16/12/2024
Leenjiin Marsaa 3ffaa Hoggantoota Walda kename.
@@@@@@@@@@@@@@@@
Muddee 06/04/2017 Wahda post
Leenjiin Hoggantoota waldaa Wahda Islamic Association kenemaa jiru akkuma itti fufeen jira. Guyyaa hadha waajjira Waldaa haaraa Magaalaa Saaguree Gamoo waldaa Barsiisotaafi Hojjjatoota Aanaa D/Xiijoo darbii 1ffaa argamu irratti obbo Mubarak Abdurahmaniin leenjiin dhimma Qajeelfam Dambii ittiin bulmaata Haarawaa irratti leenjiin kennamee jira. Leenjichi akkaata itti fayadaama Aangoo fi itti fayyadama Faaynaansii akkasumas hoggansa bu’aa qabeessaafi jiijjiirama guddaa galmeesiisuuf danda’u irratti gadi fageenyaan kan ibsame yoo ta’u hoggansi kamuu akkaataa Dambii ittiin bulmaata ajajuun hojii isaanii akka hojjataniif ibsame jira.
Kana maleessa hogganaan waldicha Sh/Abdurrahmaan Huseen haasawa godhaniin Hoggansii Qajeelfamaafi beekumsa yeroon barbaadu qabatee hojjatu jijjiirama arifachiisa fiduu akka danda’u fi hoggansii keenya hawaasa keenyaaf bu’a guddaa kan irra eegamu waan ta’eef cimee hojjachuu qabasa jedhani jiru.
Akkasuma Hirmaattoon leenjii kana yaada kan kennan yoo ta’uu leenjicha irraa beekumsa gaarii akka fudhataniifi qajeeltoo hojii akka ta’eefi kan duraa caalaa ciman hojjachuuf waada seenani jiru.
Sagantaan sh/Sa’id Muhammad Qura’aanaan kan baname yoo ta’u Du’aaiin Cufamee jira.