02/03/2022
SEEXANA 2FFAA
=============================
Meeshaan gaditti agartan kun "Gaasa Dhangalaa'aa Misaayeela Niwukileraa Seexana 2ffaa" jedhama.
Meeshaa balaafamaa kana kan oomishte Raashiyaa yoo taatu, maqaa kanas ishedhumatu itti moggaase. Beektota golee addunyaa mara jiraniif mata dhukkubbii guddaa ta'eera. Sababni isaa meeshaan Seexana 2ffaa jedhamu kun ariitii saffisa ifaan wal-qixa addunyaa kana marsee abdii jiruuf jireenya ilmoo namaa dachee kana irra jiraatuu duwwaa gochuu kan danda'uudha.
Raashiyaan yeroo ammaa biyyoonni gama lixaas ta'e NATO'n dhimma koo keessa seennaan seenaa ta'ee hin beekne hojjechuuf qoophiidha jechuun "Seexana 2ffaa" kana addunyaatti agarsiiftee dhaadataa jirti.
NATO'n yeroo ammaa gara baha Awurooppaatti waraana 40, 000 ergee jira. Isaan keessaa 8, 000 waraana Ameerikaati.
Ammas garaagarummaa ergamtoota bineensichaa kana jidduutti dhalateen Waraanni Addunyaa 3ffaan ka'uuf qarqararra jira. Bineensichi guddisa isa kanneenitti dhimma ba'ee egeree jiruuf jireenya dhalli namaa lafa kana irraa qabu golgoleessuuf kaataa jira. Imalli gara addunyaa haaraa bineensichi hundeessuuf xaaraa jiruutti.
Namni kamuu dagachuu kan hin qabne lolli kun lola siyaasaa, amantaa ykn kan biroo miti. Lola hundeeffama addunyaa haaraa bineensichi ijoollee isaatti dhimma ba'ee taasisaa jiruuti. Garaagarummaan ijoollee bineensichaa kana jidduu jiru kaayyoo bineensichaa milkeessuuf malee fashalsuuf miti. Kun ammoo haxxummaa dhala namaa utuu hin taane kan Seexanichaati.
Ba'iin wal-dhabdee kanaa ammoo dhufaatii mormituu Kristoos isa gara dhumaaf karaa saaqa. Kaayyoon warraaqsa ijoollee bineensichaas kanumaafi.
Qophaa'ummaan ijoollee Kristoos sadarkaa kam irra jira? Addunyaan akka kaleessaatii? Waawuu! Addunyaan bifa jijjiirrachuun ijoollee Waaqayyoo loluuf harka ol fudhataa jirti. Yeroon kana booda jiru yeroo ariiyatamnii fi qoramsi guddaan ijoollee Waaqayyoo irratti banamuudha. Kunis kan barreeffame haa raawwatamuuf waantonni hedduun ni ta'u. Hirriba rafaa jiru keessaa dammaqee waan addunyaan itti jirtu kana eenyutu yaadaan qabe? Yerottiin yoo du'i dhufellee Kristoos waliin hafuudhaaf yeroo itti jabaatanii humna ofii haareffachuun galgala ofii yaadaniidha.
Jabaadhaa! Yesuus ni dhufa!
“Dhiphina isa sitti dhufuuf jiru hin sodaatin!.....du'a yoo sitti fide iyyuu, ati hamma du'aatti amanamaa ta'i! Ani immoo gonfoo ittiin jireenya argatan siifan kenna.”
— Mul. 2:10
Via_Olifan_Merga
=========================