15/02/2021
Mul. 21
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
❝¹ Kana booddees, ani bantii waaqaa haaraadhaa fi lafa haaraa nan arge; bantiin waaqaa inni duraa, lafti inni duraas darbaniiru, galaannis deebi'ee hin argamu.
² Yerusaalem mandarri qulqullittiin isheen haaraan, Waaqayyo biraa bantii waaqaa keessaa, akka misirroo dhirsa isheetiif, kuulamteetti, qophooftee utuu gad buutuu nan arge.
³ Yommus ani sagalee guddaa tokko nan dhaga'e; innis teessoo sana biraa, "Kunoo, iddoon Waaqayyo buufatu namoota gidduu dha, inni isaan bira buufachuuf jira, isaanis saba isaa ta'uuf jiru; Waaqayyo ofii isaa isaanii wajjin jiraachuuf jira, Waaqayyo isaaniis ta'uuf jira.
⁴ Inni imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebi'ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si'achi hin jiru!" jedhe.
⁵ Inni teessoo irra taa'e immoo, "Kunoo ani waan hundumaa haaraa nan godha!" jedhe; itti dabalees, "Dubbiin kun amanamaa, dhugaas waan ta'eef, kana caafi!" naan jedhe.
⁶ Akkasumas "Ta'eera! Ani Alfaa dha, Omeegaa dhas, isa jalqabaa ti, isa dhumaa tis; ani isa dheeboteef burqituu bishaan isa jireenya kennuu irraa tola nan kennaaf.
⁷ Inni mo'u kana itti darbee argachuuf jira; ani Waaqayyo isaa nan ta'a, innis ilma koo in ta'a.❞