19/09/2026
Abbaan Taayitaa Barnootaa fi Leenjii Barattoota Ulaagaa Seensa Dhaabbilee Olaanoo Osoo Hin Guutin Galmaa'an Akeekkachiise
Abbaan Taayitaa Barnootaa fi Leenjii Itoophiyaa, barattoonni sagantaa digrii jalqabaa fi digrii lammaffaatiin dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti galmaa'uu barbaadan kamiyyuu, ulaagaalee seensaa barbaachisu hunda guutuu akka qaban akeekkachiiseera. Akka ibsa abbaa taayitichaatti, barattoonni sagantaa digrii jalqabaatiif galmaa'an qabxii darbiinsaa seensa yuunivarsiitii Ministeerri Barnootaa bara barnootichaa sanaaf ifoomse guutanii argamuu qabu.
Gama biraatiin, eebbifamtoonni dhaabbilee barnootaa fi leenjii teeknikaa fi ogummaa (TVET) irraa dhufan, gosa barnootaa leenji'aniin sadarkaa afuraffaa (Level 4) ykn sirna kanaan duraatiin dippiloomaa 10+3 ykn 12+2 xumuruu akka qaban ibsameera. Kana malees, qormaata mirkaneessa gahumsa ogummaa sadarkaa afuraffaa (COC Level 4) fudhatanii darbuu isaaniitiif ragaa qabatamaa dhiyeessuun dirqama ta'uu ifoomeera. Dabalataanis, barattoonni sagantaa digrii lammaffaatiif galmaa'uu barbaadan ragaa barnoota digrii jalqabaa seera-qabeessummaan isaa abbaa taayitichaatiin mirkanaa'e dhiyeessuu akka qaban hubachiifameera.
Akkasumas, barattoonni digrii lammaffaaf iyyatan kunniin qabxii darbiinsaa qormaata seensa eebbifamtootaa biyyaalessaa (NGAT) kan qaban ta'uu qabu. Ragaaleen barnootaa biyya alaa irraa dhufan immoo ulaagaa seensaaf tajaajiluu kan danda'an erga abbaa taayitichaan madaalliin wal-gitummaa hojjetameefii booda qofa akka ta'e ibsameera. Abbaan taayitichaa dhumarratti, qajeelfamoota ifa ta'an kanaan ala barattoonni galmaa'anii baratan kamiyyuu, itti gaafatamummaan isaa guutummaatti kan barattootaa fi dhaabbilee simatanii qofa akka ta'e cimsee akeekkachiiseera.
Odeeffannoo hatattamaaf karaa Teelegiraamaa nu hordofaa.
Telegram channel 👇https://t.me/+CwXjiEQnpgwwMTc0
Telegram group 👇https://t.me/+GwlQaNeoumkzZWY0
join gochuun beeksisa hojii garaagaraa hordofaa!