15/09/2026
Rizqii nan dhabaa sodaatte haraamaatti hin laaqamin.
Namoonni baay'een dadhabinna iimaanaa irraa kan ka'e, bakka biraatii rizqii bal'oo hin argadhu jedhanii yaadun hojii haraaamaa hojjachuu itti fufu. Kuni cubbuu baadhachuu waliin Rabbii olta'aatti zannii baduudha. Akkasumas, waadaa Isaatti amanuu dhabuudha. Waadaan Isaa kunis:
"Lubbu-qabeenyin homaatu dachii keessa hin jiran, rizqiin isaanii Rabbiin irra yoo ta’e malee.” Suuratu Huud 11:6
Rabbiin subhaanahu wa ta'aala guddattus xiqqaattus lubbu-qabeenyi hundaafu rizqii ni kenna. Garuu rizqiin namarraa namatti, yeroo irraa yerootti garagara. Rabbiin subhaanahu wa ta'aala addunyaa iddoo qormaataa taate tana keessatti nama gariif rizqii ni bal'isa, nama garii immoo itti dhiphisa. Yeroo garii nama rizqii itti dhiphisee ni bal'isaaf, kan itti bal'ise immoo itti dhiphisa. Kuni hundi ilmaan namaa qoruufi. Galata ni galcha moo hin galchu? Ni obsa moo hin obsu? Ammas, Rabbiin gabroota Isaa gaggaarii jaallate, yeroo baay'ee addunyaa tana keessatti rizqii hin bal'isuuf. Hanguma isaaniif gahaa ta'e kennaaf. Sababni isaas, yoo rizqii itti bal'isee tarii daangaa darbu, zikrii Isaa dagachuun Aakhiratti kasaaru. Qur'aana keessatti: "Osoo Rabbiin gabroota Isaatiif rizqii bal’isee, silaa dachii keessatti daangaa darbu turan. Garuu Inni wanta fedhe safaraan (hamma murtaa'an) buusa. Dhugumatti, Inni gabroota Isaa keessa beekaa, Argaadha.” Suuratu Ash-Shuura 42:27
Kanaafu rizqii nan dhaba jettee sodaachuun haraama hojjachuu itti hin fufin. Rabbiif jette haraama yoo dhiifte, Inni wanta san caalu siif kenna. Wanti barbaachisaan hanga rizqiin suni dhufu obsuudha. Qur'aana keessatti: "Namni Rabbiin sodaatu, Inni karaa bahiinsaa isaaf godha. Bakka inni hin yaanne irraa rizqii isaaf kenna." Suuratu Ax-Xalaaq 65:2-3