Tokkummaa Dhuga Baatota Wangeelaa

Tokkummaa Dhuga Baatota Wangeelaa Sagalee misiraachoo Isa ta'e Wangeela Kiristoos namoota hundumaa biran ga’uuf Nuyi afaan Kiristoos taanee ergamneera! (2Qor 5:18-21).

Kiristoosiin qabaannaan Jireenya Bara Baraa Qabda (1Yoh 5:11-12).

SEENAA GOOTA WANGEELAA JOOHN WIKILIIF👉 Joon Wiikiliif (John Wycliffe) naannoo bara 1328–1384 tti nama tureedha.Joony Wii...
03/08/2026

SEENAA GOOTA WANGEELAA JOOHN WIKILIIF

👉 Joon Wiikiliif (John Wycliffe) naannoo bara 1328–1384 tti nama tureedha.
Joony Wiikiliif luba Kaatolikii Ingilizii, barsiisaa Yunivarsiitii Ooksfoordii fi mootummaa waldaa kiristaanaa keessatti nama warraaqsa haaromsaa jalqabaa ture. Inni yeroo baay'ee "Urjii Ganamaa Haaromsa Kiristaanaa" jedhamee waamama. Macaafa Qulqulluu guutuu yeroo jalqabaatiif Afaan Ingiliffaatti hiikuu keessatti gahee guddaa qabaatee, qabeenya, aangoo fi barsiisa bu'uuraa Waldaa Kaatolikii bara giddu-galeessaa morme.
••••••••••••🌿🌿🌿•••••••••••••••••
🥀 Jireenya Jalqabaa fi Hojii Isaa ilaalchisee
Dhalootni isaa Naannoo bara 1328, Yorkshire, Ingilizii keessatti dhalate.
Barnoota isaa ilaalchisee Yunivarsiitii Ooksfoordii keessatti baratee, digrii olaanaa (Doctor of Divinity) argate. Achittis barsiisaa beekamaa falaasamaa fi ti'ooloojii ta'ee tajaajile.
•••••••••••••🌿🌿🌿••••••••••••••••••
🥀 Gaheen isaa Luba mootummaa naannoo tokkoo ta'ee tajaajilaa ture; mootummaa Ingilizii gorsaa ta'uunis aangoo fi qabeenya Phaaphaasii daangessuuf gargaare.
Hojii fi Amantii Isaa
Hiika Macaafa Qulqulluu: Bara 1380moota keessa Macaafa Qulqulluu guutuu yeroo jalqabaatiif Afaan Laatiin irraa gara Afaan Ingiliffaatti hiikuu qindeessee keessatti hirmaate. Kaayyoon isaa namoonni hundi Dubbii Waaqayyoo afaan ofii isaaniitiin akka dubbisan ture.
🥀 Aangoo Waldaa Morme: Phaaphaasiin yookaan duudhaan waldaa utuu hin taane, Macaafni Qulqulluu qofatu mootummaa olaanaa Kiristaanotaaf ta'uu qaba jedhee barsiise.
•••••••••••••🌿🌿🌿••••••••••••••••••
🥀 Barsiisota Morme: Qabeenya waldaa, gurgurtaa araaraa (indulgences), qulqulloota kadhachuu fi barsiisa Transubstantiation (buddeennii fi daadhiin Ayyaana Gooftaa dhugumaan foonii fi dhiiga Kiristoos ta'u jedhu) ni morme.
Lolaarz (Lollards): Barattoonni fi lallabdoonni isa hordofan Lolaarz jedhaman. Isaan yaada haaromsaa isaa guutuu Ingilizii keessatti lallabanii, Macaafa Qulqulluu Afaan Ingiliffaa harkaan garagalchanii uummataaf raabsan.
Murtii Waldaa:ilaalchisee Yeroo lubbuun jiru keessatti akka nama amantii irraa goreetti himatame. Bara 1415 keessa Walga'ii Konistaans (Council of Constance) irratti du'ee boodas akka heretic ta'etti murtaa'e. Kanaafis bara 1428 keessa lafeen isaa boolla awwaalchaa keessaa baafamanii gubaman.
•••••••••••🌿🌿🌿••••••••••••••••••
🥀 Dhiibbaa Isaa: Barsiisni isaa fi hojii hiika Macaafa Qulqulluu afaan uummataatti dhiyeessuu isaa, haaromsitoota mootummaa Kiristaanaa boodaa akka Martin Luther irratti dhiibbaa guddaa geessise.
Joony Wiikiliif seenaa Kiristaanaa keessatti nama jalqaba keessaa tokko ta'ee, namoonni Dubbii Waaqayyoo afaan isaanii keessatti akka dubbisanii hubatan cimsuun haaromsa mootummaa Kiristaanaa keessatti gahee guddaa qabaate.

😭😭😭😭😭😭Luba kana Waldaa keessatti ibiddaan gubanii Ajjeessani.  Yesuusiif wareegame. Luba Hisqeel Rigaat jedhama. Guyyaa ...
20/07/2026

😭😭😭😭😭😭
Luba kana Waldaa keessatti ibiddaan gubanii Ajjeessani.
Yesuusiif wareegame. Luba Hisqeel Rigaat jedhama. Guyyaa sana (bara 2023), sagalee rasaasaa tu biyya Naayijeeriyaa keessaa naannoo lubni kun jiraatan sana goole.

Namni hunduu inni humna qabu baqatee fiige. Lubni kun garuu mana waldaa keessatti, iddoo aarsaatti ol dhi'aatanii jilbeenfatanii Waaqayyoon kadhachaa jiru turani.

Shororkeessitoonni Islaamaa gara waldaa sanaa deemuun Luba kanaa fi waldicha walumatti gubani. Kristiyaanonni akkasitti ari'atama keessatti lubbuu isaanii hamma kennanitti amantii isaanitti jabaatanii dhaabbachaa jiru. Abdii Yesus kenne keessaa warra qooda qabani dha! 😭
Keenyaa Faayidaaf Gandummaan Walgubee waldaa diigaa,Warri Biyya ormaa Waldaa wajjiin gubata.
Amantoota Naayijeeriyaa haa kadhannu.

🌿 QEEQNI HUNDI DHUGAA MITI...Yeroo ati tarkaanfii haaraa jalqabdu, namoonni hundi siif harka hin rukutan. Tokko tokko si...
03/07/2026

🌿 QEEQNI HUNDI DHUGAA MITI...

Yeroo ati tarkaanfii haaraa jalqabdu, namoonni hundi siif harka hin rukutan. Tokko tokko si qeequ, kaan si arrabsu, kaan immoo osoo hojii kee sirriitti hin hubatin murtii si irratti kennu.

Kun garuu waan haaraa miti.
Namni waa hojjatu qofa jechuun qeeqama. Namni homaa hin hojjenne immoo qeeqamuuf illee hin mul'atu.
Jireenya keessatti nama hunda gammachiisuun hin danda'amu. Yoo jecha nama hunda duukaa buute, kaayyoo kee irraa fagaatta. Yoo kaayyoo kee duukaa buute garuu, guyyaan tokko hojii keetu nama hundaaf deebii ta'a.

Yeroo baay'ee namoonni milkaa'ina kee osoo hin argin dura si tuffatu; yeroo milkoofte immoo hojii kee fakkeessu jalqabu. Kanaaf, qeeqaaf deebii kennuu irra, hojii kee cimsuun filannoo gaarii dha.
Obsaan deemi. Gad jechuun hin kufin. Arrabsoo irraa jibba hin baratin; obsaa fi ogummaa baradhu. Namni har'a si qeequ boru jijjiiramuu danda'a; ati garuu amala kee gaarii hin jijjiirin.

Yaadadhu; Warqeen ibidda keessa darbuun qulqullina ishee hin dhabu, warqee ta'uu ishee mirkaneeffatti. Namnis rakkoo fi qormaata keessa darbuun eenyummaa isaa agarsiisa.
Namni kaayyoo qabu sagalee qeeqaa caalaa sagalee sammuu isaa dhaggeeffata. Milkaa'inni guddaan yeroo baay'ee karaa obsaa, hojii cimaa fi ofitti amanamummaa keessa darba.

✍️ Jecha Ijoo: "Hojii keetu deebii guddaa dha. Yeroon dhugaa ni mul'isa; obsi immoo nama dhugaa bakka yaade geessa."
#
Devokoo Lafti bariidha jabaadhu Milkaa'i haadhokoo🤌❤Challenge accepted✋

💥Gospel time 💥💥
13/06/2026

💥Gospel time 💥💥



“Yesus isa amantii keenya jalqabee fiixaan baasu sanattii ija hin buqqifannu.   — Ibr. 12:2
13/06/2026

“Yesus isa amantii keenya jalqabee fiixaan baasu sanattii ija hin buqqifannu.
— Ibr. 12:2

“Yesus itti fufee, "Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba'aanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani b...
29/05/2026

“Yesus itti fufee, "Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba'aanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna.”
— Mat. 11:28

Sagalee misiraachoo Isa ta'e Wangeela Kiristoos namoota hundumaa biran ga’uuf Nuyi afaan Kiristoos taanee ergamneera! (2...
28/05/2026

Sagalee misiraachoo Isa ta'e Wangeela Kiristoos namoota hundumaa biran ga’uuf Nuyi afaan Kiristoos taanee ergamneera! (2Qor 5:18-21).
Kiristoosiin qabaannaan Jireenya Bara Baraa Qabda (1Yoh 5:11-12).

Address

Sebeta
JESUSCHRIST

Telephone

+251935509945

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Tokkummaa Dhuga Baatota Wangeelaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share