Gudeya Bila No. 1 Full gospel Believers Local Church

Gudeya Bila No. 1 Full gospel Believers Local Church Kun Fuulbarruu Waldaa Amantoota Guutuu Wangeela Gudayyaa Biilaa Lakk. 1tti. Follow godha

15/10/2024

Suur-sagaleen kun haasawaa Gaggeessitoota waldaa dhaan dhimma gumaacha ijaarsa waldaaf godhameerraatti Ibsa godhamee kan argisisuu dha. Hanga Dhumatti dawwattaanni Share waliif gochuu hin dagatinaa. Eebbifamaa

Kun Gabaasa Gumaacha Hangaa har’atti godhamee dha. Eebbi waaqarraa siniif haa baaya’atu jechaa ammallee ciimne akka itti...
15/10/2024

Kun Gabaasa Gumaacha Hangaa har’atti godhamee dha. Eebbi waaqarraa siniif haa baaya’atu jechaa ammallee ciimne akka itti fufu qabnu isin yaadachisu feena.

Waan Akkam dinqii dha Waaqayyo dilbii eebbaan si haa goolbobu Kelbessa Hatew
08/10/2024

Waan Akkam dinqii dha Waaqayyo dilbii eebbaan si haa goolbobu Kelbessa Hatew

Account of our cherch (CBE)
07/10/2024

Account of our cherch (CBE)

Debi Dereje Waaqni Bara jireenyakee haa eebbisu! Kun fakkeenya guddaa dha Eebbifami
06/10/2024

Debi Dereje Waaqni Bara jireenyakee haa eebbisu! Kun fakkeenya guddaa dha Eebbifami

GABAASA GUMAACHA IJAARSA WALDAAF      Gabaasni kun gumaacha ijaarsa waldaa keenyaaf godhame kan ibsu yoo ta’u, arjummaa ...
05/10/2024

GABAASA GUMAACHA IJAARSA WALDAAF Gabaasni kun gumaacha ijaarsa waldaa keenyaaf godhame kan ibsu yoo ta’u, arjummaa fi kutannoo miseensota hawaasa keenyaa kan calaqqisiisudha. Deeggarsi maallaqaa kennamu ijaarsaa fi fooyya’iinsa iddoo waaqeffannaa keenyaaf haala mijeessuu keessatti gahee olaanaa qaba, kunis haala guddina hafuuraa fi hirmaannaa hawaasaa guddisu uumuuf nu dandeessisa.

Walumaagalatti gumaachi maallaqa hanga ammatti argame qarshii 83,300 yoo ta’u, kunis of kennuu miseensota fi jaallatootaa waldaa keenya kan ibsuufi ergama waldaa keenyaaf qaban agarsiisa. Akkuma 2 Qorontos 9:7 irratti ibsame, ''Namni adduma addaan garaa duuba yookiis giddiidhaan utuu hin ta'in, akka garaa isaatti murtoo godhetti kennuutu isaaf ta'a; Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu in jaallata.''
Caqasni kun hafuura arjummaa tattaaffii maallaqa walitti qabuu keenyaaf amala ta’e kan of keessaa qabudha. Gumaacha keessaaniif waaqayyoo dachaa sin haa eebbisu. Namoonni hanga har'aatti hin hirmaanne eebba kana keessa qooda fudhatoota akka taatan jecha warri eebba kana keessa qooda fuudhatan immoo akkaa itti fuftan deggarsi keessan akka addaan hin citne jaalalaa gooftaan isin gaafanna. EEBBAAF TA'A!

Kabajamtoota jaallatamo maatii Waldaa Guutuu Wangeelaa Gudayyaa Biilaa Lakkoofsa 1, egaa mul'ata waaqeffannaa fi Waldaa ...
01/10/2024

Kabajamtoota jaallatamo maatii Waldaa Guutuu Wangeelaa Gudayyaa Biilaa Lakkoofsa 1, egaa mul'ata waaqeffannaa fi Waldaa ijaaru keessatti wanti walitti nu fidu jiraachuun isaa eebba guddadha. Galmi waldaa keenyaa onnee kadhannaa, lallaba, bakkaa itti ayyaanaa hedduu ta'ee itti dhandhamanee dha. Garuu ammallee guutuu hin taane Iddoon qulqulluun kun gamoo qofa osoo hin taane bakka ijoolleen keenya amantiin itti guddatan, bakka maatiin keenya itti cimanii fi bakka nuti argamuu Waaqayyoo itti miirefannu dha.

Waliin taanee waan jalqabne xumuruuf humna qabna! Gumaacha keessan hammam xiqqaa ta’us, iddoo dhaloonni dhufu itti waaqeffatanii fi abdii itti argatan uumuuf tarkaanfii tokko itti humnaa godhachisa. Harkaa fi garaa keenya tokkomsinee mana qulqulluummaa kana haa ijaarru. Amantii keenya hojii fi arjummaadhaan haa agarsiifnu.

Qaama waan guddaa taʼuuf qophoofteettaa? Waliin taanee akka ta'u wanta kana dhugoomsu ni dandeenya!" Arjummaa hamma ammatti argisftaan hundumaaf waaqayyo eebba isaa isiniif haa roobsu, Eebbifamaa! Deggaarsi keessaan karaa hundumaa gad hin hir’atin!

Awash Bank Account No. : 013200671862300
CBE account No.: 1000208875632

30/09/2024

🔥Haasawaa gabaabaa suur-sagaleedhaan deeggarame, Erg_Fikaaduu gammadaa fi Paaster Guddataa irraa dheggaffadhaa waliif qoodaa hojiin keenya akkuma itti fufetti Jira, hojiin hojjetamaa jirus dinqiidha, Waaqayyo guddaa nu gargaaraa Jira jabaadhaa!

❤️Link telegram fi acc Waldaa comment jala isiniif keenya!..Waaqayyo bara keessan haa eebbisu!

✅Waaqayyo inni sanyii isa facaasuuf, buddeenas nyaachuudhaaf namaaf kennu, kennaa keessan isiniif in barakachiisa, ija tola keessan irraa galfattanis in baay'isa*.Ameen

✝️Qorontos Isa Lammaffaa 9:10
❤️❤️

Akkam jirtuu Qulqulloota sabaa Waaqayyo? Nagaan Waaqayyo Isiniif haa baaya’atu jecha; Har’aa Telegram Group keenya kan W...
29/09/2024

Akkam jirtuu Qulqulloota sabaa Waaqayyo? Nagaan Waaqayyo Isiniif haa baaya’atu jecha; Har’aa Telegram Group keenya kan Waldaa Guutuu Wangeela Gudayyaa Biilaa Lakk. 1 isiniif qooduf dhufe.
Link armaan gadii tuqu dhaan ykn QR Code maxxanfamee kana scan gochuu dhaan group kanatti makamu dandeessu.
Link telegram group: https://t.me/GBFG1
Waaqayyo isin haa Eebbisuu!

Obboleessa keenya Daawwit Dhaabaa Galataa Waaqayyo dachaa si haa eebbisu🙏
28/09/2024

Obboleessa keenya Daawwit Dhaabaa Galataa Waaqayyo dachaa si haa eebbisu🙏

Obboleessa keenya Tilahun Merzo waaqayyo dachaa si haa eebbisu.
28/09/2024

Obboleessa keenya Tilahun Merzo waaqayyo dachaa si haa eebbisu.

26/09/2024

2ffaa seenaa gabaabaa WGW G/Biilaa. Godina Jimmaa keessatti aanaa Limmuu Saqqaa waldoolee 28 eebbisiseera.waldoolee guddattu 14 ol ta'an waldoolee eebbisise jalatti akka guddisaniif dabarsee kenneera.tatamsaa Wangeelaa bukkeetti yeroo sadarkaa 2ffaa magaalaa keenyaa hin turetti barattoota rakko hawaasummaa qaban miidhaan nyaataa Fi qarshii laachuun sadarkaa 2ffaa hanga kolleejji Fi university garaagaraatti gargaara turuun isaa ni yaadatama.dabalatanis osoo sadarkaa 2ffaa magaalaa keenyaatti hin banamiin barattoota kutaa 5ffaa hanga 8ffaa jiran walitti waamun cimanii akka barataniif deeggarsa barbaachisuu Fi kadhannaa gochaafi tureera.walduun Kun yeroo ammaa kana Mana waaqeffannaa dalgeen isaa 16m*36m ta'e ijaaree 65% irra gahee jira.haala amma keessa jirtuun miseensonni isheen qabdu sababa hojii Fi sababa garaagaran bakka biraatti jijjiramani jiru.kanaafu ijaarsa kana miseensonni isheen qabdu xumuruuf project guddaa waan ta'eef xumuruu waan hin dandeenyef dhalattooti aanaa Fi deeggartooti ishee deeggarsa barbaachisuu Fi kadhannaadhaan akka nu bukkee dhaabbattani babal'ina Wangeelaa ittii turteefi itti jirtutti nu waliin hirmaattu eebba kana ta'a jetti. ergan kun hundumaa bira akka gahu hiriyyoota keessaniif karaa social media keessani nuuf qooda. "Isaanis Deebifnee ijaaruu in jalqabna" jedhanii, Humna isaanii jabeefatani hojii gaarii kanaaf in ka'an. Nahimiyaa 2:18

Address

Nek'emte

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gudeya Bila No. 1 Full gospel Believers Local Church posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share