02/10/2022
Waantiyyaa Solomoon jedhamti. Rakkoo maatii keessatti uumameen umrii waggaa 13tti karaatti baate. Umurii waggaa 14tti ulfooftee haadha mucaa taate. Akka isheen deesse abbaatti himnaan โsaanduqa reeffaa nan ergaโ kanuman ishii gargaaruu dandaโa jedhe. Haadhatti bilbillaan โyoo isheen duute bulchiinsi magaalaa haa awwaaluโ jettee deebisteef. Bara abbaan dhalatti bineensa taโu, bara haati dhala isheetti bineensa taatu bara hamtuu keessa Jirra jara keenyaa.
Kunoo ilaalaa, mucaatu mucaa baata. Akkaataa itti mucaa baatan illee ogeessota fayyaatu itti agarsiise. Kana irratti dhibee garaagaraatiin rakkatti. Maqaan mucaa ishee immoo Kennaadha. Kan bubbule raajii arga, Bara itti hamminni, jallinni, jibbi dagaagee hundee gad fageeffatee amma immoo daraaree ija godhate keessa jirra. Baroota keessatti Namni hamaan, hamminnis inuma jira, kan akka bara keenyaa kun garuu โฆani hin beeku!
Waaqayyo araara nuuf haa godhu, qalbiin keenyas gara wangeelaatti haa deebiโu. bakka sodaan waaqayyoo hin jirre kunoo jallina taaโanii dhaggeeffachuudhaaf gurratti ulfaatu akkas akkasiitu taโa. Waaqayyoo araara nuuf haa godhu.
Bikila K.