02/19/2023
Sooma Guddaa
Baga guyyaa Sooma guddaa / Sooma Gooftaan keenya Iyasuus Kiristoos soome nagaan geessan
Sooma jechuun:-
fedhii foonii hunda fedhii lubbuutiif bichisiisuu/abboomsisuu/,
jaalala Waaqayyootiin bitamuun Fedhii/ajaja Waaqayyoo shaakaluu,
Yeroo murtaa’eef nyaata soorachuu fi bishaan dhuguu irraa of qusachuu,
Guyyoota ykn ji’oota murtaa’aniif nyaata bu’aalee horii (foon, aannan, dhadhaa, killee fi kkf.) irraa of qusachuu jechuudha
Soomni guddaan gooftaan soome maqaa adda addaa qaba.
1ffaa.Sooma Guddaa:- Waaqa waaqotaa kan ta’e Gooftaa Iyyesuus Kiristoosiin kan hundaa’e waan ta’eef Sooma Guddaa jedhameera.Soomakana kan soomnu guyyoota 55’f dha.Sooma jiran keessaas dheerina guyyootaan isa guddaa waan ta’eef Sooma Guddaa jedhama. Gooftaan keenya Iyyessuus Gadaama Qoroonxoos keessatti soomaa osoo jiruu seexanni qorumsa gurguddoo sadii isaaf dhiyeesse.Qorumsi kunis sassatuu, of-tuulummaafi jaalala Qarshii dha.Qormaata kanneen sadaniinis seexanni yeroo baay’ee waan nama qoruuf Waaqayyo qorumsa sadan kana moo’icha taasise. Kanaafis soomni kun sooma guddaa jedhama.
2ffaa.Sooma Hudaadee:- Bara durii lafti bali’ina qabuufi lammiin hundi gamtaadhaan misoomsu uummata biratti “hudaadee” jedhamuun beekama ture. Soomiin kunis lammii amantii Kiristaanaa kan ta’e hundi, xinnaa-guddaa, dhiira-dubartii otuu hin jedhiin Kiristoosiin fakkeenya godhachuun waan soomaniif (sooma hundaa ta’uu ibsuuf) “hudaadee” jedhameeera.
3ffaa.Sooma Beenyaa:- Addaamiifi Hewwaan Jannataa kan arii’ataman ,gabrummaa si’ooliif kan gahan sababa nyaataani.Sababa nyaataan ilma namaa du’eef Gooftaan beenyaa kanfale.Beela afuuraa beela’aa isaaniif beenyaa kanfaleef.Kanaafis Sooma Beenyaa jedhama.
4ffaa.Sooma Moo’insaa:- Qormaata seexanaa gurguddoo sadan- sassatuu, of-tuulummaaf Qarshii jaalachuu- Gooftaan soomarra osoo jiruu mo’ichaan waan bira darbeef nutis qormaata dhufu hunda soomaan akka bira dabarruuf soomni kun Sooma Mo’insaa jedhama.
5ffaa.Sooma Ce’umsaa:- Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos seera Ooriitii irraa gara seera Wangeelaatti nu ceesisuus sooma soome waan ta’eef soomni kun Sooma Ce’umsaa ni jedhama.
6ffaa.Sooma Barumsaa:-Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos kan soome nuun nu barsiisuufidha.Inni soomuu kan qabu ta’ee osoo hin taane nuuyiif fakkeenya ta’uufidha.Kanaafuu soomni kun Sooma Barumsaa jedhama.
7ffaa.Sooma Eebba Jireenya Gadaamaa:- Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos magaalafi namarraa fagaatee soomuun jireenya gadaamaa kan akka qulquluu Yohaannis cuuphaafi raajiichi Eeliyaas jiraatan eebbiseera. Kana ilaalchisuun warren sana booda jiran hundaaf jireenya Gadaamii waan eebbiseef soomni kun Sooma Eebba Jireenya Gadaamaa jedhama.
8ffaa.Sooma Qohaa’inaa:- Uummatni Isiraa’eel hoolaa faasikaa nyaachuu isaanii dura qophii ni taasisu ture. Nutis du’aa ka’umsa Gooftaa kabajuuf fooniifi dhiiga Gooftaatti dhiyaachuun keenya dura soomaafi kadhaan qophii kan goonu waan ta’eef soomni kun Sooma Qophaa’inaa jedhama.
Sooma garii
Jabaan Waaqa
HaileGabriel