Waldaa Masarata Kiristoos Naqamtee Daaloo

Waldaa Masarata Kiristoos Naqamtee Daaloo “Isuma dur kaa'ame sana malee homtinuu hundee biraa kaa'uu hin danda'u; hundeen dur kaa'ame sunis Yesus Kristos.”
— 1Qor. 3:11

12/07/2026

Guyyaa,5/11/2018
W/M/K/Naqamtee

🎤 Lallabaan:B/saa Teshome Tafase
🔉 Geggeessaan:Siifan Aagaa
*Egaa akka Waaqayyo humna siif kennetti, wangeelaaf rakkachuu keessaa qooda qabaadhu malee, gooftaa keenyaaf dhugaa ba'uu, waa'ee koo isa ani sababii Kristosiif jedhee hidhames hin yeella'in*!
2Xim;1:8
⁉️
*Ana dura gara Giilgalitti gad bu'i! Kunoo, ani kennaa gubamuu fi qalma araaraa dhi'eessuudhaaf gara kee nan dhufa; hamma ani dhufee waan ati gootu sitti himutti guyyaa torbaaf na eegi!” jedhe*
1Sam;10:8
*Kana booddee Saa'ol, akkuma Saamu'elii wajjin dhaaba qabu turanitti guyyaa torba isa in eege; Saamu'el garuu akka dhaaba isaatiitti gara Giilgal hin dhufne; namoonni Saa'ol immoo kophaatti isa dhiisanii in tatamsa'an*. Yeroo sanatti Saa'ol, “Qalma gubamuu fi qalma araaraa anatti fidaa!” jedhee, qalmicha gubamu qalee in dhi'eesse. Akkuma inni qalmicha gubamu sana dhi'eessee raawwateen Saamu'el in dhufe; yommus Saa'ol nagaa gaafatee isa simachuudhaaf gad itti in ba'e. Saamu'el kana booddee Saa'oliin, “Ati maal hojjechaa oolte?” jedhee in gaafate; Saa'ol immoo deebisee, “Ati guyyaa dhaaba keenyaatti hin dhufne; namoonni ana dhiisanii in tatamsa'an; Filisxeemonni immoo Miikmaash*tti walitti in qabaman. Ani immoo, ‘Amma utuman fuula Waaqayyoo duratti dhi'aadhee hin araarfatin Filisxeemonni Giilgalitti gad bu'anii ana in rukutu ta'a’ jedhee yaaduu irraa kan ka'en ijuma jabaadhee qalma gubamu kana dhi'eesse” jedhe. Saamu'el yommus Saa'oliin, “Abboommii Waaqayyo gooftaan kee si abboome eeguu dhiiftee gowwummaadhaan kana hojjette malee, abboommii isaa utuu eegdee jiraattee, har'a Waaqayyo mootummaa kee Israa'el irratti bara baraan siif in jabeessa ture. Amma garuu waan Waaqayyo si abboome sababii hin eeginiif mootummaan kee jabaatee hin dhaabatu; Waaqayyo nama akka garaa isaatii barbaaddatee, geggeessituu saba isaatii godhee dhaabbateera” jedhe*.
1Sam;13:8-14
1Sam;13:8-14
1Sam:15¹-³⁴ Dubbisaa
1️⃣ Mootummaa Waaqayyoof qoohaawuu Akka hin dandeenye nama taasisa.
*Saamu'el yommus Saa'oliin, “Abboommii Waaqayyo gooftaan kee si abboome eeguu dhiiftee gowwummaadhaan kana hojjette malee, abboommii isaa utuu eegdee jiraattee, har'a Waaqayyo mootummaa kee Israa'el irratti bara baraan siif in jabeessa ture.
1Sam;13:13
2️⃣ Waaqayyo nu dhiisee nama Akka garaa isaa Akka dhaabbatu/Fo'atu nana taasisa.
*Amma garuu waan Waaqayyo si abboome sababii hin eeginiif mootummaan kee jabaatee hin dhaabatu; Waaqayyo nama akka garaa isaatii barbaaddatee, geggeessituu saba isaatii godhee dhaabbateera” jedhe*.
1Sam;13:14
3️⃣ Sababa Abboommii Waaqayyo Keenyaa eeguu dhabuutiin/hin raawwatiiniif Waaqayyo Akka nu dhiisu taasisa.
*Saamu'el kana booddee Saa'oliin, “Ati maal hojjechaa oolte?” jedhee in gaafate; Saa'ol immoo deebisee, “Ati guyyaa dhaaba keenyaatti hin dhufne; namoonni ana dhiisanii in tatamsa'an; Filisxeemonni immoo Miikmaash*tti walitti in qabaman. Ani immoo, ‘Amma utuman fuula Waaqayyoo duratti dhi'aadhee hin araarfatin Filisxeemonni Giilgalitti gad bu'anii ana in rukutu ta'a’ jedhee yaaduu irraa kan ka'en ijuma jabaadhee qalma gubamu kana dhi'eesse” jedhe. Saamu'el yommus Saa'oliin, “Abboommii Waaqayyo gooftaan kee si abboome eeguu dhiiftee gowwummaadhaan kana hojjette malee, abboommii isaa utuu eegdee jiraattee, har'a Waaqayyo mootummaa kee Israa'el irratti bara baraan siif in jabeessa ture. Amma garuu waan Waaqayyo si abboome sababii hin eeginiif mootummaan kee jabaatee hin dhaabatu; Waaqayyo nama akka garaa isaatii barbaaddatee, geggeessituu saba isaatii godhee dhaabbateera” jedhe*.
1Sam;13:11-14

Eebbifamaa 🙏
DILBATA DILBII QABAADHAA 🖐️
Kakuun Koo Dhiyaateera
Dhugaaf Dhugaa Ba'i Waldaa Masarata Kiristoos Naqamtee Daaloo

05/07/2026

Guyyaa,28/10/2018
W/M/K/Naqamtee

🎤 Lallabaan:H/W Fekede Bedasa
🔉Geggeessaan: Fikadu Kanate
*Ani garuu fannoo gooftaa keenya Yesus Kristos isa ittiin biyyi lafaa ana irraa fannifame, anis biyya lafaa jalaa fannifame sanaan malee, waan biraatiin of jajuun matumaa anaaf hin ta'u*.
Gal;6:14
⁉️
📖📖📖🤲🤲📖📖📖
*Guyyaan dhuma ayyaanichaa guyyoota sana hunduma irra caalaa guddaa ture; guyyaa sanatti Yesus ka'ee dhaabatee, sagalee isaa ol fudhatee, “Namni dheebote yoo jiraate gara koo haa dhufu, haa dhugus*. Namni anatti amanu akkasuma haa godhu! Macaafni akkuma dubbate, ‘Yaa'aan bishaan jiraataa garaa isaa keessaa in burqa”’ jedhe*. Inni dubbii kana waa'ee hafuura qulqulluu, isa warri isatti amanan fudhachuuf jiraniif dubbate; inni iddoo ulfina isaatti waan ol hin fudhataminiif, hafuurri qulqulluun amma iyyuu hin kennamne ture*.
Yoh;7:37-39
Yoh;3:1-8 Dubbisaa
🔊 :
•Jaalala Waliif qabaachuuudhaan
*Akka isin wal jaallattaniif abboommii haaraa isiniif nan kenna; ani akkuman isin jaalladhe, isinis immoo akka wal jaallattan isin abboomeera*.
Yoh;13:34
•Waliif ho'uudhaan
•Wal gorsuudhaan
•Wal iyyaafachuudhaan
*Iji hojii hafuuraa immoo, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa*, garraamummaa dha, of dhowwuu dhas; egaa seerri isaan kanaan mormu hin jiru*.
Gal;5:22-23
*Yeroo itti dura amanne caalaas amma guyyaan fayyinaa waan nutti dhi'aateef, yeroon kun yeroo itti hirribaa dammaquun isin irra jiru ta'uu isaa beekaa*!
Rom;13:11
1️⃣Dheebuu Hafuura Qulqulluu Qabaachuuudhaan.
*Yesusii wajjin kan turanis waan ta'uuf jiru yeroo hubatanitti, “Yaa gooftaa, billaadhaan rukunnuu?” jedhan.Tokko immoo isaanuma keessaa, garbicha angafa lubootaa rukutee, gurra isaa isa mirgaa irraa kute*.Yesus garuu, “Lakkisaa, wanti akkasii akka hin dabalamne” jedhee gurra namichaa isa cites qaqqabee fayyise.Kana booddee Yesus luboota warra angafoota, dura-buutuu eegduu mana qulqullummaa akkasumas maanguddoota warra isa qabuuf ba'aniin, “Akka warra saamtuu qabuudhaaf ba'aniitti billaadhaa fi bokkuudhaan yaatanii*? Guyyaa dhufaa darbaa mana qulqullummaatti, yeroo ani isinii wajjin ture hundumaatti harka keessan anatti hin buufne; amma garuu yeroon isiniif kennameera, aangoon dukkanaas in beekama” jedhe*.
Luq;22:49-53
*Dhugaatiidhaan machooftanii of hin wallaalinaa, isaanis of hin balleessinaa! Qooda kanaa hafuura qulqulluudhaan guutamaa*!
Efes;5:18
2️⃣ Amantii Ofii Keessatti Cimanii Jiraachuudhaan.
*Egaa amantiin dhaga'uu irraa in dhufa, wanti dhaga'uun ta'u immoo dubbii Kristosiin in beekama*.
Rom;10:17
3️⃣ Qorumsa Keessatti Jabaatanii Hafuura Waaqayyootti Hirkachuudhaan.
*Kana malees immoo gidiraan obsa akka fidu beeknee, gidiraa nutti dhufes gammachuudhaan in himanna*. Obsi qoramanii ba'uu fida, qoramanii ba'uunis abdii fida. Sababii Waaqayyo, jaalala isaa isa karaa hafuura qulqulluu nuuf kenname, garaa keenya keessatti dhangalaaseef, abdiin immoo nu hin yeellaasisu*.
Rom;5:3-5
*Eebbi Abrahaam argate, karaa Kristos Yesus saba Waaqayyoo warra hin ta'in hundumaaf akka kennamuuf, hafuura isa Waaqayyo abdachiises amantiidhaan akka fudhannuuf Kristos nu fureera*.
Gal;3:14
*Isaan kadhata afaanii fixuunii fi iddoon isaan itti walitti qabaman socho'uun, wal faana ta'e. Hundumti isaaniis hafuura qulqulluudhaan guutamanii, dubbii Waaqayyoo ija jabummaadhaan dubbachaa turan*
HoE;4:31
Eebbifamaa 🙏
Kakuun Koo Dhiyaateera
Dhugaaf Dhugaa Ba'i

04/07/2026
01/07/2026

Guyyaa,21/10/2018
W/M/K/Daaloo

🎤Lallabaan:H/W Abraham Ayana *Waa'ee fannifamuu Kristos dubbachuun warra karaa badiisaa irra jiraniif gowwummaa dha; nuyi warra karaa fayyinaa irra jirruuf garuu, inni humna Waaqayyoo ti*. Caaffanni qulqullaa'aan, “Ogummaa warra ogeessotaa nan balleessa, hubannaa warra hubattootaas lafatti nan dabala” in jedha*. Egaa namni ogeessi eessatti hafa ree? Barsiisaan seeraas eessatti hafa ree? Dubbi-beekaan bara si'anaas eessatti hafa ree? Waaqayyo ogummaa biyya lafaa kanaa gowwummaa godheera mitii ree*? Biyyi lafaa ogummaa ofii isaatiin Waaqayyoon isa ogummaadhaan guute beekuu dadhabnaan, gowwummaa barsiisa isa nuyi lallabnuutiin warra amanan fayyisuun Waaqayyotti tole*.
1Qor;1:18-21
⁉️
*Akkuma akka humna isaaniitti isa tokkotti meetii kuma shan, isa kaanitti meetii kuma lama, isa kaanittis meetii kuma tokko kennee, biyya fagoo adeeme*. Namichi inni meetii kuma shan fudhate, si'uma sana dhaqee ittiin bitee gurguree meetii kuma shan buufate. Inni meetii kuma lama fudhate immoo, meetii kuma lama buufate. Namichi inni meetii kuma tokko fudhate garuu, dhaqee boolla qotee meetii gooftaa isaa awwaale.*“Gooftaan hojjetoota sanaa yeroo dheeraa booddee deebi'ee dhufee, horii isaa isaan irraa lakkaa'ate*. Namichi inni meetii kuma shan fudhate, kan biraa meetii kuma shan fidee dhufee, ‘Yaa gooftaa, meetii kuma shan anatti kennattee turte, ilaa ani immoo meetii kuma shan buufadheera’ jedhe. Gooftaan isaa immoo, ‘Ba'eessa goote, hojjetaa gaarii dhaa fi amanamaa nana, ati waan xinnoo irratti amanamte, ani immoo waan guddaa irra sin dhaaba; gammachuu gooftaan kee itti jiraatutti gali!’ jedheen*.Namichi inni meetii kuma lama fudhate immoo dhufee, ‘Yaa gooftaa,meetii kuma lama anatti kennattee turte, ilaa ani immoo meetii kuma lama buufadheera’ jedhe.Gooftaan isaa immoo, ‘Ba'eessa goote, hojjetaa gaarii dhaa fi amanamaa nana,ati waan xinnoo irratti amanamte, ani immoo waan guddaa irra sin dhaaba;gammachuu gooftaan kee itti jiraatutti gali!’ jedheen.*
👉Itti fufaa Dubbifadhaa..
Mat;25:15-30
*Egaa Kristosii wajjin du'aa erga kaafamtanii, wanta waaqa keessaa, iddoo Kristos gara mirga Waaqayyoo taa'ee jirutti barbaadaa*!
Qol;3:1
1️⃣ Kan Waaqayyoo ta'anii Jiraachuudhaan.
Mat;25:14 dubbisaa
*Mammaaksa wanta qulqullaa'aadhaan mormu isa dubartoonni dullooman mammaakan hin fudhatin; nama Waaqayyoo ta'uudhaaf of qopheessi*! Namummaa foonii cimsuuf of qoqqopheessuun wanta muraasaaf nama gargaara; nama Waaqayyoo ta'uudhaaf of qoqqopheessuun garuu, wanta baay'eedhaaf nama gargaara; jireenya ammaaf, isa dhufuufis abdiin isuma keessa jira*.
1Xim;4:7-8
*Dhuguma iyyuu gooftaa koo Kristos Yesusin beekuun hundumaa irra waan caaluuf, ani waan hundumaa akka waan gatameetti nan lakkaa'a; Kristosin bu'aa koo godhachuudhaaf kun hundinuu anaaf waan gatame ta'eera; akka kosiittis isa lakkaa'eera*. Kanaanis ani kan Kristos ta'ee argameera. Egaa qajeelummaan koo isa seera eeguudhaan argamu utuu hin ta'in, isa Kristositti amanuudhaan argamuu dha; qajeelummaan kun Waaqayyo biraa in dhufa, amantii irras in dhaabata.
Fil;3:8-9
2️⃣ Akka humna keenyaatti kennaan waaqayyoo akka Nurra jiru beekuudhaan.
*Tokkon tokkon keenya garuu akka safara kennaa Kristositti ayyaana arganneerra*. Kanaaf caaffanni qulqullaa'aan, “Inni gara waaqaatti yeroo ol ba'e, boojuu booji'ee dhaqee, namootaafis kennaa kenne” in jedha*.
Efe;4:7-8
*Yesus itti dabalee, “Dubbiin kun akka nama biyya fagoo dhaquudhaaf ka'ee ti; inni hojjetoota isaa waamee, horii callaa qaba ture itti kennate*. Akkuma akka humna isaaniitti isa tokkotti meetii kuma shan, isa kaanitti meetii kuma lama, isa kaanittis meetii kuma tokko kennee, biyya fagoo adeeme*.
Mat;25:14-15
Mat;25:20 dubbisaa.
🔊 .Isaan Keessaa Muraasaa:-
▶️ Qabeenyi keenya Kan waaqayyooti.
▶️ Humni Keenya Kan waaqayyooti.
▶️ Beekumsi keenya Kan waaqayyooti.
▶️ Dandeettiin keenya Kan waaqayyooti.
▶️ Oogummaan Keenya Kan waaqayyooti.
Rom;1:14 dubbisaa
*Wangeela lallabuu kootiin of jajuu hin danda'u;kana himuun ana irraa in barbaadama;wangeela yoon lallabuu dhaabaadhe garuu, anaaf wayyoo*! Fedha kootiin utuun kana godhee gatii nan argadhan ture; fedha koo malee erga ta'ee garuu, hojiin kun Waaqayyo biraa hadaraa anatti kennamuu isaa ti*.
1Qor;9:16-17
3️⃣ Kennaa Nutti Kenname Ba'eessa Goonee Hojjennee,Bu'aa Jiraataa nu Wajjin Kan Galu Lakkaawwachaa Jiraachuudhaan.
*Abdiin keenya, gammachuun keenya, gonfoon nuyi dhufa gooftaa keenyaa Yesusitti ittiin isa dura dhaabannee, of jajannu isin malee eenyu ree*? Isin dhuguma ulfina keenya, gammachuu keenyas. *
1Tas;2:19-20
Eebbifamaa 🙏
Kakuun Koo Dhiyaateera
Dhugaaf Dhugaa Ba'i

Nama waaqayyoof galaan dibata; kan ittiin lafa onaa keessa darbuu danda'an!
01/09/2025

Nama waaqayyoof galaan dibata; kan ittiin lafa onaa keessa darbuu danda'an!

31/08/2025

Galaa dhugaan nama waaqayyoo Ayyaana waaqayyooti

Address

Nekemte, Wallaga,Oromia
Nekemte

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waldaa Masarata Kiristoos Naqamtee Daaloo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share