Focus Wallaga University

Focus Wallaga University ➲BONDSERVANTS OF CHRIST. We acknowledge that christ is the son of God.

FOCUS WALLAGA UNIVERSITY ━━━━━━━━▣✦▣━━━━━━━━SPECIAL PROGRAM THURSDAY SERVICE ▒▓  📸 DMC🌐 Join  our telegram 🌐join our Fac...
13/04/2026

FOCUS WALLAGA UNIVERSITY
━━━━━━━━▣✦▣━━━━━━━━
SPECIAL PROGRAM
THURSDAY SERVICE

▒▓ 📸 DMC

🌐 Join our telegram
🌐join our Facebook ://www.facebook.com

📍 Waldaa Hallelujah ( Dirree Tokkummaa )

✍️ Focus Wallaggaa Yuunivarsiitii irra.

♡ ❍ㅤ ⎙ ⌲
ˡᶦᵏᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ

09/04/2026

DON'T MISS

Day4Qalbii jijjiraadhu, wangelattii amaniMee Nama imala irra jiru gammoojjii keessatti bade tokko yaadi. Aduun baayyee g...
03/01/2026

Day4
Qalbii jijjiraadhu, wangelattii amani

Mee Nama imala irra jiru gammoojjii keessatti bade tokko yaadi. Aduun baayyee guba jira, bishaan hin argamu, deemsi isaa hundinuu kan nama dhukkubsudha. Magaalaa tokkos fagootti arge, dallaa midhaaga kan qabdu nageenyaafi bishaan qulqulluudhan kan badhaate jirtu ---- kanaaf namni Kun daandii irra Adeemaa ture dhiisuu qaba.

Jireenyi Kiristoosin malees kana fakkaata: cubbuu keessatti badnee, daandii gara du’aatti geessu irra fiignee jirra. Waaqayyo har'a si waamaa jira; “Guyyaan fayyinaa amma” (2Qorontoos 6:2). Macaafni Qulqulluun akkas jedhee si akeekkachiisa: " Egaa yaada garaa keessanii geddaradhaa, inni cubbuu keessan akka isiniif haxaa'utti gara Waaqayyootti deebi'aa." Hoe 3:19.

Yaada garaa geddarachuu jechuun cubbuu fi ofitti amanamummaa kee irraa guutummaatti gara Waaqayyootti deebi’uu jechuudha. Waaqayyo yoom iyyuu Yesuus Kiristoos qofatti akka amantuf si waama: “Qalbii kee geddaradhu, wangeelattis amani” Marq 1:15. Amantiin carraaqqii mataa keetii fayyuudhaf ati gootu osoo hin taane, hojii Yesus fannoo irratti hojjete amanachuudha. “Gooftaa Yesuusitti amani, in fayyita” HoE 16:31. Ammuma gara isaatti yoo deebite Waaqayyo cubbuukee hundaaf dhiifama sif godhee jireenya bara baraa sif kenna. Hin turin, Har'i guyyaa karaa kee isa durii dhiistee nageenya, nagaa fi abdii Yesus qofti dhiyeessutti seentudha.

Day3Kiristoos cubbu Namootaaf du'eera.Ati cubbamaa, yakkamaa dheekkamsi waaqayyoo sirra jiru taatee waaqayyoon jibbitee ...
02/01/2026

Day3
Kiristoos cubbu Namootaaf du'eera.

Ati cubbamaa, yakkamaa dheekkamsi waaqayyoo sirra jiru taatee waaqayyoon jibbitee isarratti fincilaa utuu jiraattuu waaqayyoo garuu si jaallatee ilma isaa cubbuukeef furmaata haa ta'uuf isa erge akkasitti yesuus kiristoos cubbuukeef du'eera -> ragaa “Nuyi Waaqayyoon hin jaallanne; inni garuu nu jaallate, ilma isaas cubbuu keenyaaf furee haa ta'uuf nuuf erge. Jaalala jechuun isa kana.”
— 1Yoh. 4:10

Sagaleen waaqayyoo dhiigni utuu hin dhangala'iin dhiifama cubbuu argachuun hin jirujedha.Egaa dhiifama akka argattuuf dhiiga isaa kan siif dhangalaase yesuus kiristoos qofadha. ragaa -> “Dhuguma iyyuu akka seerichaatti wanti hundinuu, dhiigaan in qulleeffama jechuun in danda'ama; dhiiga utuu hin dhangalaasin immoo dhiifamuun cubbuu hin jiru.”
— Ibr. 9:22

Egaa inni qulqulluun cubbuun isa hin beekne yesuus kiristoos dirqisiifamuu tokko malee jaallatee,fedhee abaarsa seeraa jalaa si baasee qajeelummaa sii lakkoofsisuuf cubbuukeef du'atti dabarfamee kenname -> ragaa “Yesus irra-daddarbaa keenyaaf du'atti dabarfamee kenname; qajeelummaa akka argannuufis du'aa kaafame.”
— Rom. 4:25

Tarii namni nama oolmaa guddaa isarraa qabuuf du'uuf fedha qabaata malee nama jireenya dhuunfaa isaa jiraatuuf gonkumaa du'uu hin yaadu. Waaqayyoo garuu Ati fincilaa, isa beekuu waan faayidaa qabu tokkottillee hin lakkoofnee fi yakkamaa taatee utuu jirtuu tokkicha ilma isaa cubbuukeef aarsaa godhee dhiyeesseera. Akkasitti yesuus kiristoos cubbuukeef du'eera -> ragaa “Waaqayyo garuu, utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kristos nuuf du'uu isaatiin hammam akka nu jaallate in argisiisa.”
— Rom. 5:8

Day 2 Namni hundumtuu cubbamaa dha.firdiin Waaqayyoo cubbuu Namootaa irratti in mul'ata.Ka’umsi cubbuu Waaqayyoo biraa y...
01/01/2026

Day 2 Namni hundumtuu cubbamaa dha.firdiin Waaqayyoo cubbuu Namootaa irratti in mul'ata.

Ka’umsi cubbuu Waaqayyoo biraa ykn akkataa uumuu isaa keessaa osoo hin taane, nama irratti dha Addaam namichajalqabaa cubbuu hojjeteedha, abboomamus hin dandeenye,cubbuunis karaa nama tokkichaa kanaa addunyaa seene Rom 5:12 , Cubbuu Addaamii fi Hewaaniin uumamni keenya akka malee manca’ee akkasumas hundi keenya cubbuu fi jal'ina keessatti dhalanne.

far 51: 5 irratti akkuma jadhu
" Kunoo, haati koo isheen garaatti na baatte iyyuu cubbamtuu turte, anis yakkaa ta'ee nan dhaladhe."
, kutaa kana iratti dawwit waa'ee cubbuu isa ofii isaa hojjetee dubbachaa jira miti, gaafuma dhalatu iyyuu yakkaa ta'ee dhalate (yakkaatu yakkaa dhalche jechudha ). hidda dhaloota isaa dudduubatti deebinee yeroo ilaallee hamma addamittii hundisaniyyuu yakkamtootadha, sababii kanaaf hundinuus yakkaniruu ulfinni waaqayyoos isaanitti hir'ateerajedha sagaleen waqaayoo nama ta'ee kan cubbuu dhan hin faalamne hin jiru jedha.

Waqayyo qajeelaa dha, kanaafis cubbuu namoota hundumaa irratti ni farada.Akkuma sagaleen Waaqayyoo Rom 1:18 irratti jedhu" Dheekkamsi Waaqayyoo, Waaqayyo malee jiraachuu fi jal'ina namootaa hundumaa irratti waaqa irraa in mul'ata, isaanoo jal'ina isaaniitiin dhugaa gad in ukkaamsu." ni jedha.

sagaleen waaqayyo Rom 2:5 irratti akkas jedhaa
" Mata-jabina keetiifi yaada garaa keetii geddarachuu diduu keetiin garuu, guyyaa dheekkamsaatiif guyyaa firdiin Waaqayyoo inni qajeelaan itti mul'atuuf dheekkamsa of irratti walitti in qabda;" jedha.

Yeroo baayyee waaqayyoo waaqa jaalala,waaqa araaraa akka ta'e hin dhageenya garuu waaqayyo waaqa araaraa fi waaqa jaalala qofa miti waaqa firdii dhas malee.Waaqayyo waaqa cubbuu namoota ilaalee callisuu miti waaqa cubbuu namoota irratti faraduu dha malee.

Day 1 Waqayyo qulqulluu fi qajeelaa dha. Uumaa wanta hundumaatis.Uumamni kun hundinuu kan ofiin uumame (autonomus) miti....
31/12/2025

Day 1
Waqayyo qulqulluu fi qajeelaa dha. Uumaa wanta hundumaatis.

Uumamni kun hundinuu kan ofiin uumame (autonomus) miti. Kana jechuun uumamni kun tirannaa suutaan kan dhufe miti. Qaama isa uume qaba. Innis Waaqayyo jedhama.

Waaqayyoo uumama hundumaa miidhagsee gaariii godhee uume. Uumama lubbuu qabu keessaas isa malee kan uumame tokkollee hin jiru. Hundinuu isaan uumamani, isaaf uumamani,isaafis jiraatu.

Egaan uumaan uumama Maraa Waaqayyoon ergaa ta’ee, abbaan qabeenyaa uumama kanaas Waaqayyoodha jechuudha.Ef2. Kanaaf uumamni kun itti gafatamummaa mataa isaatii jala osoo hin taane itti gafatamummaa Waaqayyoo jala jiraata. Kanaaf Waaqayyo uumama isaa kana akka Seerrataa fi qajeelfama isaatiitti geggeessaa ture, geggeessaas jira. Kun immoo kan agarsiisu Waaqayyoo inni uumaa ta’e kun qulqulluu fi qajeelaa ta’uu isaa mul'isa.

Waaqayyoo uumama uume kana adabuuf kan isa daangessu hin jiru jechuudha.Ef2. Sababinni isaas uumama kana namas dabalatee kan uume isa waan ta’eef.
waaqayyo qulqulluu dha kanaafis cubbuu namootaa waliin waliigaluu hin danda’u,akkasumas waaqayyo qajeelaa dha sababii ta’eef cubbuu namootaa irratti in farada.
Waaqayyo qajeelaa dha, inni hojii qajeelaa in jaallata; warri waan qajeelaa hojjetan fuula isaa arguuf jiru.
Macaafa Faarfannaa 11:7 "Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluu dha Waaqayyo gooftaan maccaa;”
— Isa. 6:3

FOCUS WALLAGA UNIVERSITY  Kanaafis Waaqayyo ofii isaatii milikkita isiniif in kenna; kunoo, durbi in ulfoofti, ilmas in ...
29/12/2025

FOCUS WALLAGA UNIVERSITY
Kanaafis Waaqayyo ofii isaatii milikkita isiniif in kenna; kunoo, durbi in ulfoofti, ilmas in deessi, maqaa isaas ‘Amaanu'el’ jettee in moggaafti; [‘Amaanu'el’ jechuunis ‘Waaqayyo nuu wajjin jira’ jechuu dha*].
Isa 7:14

Ayyaana yaadannoo dhalachuu fayyisaa, gooftaa keenye yesuus Kiristoos sababeefachuun focus Wallaggaa Yuunivarsiitii gartuu Diraamaa (DL) tiin guyyaa borii jechuun facaasaa galgala sa'atii 11:30 irraa eegaluutiin waaqeffannaa addaatiin qophii hunda xumuranii waan jiraniif irraa hin hafamu.

Focus Wallaggaa Yuunivarsiitii irraa

FOCUS WALLAGA UNIVERSITY ━━━━━━━━▣✦▣━━━━━━━━Tuesday Program ▒▓  📸 &Edit DMC(Digital missionary crew) ▒▓🌐 Join  our teleg...
26/12/2025

FOCUS WALLAGA UNIVERSITY
━━━━━━━━▣✦▣━━━━━━━━

Tuesday Program

▒▓ 📸 &Edit DMC(Digital missionary crew) ▒▓

🌐 Join our telegram
🌐join our Facebook ://www.facebook.com

📍 Waldaa Hallelujah ( Dirree Tokkummaa )

✍️ Focus Wallaggaa Yuunivarsiitii irra.

♡ ❍ㅤ ⎙ ⌲
ˡᶦᵏᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ

FOCUS WALLAGA UNIVERSITY ━━━━━━━━▣✦▣━━━━━━━━Sunday Program 📸 &Edit Kali Åbúšh ▒▓🌐 Join  our telegram 🌐join our Facebook ...
21/12/2025

FOCUS WALLAGA UNIVERSITY
━━━━━━━━▣✦▣━━━━━━━━
Sunday Program
📸 &Edit Kali Åbúšh ▒▓

🌐 Join our telegram
🌐join our Facebook ://www.facebook.com

📍 Waldaa Hallelujah ( Dirree Tokkummaa )

✍️ Focus Wallaggaa Yuunivarsiitii irra.

♡ ❍ㅤ ⎙ ⌲
ˡᶦᵏᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ

FOCUS WALLAGA UNIVERSITY ━━━━━━━━▣✦▣━━━━━━━━Tuesday Service ▒▓  📸 &Edit DMC(Digital missionary crew) ▒▓🌐 Join  our teleg...
18/12/2025

FOCUS WALLAGA UNIVERSITY
━━━━━━━━▣✦▣━━━━━━━━

Tuesday Service

▒▓ 📸 &Edit DMC(Digital missionary crew) ▒▓

🌐 Join our telegram
🌐join our Facebook @
https://www.facebook.com

📍 Waldaa Hallelujah ( Dirree Tokkummaa )

✍️ Focus Wallaggaa Yuunivarsiitii irra.

♡ ❍ㅤ ⎙ ⌲
ˡᶦᵏᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ

Endereço

Bom Jesus, RS

Telefone

+251913483010

Notificações

Seja o primeiro recebendo as novidades e nos deixe lhe enviar um e-mail quando Focus Wallaga University posta notícias e promoções. Seu endereço de e-mail não será usado com qualquer outro objetivo, e pode cancelar a inscrição em qualquer momento.

Compartilhar