12/04/2025
Ortodoksii Aanaa Qilxuu Kaarraa sadarka kanatti namoonni ittin qoosuu isaanii nama gaddisisa. Akka godina keenyaatti baayinni amantoota Ortodoksii guddaan kan jiru Qilxuu Kaarraadha. Garuu Hafuurri seexanaa jabaatu amantoota anicha dadhabsisaa akka jiru beekamaadha. Dhuguma ummanni aanichaa Sinoodoosii Oromiyaa mormee, Afaan isaan qaddasuu jibbee warra isa tuffatan kana simata jennee hin yaannu. Kun taanan qaaniidha.
GODHAMAA JIRU. Daba guddaa Eebba Mana Kiristaanaa Fayisaa Addunyaa Guyyoo Daalleen wal qabatee guyyaa gaafa 27/8/2017 Aanaa Qilxuu Kaarraatti Qophaa'ee jiru.
Aanaan Qilxuu Kaarraa Godina Wallagga Lixaa keessaati gama amantaa Ortodoksii Tawaahidoon maqaa addaa qabdi. Godinoota Wallaggaatti Aanaa Ortodoksonni baayyeen keessatti argamaniidha. Keessatti hundeeffama Gadaamii Abuna Gebre Menfes Qidduusii kaasee Anaa Monoksoonni, Luboonni, lallabdoonni, daaqunoonni danuun keessa maddaniidha. Haa tahuuti garuu erga warri Hafuura Hamaan hojii xonqolaa hojjetan gara hoggonsaa dhufanii kaasee gama Hafuuraatiin Anichi asi gadi balee osoo guddattuu hin argine. Tarii inni macaafni “Iyyesus itti fufee, "Egaa inni jibbisiisaan iddoo qullaa'aa xureessu sun, inni Daani'el raajichi waa'ee isaa dubbate, iddoo qulqullaa'aa dhaabatee arguuf jirtu, namni kana dubbisu haa hubatu!”
— Mat. 24:15. Tarii warra maqaa Fannoon daldalan garuu Hafuurri isaanii kan waaqayyoo warra hin taanetu Ortodoksii Qilxuu Kaarraa cabsee laata nama jechisisa. Tarii yeroo nuti akkas jennu waa'ee Daftaroota maqaa amantiin Hafuura hamoota waliin hojjetanii yaaddanittu taha. Ergii Hafuurri fakkeessan hojjetu dhufee kaasee guddinni Hafuura Aanichaa asi gadi deemeen.
1. Sagantaa gaafa ji'aa 29 kan dargaggoonni Mana Kiristaanaa Ortodoksii Aanichaa tokko osoo hin hafiin bakka tokkotti walitti qabamee baratu ni balleessan. Kanaan dargaggoonni akka faca'an fi dhimma amantaa hin qabaanne godhan.
2. Gadaamii Aabboo Qilxuu Kaarraa kan waggootaaf barattoota leenjisee manneen kiristaanaaf ergaa ture nutu ogganuu qaba. Koreen nuyiidha, birriin karaa keenya malee deemuu hin qabu jechuun Gadaamiin gargaarsa dhabee akka cufamu godhan.
3. Ergii Hafuurri fakkeessan gara hoggansaatti dhufe amantoota gidduu jaalalaaf tokkummaa ture ni cabsan. Amantoota bataskaana Arseemaa fi Dirree Iftuu giddutti jibba naqanii bataskaanni akka waliin hin guddanne, akka waliin hin hojjenne godhanii cabsan.
4. Bataskaana akka Gabriel Waatoofaa abdii guddinaa qabu Luboota jala baasuun akka inni hin guddanne godhan.
5. Yeroo hundumaa baadiyaa irra deemuun bataskaanoota gargaarsa hin qabne akka isaan hin guddanne mataa keessa gadi dhahu. Peersantii fidaa jedhanii funyaan qabanii birrii irraa guuru yoo isaan Kennuu didan Luboota tajaajila irraa dhorku. Erga isaan dhufanii bataskaanni hiyyoomtee ofii isaaniti maqaa Waaqayyoon saamanii mana dhunfaa isaanii masaraa mootummaa taasisan.
6. Luboota Aanaa fajachan. Isaan Hafuuricha isa xonqolaaf fayyadaman sanaan akka mormiin isaan irratti hin kaaneef abboota fajachan. Yoo isaan jala dubbatan waan harra du'anii badan of sehanii Hafuura isaaniif buluu filatan. Luba Ebelutti dubbannaan ni du'u jedhanii hunduumaa sodaachisan.
7. Mana Barumsa Sanbataa Aanaa cimaa turees ni dadhabsisan. Akka isaan dargaggoota irratti xiyyafatanii hin hojjenneef Hafuura isaanii isa bitatanii adoochan.
8. Hafuurri isaanii irraati baramee amantootni irratti gumgumuutti kaanan bataskaana Arseemaa dhiisanii bataskaanichuma biratti bataskaana biraa ijaarra jedhan. Kunis bataskaanatti dadhabsiisuuf Itti yaadanii godhan. Bakka deemanitti diiguu malee ijaaruu hin beekan. Kanas Hafuura isaan waliin hojjetu sanaaf haala mijeessuuf baqatu.
9. Hanga harraatti akka hoggansaatti bataskaana tokko dungoo, zabiibii, fi ixaana bitanii hin beekan. Kitaaba tokko bataskaanaaf bitanii hin beekan. Qaalawaadiin mana kiristaanaa akka jedhutti peersantii 30 galii bataskaanoota irraa walitti qabamu tajaajila mana kiristaanaaf oola jedha ture. Isaan garuu waggoota 15 darabaniif ofuma isaaniif nyaatu. Odiitiin hin jiru. Kana hunduumaa keessatti mana kiristaanaa gatii baasisaa jiraatan.
10. Amma immoo Mana Kiristaanaa Fayisaa Addunyaa Waandii Daalleetti amantootni Aanichaa tokkummaan ijaaran akka jibban gochaa jiru. Manni kiristaanaa kana hirmaannaa amantoota Aanichaa fi Aanaa ollaan ijaarame malee birrii Abbaa Rufaa'eliin miti. Abbaan Rufaa'el yoo kiisii daa'imman isaanii yoo guutan malee takkaa hirruu mana kiristaanaa guutanii hin beekan. Amma bakka atakaaroon jirutti phaaphaasii isaanii waa'ee mana kiristaanaa hin beekne nama aadaa fi afaan sabicha tuffatu dhufee haa eebbisuu jedhan. Kunis amantootni akka bataskaanicha jibbaniif malee bu'aa buusuuf miti. Bataskaana Monokseen kamuu eebbisuu ni dandaha garuu xiiqiidhaan Abbaa Buddeenaa isaanii hafeeruun shiraaf dabatti goran. Kanaanis amantootni biyya dhaloota Abbaa Gabrielii, Abbaa Rufaa'el simatan jedhanii diraamaa hojjechuuf. Kun hundinu shira Ortodoksii Qilxuu Kaarraa dadhabsiisuuf Hafuurri isaanii hojjetaa jiruudha.
Kanaaf qaamni Shira kana deggeruun Abbaa Rufaa'el nama sobaan bataskaana bulchuu barbaadu kana jala fiigdan yoom iyyuu seenaan isin hin dagatu jenna. Amma booda Hafuurri dafataraa akka hin hojjenneef qaana'uuf ni hojjenna. Namoonni maqaa bataskaana balleessan akka hormoonni quba nutti qaban godhan irratti gocha isaanii ragaan deggerame waliin ni saaxilla.
Kanaaf namni hundinuu Shira kana beekee namoota sabni keenya afaan isaan akka hin qaddasne arrabsaniif xilaa qaban irraa akka of eeggattan dhaamsa obbolummaa keenya dhaamna.
Amma Qilxuu Kaarraan akkuma jarri jedhan Sinoodoosii Oromiyaa hin barbaadu? Afaan isaan tajaajilamu hin barbaadu! Isiniif dhiisna.