 3 murteesseera.
Isaanis:
1. Koree Hojii Rawwachiiftu fi Dura Buutotaa Yaa'ii Waggoota 3 dhufan jama'icha Hogganaan filachuu
2. Dhaadannoo Torbanirraa gara Dachee Torabanitti jedhuu dhugoomsuf Maqaa Jama'ichaa foyyeessun; Jama'aa Muslima Torban Diida'aa irraa gara Jama'aa Muslimaa Torban Dachiitti jijjiiruu fi
3. Kaayyoo Jama'ichaa Lamatti(2) Gabaabsun Barnootaf Misooma irratti hojjachuu murteesseera.

Haaluma kanaan
1. Sh Misbah Amaan Hogganaa Walii galaa
2. Sh Aliyyii Huseen I/Aanaa Hogganaa Walii galaa
3. Dargaggoo Nuuraa Faanus Barreessaa Walii galaa fi
4. Dargaggoo Saadiq Sayyiida Itti gaafatamaa Sab-qunnamtii(Odeeffannoo) Jama'ichaa gochuun muudera.

Jama’aan Muslima Torban Diida’aa Walgahii yaa’ii Ariifachiisa Marsaa 4ffaa Magaalaa Adaamaa Hoteela   Kaayyoo Boruutti E...
12/10/2025

Jama’aan Muslima Torban Diida’aa Walgahii yaa’ii Ariifachiisa Marsaa 4ffaa Magaalaa Adaamaa Hoteela Kaayyoo Boruutti Eegalee jira.

Dhaabbata Amantaa islaamaa kan tahe  Jama'aan Muslimaa Torban Diida'aa mana marii dhimmoota islaaamummaa Magaalaa Adaama...
13/08/2025

Dhaabbata Amantaa islaamaa kan tahe Jama'aan Muslimaa Torban Diida'aa mana marii dhimmoota islaaamummaa Magaalaa Adaamaa waliin marii gaggeessee jira.

Mataa dureen marii Raawwii xumura hojii 2017 fi karoora hojii bara 2018 kan wal qabatu yoo tahu
I/Aanaa marii dhimmoota Islaamummaa magaalaa Adaamaa kan tahan Sh/ Abdulqaadir Ahmad Muhaammad Dhaabbata JTD waliin jirra jedhan
Majlisa Oromiyaa - የኦሮሚያ መጅሊስ - Oromia Mejlis

Sirna Salaata Iid Al-Adahaa  Hijra 1446 Magaalaa Asallaa
07/06/2025

Sirna Salaata Iid Al-Adahaa Hijra 1446 Magaalaa Asallaa

Sirna Salaata Iid Al-Adahaa  Hijra 1446 Aanaa Suudee Magaalaa Kullaa
07/06/2025

Sirna Salaata Iid Al-Adahaa Hijra 1446 Aanaa Suudee Magaalaa Kullaa

Baga Geessan,warra barana kan bara hedduu nu haa taasisuu Erga Baga Geessanii Jama'aa Muslimaa Torban Diida'aa irraaHogg...
06/06/2025

Baga Geessan,warra barana kan bara hedduu nu haa taasisuu

Erga Baga Geessanii Jama'aa Muslimaa Torban Diida'aa irraa

Hoggantootni,Miseensotni Jama'aa Muslimaa Torban Diida'aa fi Hawaasni Muslimaa Guutuu Addunyaa irratti argamtan Baga Ayyaanaa Iid Al- Adahaa kan Bara Hijra 1446 nagaan geessan Ayyaanni Kan Jaalalaa,kan Badhaadhina fi Gammachuu isiniif haa ta'uu.

Ayyaanni Iid Al Adahaa baranaa kan Guddinaa gama hunda itti argannuu nuuf haa ta'uu. Yeroo Ayyaana kana yeroo kabajnuu harka qal'eeyyii naannoo keenya jiran yaadannee gargaara Ayyaanichaa akka kabajnuu dhaamnaa.

Ayyaanaa Gaarii

Jama'aa Muslimaa Torban Diida'aa Barnootaaf Misooma irratti kan hojjatu!

Sirna Salaata Iidal-Fixrii kan bara 1446 Magaalaa Seerutti suuradhan.
30/03/2025

Sirna Salaata Iidal-Fixrii kan bara 1446 Magaalaa Seerutti suuradhan.

Address

Adama

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jama'aa Muslima Torban Diida'aa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share