Darunaim Multimedia

Darunaim Multimedia DAANDII MUSLIMTOOTAA

𝗞𝗨𝗧𝗔𝗔 𝟴ғғᴀᴀ & 𝗫𝘂𝗺𝘂𝗿𝗮𝗮𝗜𝗠𝗣𝗔𝗔𝗬𝗘𝗥𝗔 𝗠𝗢𝗡𝗚𝗢𝗢𝗟 - 𝗗𝘂'𝗮 𝗚𝗲𝗻𝗴𝗵𝗶𝘀_𝗞𝗵𝗮𝗻 𝗕𝗼𝗼𝗱𝗮𝗩𝗶𝗱𝗲𝗼 𝗶𝗹𝗮𝗮𝗹𝘂𝘂𝗳 𝗹𝗶𝗻𝗸 𝗖𝗼𝗺𝗺𝗲𝗻𝘁 𝗶𝗿𝗿𝗮...Xalayaanis doorsisuu ...
30/07/2026

𝗞𝗨𝗧𝗔𝗔 𝟴ғғᴀᴀ & 𝗫𝘂𝗺𝘂𝗿𝗮𝗮

𝗜𝗠𝗣𝗔𝗔𝗬𝗘𝗥𝗔 𝗠𝗢𝗡𝗚𝗢𝗢𝗟 - 𝗗𝘂'𝗮 𝗚𝗲𝗻𝗴𝗵𝗶𝘀_𝗞𝗵𝗮𝗻 𝗕𝗼𝗼𝗱𝗮

𝗩𝗶𝗱𝗲𝗼 𝗶𝗹𝗮𝗮𝗹𝘂𝘂𝗳 𝗹𝗶𝗻𝗸 𝗖𝗼𝗺𝗺𝗲𝗻𝘁 𝗶𝗿𝗿𝗮...

Xalayaanis doorsisuu jalqaban. Fakkeenyaaf xalayaa isaan gara hogganaa Muslimaatti ergan tokko haa ilaallu:

«Nuti waraana Allaah’ti; Allaahan nama nu tuffate, nama hammeenya hojjete, nama boonee fi of tuule hunda nuun haaloo ba'ata. Nuuf kan ajajame ni jiraata; nuti biyyoota diigneerra, uummata hedduus balleessineerra, dubartoota fi daa'imman osoo hin jedhin namoota hedduu qalleerra. Isin warri haftan ammoo! Yoo ajaja keenya hin dhageenye Isinis hordoftoota warra dhumaniiti! Seeyfii keenya jalaa garri itti baqattan tokkollee hin jiruu.!!! Magaalota diigne, ijoollee hedduu (yatiima) taasisne, uummata hunda fixne, adabbii laalessaa dhandhamsiisne jirra! Gurguddoo isaanii xiqqeesine, Amiira isaanii boojinee jirra. nu jalaa miliquu kan dandeettan isinitti fakkaachuu mala. Garuu Gara kam akka deemtan ni argina!!» jechuudhaan xalayaa amiirotaaf ergaa turan. Dubbiin akkasii kun harka nama baay'ee sodaatuu tokko yommuu ga'u maaltu akka uumamu tilmaamaamuun namatti hin ulfaatu.

Holaakoon lolatti seenuun dura waraana Khilaafaa Abbaasiyaa laaffisuuf jecha, michuu isaa kan ta’e Ministeera Khaliifichaa Ibnul Alqamiitti gargaaramee, Khaliifichi akka lakkoofsa waraanaa hir’isuu fi gara misoomaatti akka garagalu taasise.

Lakkoofsi loltoota mootummaa Abbaasiyyootaa akka hir’atuuf Sababni Ibnul Alqamiin dhiyeesse akkas kan jedhu ture: "Waraana baay’isuun xiyyeeffannoo Taattaarotaa harkisuu mannaa, gara misoomaatti garagaluun akka waan nuti misoomaa fi nagaa malee waraana hin barbaannee Taataarotatti agarsiisuu qabna" kan jedhu ture. Kilaafichis yaada kana ni fudhate. Khaliifichi yaada gataamaa kana fudhachuun isaa Khaliifichi hangam akka siyaasaan dadhabaa tahe agarsiisa.

Haaluma kanaan, bara 640 Hijiraatti waraanni Khilaafaa Abbaasiyaa, kan duraan waraana fardeenii kuma dhibba tokko (100,000) qabu, bara 654 Hijiraatti gara fardeen kuma kudhaniitti (10,000) gadi Xiqeeffame. Hanga isaan gidduudhaa namni tokkos kan tarsiimoo waraanaa beeku dhabamutti Leenjiin waraanaas ni dhaabbate, kana qofaan hin dhaabbanne, loltoonni waan nyaatan dhabanii gabaa keessatti kadhaa jalqaban. Hoggantoonni waraanaas kabaja isaanii dhaban.

Holaakoon Khilaafaa Islaamaa diiguu isaa dura, kutaalee Ismaa'iliyyootaa (Shii'aa) warra duuba isaa jiran loluuf gara keellaa isaaniitti qajeele. Keellaa isaanii diigee isaan dhabamsiise.

Amma humni isa sodaachisu tokkos waan hin jirreef, xiyyeeffannoo isaa guutuu gara magaalaa guddoo Khilaafichaa Baagdaadi irratti taasise. Weerara Baagdaadi irratti loltoonni hirmaatan qofti kuma dhibba lamaa (200,000) ol ta'u. Lakkoofsi kun humnoota gargaarsaa fi gareewwan basaasaa kanneen karaawwan kaaba, kibbaa fi baha Iiraaq eegan hin dabalatu.

Weerara Baagdaadi irratti loltoonni hirmaatan Taattaarota qofa hin turre. Inumaayyuu, waraanni Masqalootaa (Crusaders) gahee mataa isaa taphateera.
Holaakoon waraana isaa erga walitti qabatee booda, waa'ee weerara Baagdaadi irratti walga'ii guddaa qopheesse. Xumura walga'ichaa irratti waraana isaa haala armaan gadiitiin bakka sadiitti qode:
Magaalaa Baagdaad bahaan Holaakoon, kaaba-dhihaan Beejoo, kibbaan ammoo Kiit Boqaa akka marsan karoorfatan.

Kan nama gaddisiisu, Amiironni Turkii fi Mowusiil yommuu waraanni Taattaar naannoo isaanii bira darbu tarkaanfii tokko iyyuu fudhachuu dhabuu isaaniiti. Kanarra kan hammaatu, Amiirri Mowusuul Taattaaronni bulchiinsa isaa keessa akka darban hayyamuu qofa osoo hin ta'in, humna gargaarsaas kenneef. Kan nama dhibu, Amiirri kun yeroo sana jaarsa waggaa saddeettamaa (80) ture. Gantummaa kana erga raawwateen booda, guyyaa tokko qofaafa jiraatee du'e.
Yaa Allaah, xumura keenya nuuf tolchi!

WEERARA BAGHDAAAD…
Hordoftoota keenya, xumura bulchiinsa kilaafaa muslimtoota kan taate magaalaan baghdaad, weerarri magaalaa baghdaad irratti gaggeeffame seenaa dheeraa barnoota guddaa of keessaa qabu waan taheef , Fedhii Keessan irratti hundaa’uun insha'alah seenaa biraa irratti bal’inaan isiniif dhiheessina.

Seenichi yoo isinitti tole like gochuu hin dagatinaa.

AsalamuAleykum…

𝐒𝐄𝐄𝐍𝐀𝐀 𝐒𝐀𝐇𝐀𝐀𝐁𝐎𝐓𝐀𝐀 – 𝐀𝐛𝐮𝐮𝐛𝐚𝐤𝐫 𝐀𝐬-𝐬𝐢𝐝𝐝𝐢𝐪 – 𝐊𝐮𝐭𝐚𝐚 𝟏“Namni tokkollee tola nuuf hin oolle. Kan tola nuuf ooleefis, Harka isaa...
30/07/2026

𝐒𝐄𝐄𝐍𝐀𝐀 𝐒𝐀𝐇𝐀𝐀𝐁𝐎𝐓𝐀𝐀 – 𝐀𝐛𝐮𝐮𝐛𝐚𝐤𝐫 𝐀𝐬-𝐬𝐢𝐝𝐝𝐢𝐪 – 𝐊𝐮𝐭𝐚𝐚 𝟏
“Namni tokkollee tola nuuf hin oolle. Kan tola nuuf ooleefis, Harka isaa kan nuti hin deebi’iniif hin jiru, Abbaa Bakrii malee!
“Abbaan Bakrii galata inni nu biraa qabu, Rabbitu Guyyaa Qiyaamaa nurraa galcha”.
“Waa na hin fayyadne qabeenyi tokkolle akka qabeenyi Abbaa Bakrii na fayyadetti”.
“Osoo jaalalle godhachuun ka naaf hayyamamuutii Abbaa Bakrii jaalallee godhadha.” jedhan Rasuulli (s.a.w).

Abbaan Bakrii nama sadarkaan isaa Rabbii fi Muslimtoota birattis ol fuudhame dha. Sababaa waan Nabi Rabbiiti (s.a.w) tumsef guyyaa namni isa xiqqeesse, Nama dhugoomse Nabi Rabbii, guyyaa namni isa kijibsiisee, Nama Rabbitti amane guyyaa namni itti kafare. Innii irra caalaa Sahaabaati. Wal dhabbii tokkoon maletti. Aduun waa hin baane, Waallee hin dhiine, Erga Ambiyootaa fi Rusultootaati, Nama Abbaa Bakrii irra gaarii taherratti jedhama. Inni warra dhiirarraa dura amaneeti, Nama iimaanni isaa iimaana ummata Muhammadiin (s.a.w) madaalamee caalee argameedha. Inni nama Rabbi sodaataa fi saalfataa tahe.

Dukkana wallaalaatiifi miidhaa irraa, nama uumaan isaa qulqulluu ta’e. Inni Lubbuu isaatii fi Diinagdeen, Tajaajilaa fi Arjoomaa diin islaamaatii fi ummata Islaamaati. Nama Nabiyyiin (s.a.w) guyyaa Makka irra gara Madiinaa godaanan akka saahiba isaa tahuuf isa filate. Erga Nabi Muhammad (s.a.w) du’anii booda Gandoota akka Xaa’if, Makkaa fi Madiinaa malee Araboonni hedduun diin islaamaa keessaa bahan. Yeroo sanis Abbaa Bakriittu islaamummatti deebise. Yeroo duraatiif Sahaabaa qur’aana walitti qabeedha, Diinagdeetti dantaa dhabaa fi Rabbiin kan hedduu Gabbaruu, sodaatu, kan heedduu of gadi qabuu fi waraana hedduu duuleedha.

Koottaa! seenaa sahabdicha kanaatti hidhanne bultii teenna itti fakkeeffanne miidhagfannaa. Lubbuu teenna iimaanaan kunuunfanne aakiraalle jannataan badhaafamnee, sahaabotaan olloomnaa.
■□■□■□■□■□■□■□■□■□ ■□■□■□■□■□■□■□■□■□

Abbaan Bakrii erga bara Arbaa (Aamul Fiil) booda waggaa lamaa turee biyya Makkaa gosa Teymii jedhamtu keessatti dhalate. Nama haala gaarii irratti guddifameedha. Ijoollummaa isaa irraa kaasee nama dandeettii dubbisuu fi barreessuu qabu. Zamana jaahiliyyaa keessa cubbuu (dilii) hedduu kessatti hin argamne, Farshoos hin dhuugne. Sababaa namticha farshoo dhugee machaahee, harka isaatiin udaan isaa laaqu erga argee laguu ofirratti godhe. Taabotaafis sujuudee (sagadee) hin beeku.

Yeroo tokko erga inni guddatee, booda Abbaan isaa Abu-Quhaafaan fuudhee gama siidaan(taabonni) jirutti geessenii, siidaan tun gabbaramtuu teeti gabbari jedheenii, biraa gara dhufetti deebi’e. Abbaan Bakri immo gabbaramtuu ykn siidaa san itti dhihaatee, “Ani Beelawaadha na nyaachisi, Dheebotaadha na obaasi, an daarawaadha na uffisi.” jedheen. Gabaramtuunis ykn siidaanis dandeetti takkayyu akka hin qabne bare. Waa takka isiin jalaa dubbachuu ykn homaa akka gochuu hin dandeenne sirritti beekee jennaan yeroma san dhakaa itti darbatee caccabsee biraa deeme.
Abbaan Bakrii gosa Teymii tan laaftuu lakkoofsi isaanii xiqoo tahe irraa waan dhalateef, taaytaa wahiituu isaaf hin kennamne. Qabeenya xiqoo qabuun daldala eegalee, qabeenya gudda horate. Warrootii dureeyyi keessatti lakkaawame. Tola oliinsa Rabbiitii fi akkasuma Amanamaa tahuu fi dhugaa dubbachuu isaatiin abbaa qabeenyaa beekkamaa tahe.
Qabeenya isaatiin warroota harka qalleyyii fi yatiima (warrootam rootii isamni irraa du’an) fi namoota miidhaman gama qabeenyaa, humnaa fi yaadaatiinis bira dhaabbataa ture. Toliinsa isaa irraa jaalalli ummataa guyyaa irraa gar guyyaatti dabalaa dhufe. Hamma irra jaalatamaa ummata Qureeyshii tahutti erga Nabi Muhammad ﷺ.

۞ ISLAAMUMMAA FI ABBAA BAKRII
Nabi Muhammad ﷺ osoo hin ergamin duras Abbaan Bakrii fi Nabi Muhammad ﷺ jaalala jabaa waliif qabaachaa turan.Haala jarri lamaan itti wal fakkaatanin keessaa; Dhugaa dubbachuu, Amaanaa namaa tiiksuu, Dalagaa gaggaarii dalaguu, Namaaf quuqamuu, Rakkoo namaatif dhiphachuu fa’a…ITTI FUFA
■□■□■□■□■□■□■□■□■□ ■□■□■□■□■□■□■□■□■□

𝐒𝐄𝐄𝐍𝐀𝐀 𝐒𝐀𝐇𝐀𝐀𝐁𝐎𝐓𝐀𝐀 – 𝐀𝐛𝐮𝐮𝐛𝐚𝐤𝐫 𝐀𝐬-𝐬𝐢𝐝𝐝𝐢𝐪 – 𝐊𝐮𝐭𝐚𝐚 2

Nabi Muhammad ﷺ erga islamummatti haadha mu’mintootaa Kadiija intala Kuweylid yaamee, islamooytee, booda Abbaa Bakriis akkuma Rasuullii gara islamummatti yaameen islaamaye. Erga diin islaamaa qabatee booda, Abbaan Bakrii gara amantaa islaamaatti nama hedduu yaamuu eegale. Namoota hedduttu yaaminsa Abbaa Bakriitin gara islaamummaa dhufe. Keessayyuu; Warroonni kurnan jannataan gammachiifaman keessaa, jaha harka isaa irratti amanan. Guyyaa Qiyaamaa Abbaan Bakrii hojii toltuu isaatii fi mindaa jara islaamsisuun argatellee qabatee dhufa.

۞ OBSA ABBAA BAKRII
Erga Abbaan Bakrii islaamawee booda, Qureeyshiin dararaa fi hammeenya cimaa dhandhamsiisaani turte. Guyyaa sahaabonni namni lakkoofsaan soddomii saddeet kan gahan Nabi Muhammadiin ﷺ biratti walitti qabamanii jennaan, Abbaan Bakrii Nabi Muhammadiin kaanee islaamummaa teenya tana fuldura Qureeysh*tti ifa haa goonu jedheen. Nabi Muhammad ﷺ yaa Abbaa Bakrii nuti lakkofsi keenna xiqloodha jedhee dide. Abban Bakrii ofduuba deebii dideed, Rasuula ﷺ kadhaan garaa laafifatee, amansiisuudhan yeroma san Sahaabonni fi Nabi Muhammad ﷺ wal qabatanjj gara ka’baa deeman.

Erga ka’abaa gahanii booda Abbaan Bakrii gara waltajjiitti olbahee ummata naannoo sanii gara islaamummatti yaamuu eegale. Mushriktoonis battalumatti sochii ummata muslimaa arginaan, Abbaa Bakrii fi muslimtoota reebuu eegalan. Reebicha guyyaa saniitiin akka carraa ta’ee Abbaan Bakrii miidhamni guddoon isa qaqqabde (dhaqabde). Keessattuu nama Utbaa binu Rabii’aa jedhamuun hamma fuulli isaa jijjiiramee wallaalamutti tumame.

Boodaarra warri gosa isaa dhufanii dararaa jalaa isa baraaranii gara mana isaa geessan. Yeroo kanatti Abbaan Bakrii du’aa fi jiruun isaa waan addaan hin baraminiif, warri isa fide gosti isaa gara Qureeyshii deemun Abbaan Bakrii yoo kan du’uu, nullee Utbaa Ilma Rabii’aa hin dhiifnu, Ni ajjeefna, Dhiiga keenya dhiigaan deebifanna jedhanii dhaaddatan.

Gara mana Abbaa Bakrii deebi’anii dubbisuuf yaalanuu, inni garuu gaggabbii irraa kan ka’e dubbachuu hindandeenne hanga galgalaatti. Waan Raajii namatti ta’u immoo akkuma bayfateen gaggabsuu isaa irraa dammaqee haasawuu eegaleen, sagaleen jalaqaba afaan isaati baate, Haadha isaatin “Nabi Muhaammad ﷺ maal tahe kan.” jedhu ture. Haati isaas; “An hin beeku.” jetteenii deebisteef. Abaan Bakarii garuu obsa dhabe. Hamma Nabi Muhammad ﷺ maal akka ta’an barutti, nyaataa fii dhugaatii dhiisuu Rabbiif waadaa seene. Deemiiti Ummu Jamiilin Faaximaa intala Kaxxaab naaf gaafadhu jedheen. Waan Rasuulli ﷺ ta’e.
Haati isaa tole jettee gara mana Faaximaa deemtee, “Abbaan Bakrii; Nabi Muhammed ﷺ maal tahe jedhee si gaafata.” jetteen. Faaximaanis haati Abbaa Bakrii yeroo sanitti islaama waan hin tahiniif basaasummaaf dhufte jettee isii waan shakkiteef, Nabi Muhammadii fi Abbaa Bakriitis eessaa fi maalitti akka jiran hin beeku jettee deebisteef. “Garuu yoo ka si gammachiisu taate, si waliin deemee ilma kee gaafachuu danda’aa?.” jetteenii gaafii dhiheessiteef.

Hayyama haadha Abbaa Bakrii akkuma argatteen waliin gara mana Abbaa Bakrii deemte. Akkuma mana geettee Abbaa Bakrii argiteen, sagalee ol fuutee iyyaa “Rabbii kiyyatti kakadhe! warroonni akkana sirratti dalagan kun kafirtootaa fi warra karaa Rabbii irraa maqe. Aniin tun ni kajeela akka Rabbiin isaan irraa haloo (gadoo) siif bahu.” jetteen. Innis ka isa dhibe: waa’ee isaa osoo hin taane kan Nabi Muhammad ﷺ waan ta’eef, “Nabi Muhammad ﷺ maal ta’e?.” jedhee gafateen. Faaximaanis “Haati tee nu dhageetti. Akkamitti sitti himuu danda’a.” jetteen. Abbaan Bakrii deebisuudhaan.” haadha tiyya irraa homaa hin sodaatin.” jedheen. Isiinis “Nabi Muhammad ﷺ nagaha qaba hin dhiphamin. Hamtuun isa hin qunnamne.” jetteen. Abbaan Bakrii deebisee essaa akka

inni jiru gaafateen. Isiinis akka ganda Arqam binu abii Arqam akka jiru itti himte.
Abbaan Bakrii akkuma Nabi Muhammad ﷺ essaa akka jiru bareen, “hanga ijaan argutti nyaatas hin sooradhu, dhugaatis hin dhugu, ka’aati bakka inni jiruun na gaha.” jedheen. Hanga namni rafuu eeganii fuudhanii deemaniin…ITTI FUFA
■□■□■□■□■□■□■□■□■□ ■□■□■□■□■□■□■□■□■□

Kutaa 1 qofa haa tahumoo, kutaa lama lamaan isiniif maxxansinu?

KUTAA 7ғғᴀᴀ𝗜𝗠𝗣𝗔𝗔𝗬𝗘𝗥𝗔 𝗠𝗢𝗡𝗚𝗢𝗢𝗟 - 𝗗𝘂'𝗮 𝗚𝗲𝗻𝗴𝗵𝗶𝘀_𝗞𝗵𝗮𝗻 𝗕𝗼𝗼𝗱𝗮𝗩𝗶𝗱𝗲𝗼 𝗶𝗹𝗮𝗮𝗹𝘂𝘂𝗳 𝗹𝗶𝗻𝗸 𝗖𝗼𝗺𝗺𝗲𝗻𝘁 𝗶𝗿𝗿𝗮...Baytal-Maqdiis erga Salaahuddii...
29/07/2026

KUTAA 7ғғᴀᴀ
𝗜𝗠𝗣𝗔𝗔𝗬𝗘𝗥𝗔 𝗠𝗢𝗡𝗚𝗢𝗢𝗟 - 𝗗𝘂'𝗮 𝗚𝗲𝗻𝗴𝗵𝗶𝘀_𝗞𝗵𝗮𝗻 𝗕𝗼𝗼𝗱𝗮

𝗩𝗶𝗱𝗲𝗼 𝗶𝗹𝗮𝗮𝗹𝘂𝘂𝗳 𝗹𝗶𝗻𝗸 𝗖𝗼𝗺𝗺𝗲𝗻𝘁 𝗶𝗿𝗿𝗮...

Baytal-Maqdiis erga Salaahuddiin Al-Ayyuubii bilisa baasee booda, Aayuubiyyoonni bara 626 Hijiraatti Masqalootaaf akka kennaatti kennanii turan. Garuu Bara 643 Hijiraatti yeroo lammataatiif Al-Maliiku Saalih bilisa ishee baaseera.

Moonkoo Khaan bulchiinsota kiristaanaa naannawa shaam jiraniif beeytal maqdis isaaniif kennuuf waadaa galuun kun, akka nama qabeenya kan isaa hin ta’in tokko nama hin malleef kennuuf waadaa galuuti.

Haa ta’u malee, yaamicha isaa kana hogganna Anxooriyaa irraa kan hafe hunduu duubatti irraa dheessan. Dhugaadha, tattaarotaan waliigaluu ni barbaadu; garuu Taattaaronni waadaa waan hin eegneef isaan amanuu hin dandeenye. Kana malees, bulchiinsonni kunneen biyyoota Islaamaa gidduu waan jiraniif, humni Muslimootaa hangam yoo dadhabellee, rakkoon isaan isaanitti fiduu danda'an kan Taattaarotaa gadi miti. Kanaafuu, gama tokko iyyuu osoo hin garagalin dhumarratti injifannoo kan argate waliin michoomuuf filatan.

Moonkoo Khaan garuu Kiristaanota biyya Muslimaa keessa jiraatan waliin iccitiidhaan waliigaleera. Waliigalteen hamma yoonaatti ibsame baay’ee kan nama dinquu miti. Isaan itti aananii dhufuuf deeman garuu baay’ee kan nama dinquu fi nama aarsuudha.

Kunis hoggantoonni (Amiironni) Muslimaa gariin Taattaarota waliin waliigaltee uumuu isaaniiti. Waliigaltee amiirota muslimaa waliin gaggeeffamu kana Moonkoo Khaan ofiisaatii waan tuffateef Holaakoon bakka isaa bu’ee akka raawwatu godhe. Amiironni maqaa kabajaa adda addaa ofitti moggaasuun of waamaniifi, walii isaanii gidduutti walii galuu dadhaban kun, diinota isaanii kaafirtoota waliin nagaa buusuudhaaf garuu waliigaltee mallatteessaa jiru. Haaluma yaadameenis Amiirri Mowusuul, Amiirri Saljuuqotaa, Amiironni Halab ykn Aleppoo, Damasqoo fi Himsi gara Holaakoo deemanii harka kennuudhaan waadaa isaaf galan.

Waliigalteewwan kanneen hunda caalaa kan nama gaddisiisuu fi nama rifachiisu garuu, dhimma biraatu jira. Akkuma beekamu yeroo sana hogganaa walii galaa Muslimtootaa kan ture kilaafaa abbaasiyyaa isa baaghdaad jiruudha. Yeroo kanatti aangoo kilaafaa abbaasiyyootaa irra kan jiru Al-musta’asim billaah, nama dandeettii siyaasaa hin qabne tahuu isaa seenaa keenya gara jalqabaa irratti ilaallee turre. Qaawwi hanqina beekkumsa siyaasaatin waggoottaniif uumamaa tures yeroon gatii guddaa kaffalchiisu gahee jira. Waliigalteewwan hoolaakoon amiirota muslimaa waliin taasise caalaas Dhimmi nama gaddisiisuufi nama rifachiisu ammoo, Holaakoon gorsaa hogganaa Kilaafaa Abbaasiyootaa kan tahe Ibnul Alqamii waliin waliigaltee uumuu danda’uusaati.

Gorsituu dhihoo fi Ministeera Khaliifaa kan ta'e (Mu’ayiduddiin Ibnul Alqamii) waliin! Ibnul Alqamiin hordofaa amantii Shii'aa ture. Shii'ota warra muslimtootaaf diina ta'an akkasii gorsituu godhanii Khilaafaa keessa kaa'uun dogoggoroota gurguddoo kaliifichaa keessaa tokko ture. Maqaa isaa hin dagatinaa: Ibnul Alqamii. Holaakoon Ibnul Alqamiitti fayyadamuun dadhabina Khilaafichaa fi iccitii muslimtootaa hundumaa baruu irratti gargaarsa guddaa argate.

As irratti Waan tokko hubachuun gaariidha;
uummanni Muslimaa gara-jabummaa fi hammeenya Taattaarotaa kan arge Jinkiiz Khaan irraa ture. Hammeenyi sun erga raawwatamee waggaa 40-50 waan darbeef, dhaloonni yeroo sanaa hammeenyicha ni dhaga’e malee kan ijaan arge hin turre.

Kanaafuu, Taattaaronni oduu sobaa afuufuun uummata sodaachisuu jalqaban. Oduuwwan isaan facaasan keessaa:
"Taattaaronni waan hunda ni nyaatu, dubartoota isaanii dabalatee isaan loltoota hamoodha. iccitii tokko iyyuu isaan jalaa dhoksuun hin danda'amu, foon namaas ni nyaatu jechuudhaan, Oduuwwan akkasii kanaan uummata qofa osoo hin ta'in, hoggantoota (Amiirotas) sodaadhaan guutan. ...ITTI FUFA

Kutaan Xumuraa boru ni maxxanfama insha'allah.

28/07/2026
KUTAA 6ғғᴀᴀ𝗜𝗠𝗣𝗔𝗔𝗬𝗘𝗥𝗔 𝗠𝗢𝗡𝗚𝗢𝗢𝗟 - 𝗗𝘂'𝗮 𝗚𝗲𝗻𝗴𝗵𝗶𝘀_𝗞𝗵𝗮𝗻 𝗕𝗼𝗼𝗱𝗮𝗩𝗶𝗱𝗲𝗼 𝗶𝗹𝗮𝗮𝗹𝘂𝘂𝗳 𝗹𝗶𝗻𝗸 𝗖𝗼𝗺𝗺𝗲𝗻𝘁 𝗶𝗿𝗿𝗮...1. Karaalee Itti Dhimma Ba’u Qo...
28/07/2026

KUTAA 6ғғᴀᴀ
𝗜𝗠𝗣𝗔𝗔𝗬𝗘𝗥𝗔 𝗠𝗢𝗡𝗚𝗢𝗢𝗟 - 𝗗𝘂'𝗮 𝗚𝗲𝗻𝗴𝗵𝗶𝘀_𝗞𝗵𝗮𝗻 𝗕𝗼𝗼𝗱𝗮

𝗩𝗶𝗱𝗲𝗼 𝗶𝗹𝗮𝗮𝗹𝘂𝘂𝗳 𝗹𝗶𝗻𝗸 𝗖𝗼𝗺𝗺𝗲𝗻𝘁 𝗶𝗿𝗿𝗮...

1. Karaalee Itti Dhimma Ba’u Qopheessu:
Chaayinaa irraa eegalee hamma Iiraaqitti karaa dheeraa fi balaa qabu haala mijataa ta’een tolche. Karaawwan rakkisoo ta’anis sirreesse. Kunis magaalaa guddoo isaa waliin qunnamtii kallattii akka qabaatuu fi yeroo waraanaatti humni gargaarsaa salphumatti akka isa ga’uuf isa argaara.

Kan biraa ammoo,

2. Riqaawwan (Bridges) Ijaaru:
Laggeenii fi sululoota hedduu irratti riqaalee diriirsee xumure. Riqaawwan kanneen eeguuf ammoo humna waraanaa gahaa ramade. Haala Kanaan gara fuulduraa yeroo waraanaatti, humni isaa saffisaan ga’uu danda’a. yoo mo’ames salphumatti baqatee miliquuf isa gargaara.

Kanatti aansuun wanti inni hojjate,

3. Naannoo Hordofuu:
Gandoota Chaayinaa irraa hamma Iiraaqitti jiran to’annoo isaa jala oolche. Kanaafuu, yeroo humni gargaarsaa fi meeshaan waraanaa itti ergamu, weerarri dhedheeraan akka isa hin qunnamne mirkaneeffate.

Haal-dureen isaa afraffaan,

4. Geessituu (Transport):
Meeshaalee ulfaatoo fi meeshaa waraanaa kan baachuu danda’an geejjiba gahaa ramade qopheesse.

Haal-dureen inni xumuraa fi 5ffaan kan nama dinqu yoo ta'u,

5. Margaa Fi Nyaata Beeladaa Eeguu:
Tarkaanfiin Holaakoo inni nama dinqu, karaa sana irratti naannolee marga qaban irratti eegumsa jabaa ramadee, bineensis ta’e loon akka hin nyaanne dhorke. Tarkaanfiin isaa Kunis margichi bilisaan akka guddatu godha. Wanti inni kana gochuu barbaadeef, yeroo waraanaa waraanni Taattaarotaa yommuu imalu, fardeenii fi beeladoonni isaanii hanqinni nyaataa akka isaan hin qunnamne wabii waan ta'uufi.

Diinonni waggoottaniif Waan kana hunda yeroo raawwataa jiranitti, Muslimoonni garuu, gariin isaanii walii isaanii irratti waraana gaggeessaa, gariin ammoo hirriba jabaa keessa turan.

Taattaaronni kanaan dura humna qofa malee deemsa siyaasaa hin beekan turan. Mootichi Armeeniyaa kanaan dura Taattaarotaan biyyi isaa waan balleeffamteef, har’a tattarootaaf ajajamee waliigaltee yoo uumuu baate, boru dirqamaan aangoo isaas biyya isaas akka dhabu hubateera. Gama biraatiin, Mootichi kun Muslimootaaf jibba guddaa qaba ture. Kanaafuu, Muslimtootaan loluuf jecha Taattaarotaaf waadaa isaa galee harka kenne.

Moonkoo Khaanis waliigaltee sana fudhate. Walii galtee Kanaanis mootii Armeeniyaatiif:
1. Qabeenyaa ummataa fi qabeenya isaatiif wabii kenneef.
2. Waldaaleen Kiristaanaa fi gandooleen amantii (monasteries) gibira irraa bilisa akka ta’an godhe.
3. Lafa Armeeniyaa kan Muslimoonni kanaan dura to’atanii turan akka isaaf deebisu waadaa galeef.
4. Mootichi Armeeniyaa gorsituu Moonkoo Khaan ta’ee Waliigalteen ni raawwatame.

Gama Mootii Armeeniyaatiin bu’aan waliigaltee sanaa kana yoo ta'u,
Gama Moonkoo Khaanin ammoo,
● Armeeniyaanonni iccitii Muslimootaa fi dadhabina isaanii hordofanii gabaasa akka itti dhiyeessan.
● Waliigaltee kanaan Muslimoota biratti kufaatii moralii (onnee cabsuu) uumuu.
● Hojiiwwan ulfaatoo fi balaa qaban Armeeniyaanotatti kennuun, Taattaaronni kisaaraa waraana isaan irra ga’u hir’isuu.
● Biyyoota Awurooppaa biroo waliin waliigaluufis carraa bal’aa ni argatu.

Hawwiin Moonkoo Khaan inni biraa bulchiinsota Kiristaanaa biyya Shaam jiran waliin waliigaltee uumuudha. Kana immoo michuu isaa haaraa karaa mootii Armeeniyaa kanaan isaaniif dhiyeesse. Waliigaltee kana yoo fudhatan Baytal-Maqdiisiin (Jerusalem) akka isaaniif kennu waadaa galeef. Akka waan Baytal-Maqdiis qabeenya isaa dhuunfaa taateetti!...ITTI FUFA

𝓑𝓪𝓻𝓻𝓮𝓮𝓼𝓼𝓪𝓪𝓷: 𝑰𝒃𝒏 𝑨𝒉𝒎𝒆𝒅
𝔻𝔸ℝ𝕌ℕ𝔸𝕀𝕄 𝕄𝕌𝕃𝕋𝕀𝕄𝔼𝔻𝕀𝔸

27/07/2026

Seenaa Sahaabotaa ni Barbaadduu❓

Isiniif Maxxansuu Eegalluu?

KUTAA 5ғғᴀᴀ𝗜𝗠𝗣𝗔𝗔𝗬𝗘𝗥𝗔 𝗠𝗢𝗡𝗚𝗢𝗢𝗟 - 𝗗𝘂'𝗮 𝗚𝗲𝗻𝗴𝗵𝗶𝘀_𝗞𝗵𝗮𝗻 𝗕𝗼𝗼𝗱𝗮𝗩𝗶𝗱𝗲𝗼 𝗶𝗹𝗮𝗮𝗹𝘂𝘂𝗳 𝗹𝗶𝗻𝗸 𝗖𝗼𝗺𝗺𝗲𝗻𝘁 𝗶𝗿𝗿𝗮...Tooraan shaah erga dhufee aango...
27/07/2026

KUTAA 5ғғᴀᴀ
𝗜𝗠𝗣𝗔𝗔𝗬𝗘𝗥𝗔 𝗠𝗢𝗡𝗚𝗢𝗢𝗟 - 𝗗𝘂'𝗮 𝗚𝗲𝗻𝗴𝗵𝗶𝘀_𝗞𝗵𝗮𝗻 𝗕𝗼𝗼𝗱𝗮

𝗩𝗶𝗱𝗲𝗼 𝗶𝗹𝗮𝗮𝗹𝘂𝘂𝗳 𝗹𝗶𝗻𝗸 𝗖𝗼𝗺𝗺𝗲𝗻𝘁 𝗶𝗿𝗿𝗮...

Tooraan shaah erga dhufee aangoo qabateen booda Masqaloonni kufaatii guddaa dhandhamuu jalqaban. Tooraan Shaah waraana hamaa gaggeessuun Masqaloota bakka Faarsikoor jedhamutti isaan diige. Waraana sana irratti Mootiin Faransaay Luwiis 9ffaan ni booji’ame. Weerarri Masqalootaa Nama Luwiis jedhamu kanaan durfamu seenaa keessatti "Waraana Masqalaa 7ffaa" jedhamee beekama.

Bara 648 Hijiraatti Shajaratu Al-Durr ilmi ishee waan jalaa du’eef, ifatti aangoo to’attee yeroo muraasaaf mootittii taate. Garuu, dubartiin aangoo qabachuun Hayyoota (Ulamaa) fi Hoggantoota (Umaraa) Masrii waan hin gammachiisneef, Shajaratu Al-Durr tajaajiltoota (Mamluukota) keessaa tokko kan ta’e Izzuddiin Aybak waliin bultii ijaaruun aangoo isatti dabarsitee kennite.

Carraa Kanaan bulchiinsi Mamluukotaa (kan warra kanaan dura tajaajiltoota turanii) "Alif" jedhee jalqabe.
Wanti guddaan, Mamluukonni humna guddicha Masqalootaa Mansuuraa irratti erga mo’atanii booda, dorgommii humnaa addunyaa keessatti akka humna haaraatti makaman. Kun immoo onnee Masqalootaa garmalee gubee jira.

HOGGANNA DHUMAA KAN TAATTAAROTAA
Bara 649 Hijiraatti Taattaaronni mootii "Moonkoo Khaan" jedhamu ofirratti muudan. Moonkoo Khaan nama tarsiimoo weeraraa garmalee deeggaruudha. Kanaafuu, Akkuma aangoo qabateen Khilaafaa Abbaasiyaa to’achuuf qophii jalqabe. Taattaaronni yeroo dheeraadhaaf weerara waan dhiisaniif dadhabanii turanillee, Muslimoonni hamma yoonaatti tokkummaa isaanii fiduu hin dandeenye. Moonkoo Khaanis kanuma hubachuun fuula isaa gara muslimtootaatti qajeelche...

– MARSAA SADAFFAA WEERARA TAATAAROTAA –
Moonkoo Khaan erga hoggansa qabatee jalqabee, Khilaafaa Islaamaa dhabamsiisuuf qophii isaa eegale. Inni hooggantoota tattaarotaa keessaa hogganaa jabaa, murannoo qabuu fi baay’ee balaa geessisuun beekkamuudha. Kana galmaan ga’uuf obboloota isaa sadii akkanatti qindeesse:

1ffaa. Ariiq Bookaa: Obboleessi isaa kun akkuma Ministeeraatti Moonkoo Khaan waliin ta’uun isa gargaara.
2ffaa. "Kublaay": Obboleessi isaa inni kuni ammoo Chaayinaa, Kooriyaa fi magaalota naannoo sana jiran to’atee bulchaa ture.
3ffaa. Holaakoo: Obboleessi isaa 3ffaan hoolaakoon ammoo Faaris (Persia) fi naannoo Muslimootaa kan isatti dhiyoo jiran hooggana.

Maqaan Holaakoo jedhu yoomiyyuu gurra hedduu keenyaa seenuun isaa hin oolu. Holaakoon nama garmalee murannoo qabu, jibbi Islaamaa fi Muslimootaa onnee isaa guute, fi gara-laafina tokko iyyuu kan hin beekne "binensa" ture. Khilaafaa Islaamaa diiguuf, kutaalee biyyaa teessoo Khilaafaa (Baagdaadi) waliin ollaa ta’an irratti bulchaa ta’ee muudame. Kanaafuu, hawwii isaa kan muslimoota diiiguuf qabu milkeessuuf carraa gaarii argate. Humna isaa guutuu hundatti fayyadamuun Khilaaficha balleessuuf carraaqqii eegale.

Jibbi isaa kun qofti osoo isa hin ga’in, dubartii kiristaanaa dhiiga hoo’itu tan onneen ishee jibba Muslimootaatiin guutame, "Xoqaz Khaatuun" kan jedhamtu tokko fuudhe. Haati manaa isaa Xoqaz, gar-jabummaa fi jibba Islaamaatiin gonkumaa nama isarra laaftu hin turre. Jibbi ija hin qabne kan namoota lamaan kanaa walitti dabalamee, Muslimoota irratti gidiraan dachaadhaan akka dabalu godhe.

Holaakoon Khilaaficha to’achuuf tarsiimoon (strategy) inni itti fayyadame garuu, mala baay’ee qindaa’aa fi nama dinqisiisuun kan guutamedha. Holaakoon bara 649–654 Hijiraatti waggoota shanan keessatti weerara waraanaa tokko iyyuu hin raawwanne. Waraana gaggeessuudhaa mannaa, karaa weerara isaa itti milkeessu saaquu irratti xiyyeeffate. Weerara isaa eegaluun dura haal-dureewwan gurguddoo 5 armaan gadii xumure.
Haal-dureewwan sana keessaa inni jalqabaa, ...ITTI FUFA

𝓑𝓪𝓻𝓻𝓮𝓮𝓼𝓼𝓪𝓪𝓷: 𝑰𝒃𝒏 𝑨𝒉𝒎𝒆𝒅
𝔻𝔸ℝ𝕌ℕ𝔸𝕀𝕄 𝕄𝕌𝕃𝕋𝕀𝕄𝔼𝔻𝕀𝔸

KUTAA 4ғғᴀᴀ𝗜𝗠𝗣𝗔𝗔𝗬𝗘𝗥𝗔 𝗠𝗢𝗡𝗚𝗢𝗢𝗟 - 𝗗𝘂'𝗮 𝗚𝗲𝗻𝗴𝗵𝗶𝘀_𝗞𝗵𝗮𝗻 𝗕𝗼𝗼𝗱𝗮𝗩𝗶𝗱𝗲𝗼 𝗶𝗹𝗮𝗮𝗹𝘂𝘂𝗳 𝗹𝗶𝗻𝗸 𝗖𝗼𝗺𝗺𝗲𝗻𝘁 𝗶𝗿𝗿𝗮...● Masqaloonni Awurooppaa (Crusa...
26/07/2026

KUTAA 4ғғᴀᴀ
𝗜𝗠𝗣𝗔𝗔𝗬𝗘𝗥𝗔 𝗠𝗢𝗡𝗚𝗢𝗢𝗟 - 𝗗𝘂'𝗮 𝗚𝗲𝗻𝗴𝗵𝗶𝘀_𝗞𝗵𝗮𝗻 𝗕𝗼𝗼𝗱𝗮
𝗩𝗶𝗱𝗲𝗼 𝗶𝗹𝗮𝗮𝗹𝘂𝘂𝗳 𝗹𝗶𝗻𝗸 𝗖𝗼𝗺𝗺𝗲𝗻𝘁 𝗶𝗿𝗿𝗮...

● Masqaloonni Awurooppaa (Crusaders) diinummaa Taattaarota waliin qaban akka waan dhimma meeshaatti (materially) yommuu ilaalan, diinummaan Muslimootaa waliin qaban garuu kan hin dhumne ta’uu isaa ni beeku. Sababni isaas diinummaan Muslimootaa fi Masqaloota gidduu jiru bu’uura amantii irratti kan hundaa’edha.

● Taattaaronni weerara Awurooppaa keessatti erga gaggeessaniin booda dubartoota Kiristaanaa fuudhuun, gariin isaanii amantii Kiristaanummaa fudhatanii jiru. Kun immoo tumsa Taattaarotaa fi Masqaloota gidduu jiru caalaatti akka jabaatu godheera.

● Weerarri Masqalootaa (Crusades) Masrii fi Shaam irratti akkuma itti fufetti ture. Masrii fi Shaam yeroo sanatti harka Aayuubiyyootaa (sanyii Salaahuddiin al ayyuubii) jiru turan.

Bara 640 Hijiraatti Khaliifaan Abbaasiyaa Al-Mustansiir Billaah ni du’e. Isa booda Khaliifaan Abbaasiyootaa inni dhumaa Al-Musta’siim Billaah bakka bu’e. Al-Musta’siim Billaah nama Qur’aana baay’ee dubbisuu jaalatu, Fuqahaa’ fi Tafsiira irratti nama jabaa, akkasumas nama hojii gaarii hojjetu jaalatu ture. haa ta’u malee, dhimma siyaasaa irratti garuu nama beekkumsa siyaasaa hin qabne tahuun isaa Khilaaficha irratti dadhabina biraa dabale. Namoota hamoo fi balaa geessisan akka Ministeerotaatti muudee itti fayyadamaa ture.

Khilaafaa Islaamaa Abbasiyyootaa fi Bulchiinsa Taattaarota gidduu kan jiru bulchiinsa "Ismaa'iliyyoota" warra (Shii'aa) isa dhiphoo qofadha. Bulchiinsi isaanii Dhiphoo haa ta’u malee, bakka baay’ee murteessaadha.

Bara 639-649 Hijiraatti, murtee hogganna haaraa tattaarotaa Kiyook Okitaayiin weerarri Taattaarotaa guutummaatti dhaabbatee ture. Yommuu weerarri Taattaarotaa guutummaatti dhaabbatu, Masqaloonni (Crusaders) waraana Masqalaa gaggeessuuf hawwan. Phaphaasiin Kaatoolikii Roomaa weerara kana milkeessuuf bara 643 Hijiraatti gara hogganna Taattaarotaa Kiyookitti xalayaa tumsaa (gargaarsaa) erge. Kiyook xalayaa phaphaasichaa yommuu dubbisu, gargaarsa malees dabalataan amantii Kiristaanummaa akka fudhatu yaamichi taasifamuufii isaa arge.

Kiyook gaafii amantii isaa akka jijjiiru yommuu gaafatamu tuffiin waan itti dhaga’ameef, deebii xalayaa kanaatiin: "Gaafii gaafatame fudhachuudhaaf Akka ulaagaatti kan inni kaahe, mootonni Awurooppaa hundi gara Mongooliyaa dhufanii mootii Taattaariif waadaa (kakuu) galuu qabu," jedhee deebiseef. Mootonni Awurooppaa ulaagaa kanaan walii galuu dhabuu isaaniitiin, yaaliin phaphaasichi Taattaarotaa fi Masqaloota (Kiristaanota) walitti hidhuuf godhe ni fashale.

Phaphaasichi garuu fedhii muslimtoota weeraruuf qabu irraa kan ka’e ammas abdii osoo hin kutatin irra deebiin keennaawwan gatii guddaa qaban waliin yeroo lammaffaaf gaaffii tumsaa erge. Yeroo kana garuu wanti hin eegamin tokko uumame.

Ambaasaadarri Masqalootaa kennaawwan kabajamaa ta’an sana baadhatee magaalaa Mongooliyaa yeroo seenutti, battalumatti mootiin Taattaarotaa Kiyook ni du’e. Al-Hamdulillaah! Sababa kanarraa ka'uun du’a isaa boodas, Taattaaronni rakkina keessoo keessa waan turaniif Masqaloota gargaaruu hin dandeenye.

Akka yaada Masqalootaatti muslimoota weeraruuf yeroon murteessaan, yeroo muslimoonni weerara tattaarotaatiin laaffatan kana kan Caalu hin jiru. Gargaarsa Taattaarotaa argachuu baatanis, Masqalootni weerara isaanii jalqabuuf murteessan. Weerara isaaniis jalqabuun Bara 647 Hijiraatti magaalaa Dimyaat (Damietta) to’atan; laga Naayil qabatanii gara Kaayirootti osoo dhufaa jiranii, waraanni Masrii kan hoggansa Suulxaan As-Saalih Aayuubiin hoogganamu magaalaa Mansuuraa irratti isaan eeggatan. Suulxaan As-Saalih Aayyuub lolli eegalamee guyyaa lolaa sadaffaa irratti ni du’e. Haati manaa isaa Shajaratu Al-Durr hamileen loltootaa akka hin dadhabneef du’a Saaliih dhoksitee, hoggantoota waraanaa akka Ruknuddiin Beebars fi Saayifaddiin Aqaxay waliin ta’uun lola sana hoogganuu jalqabde. Gama biraatiin, ilma isii Tooraan Shaah kan Turkii ture akka dhufee aangoo abbaa isaa dhaaluf itti dhaamte... ITTI FUFA

𝓑𝓪𝓻𝓻𝓮𝓮𝓼𝓼𝓪𝓪𝓷: 𝑰𝒃𝒏 𝑨𝒉𝒎𝒆𝒅
𝔻𝔸ℝ𝕌ℕ𝔸𝕀𝕄 𝕄𝕌𝕃𝕋𝕀𝕄𝔼𝔻𝕀𝔸

IRRA DEEBIIN... 𝐊U𝐓A𝐀 𝟏𝗜𝗠𝗣𝗔𝗔𝗬𝗘𝗥𝗔 𝗠𝗢𝗡𝗚𝗢𝗢𝗟 - 𝗗𝘂'𝗮 𝗚𝗲𝗻𝗴𝗵𝗶𝘀_𝗞𝗵𝗮𝗻 𝗕𝗼𝗼𝗱𝗮𝗩𝗶𝗱𝗲𝗼 𝗶𝗹𝗮𝗮𝗹𝘂𝘂𝗳 𝗹𝗶𝗻𝗸 𝗖𝗼𝗺𝗺𝗲𝗻𝘁 𝗶𝗿𝗿𝗮... " Biyya Biyyoo dii...
26/07/2026

IRRA DEEBIIN...
𝐊U𝐓A𝐀 𝟏
𝗜𝗠𝗣𝗔𝗔𝗬𝗘𝗥𝗔 𝗠𝗢𝗡𝗚𝗢𝗢𝗟 - 𝗗𝘂'𝗮 𝗚𝗲𝗻𝗴𝗵𝗶𝘀_𝗞𝗵𝗮𝗻 𝗕𝗼𝗼𝗱𝗮
𝗩𝗶𝗱𝗲𝗼 𝗶𝗹𝗮𝗮𝗹𝘂𝘂𝗳 𝗹𝗶𝗻𝗸 𝗖𝗼𝗺𝗺𝗲𝗻𝘁 𝗶𝗿𝗿𝗮...

" Biyya Biyyoo diimaa lafa onaa biyya Mongooliyaa keessaa, loltoonni lakkoofsi isaanii xiqqoo tahe fardeen yaabbatanii fi meeshaa waraanaa salphaa hidhatan tokko ka'anii, akkamitti impaayera dachee kana irratti bal'ina qabaachuun seenaa keessatti isa jalqabaa tahe ijaaruu danda'an laata? Mootummoota gurguddoo walduraa duuban dhufanii dabranii fi magaalaawwan gurguddoo bulchiinsa yeroo dheeraatiin lafa qabatanii jiran dachee irraa kan haxaa’e, nama tokko qofa: innis hundeessaa mongol empire kan tahe “Jiingis Khaani (Genghis Khan).

Kanaan dura Mata duree TATTAAR jedhuun ka’umsa Jingiiz khaan irraa eegallee hanga du’a isaatti Akkamittiin tattaaronni akka babal’atani fi bulchiinsonni Islaamaa waggoota dhibba hedduuf turan akkamittiin akka diigaman seenaa dheeraa channel kana irratti ilaallee jirra.

Har'ammoo, seenaa Sodaachisaa Impaayera Mongool, Impaayera walakkaa addunyaa koochoo isaa jala galchuuf dhihaatee, du’a hundeessaa isaa jinkiiz khaanin booda haala kamiin akka itti fufe gad fageenyaan ilaalla.
⚔️ ════════ ⋆★⋆ ════════ ⚔️

"Bara 1227 A.L.A... Addunyaan sagalee hafuuraa waraana Jiingis Khaan jalaa ba'uuf osoo mala dhahaa jirtu, namni sodaatamaan kun addunyaa kanarraa du’aan boqote. Garuu, waraanni fi sodaan inni Aadunyaa irratti uume achumatti dhaabbate moo itti fufe laata. Yeroo sana Mootummoonni Aadunyaa hedduun Diigamiinsa Impaayera Mongool eegaa turan.

Jinkiiz Khaan?! Allaahan gatii isaa haa kennuuf! Du'a Jinkiiz Khaanin booda sochiin Tattaarotaa magaalaawwan sanaan dura to’ataman qofa keessatti daangeffamee hafe. Waggoonni 624-627 akka Hijiraatti, waggoota duuti Jinkiiz Khaan Tattaarotatti qaawwa itti uume turan.

Muslimoonni waggoota kanneen keessatti dadhabina Taattaarotaatti fayyadamanii tokkummaa isaanii cimsuun Taattaarota dhabamsiisuu yommuu qaban, gargar faffaca’insa isaanii bifa hamaa ta’een itti fufan. Jalaaluddiin obboleessa isaa Giyaasuddiin waliin walitti bu'ee, Giyaasuddiin ammoo diinota Jalaaluddiin waliin wal ta'uun Jalaaluddiin irratti duule. Falmiin aangoof godhamu kuni Faaris fi Iiraaq qofa keessatti hin dangeffamne. Amiironni Shaam (Soriyaa) fi Gibxii jiranis bal'ina qoccolloo kanaatti makaman. Shaam qofatti bulchiinsi baay'een uumaman. Isaanis biyyoota har'a: Soriyaa, Joordaan, Libaanos fi Filisxiin jedhamanii gargar qoodamaniidha.

Hundi isaanii sanyii Salaahuddiin Al-Aayuubii haa ta'an malee, akaakayyuu isaanii Salaahuddiiniin fakkaachuu garuu hin dandeenye. Dheebuun aangoof qaban obboleessa obboleessaan, ilma abbaan walitti buuse; seeyfii walitti luqqisachiise.

Qoccolloo fi waldhabdee isaanii kanatti fayyadamanii waraanni "Masqalootaa" (Crusaders) weerara isaanii akka haaraatti jalqaban. Amiironni Filisxiin Masqaloonni bulchiinsa isaanii akka hin tuqneef jecha, bara 626 Hijiraatti Magaalaa Qudsii (Jerusalem) Masqalootaaf dabarsanii kennan. Subhaanallaah!

Masjiidni Al-Aqsaa kan kaleessa Salaahuddiin irratti dadhabe fi dhiigni Mujaahidoota hedduu irratti dhangala'ee argame sun, har'a garuu Amiirota aangoo jaallataniin gurgurame. Yeroon itti Bulchitoonni Muslimaa Fiixee salphinaa irra gahan yeroo sana ture.

Gama biraatiin Jalaaluddiin lola isaa isa suukanneessaa itti fufe jira. Magaalaan Ahlaat yommuu isatti finciltu irra deebiin ishee marse. Dhumarratti Ahlaat harka Jalaaluddiinitti kufte. Jalaaluddiin yeroo irra gara yerootti Ajjeechaa baay'isaa deemuu jalqabe.

Kuni osoo kanaan jiruu, du’a hogganaa isaanii jinkiiz khaanin wal qabatee weerarri isaanii guutumatti dhaabbatee kan ture Tattaaronni, Ammas Weerara marsaa haaraa eegaluun isaanii dhagahame...ITTI FUFA
---------------------------------------------------

KUTAA 2ғғᴀᴀ
𝗜𝗠𝗣𝗔𝗔𝗬𝗘𝗥𝗔 𝗠𝗢𝗡𝗚𝗢𝗢𝗟 - 𝗗𝘂'𝗮 𝗚𝗲𝗻𝗴𝗵𝗶𝘀_𝗞𝗵𝗮𝗻 𝗕𝗼𝗼𝗱𝗮

"Marsaa Lammaffaa Weerara Taattaarotaa"
Erga Jinkiiz Khaan du'ee booda hoggansa Taattaarotaa Okitaay (Ogedei) tu fudhate. Okitaay waggoota darban keessatti Mongooliyaa keessatti aangoo isaa cimsee tasgabbeesse. Mormii keessoo isaanii jiru balleessuun boqonnaa weerara haaraatiif haala mijeessaa ture.

Taattaaronni addunyaa Muslimaa weeraruun dura, bulchiinsa Raashiyaa isa kanaan dura irratti mo'amanii turan deebisanii harkatti galfachuun, achirraan ammoo gara Awurooppaatti seenuu filatan. Itti gaafatamummaa kana akka ba'uuf Shormaajaan ni filatame. Shormaajaan waraana garmalee guddaa hordofsiisee weerara jalqabe. Addunyaan Muslimaa gama isheetiin qoccolloo fi waldhabdee hammaataa keessa turte. Amiironni biyyoota akka daabbootti cicciranii gargar hiraataniiru. Waa’ee aangoo isaanii malee ija isaanii fageessanii ilaaluu hin dandeenye. Hunduu waa'ee bulchiinsa isaa qofa yaadda'a. Tarii biyyi inni bulchu garuu magaalaa tokkoo fi ganda naannoo ishee jiru qofa ta'uu danda'a. Sababaalee xixiqqoo Uumuudhaan seeyfii walitti luqqifachuun alatti, Ollaan isaa yommuu weeraramu "itti aansee dabareen kan kooti" jedhanii fageessanii yaaduullee hin dandeenye.

Bara 628 Hijiraatti Jalaaluddiin Amiira Jaziiraa kan tahe Ashiraaf Aadil waliin lola yeroo dheeraa irra turee waan mo'ameef humni isaa hedduu dadhabee ture. Kana hordofuun diinonni isaa garee shii’aa kan tahan "Ismaa'iliyyaawwan" haaloo isa ba'uuf jecha dadhabina Jalaaluddiin Taattaarotatti himan. Taattaaronni ergaan kun yommuu isaan ga'u yeroo osoo hin qisaasessin gara Jalaaluddiin qajeeelan. Imala isaanii keessatti magaalaa argatan hunda saamaa, ajjeesaa fi booji'aa dabru turan. Xumura irrattis bulchiinsa Jalaaluddiin qaqqabuun waraana hammaataa irratti Banan. Jalaaluddiin Taattaarota waliin lolee kufaatiin guddaan erga isa mudatee booda, akkuma abbaa isaa baqachuu jalqabe. Magaalaa irraa gara magaalatti, ganda irraa gara gandatti baqachuu itti fufe. Magaalaawwan inni yeroo baqatu keessa darbu hunda Taattaaronni harkatti fudhachaa isa hordofuu jalqaban. Dhumarratti kaaba Iiraaq "Al-Jaziiraa" yommuu ga'u, waraanni isaa hunduu jalaa faffaca'anii kophaa isaa hafe.

Xumura irrattis Isas akkuma abbaa isaa osoo baqachuu irra jiru duuti hin oolle itti dhufte. Haalli du'a isaa garuu ajaa’iba ture. Jalaaluddiin kophaa isaa faaya isaa waliin osoo jiruu qonnaan bulaan tokko isa argee eenyummaa isaa gaafate. Jalaaluddiin kabaja argachuu waan barbaadeef, koorummaan "Ani mootii Khawaarizimiiti" jechuun qonnaan bulaa sanatti hime. Qonnaan bulichis gara mana isaatti galchee nyaata dhiyeessuun bareechee isa keessumeesse. Jalaaluddiin imala dheeraa baqachaa waan tureef dadhabbiirraa boqochuuf manuma qonnaan bulichaa akkuma rafeen, qonnaan bulichi kanaan dura gocha Jalaaluddiiniin onneen isaa madaa’ee waan tureef osoo inni rafaa jiru isa ajjeese. Subhaanallah,

xumurri mootota abbaa irree tahanii hunduu hedduu nama ajaa’iba. Yeroo tokko Mootii guddaa hogganaa loltoota hedduu ture.

Muslimoonni yeroo hunda Taattaarotaan moo’amuu irraa kan ka’e, kuffitii hafuuraa fi moralii keessa seenan. Taattaarota injifachuun waan hin danda'amne itti fakkaachuu jalqabe. Taattaaronni Muslimoota mo'achuu yoo barbaadan weeraruu qofa ture kan isaanirraa eegamu. Muslimoonni of ittisuu (self-defense) wanti jedhu onnee isaanii keessaa badee jira. Kun ammoo Taattaarotaaf galma isaanii gahuuf baay’ee isaaniif laaffiseera...ITTI FUFA
---------------------------------------------

KUTAA 3ғғᴀᴀ
𝗜𝗠𝗣𝗔𝗔𝗬𝗘𝗥𝗔 𝗠𝗢𝗡𝗚𝗢𝗢𝗟 - 𝗗𝘂'𝗮 𝗚𝗲𝗻𝗴𝗵𝗶𝘀_𝗞𝗵𝗮𝗻 𝗕𝗼𝗼𝗱𝗮

Kana irraa kan ka'e:
1. Namni Tattaarota irraa dhufe tokko ganda tokko seenee namoota hiriirsee dabaree dabareen isaan qala. Isaan keessaa namni tokko illee of ittisuuf hin yaalu ture.
2. Namni tokko akkas jechuun hima: "Yeroo tokko namoota kudha torba (17) taanee osoo jirru Taattaarichi tokko dhufe. Sana booda tokkoon keenya isa kaan ofii keenyaa haadaan (geemadaan) akka wal hiinu nu ajaje. Hiriyoonni koo waan inni jedhe raawwachuu jalqaban. 'Inni namuma tokko, maaliif hin ajjeesnu?' yoon ani isaanin jedhu. 'Ni sodaanna' naan jedhan. Sana booda ani bilaawaa (albee) fidee isa ajjeeseen haala sanaan miliquu dandeenye!" Jedha.

Kuni gidiraa hedduu keessaa muraasa qofa!. Shormaajaan (hogganaan waraanaa) bakka to'ate hundatti miila isaa gadi dhaabbate. Namni tokkos osoo isa hin mormin bara 629-634 Hijiraatti waggoota shanan keessatti weerara dhaabee aangoo isaa cimse.

Muslimoonni Masrii, Shaam (Soriyaa), Hijaaz fi kutaalee biraa jiran "Anas yoo na hin tuqin maaltu na dhibe?" jechuun gurra ofii cufatanii rafan.

Bara 634-649 Hijiraatti, yeroo gabaabaa keessatti biyyoonni Taattaarota irraa bilisa ba’anii turan kan akka: Armeeniyaa, Joorjiyaa (lamaanuu Kiristaana), Chichiniyaa fi Daagiistaan deebisanii tattaarotaan to’atan. Waggaadhuma kana keessa waraanni Taattaarotaa Turkootattis duula jalqabe. Tattaaronni Bara 635 Hijiraatti weerara bal’aa Raashiyaa irratti jalqaban. Waggaa 2 qofa keessatti magaalaawwan akka Ridaan, Kolomonaa fi magaalaa jabduu Vilaadmiir, Sozaal, akkasumas magaalaan guddoon Raashiyaa Moskoon Taattaarotaan diigaman. Dabalataanis tattaaronni magaalaawwan Raashiyaa gurguddoo jaha too’achuun, haala Kanaanis Raashiyaan guutuun waggaa lama keessatti harka Taattaarota galte. Bara 638 Hijiraatti waraanni Taattaarotaa bulchiinsa Yukireenitti duulee qabeenya ishee saamee, uummata ishees weeraree ajjeese. Bara 639 Hijiraatti ammoo bulchiinsa Poolaand weeraran. Ammas yeroma sanatti Waraana Hangaarii (Hungary) dhabamsiisuun Hangaarii, Siloovaakiyaa fi Kirooshiyaas harkatti fudhatan.

Haala Kanaan tattaaronni walakkaa Awurooppaa to’atan. Isaan keessaa bulchiinsonni baay’een kaafira haa ta’an malee, magaalaawwan Muslimaa muraasnis ni jiru ture.

Bara 639 Hijiraatti ammoo waan haaratu uumame. Du’a jinkiiz khaanin booda mootii Taattaarotaa kan tahe Okitaay (Ogedei) ni du’e. Du’a Okitaay hordofee, Raashiyaa weeraraa kan ture Shormaajaani fi weeraraan Awurooppaa Baatuu Khaan filannoo mootii haaraatiif bakka bu’oota isaanii erganii gara magaalaa teessoo Taattaarota kan taate (Mongooliyaatti) deebi’an.

Waggaa kana keessa tattaaronni guutummaa Eeshiyaa (Saawudii fi Shaam irraa kan hafe) fi walakkaa Awurooppaa to’atanii jiru.

Amma mootiin haaraan tattaarotaa muudamuufi.
Du’a Okitaay booda ilmi isaa Kiyook Okitaay bakka isaa bu'ee aangoo dhaale. Tartiibni hoggansaas: Jinkiiz Khaan itti aansee > Okitaay, sana booda > Kiyook ta'e. Bara Kiyook keessa weerarri tattaarotaa yeroof ni dhaabbate.

Haa ta'u malee:
● Yeroo kanatti Taattaaronni weerara isaaniitiin addunyaa Muslimaa liqimsanii jiru. Biyyoonni Muslimaa Eeshiyaa keessatti argaman hundi sivilizaashinii (qaroomina) isaanii waliin dhabamsiifamaniiru. Addunyaan Muslimaa inni walakkaa (Middle East) weerara Taattaarotaa akka waan fiilmii ilaaluutti callisee ilaaluu malee, waan furmaata ta'e tokkos hin goone. Haalli bulchiinsota Islaamaa biroos kana irraa adda hin turre.

Kiristaanonni Awurooppaas kan yeroo muraasaf ulee Tattaarotaatiin Muslimoota rukutaa turan, Uleen tattaarotaa osoo hangamuu hin turin gara isaaniittis naannofte. Waldaaleen Kiristaanaa (bet-kiristaanni) isaanii ni diigaman; uummata isaanii miliyoonaan lakkaa’amutu ajjeefame; manneen isaaniis ni gubatan. Garuu, gidiraa kana hunda dhandhamataa osoo jiraniis, Muslimoota dhabamsiisuuf Taattaarota waliin tumsuu (walii galuu) hin dhiisne...ITTI FUFA

𝓑𝓪𝓻𝓻𝓮𝓮𝓼𝓼𝓪𝓪𝓷: 𝑰𝒃𝒏 𝑨𝒉𝒎𝒆𝒅
𝔻𝔸ℝ𝕌ℕ𝔸𝕀𝕄 𝕄𝕌𝕃𝕋𝕀𝕄𝔼𝔻𝕀𝔸

-----------------------------------------

Address

Adama
1000

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Darunaim Multimedia posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share