25/08/2026
𝚅ɪᴅᴇᴏ ʏᴏᴏ ʙᴀʀʙᴀᴀᴅᴅᴀɴ 𝙲ᴏᴍᴍᴇɴᴛ ɪʀʀᴀ ᴊɪʀᴀ
"Suuraawwan (photos) hoo Jinnoota waliin hidhata qabaa?" jedheen gaafii biraa gaafadhe.
Innis deebise akkana naan jedhe, "kunis waluma fakkata. Suuraaleen sheexaanota ofitti harkisu. Kanaafuu, dallaa irratti isaan hin rarraasinaa. Yoo barruulee ykn kitaabota keessa jiraatan, garagalchaa ykn cufaa akka fakkiiwwan sun hin mul'anneetti." Naan jedhe.
Jechi Kuni dhugaadha. Ergamaan Allahaa (S.A.W.) akka jedhanitti, malaaykaan Jibriil yeroo tokko golgaa (magaraaja) fakkiiwwan of irraa qabuu fi adurree/saree mana keessa waan jiruuf mana tokko seenuu dhowwamee ture. Kana booda golgicha mummuranii boraatiif godhuu, fi saree sana akka mana irraa gadi baasu itti himame.
Iisaan itti aansuun humni harkisaa siiqqaawwan gara jinniiwwaniitti harkisu sun dhugaa ta'uu isaa Ibn Khaanjuuriin gaafate.
"Lakki, lakki." jedhe inni xiyyeeffannaan. "Inni dhugumatti maagneetidha, kan dhugaati. Sheexaanonni akkuma ati urgooftuu gaarii fuunfattuutti isaan fuunfachu (suufuu) danda'u. Isaan fagootti arguu danda. sababiin isaas siiqqaawwan kun calaqqee ykn ifa ija namaatiin arguu hin dandeenye burqisiisu.” Jedhe
Jechi Kun dhugumatti bu'ura saayinsii qaba. Wantoonni hundi anniisaa ijaan hin mul'anne adda ta'e maddisiisu. Siiqqaawwan dhagaa, marbela, ykn sibiila irraa hojjataman mallattoo anniisaa addaa ofii isaanii qabu. Jinniiwwan anniisaa ibiddatti dhiyaatu irraa waan uumamaniif, akkuma qurxummiin shaarkii (shark) eleektirikii bishaan keessaa adda baasuu danda'u, isaanis anniisaa kana adda baasuu danda'u ta'a. Jinniin tokko anniisaa siiqqaa irraa dhufu sana beekee gara isaatti harkifamuu danda'a."
Ibn Khaanjuur itti dabaluun gorsa kanas ni kenne. "Kutaa manaa kee kamiyyuu osoo itti hin fayyadamin dhiisuu irraa of eeggadhu. kutaa tokko duwwaa yoo dhiiste sheeyxaanni tokko itti galee bakka san qubachuu danda'a." Jedhe.
Jechi Kunis Hadiisa Sahiih Muslim keessatti argamu kan Ergamaan Allahaa (S.A.W.) jedhaniin deeggarama, namni tokko kutaa tokko ofii isaatiif, kutaa tokko haadha manaa isaatiif, fi kutaa tokko keessummaadhaaf. Garuu kutaan afraffaan sheexaanaafi.” Jedhan.
BOQONNAA 6, FAYYISUU ICCITII QABU.
Jireenyi jinniiwwanii jireenya namootaatiin baay'ee walfakkaata. Isaanis jaalala fi jibba, waliigaltee fi wal-dhabdee keessa darbu. Aadaan isaanii fi miirri gammachuu isaanii garee tokko irraa gara kaaniitti garaagarummaa qaba. Dheerinni Yeroo ulfaa jinniiwwan dubaraa kan namootaa caalaa dheeraadha, hamma ji'oota 15tti tura. Jinnoonni yeroo baay'ee al tokkotti ijoollee torba hanga sagalii dahu.
Wantoota yeroo hedduu gaafii namatti tahan keessaa tokko Gaa'ela namootaa fi jinniiwwaniiti. Allahaan Qur'aana keessatti akkana jedha, "Mallattoolee Isaa keessaa tokko akka isin isaanitti tasgabbooftaniif isinuma irraa hiriyoota gaa'elaa isiniif uumuu Isaati." Keeyyanni kun namootaa fi jinniiwwan lamaan irrattiyyuu ni hojjata, jechuunis namoonni namootaaf, jinniiwwan ammoo jinniiwwaniif uumaman.
Ibn Teymiyyaan akkana jedhe, "Karaan ilma namaaf jinnii jiddutti gaa'elli itti raawwatamuu danda'u tokkichi yoo jinniin bifa namaa uffate qofa. Garuu yeroo sanattiyyuu, dhala godhachuun waan hin danda'amne ta'a. Allahaa qofatu dhugaa waan kanaa guutuu beeka."
Ibn Khaanjuur yeroo tokko seenaa Ajaa'ibaa fi hawwataa ta'e tokko qooddate. Abbaan isaa yeroo lubbuun jirutti ofuma isaatii ija isaatiin akka arguuf jedhee sheexaana bira isa geessee ture. Sheexaan maal fakkaata? Addunyaa isaa fi keenya keessatti akkamitti hojjata? Sammuu namootaa keessatti hoo akkamitti hasaasa?...
Kutaan 7ffaan itti fufa....