30/12/2022
Ergamaan Rabbii Muhammadﷺ waan Kheyrii hundatti nu qaceelchee, akkasuma waan Sharrii mara irraa nu baqachiisee jira. Humaa hin hambifne. Sharrii ergamaan Rabbii irraa nu baqachiise keessaa guguddoon mallattoolee Qiyaamaati. Sunis Masiih-Dajjaal faadha. Nama "ani Rabbi" ja'ee dhaadatu Dajjaal beytuu? Kan samii ajajee roobsee, dachiis ajajee biqilchu. Dajjaal waan raajii hedduu hojjeta. Wallaalaafi nama badii hedduutu itti amanuuf jiraata. Balaafi qormaanni Dajjaal caale lafarra akka waan hin jirreeti. Dajjaal amma hidhaa jira, Fatanaaf Rabbi isa qopheyse. Shira isaa akka beynuuf dursanii ergamtoonni Rabbii(nagayaafi Rahmanni Rabbii isaanirratti haa jiraatu) nuuf dhaaman. Nabi Nuuh irraa jalqabee hanga Nabi Muhammad tti ergamtoonni Rabbii hundi waa'ee Dajjaal ummata isaanitti himaa turan. Gaafa Dajjaal dhufe ergama isaa dhugoomsanii itti amanuun Rabbitti Kafruudha, Ibiddaaf if qopheesuudha.
Rabbii keenyaafi Dajjaal akkamitti adda baafna? Hamtuu nama kanaarraa akkamitti baraaramna? Gaafii tanaaf Hadiisni asii gadii kun deebisaa taha..
*ما بعث نبي إلا وأنذر أمته الأعور الكذاب ألا إنه أعور وإن ربكم ليس بأعور وإن بين عينيه مكتوب كافر*
الراوي : أنس
متفقٌ عَلَيهِ
"(Dajjaal)ballicha kijibaa kanarraa nama dinniinu malee ergamaan tokkolleen hin ergamne. Dhagahaa! Masiih-Dajjaal ballaadha(balooqa, ija takkaan hin arku). Rabbiin keessan ammoo Balooqaa miti. Ammaas ija isaa lamaan jidduu barreeffama KAAFIR ja'uutu barreeffamee jira" ja'e Nabi Muhammadﷺ.
Ergamtoonni Rabbii hundi hamtuu Dajjaal irraa ummata isaanii baraaraa turanis garuu Dajjaal hin dhaqqabne. Dajjaal as booda aakhiru-zamaan ummata Muhammaditti dhufuuf jiraata. Dajjaal qunnamuun Fatanaa guddoodha. Akka Dajjaal waliin wal hin qunnamne dursaa Rabbi kadhaa.
Rabbiin keenya mallattoolee fokkottuu Dajjaal qabu kanarraa qulqulluudha. Bareedaafi guutuun akka Rabbii hin jiru. Dajjaal sobee mul'atee Rabbumaa himata. Nuti Rabbii keenya addunyaarratti akka arkuu hin dandeenye beyna.