Dhiifamaf jalala

Dhiifamaf jalala Biyyako

04/03/2026

Qaama hin beekamneetu Abdii Raggaasaatti Asiidii naqe nuuf dirmadhaa jechuun gadi bahee kan nama hedduu dogoggorse Burjaajjii kana mara Uume obboleessa isaa, Addisuu raggaasaati!

dhimma wal dhabdee Dhunfaa maatii jiddutti mudate osoo laalee argu osoo beeku, gadi bahee Hawaasni muslimaa hatattamaan nuuf dirmadhaa jechuun Dhimmicha gara amantiitti naanneessuun isaa jalqabumaa sirrii hin turre! Osoo Uumanni amntii walitti bu’ee hoo?

Ammoo Dhugaan jirtu sababbiin miidhama abdii raggassa akkuman jalqaba isiniif himee ture walitti bu’iinsi manuma keessaa kan ka’eedha. Haadha manaa isaatu bakka inni rafutti Zayitii danfisee itti naqe!

Dhimmichi dhimma maatiiti Gara amantiitti hin fidinaa!
Dhimmi amantii maaliyyuu caala sensitive dha.!
Of Eeggannoo fi itti gaafatamummaan dubbachuu barbaachisa! jenna!

Kana asidiin sun isa haatikee sitti himtee haatikoos natti himteetti jette ilmoon hantuuta ilmo adurreen
04/03/2026

Kana asidiin sun isa haatikee sitti himtee haatikoos natti himteetti jette ilmoon hantuuta ilmo adurreen

04/03/2026

Mana kan kee daaraa godhan
Gadda kan kee haaraa godhan...
Dallaan kee hin arganne cufaa
Gidiraanoo ammas ammas sitti dhufa!

Mata-boowwuu laphe-gubaa
Fayye jettu si dhukkuba
Hin obbaafanne takkuma
Darbe jettus inni achuma!

Qe'ee qabda qe'ee dhabde
Fira qabda fira dhabde
Humna qabda humna dhabde...

Yaaddoo du'aa hudhaa mormaa
Biyya keetti akka ormaa
Diinqa keetti akka galtuu
Qabeenya keetti akka hattuu...

Yaa saba koo saba guddaa
Siif gamte kaa kara hundaa!

Gubannaa kee isan gubadhu
Hin dubbattuu naa jedhuwoo maal dubbadhu?
Utuu dubbiin fala ta'ee
Silaa!
Wanjoon duruu sirraa ka'e!

Jechuuf malee akka amalaa
Dubbadhee maalan dabalaa?
Qaqqabaan kee inni sirrii
Itti himuuf jiraa firri?
Dubbiin fakkeessaa hin sifaa'u
Haa dubbatu imimmaan kee inni yaa'u!
Dhiigni kee inni coccobu
Yaa'ee yaa'ee Waaqa bira haa qaqqabu!


Guduruu Wallaggaa





19/02/2026
06/02/2026
Ati waa'ee koo dhugaadha waan wallalte hin qabdu hunduu siif ifadha galatomi dawit jecha kanatti baayye gammadee
03/07/2025

Ati waa'ee koo dhugaadha waan wallalte hin qabdu hunduu siif ifadha galatomi dawit jecha kanatti baayye gammadee

Ati garuu yoom illee dabarsite seexanicha bara dhuma kanatti nun kennin adara yaa goofta namni kun guyya 5 fuldura gamma...
03/07/2025

Ati garuu yoom illee dabarsite seexanicha bara dhuma kanatti nun kennin adara yaa goofta namni kun guyya 5 fuldura gammachuu jireenya jalqabe harrammo lubbun darbee

Address

Finfinnee Oromia
Jimma

Telephone

+251915911868

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dhiifamaf jalala posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share