11/04/2022
!!!
Ati namaan kunuunfamuu moo,
Biqiltuu dacheen kunuunfamu?
Biqiltuu🍍 ofii keeti manatti meeshaa waa'ii keessatti Mana kee jela keessee guddistu tokko yaadi. sun kunuunsa kee(namaa) barbaaddi. biqiltuun sun harka kee jirti. bishaan obaasus, dhiisus ni dandeessa. yoo obbaastee, kunuunsite ni guddatti. yoo akkas gochuu baatte ni gogdi. Harka namaarraa Guddachuuf eeggatti .
dhaabbatte jirtu garuu akkas miti. waan ishiif barbaachisuu muraasa duwwaa osoo hintaane hundasaa dacheerraa argatti. bishaan samiirraa roobafi. waa kamittu hin hirkattu uumaan ishii akka ishiin hin hirkannetti ishiii tolchee uumeefi😁.
har'as jireenya keenya akkasi laata? Birmadummaan KRISTOOS arganne hundeen isaa kristoosidha. Isarratti yoo ijaarramne waan biraa nu barbaachisu Kan nu magarsu, Kan lubbuu nutti horee nu guddisu, waan isarraa argannuudha.
Akka Biqiltuu harkaa namaan guddattu kristoosin harkaa eenyurrayyuu hin eeggannu. Inni nuuf waan hunda keenyadha. Kuni birmadummaa arganne.
Namoonni tokko tokko Biqiltuu Mana namaa jela ta'anii jiran natti fakkaatum.
Yoo bishaan badeeho? 😁
Bishaan ormaa hin eegatin Guddachuuf.
" Isuma dur kaa'ame sana malee homtinuu hundee biraa kaa'uu hin danda'u; hundeen dur kaa'ame sunis Yesus Kristos."
(1 Qorontos 3: 11)
👇👇👇👇👇
👉👉👉👉
on telegram .