Ethiopian Birhane kirstos Gojo No.1 church

Ethiopian Birhane kirstos Gojo No.1 church Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Ethiopian Birhane kirstos Gojo No.1 church, Religious organisation, West shoa, Jeldu Gojo.

Guyyaa 28/072012Ergaa guyyaa kanaaaKutaa 1ffaa                               " Kadhadhaa"                               ...
06/04/2020

Guyyaa 28/072012
Ergaa guyyaa kanaaa
Kutaa 1ffaa

" Kadhadhaa"
Mat. 77-11
7 Yesus itti fufee, “Kadhadhaa isiniif in kennamaa, barbaadaa in argattuu, balbala rukutaa isiniif in banama*.
8 Kan kadhatu hundinuu in fudhata, kan barbaadus in argata, balbala kan rukutuufis in banama.
9 Isin keessaa nama attamiitu ilmi isaa buddeena yoo isa kadhate, dhagaa kennaafii ree?
10 Yookiis ilmi isaa qurxummii yoo kadhate, bofa kennaafii ree!
11 Egaa isin hamoota taatanii utuu jirtanii, ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, abbaan keessan inni waaqa keessaa immoo hammam isin caalaa warra isa kadhataniif waan gaggaarii kenna*!
Ameeen Ameen.

05/04/2020

Guyyaa 27/07/2012
Ergaan guyyaa kana

Gara Waaqayyootti kan Deebi'anii ni Ooluu

5 Warri Nanawwee dhaamsa Waaqayyoo kana amananii fudhatan; gurguddaan, xixinnaanis akka soomaniif labsanii, uffata gaddaas in uffatan*.
6 Dubbiin kun mootii Nanawwee bira in ga'e, yommus inni teessoo isaa irraa ka'ee, uffata isaa isa surra-qabeessa of irraa fuudhee, uffata gaddaa uffatee daaraa keessa in taa'e.
7 Achumaan mootichi guutummaa mandara Nanawweetti labsiin akka labsamu in godhe; labsiin ba'e sunis, “Mootichaa fi gurguddoota isaa biraa akka abboomametti namni, sa'i, bushaayeen, horiin qe'ee warri kaanis, waa afaaniin hin qabin, marga hin dheedin, bishaan iyyuu hin dhugin!
8 Namnii fi horiin gadda haa uffatan; jabeessaniis gara Waaqayyootti haa iyyan; namni adduma addaan karaa isaa isa hamaa irraa, irree isaa nama irratti argisiisuu irraas haa deebi'u!
9 Waaqayyo isa fiduuf yaade dhiisee in deebisa ta'a, maaltu beeka? Akka nuyi hin badnettis aarii isaa isa finiinaa irraa in deebi'a ta'a” kan jedhu ture*.
10 Waaqayyo kana gochuu isaanii, karaa isaanii isa hamaa irraa deebi'uu isaaniis in arge; kanaaf inni wanta hamaa isaanitti fiduudhaaf dubbate sana in dhiise, irrattis hin fidne*.

Waqayyoo dha,ichaa fiduuf jedhee maa dhisee?
1. sabni suun dhamsaa waaqayyoo dhaga,aan Lakk. 5
2. Soomii dhugaa labsaan lakk. 7
3. Gara waaqayyootti iyaan. Lakk. 8
Kanaaf haaralee dhamsa waaqayyyoo haa dhagenyuu, gara waaqayyootti haa iyinuu waaqayyo nutti ni araramaa.

F. Dajanee Fufaa
G/W/B/K/Goojjoo lakk. 1ffaa

04/04/2020

Guyyaa 26/07/2012
Hin yaadda'inaa!!!!!
Mat. 6:25-34
Kabajamoo saba waaqayyoo lafa jirtaan maratti ergaan waldaan BKGoojjoo Lakk. 1ffaa isiinif qabduu nutti amantootni akka sagalee waaqayyootti abbota Biyyaa bulchaanif Aboomamuun fi gorsaa oggeyyiin fayaan jedhaan dhaga,uu fi rawachuun barbachisaa akkumaa ta,ee . Abdi jireenyaa lubbu keenyaa kan ta,ee sagalee waaqayyoo irraa guyyaa guyyaan isiinif qoduutti jiraa sagaalee kanaan akka jajjabataan abdi qabnaa.

25 “Kanaafis ani isinittan hima; waa'ee jireenya keessanitti, waan nyaattanii fi [waan dhugdaniif] yookiis dhagna keessaniif waan uffattaniif hin yaadda'inaa! Jireenyi nyaata irra, dhagnis uffata irra guddaa in caala mitii ree*?
26 Simbirroota qilleensa keessa balali'an ilaalaa! Isaan hin facaasan hin haamanis gombisaattis hin galchan; garuu abbaan keessan inni waaqa irraa isaan in soora. Egaa isin immoo isaan irra guddaa hin caaltanii ree*?
27 Isin keessaa namni tokko hammam yaadda'u illee, bara jireenya isaatiitti yeroo gabaabaa2 dabalachuu kan danda'u jiraa ree?
28 Waa'ee uffataa immoo maaliif yaaddoftu ree? Mee daraaronni bakkee attamitti akka biqilanii guddatan ilaalaa! Isaan hin soqan hin fo'anis.
29 Haa ta'u iyyuu malee, Solomoon mootichi inni ulfina guddaa qaba ture illee, isaan kana keessaa hamma isa tokkoo akka hin uffatin isinittan hima*.
30 Egaa Waaqayyo biqiltuu har'a bakkeetti argamee, bor ibiddatti naqamutti akkana bareechee itti uffisa erga ta'ee, isinitti guddaa caalchisee hin uffisuu ree? Isin warra amantiin itti hir'atuu dha malee.
31 “Kanaafis isin ‘Maal nyaanna?’ yookiis ‘Maal dhugna?’ yookiis ‘Maal uffanna?’ jettanii hin yaadda'inaa*!
32 Warri saba Waaqayyoo hin ta'in yaada isaanii isaan kanatti hidhanii jiru'o; isaan kun hundinuu isiniif barbaachisoo akka ta'an garuu abbaan keessan inni waaqa irraa in beeka.
33 Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama*.
34 Waa'ee boriifis hin yaadda'inaa, guyyaan borii ofii isaatiif iyyuu in yaadda'atao; rakkinni guyyaa sanaa duwwaan iyyuu guyyichaaf in ga'a” jedhe
F.Dajanee Fufaa
G/W/B/K/Goojjoo Lakk. 1ffaa

03/04/2020

☕️ God is Our Strength

A Daily Devotional for April 3, 2020
Read Psalms 46:1-11

Most times what happens around the world gets us to lose our stability in life resulting in our losing our strength to hope for life. Psalm 46: 1 – 2 says “God is our refuge and strength, a very present help in trouble.

When Paul said, “I can do all things through Christ who strengthens me” (Phil 4:13), he is saying, I will do everything the word tells me to do.

☕️እግዚአብሔር ኃይላችን ነው

የመጋቢት 25/2012 ዕለታዊ ቃል
መዝሙር 46:1-11 ያንብቡ

ብዙ ጊዜ በምድር ላይ በሚፈጠሩ ቀውሶች ፍርሃትን ወይም የመኖር ዋስትናን የማጣት ስሜት ይፈጥራሉ፡፡ ከዚህም የተነሳ መልካምን ነገር ተስፋ በማድረግና ተረጋግተን ለመኖር የሚያስችል ኃይል እናጣለን፡፡ መዝሙር 46፡1-2 ላይ “አምላካችን መመዝሙር 46፡1-2 ላይ “አምላካችን መጠጊያችን፣ ኃይላችን ለሚደርስብን መከራ ሁሉ የቅርብ ረዳታችን ነው፡፡ ስለዚህ ምድር ብትነዋወጥ እንኳ ተራሮችም ወደ ባህር ጥልቅ ቢሰምጡ አንፈራም” ይላል፡፡ በዚህ ክፍል እንደተጠቀሰው የማንፈራው ችግሮቹ ብዙም ስለ ማያስፈሩ ወይም በቀላሉ የሚታለፉ ስለሆኑ አይደለም፡፡ የችግሩ ብርታት ምድርን ሁሉ ያናወጠ፣ ተራሮችን ወይም ፅኑና ጠንካራ የሚመስሉትን ሁሉ እንኳ እንዲፍገመገሙና እንዲወድቁ ያደረገ ነው፡፡

እኛ ግን ኃይልን የሚሰጠን በቅርብ ሆኖ የሚረዳን አምላክ አለን፡፡ አምላካችን እርሱ ኃይልን የሚሰጠን ብቻ ሳይሆን እርሱ ራሱ ኃይላችን ነው፡፡ ጳውሎስ “ኃይልን በሚሰጠኝ በእርሱ ሁሉን እችላለሁ” ሲል ቃሉ አድርግ የሚለኝን ሁሉ ማለቱ እንደሆነ ግልፅ ነው፡፡ (ፊሊ 4፡13)

የሕይወት ተዛምዶ

በአሁኑ ወቅት በምድራችን ላይ በተፈጠረው ነውጥ ምክኒያት የፍርሃት ስሜት ተፈጥሮብን ጌታን ለማመንና ለማመስገን አቅም አጥተን ከሆነ መፈትሄው አንድ ብቻ ነው፡፡ ሁልጊዜ ሊያድነንና ሊረዳን ለሚችልና ከእስትንፋሻችን ይልቅ ቅርባችን ለሆነው ጌታ ራሳችንን እንስጥ፡፡ ሰው ለተገዛለት ለዚያ ባርያ ነውና ፍርሃትን ሳይሆን ጌታ እንዲገዛን እንፍቀድ ምክኒያቱም ፍርሃት ለከፋ ችግር ያጋልጠናል፡፡ ጌታ ግን ከሚገጥመን መከራ ሁሉ ይታደገናል፡፡

ፀሎት

አምላኬ ሆይ እኔ በራሴ ምንም አቅም የለኝም፡፡ ነገር ግን ቃልህ እንደሚያግዘኝ በማንኛውም ጊዜና ሁኔታ አንተን ለማመንና ለማመስገን አቅሜ ስለሆንክና ኃይልን ስለምትሞላኝ አመሰግናለሁ፡፡

ዘ/ር ደጀኔ ፉፋ
የጎጆ ቁ.1 ብ/ክ/ቤ/ክ ሰብሰቢ

02/04/2020

Guyyaa 24/07/2012
Raj. Isay. 60:1-9
Dukkannaa argituu kana keessattii ifni siif Ba,aa.

1 Ifni kee dhufeera, Ulfinni Waaqayyoos siif ba'eera,
kanaafis ka'ii ibsi!
2 Kunoo, dukkanni lafatti in uffisa, dukkanni limixiinis
saba lafa irraa in dhoksa; siif garuu ifni Waaqayyoo in ba'a, ulfinni isaas si irratti in argama*.
3 Sabni lafa irraa gara ifa kee, mootonnis gara biiftu
isa siif ba'uu in dhufu*.
*1-2 9:1-2; Far 27:1; Mul 21:23
*3 2:2-3; Mul 21:24

4 Ol jedhii asii fi achi ilaali! Hundumti isaanii walitti qabamanii gara kee in dhufu; ilmaan kee fagoodhaa in dhufu, intaloota kees kaasuutti baatanii gara kee in fidu*;
5 ati kana yommuu argitu fuulli kee in ifa, onneen kees gammachuu irraa kaan ka'e na'ee in dha'ata; qabeenyi galaana keessa jiru hundinuu kan kee in ta'a, badhaadhummaa saba lafa irraa siif in fidu*.
6 Gaalonni cocolleen danuun, biyya Miidiyaanii fi
biyya Eefaatii dhufanii, biyya kee keessa in guutu
namoonni biyya Sheebaatii dhufan hundinuu,
warqeedhaa fi ixaana fe'anii in fidu, galata Waaqayyoos in himu*.

7 Karri bushaayee Qedaar hundinuu siif walitti in qabamu, korbeeyyiin Nabaayootis dhimma ati barbaaddu irra siif in oolu; isaan hundinuu aarsaa fudhatamoo ta'anii iddoo aarsaa isa kan Waaqayyoo irratti in dhi'eeffamu; Waaqayyo immoo manni ulfina isaatii ulfina akka argatu in godha*.

*4 49:18, 22; 62:10; 66:12, 20
*5 60:13; 66:12; Mul 22:26
*6 1Mot 10:1-2; Far 72:10, 15; Mat 2:1-11
*7 His 27:21
8 Warri akka duumessaa, akka gugeewwan mann'ee isaaniitti fiiganii balali'an kun eenyufa'i?
9 Ilmaan kee warra biyyoota galaana gidduu keessaa
Waaqayyoon abdatan, biyya fagoodhaa warra fidan keessaa, markaboonni Tarshiish warra duraa ti;
isaan meetii isaanii fi warqee isaanii isaanii wajjin in fidu; kanas maqaa Waaqayyo gooftaa kee isa qulqulluu kan Israa'el isa ulfina siif kenneef jedhanii in godhu*.
*9 51:5
Dubbifitan akka itti ebifamtaan Abdin qaba.
Waqayyoo nagatti isiin haa eguu

F. Dajanee Fufaa
G/W/B/K/Goojjoo lakk. 1ffaa

Sabni goofta Ergaa keenyaa guyyaa haaraatti Fudhadhaa. Waaqayyoo sagalee isaa wajjin jiraa. Sagaleen kun yoo Amantee haa...
02/04/2020

Sabni goofta Ergaa keenyaa guyyaa haaraatti Fudhadhaa. Waaqayyoo sagalee isaa wajjin jiraa. Sagaleen kun yoo Amantee haaralee sif ni hojeetaa.

Kabajaamoo saba waqayyoo wanta akka namatti nuraa egamuu haa rawanuu.
02/04/2020

Kabajaamoo saba waqayyoo wanta akka namatti nuraa egamuu haa rawanuu.

Kabajaamtootaa umataa haala yeroo amma ilaalchisee waaqayyoo egumsii waaqayyoo yeroo hundumaa akka nuraa hin faganee bek...
02/04/2020

Kabajaamtootaa umataa haala yeroo amma ilaalchisee waaqayyoo egumsii waaqayyoo yeroo hundumaa akka nuraa hin faganee bekamadhaa. Inni isra,eel egu hin muguu hin rafuu hin dagatuu jedhamee barrefameera. Akka namuumatti wa,ee dhukkubaa koronaatiif wantoota armaan gadii Haa rawanuu isiinin jechuun barbadaa.
Galatooma.

Address

West Shoa
Jeldu Gojo
6904

Telephone

+25112380370

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ethiopian Birhane kirstos Gojo No.1 church posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share