03/11/2021
Gorsa Xiqqoo Dargaggoota Keenyaaf!
‘Garaagarummaa Uumuuf Carraaqi!
(Aspire to make a Difference)’
--------------------
Haasaa Kaka’umsaa ‘Denzel Washington’ Guyyaa Eebba barattootaa kan ‘Dillard University’ bara 2014(GC) irratti Mata duree ‘Barbaachisummaa Kufaatiin Milkoominaaf qabu’ jedhuun ergaa jabduu dabarsee ture.
“Ani yeroon barataa turetti, osoon Kolleejjii baradhuu qabxiii 1.7(GPA) fideen barnoota itti fufuu dadhabe. Kolleejjichis ‘yeroof barnootarra boqochuu qabda’ naan jedhe, akkasittin barnootarraa ari’ame. Isin keessaa namni tokkoyyuu akkas gad-buutanitti jedhee hin yaadu.
Ergasii bara 1975(GC) keessa, osoon Mana Miidhaginaa bakka Harmeen koo hojjettu keessa taa’uu, dubartiin tokko dhuftee of-ilaallee/fuullee/ keessaan na ilaalaa akkas jette ‘Namni qubeessaa/kobbee naaf kennuu jiraa? Ani Dargaggeessa kanaaf ergaa Raajiin qaba! Mucaa nana, Ati addunyaa kanarra naannoofta, namoota miliyoonattis ni dubbatta! Namootni baay’eenis haasaa keetiin ni jijjiiramu’ nan jette.
Yaadaa, ani nama Kolleejjiirraa ari’amedha, ani loltuu ta’uuf yaadaan jira, maal akkan godhu hin beekuun ture! Dubartiin sun garuu ‘Addunyaa naannooftee ergaa jajjabinaa miliyoonotaaf himta’ nan jette.
Eeyyen, har’a ani addunyaa kanarra naanna’eera, akkasumas ergaa namoota jijjiruu danda’uu miliyoonotaaf qoodeera. Kun milkoomina waan baay’ee murteessaa jedhamu miti, wanti guddaan dubartiin sun ergaa sana natti himte, inni ishiin natti himtes hanga amma na waliin turuu isaati. Ani yaada waaqayyootiin eegameera, gorfameera, dabalees sirreeffameera.
Kanafuu, kufaatiin waanuma jiru! Yeroo kuftuus sirriitti kufi, altokko qofaa waan jirattuuf garuu akka nama muxannoo isaa qabuutti kufi! Waan osoo yaaltee sitti tolu yaali, carraa jiru fayyadami! Abjuu guddaa milkoome argachuuf kufaatii guddaa hin sodaatiin, kun waanuma jirudha.
Kana hubadhu, abjuun galma hin qabne abjuun akkanumaati, dhumni isaa abdii kutuudha. Abjuu qabaadhu, garuu galma waliin qabaadhu, galma jireenya, galma waggaa, galma ji’aa fi kan guyyaa waliin ta’uu qaba. Yeroo waa hojjechuuf yaaltu, naamusa isaas hojiirra oolchi.
Jecha kana dhageessetta jedheen yaada, ‘Nuti yeroo baay’ee kufaatiif hin karoorsinu, kan kufne karoorsuu dhabuu keenya’. Cimitii hojjedhu, cimanii hojjechuutu ta’a!. Dur Harmeen koo akkas nan jetti ‘Eeyyen, yeroo barbaaddetti bakka hundaa fiigdee dhaquu waan dandeessuuf ati eessayyuu hin dhaqne.’
Kanaafiyyuu, yeroo kamuu carraaqi, galma itti fufiitii qabaadhu! Waan gaarii hojjettu itti cichiitii foyyeessi. Kutannoo qabaadhu, cimi hojjedhu, yeroo isa milkeessitu duuba deebi’itii isa duuba jiru gargaari! Nam-tokkoon isa kaan barsiisi! (Each one teach one). Kaka’umsikee jrachuuf hin ta’iin, garaagarummaa uuumuuf malee!”
----------------------
Gaaffiikoo
+Yaada kanarra maal hubattee?
+'Namni tokko waan hundaatti ni milkooma' jettee yaadaa turtee?
---------------------
Namni kamiyyuu waan hundatti gahumsa walfakkataa ykn walqixa hin qabu. Denzel har’a Taatoo beekamaa fi filatamaa addunyaa kanaati. Yeroo heedduuf hojii isaatiin namoota biratti jaallatamummaa nama argatedha, badhaasa sadarkaa addunyaa heedduus fudhateera.
Haa ta’u malee, yeroo dargaggeessa ture osoo kolleejjii baratu barnootarra ari’amee ture. Sababa isaas gosa barnootaa filatetti dadhabaa waan tureef barnootarra boqodhu jedhanii isa ari’an. Achi booda muummee kan biraa akka baratu ta’e, isa bara kana ‘Course Alergy’ jedhanii muummee barnootaa (Department) barataaf jijjiiran jechuudha. Kana malee, Denzel gorsa jajjabinaa fi kaka’umsaa garagaraa kennuun beekama.
Namni kun barnoota seeraatti dadhabaa ture, hojiiwwan Art’tti garuu kunoo addunyaa kana raajeffachisaa jira. Atihoo! Barattee milkaa’uun siif hin taanee? Hojii ati hojjettu jireenyakee hin jijjrree? Moo carraa barachuuyyuu dhabdee jirtaa?
Tole, barumsi yoo si dide daldaluu dandeessa ta’a! ykn hojii qonnaan milkaa’uu dandeessa!.Karaa biraanis uummatakee gargaaruun ni dandeessa. Hojiitti milka'uu yoo dadhabdeef, waan kan biraa carraa jiru yaali tariitii karaa sanaan ni milkoofta! ykn dabalataan hojii uumuu yaali kunis jira waan ta’eef! Namni waan tokkootti hirkatu gaafuma hojii sana eegalu kufeera! yoo hojiin sun si harkaa baheehoo akkam gootaa? Hojii kamiyyuu beekuun nama hin miidhu.
Kanaafiyyuu atis, anis hojii tokkotti dadhabaa yoo taaneef hojii kan biraattis akkasuma jechuu miti! Mul’ata keessakee jiru akkamiin milkessuuf deemaa jirtaa? Kan Waaqayyoo sitti himehoo?
Mul’ata qabda garuu mul’atnikeef ati faallaa dhaabbattanii jirtu ta’a. Gahumsas qabaattee, hanqinni maallaqaa, yaadaa fi deggersa biraa, akkasumas nama si deggeru dhabuu dandeessa. Ati garuu yeroo hundaa qophii qabaadhu, carraa jirus fayyadami! Namoota karaa sitti agarsiisuu dandaa’an haasofsiisi, waaqayyoos si gargaara!
Carraaqi, ammas carraqi! Kufaatiin tokko tokko ni bareeda! Kufaatii bareedaa isaa kufi, yeroo kuftu garuu akka nama muuxannoo qabuutti kufi, kufaatiikee bareechi!
Kufaatii hin sodaatiin! Namni deemu ni gufata, yeroo gufatu ni kufa ykn bitintiree ka’a! Hanga deemsi jirutti bitintiruun ykn kufuun hin hafu, garuu kufaatiirra ni baratu! Waaqayyoo inni miilla uumemmoo si gargaara, mul’atnikees milli isaa kufuu danda’a garuu galma qaba!
Hamma galma isaa gahutti mul’atakee miilla itti godhi akka deemuuf hayyamiif! Haa deemu, ni bitintira, ni kufa ammas ni ka’a galma isaas ni gaha!
Yoo ergaan isaa sitti tole, Hiriyaakeef qoodi!
!://www.facebook.com/Yeroo.Dargaggummaa