06/04/2026
Fixinsa Sanyii Harargee fi Mormii Jeneevaa
๐ข๐ข๐ข๐ข๐ข๐ข๐ข๐ข๐ข๐ข๐ข๐ข๐ข๐ข๐ข
Ahmaddiin Jabal irraa
๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐
Kabajamoo Ministira Muummee Dr. Abiy Ahimadiifแฆ
๐ด๐ด๐ด๐ด๐ด๐ด๐ด๐ด๐ด๐ด๐ด๐ด๐ด๐ด๐ด
Kabajamoo Ministira Muummee;
Kabajni Itiyoophiyaan fulaa idil-addunyaatti qabdu seenaa bilisummaa waggoota dheeraa lakkoofsise fi sagalee jabaa haqaf qabdu irraa kan maddu ta'uu nan amana.
Hata'u malee, dhiheenya kana walga'ii idilee 61ffaa Mana Maree Mirga Namummaa Mootummoota Gamtoomanii (UNHRC) Jeneevaatti taasifame irratti, ijaarsa qubannaa seeraan alaa Israa'el fi sarbamoota mirga namummaa lafa Filisxeem weerarame keessatti raawwataman kan balaaleffatu yaanni murtii (Resolution A/HRC/61/L.36) dhiyaatee ture.
Waltajjii seenaa qabeessa kana irratti biyyoonni 34 haqaa fi olantummaa seera idil-addunyaatiif sagalee isaanii yoo kennan, mootummaan keessan garuu murtii ijaarsa qubannaa kana mormu deeggaruu dhiisuun sagalee "Hin mormu" (No) jedhu filateera.
Sagaleen maqaa Itiyoophiyaatiin kenname kun sammuu seenaa biyya keenyaa, qajeelfama dippilomaasii keenyaa fi seenaa uummata keenya "gabrummaa hin fudhadhu" jedhee dhiphuu inni dabarse waliin guutummaatti kan wal faallessudha. Kanaafuu, murtiin kun bu'uraalee seenaa, moraalii fi siyaasaa armaan gadii irratti hundaa'uun akka sirreeffamu akka lammii tokkootti kabaja guddaan gaafadha.
Dhaalmaya Adwaa, Boonoo Musiyamii fi Wal-faallessuu Sagalee Jeneevaa
๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐
Eenyummaa Itiyoophiyaummaa keenya kan cimsan keessaa tokko dirree waraana Adwaatti kan mirkanaa'e 'dhugaaf dhaabbachuu' fi 'weerara jabaatanii mormuu' kan jedhu aadaa keenya isa moofadha. Injifannoon Adwaa bara 1896 abbootii keenyaan galmaa'e kun anaaf milkaa'ina biyya tokkoo qofa osoo hin taane, faana bilisummaa uummata gurraachaa fi cunqurfamoota addunyaa maraati jedheen amana.
Finfinneenis teessoo Gamtaa Afrikaa akka taatu kan filatamteef, Adwaa irratti weerartuu Xaaliyaanii waliin falamuun injifannoo bilisummaa galmeessiteen fi uummata biroof jabaattee dhaabbachuu isheetini. Hata'u malee, ijaarsa qubannaa Israa'el seeraan alaa ta'uu isaa kan mirkaneessu yaada murtii dhiyaate biyyi koo deeggaruu dhabuun ishee guddaa na gaddisiiseera.
Muziyaamii Yaadannoo Adwaa handhuura Finfinnee Piyaassaatti ijaaramuun isaa akka lammii tokkootti gama gaariitiin kanin arguudha. Keessattuu maqaan ยซAdwaa 00ยป jedhu iddoo bilisummaa biyya keenyaaf itti wareegamame ta'uu isaa hiika guddaa qaba.
Mootummaan ijaarsa akkasii ijaarsise hiika Adwaa eenyuun ol ni hubata jedheen amana. Hata'u malee, sagaleen Jeneevaatti kenname boonoo koo waliin walitti bu'eera. Hiikni Adwaa anaaf "lafa koo hin laadhu, bilisummaa koo hin hifadhu" kan jedhu dhaamsa abba biyyummaa fi haqaati.
Biyyoonni 34 haqaf yoo dhaabbatan, biyyi koo biyyoota lama qofaan adda baatee weerara mormuu dhiisuun ishee, maqaa seeraa biyya keenyaa kan xureessu fi gahee hogganummaa moraalii Itiyoophiyaan qabdu kan balleessudha.
Qajeelfama "Collective Security" Liig oov Neeshinsii fi Sagalee Jeneevaa
๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐
Itiyoophiyaan bara 1935 weerara Faashistii Xaaliyaaniin yoo qabamtu, waltajjii Liig oov Neeshinsii irratti gaaffiin haqa ishee dhiyeessite bu'ura dippilomaasii keenyaati. Gaafas Niguusichi 'Har'a kan nu irratti ga'e bor isin irratti ga'a' jedhanii kan akeekkachiisan qajeelfama 'Nageenya Waliinii' (Collective Security) yoo ta'u, kunis weeraraa fi saamicha lafaa kamiyyuu kan mormu ture.
Murtii kana deeggaruu dhabuun, yeroo Faashistiin weerara raawwatutti Atsee Hayila Sillaaseen miidhaa uummata Itiyoophiyaa irratti ga'e adunyaatti yoo mul'isan olaantummaa moraalii qaban kan faallessudha. Seenaan Filisxeemoota har'aaf sagalee dhugaa akka taanu nu dirqisiisa.
Harargee irraa hanga Gaazaaแฆ Karoora Qubannaa Yihudootaa
๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐
Bakkeewwan biyya Yihudootaa hundessuuf filataman keessaa tokko Harargee keenya turte. Karoorri kun utuu milkaa'ee jiraate, har'a dhiphuun Filisxeem irratti argu kun Harargee fi naannoo ishee irratti raawwatama ture.
Bara 1944 (G.C.) "Harrar Council" jedhamuun Niiw Yoorkitti kan gurmaa'an Yihudoonni Awurooppaa irraa dhufan, lafa Harargee keessatti bulchiinsa of-danda'e hundessuuf mootummaa niguusichaatti gaaffii dhiyeessanii turan. Karoorri kun lafa Harargee ballina iskuweer maayilii 60,000 hanga 70,000 ta'u akka kennamuuf kan gaafatu ture.
Mootummaan Itiyoophiyaa Adoolessa 4, 1944 deebii kenneen gaaffii kana guutummaatti kufii gochuun uummata Harargee balaa seenaa guddaa irraa oolcheera. Atsee Hayila Sillaaseen karoorri kun guutummaatti akka dhaabbatu ajajuun isaanii, har'a Harargee keessatti buqqa'iinsa, fixinsa sanyii fi badinsa eenyummaa uumamuu danda'u kan hanqise murtii seenaati.
Har'a weerarri qubannaa fi gochi fixinsa sanyii Filisxeem irratti mul'atu kun utuu karoora sanaan ta'ee, har'a qonnaan bultoota Oromo Harargee, Somaalee fi Itiyoophiyaanota biroo irratti raawwatama ture. Kanaafuu, Jeneevaatti "No" jechuun, seenaa keessatti lafa keenya Harargee weerara alagaatiif dabarsanii kennuuf yaalamuu "hin mormu" jechuu waliin tokkodha.
Eenyummaa โAbbaa Lafaโ fi Waamicha Sirreeffama Seenaa
๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐
Kabajamoo Ministira Muummee, jijjiiramni isin gara aangootti fane bu'urri isaa sochii mirga muslimoota Itiyoophiyaa (Sagaleen Keenya haa Dubbatamu) fi mormii uummata Oromoo (Oromo Protest) karoora 'Maaster Pilaanii' Finfinnee "Lafti keenya lafee keenya!" jedhuun ka'eedha.
Kanaafuu, mormii saamicha lafaatiin gara aangootti kan dhufe hogganni, har'a lafa uummata biroo irratti weerara qubannaa raawwatamuuf Jeneevaatti mormii agarsiisuu dhabuun isaa wal-faallessuu seenaa kan nama gaddisiisudha. Isin hoggantoota hawaasa Oromoo keessaa baatan akka taatun, gaaffiin abba biyyummaa uummata Oromoo keessatti kabaja "Abbaa lafummaa" fi qabsoo lubbuu itti wareegamame akka ta'e sirriitti ni beektu.
Goolaba
๐ด๐ด๐ด
Itiyoophiyaan yeroo qabsoo apaartaayidii Neelsan Maandeelaaf leenjii waraanaa kennuun, paaspoortii Itiyoophiyaa fi deeggarsa maallaqaa gochuun qoodni isheen bilisummaa Afriikaa Kibbaatiif qabdu boonoo keenya.
Har'a garuu Afriikaan Kibbaa seenaa dhiphuu ishee osoo hin irraanfatin mana maree idil-addunyaatti Israa'el irratti himannaa fixinsa sanyii (Genocide) yoo dhiyeessitu, Itiyoophiyaan deeggarsa kennuu dadhabuun ishee seenaa Paan-Afriikaanummaa keenya kan xureessudha.
Hogganni Muziyaamii Adwaa ijaarsise, biyya Liig oov Neeshinsii irratti haqaf falmatte hogganu, weerara lafaa fi buqqa'iinsa iddoo kamittuu raawwatamu mormuuf dirqama seenaa fi moraalii qaba jedheen amana.
Kanaafuu, Itiyoophiyaan bara Najjaashii qabee cunqurfamootaaf gaachana ta'uu ishee, sagalee dhugaa fi faana haqaatti akka itti fuftu; mootummaan keessan murtee kana irra deebi'ee akka laaluu fi sirreeffama seenaa barbaachisaa akka godhu kabaja guddaan gaafadha.
Ahmaddiin Jabal