Kitaabni Qulqulluun Maal jedha? What does Bible say?

Kitaabni Qulqulluun Maal jedha? What does Bible say? Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Kitaabni Qulqulluun Maal jedha? What does Bible say?, Religious organisation, Nek'Emte, Welega.

28/08/2023

Torbee darbe, namittiin sobduun tokko mana koo dhuftee akkas naan jette.
Waaqayyoon siif kadhachuun dhufe. Tole itti fufin jedheen Innis akkas jechuu eegale.
Haalleeluyyaa
dirrii hilibaabaa
Xirrii bili baabaa
Sharlaba baabaabaayaa
Xirrii xalabaabaabaayaa
shantu lama caala
Jalduu mana ijaara
Sharbaxa beeddee
Sa'aan marga deedde
Irri halabaaba
Inni nama yaaba
Dishtaagiinaa elelbaaboo
Hinsaaqiinaa qe'ee abbaa koo
Sharbada habababnooooboooo hebebebebebebeee... uuurraababababaaaabaaaa jedhee ittuma fufe.
Achumaan anis tarii maraateetu Seexanni iyyisiisaa jira ta'innaa?'' jedheen irraa gatsatsuu jalqabe.
Inni immoo Hafuura Qulqulluutu akkas na godha jedhe. Lakki namana Hafuurri Qulqulluun nama hinmaraachu. Seexana Laga Shonxeetu si iyyisiisan jedheen mana kootii ari'adhe.

(1 Qorontos 14 )
------------
27 Namni afaan hin beekamneen dubbatu yoo jiraate, lama yoo baay'ates sadii duwwaa tarreedhaan haa dubbatan; namni tokko immoo isa dubbatame hiikuun irra jira.
28 Namni hiiku yoo jiraachuu dhaabaate garuu, in afaan hin beekamnee dubbatu sun, ofitti, Waaqayyottis haa dubbatu malee, waldaa keessatti hin dubbatin.

27/08/2023

!

Isaan ergamoota qaban sana yaa'ii dura dhaabachiisanii, “Humna maaliitiin yookiis maqaa eenyuutiin kana gootan?” jedhanii gaafatan. Phexros yommus Hafuura Qulqulluudhaan guutamee, “Isin gurguddoota biyyaa maanguddootas kan taatan, amma gochaa gaarii namicha naafa ture kanaaf godhameef, akka inni itti fayyeefis in gaafatamna erga ta'ee, namichi amma fayyaa ta'ee isin dura dhaabatu kun, maqaa Yesus Kristos nama Naazireetiin akka fayye, isin hundumti keessan beekaa! Namoonni Israa'el hundinuus kana haa beekan. Isin Yesusin in fanniftan, in ajjeeftanis; Waaqayyo garuu warra du'an keessaa isa kaase.
Inni kun dhagicha,
isa isin warri ijaartuun tuffattan,
inni garuu dhagaa mataa golee qajeelchu ta'e.
Fayyinnis Yesus Kristos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta'u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne” jedhe.

Hojii Ergamootaa 4:7-12

Sagantaa Fayyinaa Jimaata ganamaarraa kan fudhatame

Waaree Boodas itti fufa

Open Door Christ Int'l Church
Pastor Lola Mergo
Your Door Is Opened!

27/08/2023

KUTAA 334FFAA
KADHANNAA MUSILIIMAA
_______________________________________________
●Fayyuuf dhugaa beekuu otoo hin taanee,dhugaa hubachuu qabda.
“Dhugicha in hubattu; dhugichi birmaduu isin in baasa" jedhe.”
— Yoh. 8:32
___________________________________________
Nagaan Waaqayyoo siinif haa ta'u obboloota koo jaallatamoo.
Namni jedhu ergaa kana dhalootaaf gochun gahee isaa haa bahatu.
AN FAYYEERA.
Amantan Musiliimaa Bari hundeeffama isaa – Bara 610 Dh.K.B tti kan hundeeffamefi adeemsa keessa babal'adhachuu yoo danda'es karaa humna dhugichaan dhalootni baayyee fayyaa turaniruu,ammas fayyutti jiru,borus ni fayyuu.
Akkuma beekamu Salat –Kadhata/ Sagada Musiliimaa dha.Sirni kadhata Musiliimaa yeroo jalqabaatif bu’uureffame. Akka Quraana isa jalqabaatti Musiliimni tokko guyyaatti yeroo 50 sagaduu qaba.Quraanni kun hamma ammaatti yeroo shaniif kan fooyyeffame yoo ta’u, sagada guyyaa guyyaa ilaalchisee fooyya’iinsi godhamaa ture akka armaan gadiitti dhiyaatee jira:
2. Quraanni jalqabaa –Salat 50 abbooma.
3. Quraanni lammaffaan –Salat 45 tti fooyyesse.
4. Quraanni sadaffaan –Salat 25 tti gadi bute.
5. Quraanni arfaffaan –Salat 10 tti fooyyesse.
6. Quraanni inni shanaffaan (inni amma hojjechaa jiru) –Salat 5 ofa taasise.
Kanaafuu har’a Musiliimni tokko guyyaatti yeroo shan sagaduuf dirqama qaba.
Hubadhaa, kadhannan otoo hin taanee, hojjii nama .Baay’inni deddeebii sagadaa kun (50) irraa ka’ee bultiidhaan gara (5)tti gadi bu’e. Sababni isaa “amantoonni seera kana ni dadhabu, itti cimuu danda’a, yeroo itti cimutti immoo seera shari’a cabsu” jedhamee sisirreeffamaa dhufe jechuu dha.
Musliimni tokko guyyaatti (sa’a 24 keessatti) yeroo shan sagada.Yeroon kun namoota guutummaa addunyaa irra jiraniif tokkicha.

▪︎Isaanis:...
a. Ganama barii (sa’a 11:00). Fajr
b. Walakkaa guyyaa irraa xiqqoo dabarsanii (6:45). Dhuhr/ zuhr
c. Waaree booda (9:45). Asr
d. Akkuma biiftuun Lixxeen (12:45) [galgala keessaa]. Maghrib
e. Halkan (7:45) [galgala keessaa]. Isha
Gaaffiin ijo as keessatti...?
1,Imaammata Kadhannaa – Imaammanni kadhataa (Salat) yeroo shan jijjiiramee,guyyaatti yeroo 50 kan kadhatamu gara 5 qofaatti gadi bu’uu isaa?
●Kana jechuun Waaqa imaammatan jijjiiramuttu jira jechu dha.
Macaafa Qulqulluu keessatti enyuu illee macaafa qulqulluu irratti yoo waa dabaleee fi yoo waa hirdhise addaba dhahichaa akka argatu macaafni ragaa nuuf baha.
Waa itti dabalaan👉👇
"...Namni dubbii kanatti yoo waa ,Waaqayyo isaa irratti dha'icha waa'een isaanii kana keessatti caafaman isatti jira.”
— Mul. 22:18
Waa irra hirdhifnaan👉👇
“Namni dubbii macaafa kana keessatti raajii dubbatame irraa yoo waa 'ise immoo, Waaqayyo muka jireenya kennuu fi mandarattii qulqulluu waa'een isaanii macaafa kana keessatti caafaman keessaa isaa 'isuuf jira.”
— Mul. 22:19
Kanaafuu macaafni gad cicciramee akka namaaf ta'utti barreeffame kun macaafa jireenyatti jedhame itti hin Amanamuu.
Kan itti Amananuu dha.wangeeli immoo waaqa dha.
2xim 3;16.
2,Kadhanna sa'aatii irratti hunda'a moo Amantii irratti hunda'a?
Dhugaa jiru tokko yoo jiraatte kadhannaan guyyaatti shan kadhachuu ykn shantama kadhachuu miti.
Kadhannan seera kadhannaa baafamen kadhachuu miti.
Kadhanna guyyaa yeroo sadii fi isaa ol kuftee ka'uu miti.
●Kadhannaan yaada Waaqayyoo beeku dha.
Guyyaatti sa'aatin gargar hiramee waan kadhatameef kadhannaan hin dagamuu,sababin isaa otoo hin kadhatin enyuu akka kadhatamuu fi maaliif akka kadhatamu adda baasanii beekun baayyee murteessaadha.
“"Yeroo akka warra saba Waaqayyoo hin ta'inii, dubbii waa'ee hin baafne keessa hin deddeebi'inaa! 'ina_dubbii isaaniitiif waan isaaniif 'amu isaanitti .”
— Mat. 6:7
Kadhannan Baay’ina jechaa,Baay’ina kadhannaa otoo hin taanee,baay'ina dha.
Kanaafuu otoo hin Amanin guyyaatti shanis sagadi shantamas sagadii nagaa Oolte jechuudha.
-Amantiin immoo yesuus dha.
-Amantii malee Waaqayyon gammachiisu hin dandeessu.
“Amantii malee immoo Waaqayyoon gammachiisuun hin danda'amu. Eenyu illee Waaqayyootti dhi'aachuu yoo barbaade, inni akka jiru, warra isa barbaadaniifis gatii isaanii akka kennuuf amanuun isa irra jira.”
— Ibr. 11:6
Walumaagalatti obbolootni keenya Hordooftoota kan taataa gara isa tola nama jaallatuu,gara isaatti guyyatti si'a Shan saduu malee sin hin jennee,gara tolan fayyifamuun bira jiru,fayyisaa ilmaan namootaa isa ta'e gara Almasii hiisaatti akka dhuftan waamicha kooti.
○Gara yesuus/Almasii hisaan kan dhufu hin beela'u,hin dheebotu.
“yommus Yesus, "Ana buddeenni jireenyaa, gara koo kan dhufu hin beela'u, kan anatti amanus matumaa hin dheebotu.”
— Yoh. 6:35

AMEN EEBBIFAMAA

Suuraan Prophetic Motuma Merzo jabaa koo Eebbifami Gatiin kee guddaa dha.

YESUUS NI DHUFA

" "Egaa yeroo sanatti namni, 'Ilaa Masiihiin as jira' yookiis 'Achi jira' yoo isiniin jedhe hin amaninaa!" (Maatewos 24:...
27/08/2023

" "Egaa yeroo sanatti namni, 'Ilaa Masiihiin as jira' yookiis 'Achi jira' yoo isiniin jedhe hin amaninaa!"
(Maatewos 24: 23)

27/08/2023

Yesus Kiristos Uumadha Waaqadha💪
Labsichi shaarameera!
==========================-=====
Obboleessi keenya Sisay Badhadhaa Wajjin turtiin goone nuf milkaa'era!. Wan hunduma irratti sa'ati dheeradhaf erga haasofne Waaqayyoo abba keenya isaa araara qabeessa kadhanneefi Obboleessi keenyas laphee cabaadhan yaada garaa isaa geeddarateera. Yaada bal'a fuula fi dhan qabannee dhufna ammaaf kanuma jenna

Hub: Namoonni comment barreessitan amma Waaqayyon galateeffachuufi obboleessa keenyaa jajabeessu qofatu isinirra eegama. Comment hamaa barreessun hin danda'amu.
Yesus Uumaadha jechun labsaa

Ibsa bal'a galgala kana karaa tiktok 👉 "Eva Abduselam" live nu eegaa!

kana namni k**a arge hundumtuu haa godhu!

Immimman Gammachuutu na dursa😭
Wam hundumaaf Umaankoo haa galatoomu!

"Waaqayyo, "Ani matumaa si hin dadhabu, si hin buusus!" jedheera.”
Heb 13:5

👉Luq. 15:⁸ Itti dabalee immoo, "Dubartiin tokko meetii kudhan qabdi; kurnan sana keessaa tokko yoo bade, ibsaa ibsitee mana ishee hartee, hamma argattutti dhimmitee in barbaaddi mitii ree?
⁹ Yommuu argattus firoota isheetii fi olloota ishee waamtee, 'Meetii koo isa na duraa bade waanan argadheef anaaf gammadaa!' in jettiin.
¹⁰ Akkuma kanatti cubbamaan tokko yaada garaa isaa geddaratee, gara Waaqayyootti yommuu deei'u, ergamoonni Waaqayyoo akka itti gammadan isinittan hima" jedhe.

22/08/2023

Yesus Kiristos Uumadha Waaqadha💪
'eera 🙏
==========================-=====
Obboleessi keenya Sisay Badhadhaa Wajjin turtiin goone nuf milkaa'era!. Wan hunduma irratti sa'ati dheeradhaf erga haasofne Waaqayyoo abba keenya isaa araara qabeessa kadhanneefi Obboleessi keenyas laphee cabaadhan yaada garaa isaa geeddarateera. Yaada bal'a fuula fi dhan qabannee dhufna ammaaf kanuma jenna

Hub: Namoonni comment barreessitan amma Waaqayyon galateeffachuufi obboleessa keenyaa jajabeessu qofatu isinirra eegama. Comment hamaa barreessun hin danda'amu.
Yesus Uumaadha jechun labsaa

Ibsa bal'a galgala kana karaa tiktok Eva Abduselam live nu eegaa!

kana namni k**a arge hundumtuu haa godhu!

Immimman Gammachuutu na dursa😭
Wam hundumaaf Umaankoo haa galatoomu!

"Waaqayyo, "Ani matumaa si hin dadhabu, si hin buusus!" jedheera.”
Heb 13:5

👉Luq. 15:⁸ Itti dabalee immoo, "Dubartiin tokko meetii kudhan qabdi; kurnan sana keessaa tokko yoo bade, ibsaa ibsitee mana ishee hartee, hamma argattutti dhimmitee in barbaaddi mitii ree?
⁹ Yommuu argattus firoota isheetii fi olloota ishee waamtee, 'Meetii koo isa na duraa bade waanan argadheef anaaf gammadaa!' in jettiin.
¹⁰ Akkuma kanatti cubbamaan tokko yaada garaa isaa geddaratee, gara Waaqayyootti yommuu deei'u, ergamoonni Waaqayyoo akka itti gammadan isinittan hima" jedhe.

21/08/2023

!
Obboleessa koo jaallatamaa kanaa wajjin yeroo garagaraa iddoo garagaraatti hojii Waaqayyoo hojjenneerra. Jaalala inni Gooftaa isaaf qabu ture fi hojii Wangeela Gooftaa keenya Yesuus Kristoos babal’isuu keessatti gatii innii kaffalaa ture qajeelcheen beeka.
Egaa, Addunyaan kun bofa summii cirriiqfattu fi ajjeeftuu dha. Maaltu murtoo du’aa akkasiif akka isa saaxile hibboo kooti.

!
1️⃣. Siisayiif
Gooftaan ati dargaggummaa kee aarsitee lafa onaa keessa joorteef har’as jaalallisaa hin jijjiiramne. Deebi’ii koottu! 🥲
Luqaas 15:11-32
Ermiyaas 8:4

2️⃣. Warra isa qeeqaa fi arrabsaa jirruuf:
Nuti eenyu?
1 Qor 10: 12 Kanaafis namni dhaabatee waan jiru itti fakkaatu, akka hin kufneef of haa eeggatu.
Ofii keenya haa ilaallu, Isa arrabsuu fi qeequu dhiifnee haa kadhannuuf!

3️⃣. Warra akka waan inni sirrii godheetti miidiyaa hawaasaa macheessaa jirtaniif:
Yohannis 14:6
Yesus deebisee, “Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu.
Yohannis 3:16-23
!

21/08/2023

" O earth, earth, earth, hear the word of the LORD."
(Jeremiah 22: 29)

21/08/2023

" Yaa lafaa! Yaa lafaa! Yaa lafaa! Dubbii Waaqayyoo dhaga'i!"
(Macaafa Ermiyaas Raajichaa 22: 29)

Address

Nek'Emte
Welega

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kitaabni Qulqulluun Maal jedha? What does Bible say? posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share