Ethiopian Evangelical Church Mekane Yesus Kubichura Congregation

Ethiopian Evangelical Church Mekane Yesus Kubichura Congregation Aabbo waaqi Abba duulati maqaan issalen aabbo waaqa

✝️✝️✝️✝️✝️ Bahi 15/3✝️✝️✝️✝️✝️✝️✝️✝️

WKWW_Makkaanee_Yesuus_Kubbii_Curra_Magaala_Yaaballootti.‎Sagantaa Dilbataa Guyyaa 16/09/2018 Irraati Waaqi Guddoo Nu Gar...
24/05/2026

WKWW_Makkaanee_Yesuus_Kubbii_Curra_Magaala_Yaaballootti.
‎Sagantaa Dilbataa Guyyaa 16/09/2018 Irraati Waaqi Guddoo Nu Gargaare
‎➡️Yeroo Dansaa Nu kenne
‎ Yeroo kadhannaa
‎ Yeroo Dubbi Waaqa
‎ Yeroo Waaqeeffanna

#‎MATA_DURE
Waaqayyo hafuura; warri isaaf sagadanis hafuuraa fi dhugaadhaan isaaf sagaduun in ta'aaf' ittiin jedhe.”
‎ Yoh. 4:24
‎HAFUURI GOSAA LAMATI JIRAA
‎1. Hafuura Qulqulloo fi
‎2. Hafuura Hamaa.
‎✓Haafuri Qulqulloon Gumaa isaatin beekama .
Galaatiyaa 5:22
22 Iji hojii hafuuraa immoo, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa,
የመንፈስ ፍሬ ግን ፍቅር፥ ደስታ፣ ሠላም፣ ትዕግሥ፣ ቸርነት፥ መልካምነት፥ እምነት፥
But the fruit of the Spirit is love, joy, peace, patience, kindness, goodness, faith

SUNDAY MORNING PROGRAM KOOTA EEBBAA AABBOO WAAQA NU WOLLIIN QOODADHA
23/05/2026

SUNDAY MORNING PROGRAM
KOOTA EEBBAA AABBOO WAAQA NU WOLLIIN QOODADHA

‎ .‎Sagantaa Dilbataa Guyaa 09-09-2018 Irrati Waaqi Guddoo Nu Gargaree‎➡️Yeroo Dansaa Nu kene‎         Yeroo kadhanaa‎  ...
17/05/2026

‎ .
‎Sagantaa Dilbataa Guyaa 09-09-2018 Irrati Waaqi Guddoo Nu Gargaree
‎➡️Yeroo Dansaa Nu kene
‎ Yeroo kadhanaa
‎ Yeroo Dubbi Waaqa
‎ Yeroo Waqeefana
‎ Guyoo Gadoo
‎MAT DURE -Keessatti_Guddachuu
‎ ‭‭Ebrania‬ ‭5:12‭-‬14‬ ‭
‎[12] Isani hojja tana jara nama barsiisu tahu maltani, ufiiftu nama waan qara ta dubbi Waaqa isani barsiisu feetani. Isani harma hod'u maltani, sagale jabdu indandeettani. [13] Wonti akanatiifi nami harma hod'u ammalle ijoolle, d'arafi d'uga gargari imbeekhu. [14] Ammo sagaleeni jajabduuni ta nama gugurdati, ka hubacha argate waan dansaafi hamtu gargari beekhu.
‎➡️Maniin Kiristoo Keessattii Guddaan
‎1. Jireenan Guddanaa
‎ 1 Yoh 2 v 6
‎ 1 Xim 4 v 12
‎2. Amaalan Ykn Adabbaa Guddanaa
‎ 1 Saml 18 v 1
‎ 1 Xim 4 v 12
‎3. Jaalalaan Guddanaa
‎ Efe 5 v 2
‎ 1 Xim 4 v 12
‎4. Dhugeefachaan Guddanaa
‎ 1 Xim 4 v 12
‎ Rom 4 v 18 - 25
‎5. Qulqulluman Guddanaa
‎ 1 phex 1 v 15
‎ 1 Xim 4 v 12
‎ ➡️Guddachuuf Man Godhuu Qabaa
‎1. Kadhaachu Qabaa
‎ Qol 4 v 2
‎2. Dubbii Waaqa Soorachuu Qabaa
‎ Iyasu 1 v 8

SUNDAY MORNING PROGRAM KOOTA EEBBA WAAQA NU WOLLIIN QOODADHA
16/05/2026

SUNDAY MORNING PROGRAM
KOOTA EEBBA WAAQA NU WOLLIIN QOODADHA

Yamamu obboleessa keenna jaallatamaa, lallabaa Wangeela Galma Konisicha, yeroo gaddaa kana keessatti maatii isaa bira ka...
14/05/2026

Yamamu obboleessa keenna jaallatamaa, lallabaa Wangeela Galma Konisicha, yeroo gaddaa kana keessatti maatii isaa bira kadhannaa fi deeggarsaan dhaabachuu keenna itti fufna.

Akkuma kanaan dura ibsameetti, accountiin maatii kana deeggaruuf maqaa armaan gaditiin banameera:

Lookoo Carfii (Haadha warraa)
Haphe Hirboo
Diidaa Carfolee

Baankii: Commercial Bank of Ethiopia (CBE)
Lakkoofsa Herregaa: 1000766469403

Maqaa Waldaa kennaatiin, maatii obboleessa keenna bira waana dandettaniin akka dhaabbattan kabajaaf jaalala guddoo waliin dhaamanna.

Kitaabilleen akkana jechuun nu yaadachiisa:

“Ba’aa walii keessani baadha, akkasiin fedhii(seera) Kiristoo guttani.”
Galaatiyaa 6:2

Waaqii maatii isaa cufa haa jajjabeessu, waldaa isaa haa cimsu, harka jaalalaa fi gara laafinaan kennu cufa haa eebbisu. 🙏

Gadda guddaadhaan, ammas abdii Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin, maqaa EECMY Yaabellootiin, obboleessi keenya jaalla...
13/05/2026

Gadda guddaadhaan, ammas abdii Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin, maqaa EECMY Yaabellootiin, obboleessi keenya jaallatamaa fi tajaajilaan Waaqayyoo, Wangeelaa Galmaa Konsicha, tajaajilaa yeroo guutuu Waldaa Magaalaa Yaabelloo EECMY kan ta’ee fi amanamummaadhaan Suppervaayizara Sagantaa Dabarsa Baadiyyaa ta’ee tajaajilaa ture du’aan boqochuu isaa beeksifna.

Wangeela Galmaa waggoota 13f sagantaalee hafuuraa adda addaa keessatti lallabuu, barsiisuu, duuka bu’ummaa fi tajaajiluudhaan tajaajila Wangeelaaf jireenya isaa dabarseera. Dhukkubsattootaaf dadhabbaa kadhachaa, warra garaan isaanii cabe jajjabeessaa, ofittummaa malee gad of deebisuu, jaalalaa fi amantii hin raafamneen Gooftaa tajaajilaa ture.

Caamsaa 4/09/2018, Wangeela Galmaa balaa daandii gaddisiisaa irra ga’ee Gooftaa wajjin ta’uuf gara manaatti waamame. Garaan keenya keessaa irraa dhukkubsataa kanaan baay'ee kan gadde ta'us, abdii Kiristoos kenneen jajjabina arganna:

“Warri du’an amma booda Gooftaatti du’an eebbifamaa dha.” -Mul'ata 14:13

Jireenyi isaa Waaqayyoo fi saba isaatiif of kennuu, gara laafina fi amanamummaadhaan tajaajiluu isaaf ragaa ture. Sanyii amantii inni dhaabe fi jireenyi inni karaa tajaajila Wangeelaa tuqe dhalootaaf firii godhachuu itti fufa.

Nuti gareen hoggansa EECMY Yabello maatii isaa, firoota isaa, tajaajiltoota isaa, hiriyoota isaa, fi amantoota guddaa kanaaf gaddan hundaaf jajjabina hawwina. Waaqni jajjabina hundumaa qalbii gadde hundumaa jabeessuun nagaa hubannoo caalu nuuf haa kennu.

Fuula Gooftaa amanamummaadhaan tajaajile duratti lubbuun isaa nagaa bara baraan haa boqotu.

Warri isaaf qulqullaa'an du'uun,
ija Waaqayyoo duratti ulfaataa dha.
Faarfannaa 116:15

RIP Wangeela Galmaa Konsicha

RIP EVANGELIST GALMA😭
13/05/2026

RIP EVANGELIST GALMA😭

Kan Ji'a Caamsaa /9FFAA 1/9/2018 -30/9/2018! KITAABA QULQULLUU YEROO HUNDA DUBBISUU AADAA HAA GODHANNU! Namni kalandeera...
11/05/2026

Kan Ji'a Caamsaa /9FFAA 1/9/2018 -30/9/2018! KITAABA QULQULLUU YEROO HUNDA DUBBISUU AADAA HAA GODHANNU! Namni kalandeera kana faana bu'ee dubbise waggaa 4 giddutti wangeela guutuu dubbisee fixu ni danda'a. Kaayyoon Keenya Dhaloota hundaa bira Wangeela Ga'uudha Eebbiffamaa. Akkuma beekamu kalanderii Makana yesuus Hard Copy isaa argachaa turtaniittu; Amma immoo karaa Facebook fi Telegram keenyaan argachuu ni dandeessu.

 .‎Sagantaa Dilbataa Guyaa 02-09-2018 Irrati Waaqi Guddoo Nu Gargaree‎➡️Yeroo Dansaa Nu kene‎         Yeroo kadhanaa‎   ...
10/05/2026

.
‎Sagantaa Dilbataa Guyaa 02-09-2018 Irrati Waaqi Guddoo Nu Gargaree
‎➡️Yeroo Dansaa Nu kene
‎ Yeroo kadhanaa
‎ Yeroo Dubbi Waaqa
‎ Yeroo Waqeefana
‎ Gammadaa Waaqo
‎MAT DUREE
‎👉Haraara Waaqattif Jirtaa
‎ ‭‭2 Korintho‬ ‭4:8‭-‬12‬ ‭
‎[8] Maro heddu nu gaargalchani ammo taka nu imach'arsinne; maro gari irinch'ich'ina ammo taka ufi injibaanne; [9] nyaapa heddu qamna ammo taka jaala ind'amne; maro heddu madoomna ammo taka nu imballeesine. [10] Hojja ch'ufa nafa keenna gubbati duisa Yeso baana, aka jireenni isaa nafa keenna keesati mullatu. [11] Haga jirru ch'ufa diquma maro Kristotiifi indoone, aka jireenni isaa nafa keenna ka duu kana keesati mullatu. [12] Tanaafi dooti nu bira ejiti, ammo jireenni isani bira eja.

WKWW_Makkaanee_Yesuus_Kubbii_Curra_Magaala_Yaaballootti.‎Sagantaa Dilbataa Guyyaa 25-08-2018 Irrati Waaqi Guddoo Nu Garg...
03/05/2026

WKWW_Makkaanee_Yesuus_Kubbii_Curra_Magaala_Yaaballootti.
‎Sagantaa Dilbataa Guyyaa 25-08-2018 Irrati Waaqi Guddoo Nu Gargaarre
‎➡️Yeroo Dansaa Nu kene
‎ Yeroo kadhanaa
‎ Yeroo Dubbi Waaqa
‎ Yeroo Waqeefana

‎MATA DUREE
‎‭‭ ‭‭Bahisa‬ ‭19:10‭-‬14‬ ‭
‎[10] ammalle AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Beeni, gara biyya d'aqi waan jettuuni, Arrafi bori ufi qulqulleesa, woya miich'ad'a. [11] Duuba iftani kurfo taha; wonti akanatiifi guyya suni, ka nami ch'ufti argu, anini gaara Sinai gubbaa d'ufa. [12] Gaara suni woini marsi, seera kayi, waan biyyaani jettu, Ufi eegad'a, gaara iyyaabatiina, hunda gaarale iti ind'iaatiina. Nama tokole ka gaarati d'iaate inijeesani. [13] Waan seera suni dabre gaara t'uqe, nama taanaani, hori taanaani, ka harkaani inqabanne gamati d'akhaani yokhaani t'iyaani ijeesani. Ammo yo magalata d'aani, nami ha gaarati d'iaatu. [14] Duuba Musani gaara ira gadibue waan biyyaani jed'e, Ufi qulqulleesa; duuba biyyiti woya miich'atte.

SUNDAY MORNING PROGRAM KOOTA EEBBA AABBOO WAAQA NU WOLLIIN QOODADHA SAGANTA SANBATAA GUDAA SAGANTAA BALDHAA WAAN QABNUUF...
01/05/2026

SUNDAY MORNING PROGRAM
KOOTA EEBBA AABBOO WAAQA NU WOLLIIN QOODADHA
SAGANTA SANBATAA GUDAA SAGANTAA BALDHAA WAAN QABNUUF KOOTA NUU WOLIIN EEBBAA QOODADHA
YEROO KADHANAA
YEROO WAAQEFFANNA FI
YEROO DUBBII WAAQA BALDHOO

Address

KUBICHURA MEKANE YESUS CHURCH
Yabelo

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ethiopian Evangelical Church Mekane Yesus Kubichura Congregation posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Place Of Worship

Send a message to Ethiopian Evangelical Church Mekane Yesus Kubichura Congregation:

Shortcuts

Share