10/05/2021
Edanni halkan 29 ti. Leylatul-Qadr tahuu dandaha. Halkan Ramadaana baranaa keessaa kan Leylatul-Qadriin keessatti shakkamtu kana qofaatu hafe. Maal haa goonuree? Shakkiin halkan collee saniif qabnuufi bololli Ibaadaa irratti qabnu daran cimuu qaba. Dhuunfaatti namuu Niyyaa haa toolfatu. Hammeenya keessaa bahi. Soommanni kun siif kan dhumaa tahuu dandaha. Akka Rabbii hin beekan, hadaraa bareechii gaggeysi. Gam-tokkoon halkan kun, halkan Qur'aanni Masjida hedduutti buufamu(khatmii). Gubbaa kaafnee bahara Qur'aanaa daakaa as geenye. Warri bahara kana daake tokkolleen hin hoongawu abdii jettu qabna. Halkan gabroonni Rabbii harka ol qabanii imimmaan dhangalaasani. Soommana simatuu qofaa miti, haala kanaan gaggeysuufis gammachuu qabna. Hedduu gammanne, kana caalaa ammoo boru guyyaa galataa san gammaduuf jiraanna. Inshaa Allaah! Mirqaanni Muslimaa akkana tahuu qaba. Haala kanaan gaggeysuuf osuma gammachuu qabnuu, garuu baatiin tun nu dhiiftee deemuu isiitti hedduu gaddine. Sahaabaan Ramadaana akka waan Janaazaan isaan jidduu jirtuutti qalbi caphaan gaggeysan. Ibaadaa Ramadaana keessa hojjetaniis akka Rabbi isaanirraa qeebaluuf jabeysanii kadhatan. Ramadaanni namuma isatti fayyadameef tole. Namni ji'a birootii fi Ramadaana akka tokkotti laalu iccitii Ramadaanni qabu hin hubanne. Ramadaanni gaafa kutu carraa hedduu fudhatee deema, milkii hedduun gala. Warra carraa inni qabu fudhatee milkaawe Rabbi nu haa godhu. Ibaadaa Ramadaana kana keessa hojjanneen warra ibiddarraa fageyfamee Jannata seenu nu haa taasisu.
YAADACHIISA: Halkan Ramadaanaa mara keessatti Rabbiin keenya gabroottan isaa keessaa hanga tokko badii isaanii araarameefii ibidda Jahannam irraa bilisoomsa. Nuti halkanoota dabran keessatti moo kan hafan keessatti arjoomni kun nu dhaqqaba? Waan beynu hin qabnu. Halkan edanuu kun halkan 29ti. Qarii, halkan Leylatul-Qadriin keessatti kajeelamtu jechuudha. Kanaaf tokkicha hafe kana qalbii qulqulluun itti haa dhaammannu. Halkanoota dabran keessatti milkaahuu baannuus halkan edanuu kanatti nurraa guutee nu haa milkeessu. Nuufi ummata Muslimaa mara ibidda Jahannam irraa nu haa baraaru. Warra Jannataa Rabbi nu haa godhu.
NUURALHUDAA
Soora Qalbii Muslimaa