30/09/2019
.
Baatiin, baatiin yoo naanna’u
Barri baraan bakka bu’uu
kalleessi har’a dubbata
Seenaan ni tarkaanfata
Ciniinnatee dhiiga cobsee
Ari’atama, hundaa Obsee
Dhugaa hubate, inni nuuf hiree
Abban Gammachiis isa mitiire
Saba koo, lammi koo
Afaan koo, dhiigaa koo
Jedhee inni dadhabe
Macaafa Qulqulluu Afaan oromotti
Inni hiikee darbe
Hiikaa Awwaajii Onesimoosidha
Saba oromoof, Biyya kanaaf
Olmaa inni Olee jiraatadha.
Atis cimii, Tarkaanfadhu
Seena kan kee galmeefadhu
Duutii hin hafuu ni darbiita
Nama nana
Bor waa’ee kee maal dubbata?