Majlisa Aanaa Guutoo Giddaa

Majlisa Aanaa Guutoo Giddaa Islamummaan faaya

06/04/2026

Fixinsa Sanyii Harargee fi Mormii Jeneevaa
๐Ÿ’ข๐Ÿ’ข๐Ÿ’ข๐Ÿ’ข๐Ÿ’ข๐Ÿ’ข๐Ÿ’ข๐Ÿ’ข๐Ÿ’ข๐Ÿ’ข๐Ÿ’ข๐Ÿ’ข๐Ÿ’ข๐Ÿ’ข๐Ÿ’ข
Ahmaddiin Jabal irraa
๐ŸŒ€๐ŸŒ€๐ŸŒ€๐ŸŒ€๐ŸŒ€๐ŸŒ€๐ŸŒ€๐ŸŒ€๐ŸŒ€๐ŸŒ€๐ŸŒ€

Kabajamoo Ministira Muummee Dr. Abiy Ahimadiifแฆ

๐Ÿ”ด๐Ÿ”ด๐Ÿ”ด๐Ÿ”ด๐Ÿ”ด๐Ÿ”ด๐Ÿ”ด๐Ÿ”ด๐Ÿ”ด๐Ÿ”ด๐Ÿ”ด๐Ÿ”ด๐Ÿ”ด๐Ÿ”ด๐Ÿ”ด

Kabajamoo Ministira Muummee;
Kabajni Itiyoophiyaan fulaa idil-addunyaatti qabdu seenaa bilisummaa waggoota dheeraa lakkoofsise fi sagalee jabaa haqaf qabdu irraa kan maddu ta'uu nan amana.

Hata'u malee, dhiheenya kana walga'ii idilee 61ffaa Mana Maree Mirga Namummaa Mootummoota Gamtoomanii (UNHRC) Jeneevaatti taasifame irratti, ijaarsa qubannaa seeraan alaa Israa'el fi sarbamoota mirga namummaa lafa Filisxeem weerarame keessatti raawwataman kan balaaleffatu yaanni murtii (Resolution A/HRC/61/L.36) dhiyaatee ture.
Waltajjii seenaa qabeessa kana irratti biyyoonni 34 haqaa fi olantummaa seera idil-addunyaatiif sagalee isaanii yoo kennan, mootummaan keessan garuu murtii ijaarsa qubannaa kana mormu deeggaruu dhiisuun sagalee "Hin mormu" (No) jedhu filateera.

Sagaleen maqaa Itiyoophiyaatiin kenname kun sammuu seenaa biyya keenyaa, qajeelfama dippilomaasii keenyaa fi seenaa uummata keenya "gabrummaa hin fudhadhu" jedhee dhiphuu inni dabarse waliin guutummaatti kan wal faallessudha. Kanaafuu, murtiin kun bu'uraalee seenaa, moraalii fi siyaasaa armaan gadii irratti hundaa'uun akka sirreeffamu akka lammii tokkootti kabaja guddaan gaafadha.

Dhaalmaya Adwaa, Boonoo Musiyamii fi Wal-faallessuu Sagalee Jeneevaa
๐Ÿ€๐Ÿ€๐Ÿ€๐Ÿ€๐Ÿ€๐Ÿ€๐Ÿ€๐Ÿ€๐Ÿ€๐Ÿ€๐Ÿ€๐Ÿ€๐Ÿ€๐Ÿ€๐Ÿ€๐Ÿ€

Eenyummaa Itiyoophiyaummaa keenya kan cimsan keessaa tokko dirree waraana Adwaatti kan mirkanaa'e 'dhugaaf dhaabbachuu' fi 'weerara jabaatanii mormuu' kan jedhu aadaa keenya isa moofadha. Injifannoon Adwaa bara 1896 abbootii keenyaan galmaa'e kun anaaf milkaa'ina biyya tokkoo qofa osoo hin taane, faana bilisummaa uummata gurraachaa fi cunqurfamoota addunyaa maraati jedheen amana.

Finfinneenis teessoo Gamtaa Afrikaa akka taatu kan filatamteef, Adwaa irratti weerartuu Xaaliyaanii waliin falamuun injifannoo bilisummaa galmeessiteen fi uummata biroof jabaattee dhaabbachuu isheetini. Hata'u malee, ijaarsa qubannaa Israa'el seeraan alaa ta'uu isaa kan mirkaneessu yaada murtii dhiyaate biyyi koo deeggaruu dhabuun ishee guddaa na gaddisiiseera.

Muziyaamii Yaadannoo Adwaa handhuura Finfinnee Piyaassaatti ijaaramuun isaa akka lammii tokkootti gama gaariitiin kanin arguudha. Keessattuu maqaan ยซAdwaa 00ยป jedhu iddoo bilisummaa biyya keenyaaf itti wareegamame ta'uu isaa hiika guddaa qaba.
Mootummaan ijaarsa akkasii ijaarsise hiika Adwaa eenyuun ol ni hubata jedheen amana. Hata'u malee, sagaleen Jeneevaatti kenname boonoo koo waliin walitti bu'eera. Hiikni Adwaa anaaf "lafa koo hin laadhu, bilisummaa koo hin hifadhu" kan jedhu dhaamsa abba biyyummaa fi haqaati.

Biyyoonni 34 haqaf yoo dhaabbatan, biyyi koo biyyoota lama qofaan adda baatee weerara mormuu dhiisuun ishee, maqaa seeraa biyya keenyaa kan xureessu fi gahee hogganummaa moraalii Itiyoophiyaan qabdu kan balleessudha.

Qajeelfama "Collective Security" Liig oov Neeshinsii fi Sagalee Jeneevaa
๐ŸŒ๐ŸŒ๐ŸŒ๐ŸŒ๐ŸŒ๐ŸŒ๐ŸŒ๐ŸŒ๐ŸŒ๐ŸŒ๐ŸŒ๐ŸŒ๐ŸŒ๐ŸŒ๐ŸŒ๐ŸŒ

Itiyoophiyaan bara 1935 weerara Faashistii Xaaliyaaniin yoo qabamtu, waltajjii Liig oov Neeshinsii irratti gaaffiin haqa ishee dhiyeessite bu'ura dippilomaasii keenyaati. Gaafas Niguusichi 'Har'a kan nu irratti ga'e bor isin irratti ga'a' jedhanii kan akeekkachiisan qajeelfama 'Nageenya Waliinii' (Collective Security) yoo ta'u, kunis weeraraa fi saamicha lafaa kamiyyuu kan mormu ture.

Murtii kana deeggaruu dhabuun, yeroo Faashistiin weerara raawwatutti Atsee Hayila Sillaaseen miidhaa uummata Itiyoophiyaa irratti ga'e adunyaatti yoo mul'isan olaantummaa moraalii qaban kan faallessudha. Seenaan Filisxeemoota har'aaf sagalee dhugaa akka taanu nu dirqisiisa.

Harargee irraa hanga Gaazaaแฆ Karoora Qubannaa Yihudootaa
๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ

Bakkeewwan biyya Yihudootaa hundessuuf filataman keessaa tokko Harargee keenya turte. Karoorri kun utuu milkaa'ee jiraate, har'a dhiphuun Filisxeem irratti argu kun Harargee fi naannoo ishee irratti raawwatama ture.

Bara 1944 (G.C.) "Harrar Council" jedhamuun Niiw Yoorkitti kan gurmaa'an Yihudoonni Awurooppaa irraa dhufan, lafa Harargee keessatti bulchiinsa of-danda'e hundessuuf mootummaa niguusichaatti gaaffii dhiyeessanii turan. Karoorri kun lafa Harargee ballina iskuweer maayilii 60,000 hanga 70,000 ta'u akka kennamuuf kan gaafatu ture.

Mootummaan Itiyoophiyaa Adoolessa 4, 1944 deebii kenneen gaaffii kana guutummaatti kufii gochuun uummata Harargee balaa seenaa guddaa irraa oolcheera. Atsee Hayila Sillaaseen karoorri kun guutummaatti akka dhaabbatu ajajuun isaanii, har'a Harargee keessatti buqqa'iinsa, fixinsa sanyii fi badinsa eenyummaa uumamuu danda'u kan hanqise murtii seenaati.

Har'a weerarri qubannaa fi gochi fixinsa sanyii Filisxeem irratti mul'atu kun utuu karoora sanaan ta'ee, har'a qonnaan bultoota Oromo Harargee, Somaalee fi Itiyoophiyaanota biroo irratti raawwatama ture. Kanaafuu, Jeneevaatti "No" jechuun, seenaa keessatti lafa keenya Harargee weerara alagaatiif dabarsanii kennuuf yaalamuu "hin mormu" jechuu waliin tokkodha.

Eenyummaa โ€Abbaa Lafaโ€ fi Waamicha Sirreeffama Seenaa
๐ŸŽ’๐ŸŽ’๐ŸŽ’๐ŸŽ’๐ŸŽ’๐ŸŽ’๐ŸŽ’๐ŸŽ’๐ŸŽ’๐ŸŽ’๐ŸŽ’๐ŸŽ’๐ŸŽ’๐ŸŽ’๐ŸŽ’๐ŸŽ’

Kabajamoo Ministira Muummee, jijjiiramni isin gara aangootti fane bu'urri isaa sochii mirga muslimoota Itiyoophiyaa (Sagaleen Keenya haa Dubbatamu) fi mormii uummata Oromoo (Oromo Protest) karoora 'Maaster Pilaanii' Finfinnee "Lafti keenya lafee keenya!" jedhuun ka'eedha.

Kanaafuu, mormii saamicha lafaatiin gara aangootti kan dhufe hogganni, har'a lafa uummata biroo irratti weerara qubannaa raawwatamuuf Jeneevaatti mormii agarsiisuu dhabuun isaa wal-faallessuu seenaa kan nama gaddisiisudha. Isin hoggantoota hawaasa Oromoo keessaa baatan akka taatun, gaaffiin abba biyyummaa uummata Oromoo keessatti kabaja "Abbaa lafummaa" fi qabsoo lubbuu itti wareegamame akka ta'e sirriitti ni beektu.

Goolaba
๐Ÿ”ด๐Ÿ”ด๐Ÿ”ด

Itiyoophiyaan yeroo qabsoo apaartaayidii Neelsan Maandeelaaf leenjii waraanaa kennuun, paaspoortii Itiyoophiyaa fi deeggarsa maallaqaa gochuun qoodni isheen bilisummaa Afriikaa Kibbaatiif qabdu boonoo keenya.
Har'a garuu Afriikaan Kibbaa seenaa dhiphuu ishee osoo hin irraanfatin mana maree idil-addunyaatti Israa'el irratti himannaa fixinsa sanyii (Genocide) yoo dhiyeessitu, Itiyoophiyaan deeggarsa kennuu dadhabuun ishee seenaa Paan-Afriikaanummaa keenya kan xureessudha.

Hogganni Muziyaamii Adwaa ijaarsise, biyya Liig oov Neeshinsii irratti haqaf falmatte hogganu, weerara lafaa fi buqqa'iinsa iddoo kamittuu raawwatamu mormuuf dirqama seenaa fi moraalii qaba jedheen amana.
Kanaafuu, Itiyoophiyaan bara Najjaashii qabee cunqurfamootaaf gaachana ta'uu ishee, sagalee dhugaa fi faana haqaatti akka itti fuftu; mootummaan keessan murtee kana irra deebi'ee akka laaluu fi sirreeffama seenaa barbaachisaa akka godhu kabaja guddaan gaafadha.
Ahmaddiin Jabal

25/03/2026

Oduu Gammachiisaa โ€“ Aalam Media Irraaโ€ฆ)
Halqaan Ulamaaโ€™ota keenya, University teenya.

Jiโ€™a kabajamaa Shawwal kana keessatti,Aalam Mediaโ€™ n sagantaa haaraa fi addaa taโ€™e tokko ummataaf dhiheessuuf qophii isaa xumuramaa jira.

Sagantaan kun mata duree โ€œ BARII MAJLIISAAโ€ jedhuun, Seenaa fi Hundeefama Seenaa Ulamaaโ€™aa Majliisa (Halqaa Ilmii) san barsiisan Isaani Ibsuuf kan qophaaโ€™e dha.

Sagantaan kun seenaa, buโ€™aa fi dhiibbaa gaarii Majliisotni (Halqaan Ilmii) naannoo Oromiyaa keessatti taphatan ifatti mulโ€™isuuf kan kaayyeffate yoo taโ€™u, dhaloota haaraaf beekumsa guddaa dabarsuufis buโ€™uura jabaa taโ€™a. Akkasumas hojii Ulamaaโ€™ota keenya kabajamoo, kanneen yeroo dheeraaf ummata barsiisuu, qajeelchuu fi iimaana cimsuu irratti hojjetan, ifatti beeksisuuf carraa guddaa uuma.

Sagantaa kana keessatti, Ulamaaโ€™ota beekamoo fi kabajamoo taโ€™an keessaa muraasni armaan gadiiti:

1. Sheikh Aadam Tuulaa
2. Sheikh Ahmed Watar
3. Sheikh Mussaa Suโ€™aala
4. Sheikh Jamaal Abdullah Hassan
5. Sheikh Mohammed Hassan
6. Sheikh Mohammed Zabuur
7. Sheikh Abdallah Hirna
8. Sheikh Haaji Yuusuf Ciroo
9. Sheikh Saafii Qaasoo (Umar)
10. Sheikh Kadiir Abshaale
11. Sheikh Mohammed Aliyyoo

Ulamaaโ€™otni kunneen, seenaan isaanii, halqaa isaanii fi buโ€™aan hojii isaanii balโ€™inaan qorachuun, qindoominaan ummataaf ni dhihaata.

Sagantaan โ€œBARII MAJLIISAAโ€ jedhu kun,qofa oduu ykn seenaa taโ€™uu osoo hin taane, kakaโ€™umsa, barnoota fi dammaqiinsa iimaanaa dhalootaaf kennuuf kaayyeffate dha. Namoonni hedduun Majliisa irraa fagaachaa jiranis, deebiโ€™anii gara beekumsa diinii fi hawaasummaa jabaa deebiโ€™aniif akka kakaโ€™an ni taasisa.

Dhuma irratti, Aalam Media ummata Muslimaa mara akka sagantaa kana hordofan, irraa baratan fi akka waliif qoodan waamicha kabajaa dhiheessa. Kunis hojii guddaa seenaa keenya tikfachuu fi dhalootaaf dabarsuu keessatti gahee olaanaa qaba.

โ€œBARII MAJLIISAAโ€
Halqaan Ulamaaโ€™ota keenya, University teenya.
โ€“ Seenaa, Barnoota fi Iimaana walitti fidu!

๐Ÿ‘‡

Amirran Majliisa nu qunnama keessaan.

๐Ÿ‘†

๐Ÿช€Misbah Sheikh Husein
๐ŸŒŽAalam Media

โ™ฆ๏ธNu Hordofaa

Facebook: https://www.facebook.com/aalammedia1.php?id=61560395330900
Telegram: https://t.me/aalammedia1
YouTube: https://www.youtube.com/-cc8lj
Tiktok :tiktok.com/

15/03/2026
Aamiin
15/03/2026

Aamiin

Laylatul Qadrii โ€“ Halkan Galata Dachaa Jiโ€™oota Kumaa Namaaf Kennu! ๐ŸŒ™โœจ
Islaamummaa keessatti halkan kabajaa fi guddina kumni itti hin qixxaanne tokkotu jira.

Halkan kun "Laylatul Qadrii" (Halkan Murtee) jedhamuun beekama.

Maaliif Adda Ta'e? ๐Ÿค”
Umriin giddu-galeessaa ummata Nabi Muhammad (SAW) Gabaabaa (waggaa 60-70) waan ta'eef, Rabbiin (SWT) Rahamata isaatiin halkan kana ummata Muslimaatif kenne.

๐Ÿ‘‰ Ibaadaan halkan kana keessatti raawwatamu, ibaadaa ji'oota kumaa (waggaa 83 fi ji'a 3) caala!
Iccitii Halkan Kun Dhokateef: Nabiyyiin (SAW) kurnan dhumaa Ramadaanaa, keessattuu halkanoota qeentee (21, 23, 25, 27, 29) keessatti akka barbaadnu nu ajajan. Kunis:
โœ… Ibaadaa irratti akka jabaannuuf.
โœ… Ji'a qulqulluu Ramadaanaatiif kabaja kennuuf.
โœ… Yeroo hunda Rabbii keenya waliin quunnamtii dammaqaa akka qabaannuufi.

Halkan kana Maaltu Raawwatama? ๐Ÿ“–
โœ“Bu'insa Quraanaa: Qajeelfamni dhala namaa Quraanni Qulqulluun halkan kana bu'e.

โœ๏ธMurtee Waggaa: Sooranni (Rizqiin), umriin fi dhimmoonni waggaa dhala namaa halkan kana murtee argatu.
Halkan Kana Maal Gochuu Qabna? ๐Ÿคฒ

โœ“Salaata Tarawiihaa fi Tahajjuudaa jabaatanii salaatuu.
โœ“Quraana qaraโ€™uu fi hojii tola ooltummaa hojjechuu.
โœ“Duโ€™aa'ii fi istigfaara (araarama kadhachuu) baayโ€™isuu.

Laylatul Qadrii argachuu jechuun, akka waan umurii guutuu Rabbii gabbaraa jiraataniitti lakkaawama. Carraa kana osoo hin fayyadamin hin darbinaa!

#2026

Guyyaa har'a marii majlisaa sadarkaa aanaatti imaamman masjida fi koree masjidota kudha lama wajjiin dhimmaa ijaarsa  bi...
19/02/2026

Guyyaa har'a marii majlisaa sadarkaa aanaatti imaamman masjida fi koree masjidota kudha lama wajjiin dhimmaa ijaarsa biiroo majlisa godinaa fi kan aanaa haala ijaarun dandahamu irratti marii ganda gaadissa odaati goone waligaltan xumure jirra alahamdulillah

Guyyaa har'aa 19/5/2018 majlisa godina irraa kan dhufan ittii gaafatama majlisaa godina wallaggaa bahaa Sheik Jaafar Ahm...
27/01/2026

Guyyaa har'aa 19/5/2018 majlisa godina irraa kan dhufan ittii gaafatama majlisaa godina wallaggaa bahaa Sheik Jaafar Ahmed fi itti aanaa isaani Dr Nuraadin Ediris bakka argamanitti koree aanaa haala hojiif mijaatun reform gochuun xumurame jira haaluma kanaan wal harkaa fuudhinsi gaggeefamee jira alahamdulillah
Haaluma kanan akka armaan gadin filaame jira

1.Sheikh Abdalla Ahimed Hogganaa
2. Sheikh Jamaal Sayidoo Itti Aanaa
3. B/saa Mohammed Ahmed Barreessaa
4.Obboo Ahmed Yusuufe I/G/Gaaliif Misoomaaf Dinagdee
5. B/sa Addisuu Daamanaa Itti/ G/ Gurmaa'insa Caasaalee
6. Sheikh Muhammed Aliyyii I/G/Hajjiif Umraa
7.Sheik Mudaasir Aliyyii I/G/ media Hawaassaa
8. Sheik Jamaal mussaa Bulchiinsaaf Fayinaansii
9. Sheik Aliyyii Abdulla itti/G/Masjiidaaf Hambalee islaamaaf tahun gochun akkataa hojii tahun mirkaanesine jirra

Address

Nekemte
Nek'emte

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Majlisa Aanaa Guutoo Giddaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share