25/09/2025
Alhamdu lillahi shukriin nu wajjabee
Inni madihii isaatin mishuma nu qabee
Gabaa nabiyyyeedhaa hularra nuu dhaabee
Sa'iidota malee kuun irraa agabee
Sa'iiduma jechaan nama mirqaannii itti roobee
Waan Rabbi isaa kenneen kan gabayaa reebee
Shaqiyyiidha jechaan kan nabiyicha dhabee
Kan mowlida isaanii bid'aa jedhee jibbee
Ofii godhuu dhiisii kan godhu taajjabee
Suuran takkittumaa niyyaatu wal darbee
Alhamdu lillahi waahibul axaayaa
Kan nu godhe cifraa mooticha anbiyaa
Kan mowlida isaanii nuu godhe gabayaa
Gabayallee jennaan kan milkii Kan faayaa
Laal nama isaa dhaqe sittin hima faayaa
Rasuulumaa jedhee geetaan godhuuf hayaa
Kan miicatee galu gudufa ma'asiyaa
Ammoo qabsiifatee bar ifaa hidaayaa
Otoo geetaan keenya silaa ni dandayaa
Mirgumaa bitatti itti kaase biyya
Baddumaaf gammoojjii qariyuma qariyaa
Gamachumaan fin'a silaa guyyaa duniyaa
Akkamuma taana yaa jam'aa nagayaa
Du'a waa hin hawwinu jireenyuma wayyaa
Wal haa yaadachiifnuu halkanii fi guyyaa
Laf jalee jannataa miidhafanne niyyaa
Ammumaa jenneeti rasuul yaamna hayyaa
Yaa qiblatal wujuud yaa ziinatal ashiyaa
Alhamdu lillahi galata galchinaa
Kan nu godhe cifraa mooticha Madinaa
Kuullicha Abdallaa walalaa Aaminaa
Ibsaa diini duniyaa nuura akka goobanaa
Mootii barrii bahar kan gamaa gamanaa
Kan zamanni isaanii ayinata zamanaa
Kan faarun isaanii ahibaabotaaf ziinaa
Kan qalbiidhaaf fayyaa kan ruhiif dhiyanaa
Kan molidini isaanii iidaa fi ayyaanaa
Kan isaan qajeelu bultiin alaa manaa
Yaa namni kajeelu khaatimatal husinaa
Kan qubaatuu fedhu teessoo biyyoo xeenaa
Maa mowlida hin goone qorichi kee kanaa
Meegaa sihaa dabruu ayyaanni akkanaa
Du'ullee wasiyyaa kunoo yaa namanaa
Mowlidan siif dhaama hadaraa amaanaa
Alhamdulillaahi kariimul wahaabii
Kan nugodhe cifraa Mohammed habiibii
Kan mahabbaan isaanii hundatti waajibii
Kan faarun isaanii sinqii fi qallabii
Kan ruuhii qajeelchu kan xaharu qalbii
Kan Duniyaa akhiraa namaa tahu dilbii
Kan maquma isaanii dhahuuf jedhee Rabbi
Yakka nama maaree namaa dhiisu zanbii
Amuma isaaniif nuu oole azaabii
Akka warra duraa nu hin mul'isne eybii
Borus ibidarraa nuu taha hijaabii
Nama akkanaatii kunoo ila nabii
Yaa Rasulullaahi siwaamne arhiibii
Yaa aruusal hadiraa yaa miftaahal gheybii
Alhamdu lillahi geetaa Haa shakkarruu
Ni'imaan isaa hundi nubira akka turuu
Kan nabii nuu kenne Muhammad mukhitaaruu
Kan isa guddise qixa malee faaruu
Kan izinii nuu godhe bar isaan zakkaruu
Silaa akka wanjalii hamma nutti seeruu
Hammuma goomaraan cufee nu danqaruu
Hurmaa nabiitifii bar ka nu sattaruu
Nama isaan jaalatu zambiin hin mokkoruu
Balaan diinii duniyaa irraa isa baraaru
Jam'aa obboleeyyanii badhaanee abshiiruu
Yoo khaatimaan tole wahumtinuu hin jiru
Kuunis du'aa'iidhaan wal haa gagaggaarruu
Juhdiidhas guddisnee Rabbi haa gabbarruu
Akka hulluuqqoo san nagayaan dabarruu
Akka haala mishaan gamatti dabarruu
Borus gammachumaan akka wal agarruu
Hawdii nabirrattii akka wal ziyaarruu
Alhamdu lillahi ee lakkaa badhaanee
Ee geetaan nufaayee lakkaa nuzayyanee
Ni'imaa nuhiif kenne eenyumaafi kennee
Nabiyyii nuuf kenne nugusa hin shaaramnee
Kan daadhiin faaruu isaa warabamee hin dhumne
Mirtiin omisha isaa kan galee hin raawwannee
Kan calluma malee girdii makhaa hin qabne
Kan aafaanni hin xuyne kan daanayoon hin nyaanne
Dilbii akkanaati faaruun nabi zeynee
Hadaraa gaa akka ofitti hin dhibooyne
Silaa bunas dhuynee jimaadhas qamaanee
Marxifanneetuma waa tasa hin kaanee
Hamma biraa mitii halkan tokkoof jennee
Nafsee goowwaa tana wajjiin akkan taanee
Yaa dhiira jedhamtu abinaa'ul azalii
Bakkuma dur jirraa hiiqu wayya olii
Sargiin keenya dhufee rabi'ul awwalii
Kan keessa dhalatan sayyidu rusulii
Unkaan Namaa dhiisii kowniin hundi walii
arshii kursii jannaat mukhaaf, citaan baallii
Erga baatiin baatee rabi'ul awwalii
Gamachuu lallabee bar mirqaansa walii
Duuba anaaf ati gosti keenya maalii
Keenya akka durirraa garan galu haallii
Nabiif gugubadhu haw jedhii ololii
Nabseef horii keetin isaanumatti galii
Lakkii tattaafadhuu mee nafsee waallalii
Yaabo onnee horii mooyadhuutii bulii
Yoo akkuma koo jiraatte bar kuni agulii,
waa akka gaarii hin jirtuu mee ofi duuba laalii
Hajaa hin sababatin haajalleen siqabduu
Humna kee hin qusatin waan qaltullee dhabdu
Quraanis cabsitu bishaanis waraabdu
Afatallee aftus daasumallee dhaabdu
Mindaan kee Nabirraa beekhi dhaba hin qabduu
Maal himuu feesisa kuni ifaa akka aduu
Niyyuma tolfadhuu bar niyyaa midhayduu
Wanni niyyaan tolte laaftunilleenis jabduu
Qalbii hin beeku malee gurraan quufte oduu
Moggarra hin deeminii lakkii bu'i jidduu
Yoo nabiyyiif tahe wannini barbaadduu
Mijjaan kee ammumaa maali waanni eyduu
Mawlidni nabiyyee xaahaa Muhammadii
Murtii sa'aadaati uuduma madadii
Oduu silaa tahee halkanumti hundi
Baraa hamma baraa Mawlidni sayyidii
Ni'imaa hundumarra silaa kanaa gudii
Inni kuun hundinuu bar kanumaa gadii
Aashiqootaf silaa ee guute muraadii
Guyyaan kuunis sargii kuunis ammoo iidii
Baraa yaa obboleesso gabayaan mowlidaa
Gabayaa araaramaaf milkii kheyrii hundaa
Wanjalanyanyaan marti asitti fixata edaa
Duniyattuun rakkatuu kan akhiraa boodaa
Namni arma dhufte abshir carra qabdaa
Ani soba dubadhu boru na taajjabdaa
Niyyaatu namaa fuudha immoo carraa guddaa
Niyyaan wal dabarraan argannaanis addaa
Ashiiqni dhugaadhaa nabuma barbaadaa
Waan nyaataa dhugaatii inni yoomi yaadaa
Arra maal gammada ganaadha gammadaa
Dirree qiyaamattii zarraaf jedhee dhaadaa
Gabayaan mowlida Muhammad mujitabaa
Kheyrii diinii duniyaa namaa walitti qabaa
Qalbii shaqiyyiitu bar mowlida jibbaa
Isaaf hawwuu malee waan jibban maal qabaa
Sii hime mokkorrii egeree si dhibaa
Lakkii irraa dhaabadhu hin seeninii duuba
Rasuulif gammaduun beeki ni wajjabaa
Qadrii jaalalaatiin gamachuun wal darbaa
Namni tokichimmoo hoggaa laalte dhaabaa
Haalaa fi niyyatti adda adda duuba
Tokko mowlidumaaf duniyaa kassabaa
Gariin qananumaaf carraaqee dadhabaa
Kun arruma malee boru ni agabaa
Gaafa isaaf dhiyamuu gabataan sawaabaa
Gabayaan mowlida mooticha Madinaa
Gabayaa tirfiiti gaaddisa ulfinaa
Namni nabiif jedhee gadi baase kennaa
Kan ibsaa qabsiise ari'e dukkana
Kan adii uffate wayaa isa boonaa
Biyya walitti qabee gamachuu guddinaa
Isaanitti dhiyee waan qabu dhiyanaa
Qabritti isa eega jazaan hujii kanaa
Tottolfamee afama qabriin isaa akka manaa
Unkaan arguu dhiisii cinqii fi fatanaa
Girgiddaan lahdii isaa kan gamaa gamanaa hanga argaa ijaa ni taha bal'inaa
Afinni hariirii miskiitu afinaa
Mowlidaatu isaan gahee darajaa akkaanaa
Kanattin dhaabatu ni agarta ganaa
Qiyaamaf sii darbee sii guuta mizaanaa
Otoo beynee qadrii mowlida jaalallee
Silaa goonee hogguu ji'a ji'aanillee
Maalumaani geetaan irraa nu cancalee
Silaa inni gabayaa itti boonuun hin mallee
Sa'aa re'ee dhiisii silaa ofis qallee
Rasuulif xiqqaadha shari'aatu dhoowwa malee
Namni mowlida godhu wama xinnoonillee
Namuma nabiyyee ofitti qaxxalee
Gudiin mowlidni qabu kunoo ifa galee
Biyyiti maaf dhibaawa durillee wallaalee
Geetaan hulaa bane toko tokkoofillee
Kan garaan jaalatu rasuul ija kuullee
Duniyaa olin kaayu san ofiifuu tolee
Mowlidumaafi baasa agabullee bulee
Waan qabu gad baasee kheesumaaf afullee
Taatuma moolidaa babareechuuf malee
Namni inni akkanaa bar karaa qajeelee
kheyriin diinif duniyaa dorrobeefi dhalee
Inni humna hin qabu geetaan isaa tolee
Ija sa'aadaatiin mil'atee isa laalee