24/08/2026
Gaaffileen Muslimtoota Itoophiyaa MARII BIYYOLEESSAA keessatti kaafamaa ture tarkaanfii gara furmaataatti ca’ee jira, muslimoonni biyya keenyaatiis milkaa’ee jira.” — Ustaaz Ahmedin Jabal
Ustaaz Ahmaddin Jabal hayyuu Seenaa fi Amantaa qofa osoo hin taane, akka mana kitaabaa socho’aa fi dhaabbata guddaa ummata tokkooti, seenaa, amantaa fi gaaffilee hawaasa Muslimoota Itoophiyaa irratti qorannoo fi hojii hubannoo uumuu yeroo dheeraaf gaggeessaa ture jira.
Dadhabbii fi qabsoo isaa waggoota dheeraa keessatti, yeroo garaa garaatti hidhamuu fi dararamaa turuu isaa keessatti illee, dhimma Muslimtoota Itoophiyaa gadi faggeenyaan qorachuun, ragaa Seenaa irratti hundaa’uun falmii fi marii jabaa gaggeessaa ture. Har’as hojii fi qabsoo kana keessaa bu’aan isaa mul’achuun isaa yeroo Muraasa qofaatu nuuf hafa.
Marii Biyyaalessaa fi Gaaffilee Muslimtoota Itoophiyaa
Marii Biyyaalessaa yeroo dheeraaf gaggeeffamaa ture keessatti gaaffileen hawaasa Itoophiyaa gara garaa ka’anii irratti mari’atamaa turaniiru. Odeeffannoo yeroo ammaa Aalam Miidiyaan fuula Sooshaal Miidiyaa irraa argataa jiruun, Guyyoota 37 Marii Bal’aa Gaggeeffamaa tureen gaaffilee Muslimtoota Itoophiyaa hedduu irratti mariin gaggeeffamee, bu’aa fi waliigaltee irra ga’amee jira. Bal’inaan waliigalteen kun immoo yeroo dhiyootti caalaatti ifa ta’uun isaa haala adda taheen eeggama jira.
Gaaffileen Muslimtoonni Itoophiyaa waggoota dheeraaf kaasaa turan keessaa, kanneen Ustaaz Ahmaddin Jabal yeroo garaa garaatti sadarkaa Ol’aanatti kaasaa, qorannoo fi ragaa Seenaa irratti hundaa’uun irratti falmaa ture. Gaaffileen hedduun isaanii Marii Biyyaalessaa keessatti ka’anii jiru, gara furmaataatti tarkaanfachuu wal hubachuun danda’amee jira. Walqixxummaa Amantaa fi Kabaja Mirga Amantii; Gaaffiin Muslimtoota Itoophiyaa inni bu’uuraa fi guddaan walqixxummaa amantaa fi kabaja mirga amantii ti.
Muslimtoonni Itoophiyaa ijaarsa fi dagaagina biyya kanaa keessatti shoora guddaa taphachaa turaniiru. Akkasumas, seenaa fi dagaagina Islaamaa keessatti gumaacha olaanaa qabu.
Kanaaf, gumaacha Muslimtootaa seenaa biyya Itoophiyaa keessatti sirriitti qorachuun, hubachuun fi galmeessuun, akkasumas mirgi amantii fi walqixxummaan amantoota biyyattii gidduutti kabajamuu isaa mirkaneessuun dhimma murteessaa dha.
Gaaffilee Marii Biyyaalessaa keessatti ka’an
Aalam Midiyaab Odeeffannoo yeroo ammaa jiru irraa hubachuun, gaaffilee Muslimtootaa waliin walqabatan keessaa dhimmoota armaan gadii irratti marii fi waliigalteen jiraachuu odeeffamaa jira.
1- Biyya Keenya keessattii Lakkoofsi Hijraa akka lakkoofsa yeroo biyyattii keessatti beekamtii fi itti fayyadama argatu. Guyyaan Juma’aa haala hojii fi barnootaa keessatti kabajamuu isaa mirkaneessuu.
2- Uffanni amantii ijoollee dubaraa Muslimootaa manneen barnootaa sadarkaa gadiirraa kaasee hanga yunivarsiitii keessatti, akka kabajamu gochuu.
3- Sirni Faayinaansii Islaamaa (Islamic Finance) sirna faayinaansii biyyattii keessatti bal’inaan akka hammatamu gochuu.
4- Dhaabbilee faayinaansii Muslimootaa fi tajaajila faayinaansii Islaamaa sirna faayinaansii biyyattii keessatti bakka isaanii akka argatan gochuu.
5- Afaan Arabaa manneen barnootaa biyyattii keessatti akka baratamuuf carraa fi beekamtii isaa cimsuu. Dhimmoonni kunneen hundi gaaffilee hawaasa Muslimootaa keessatti yeroo dheeraaf ka’aa turan keessaa muraasa.
Hayyuun Ustaaz Ahmaddin Jabal:-
Ustaaz Ahmaddin Jabal yeroo garaa garaatti dhimmoota kanneen irratti qorannoo fi hojii hubannoo uumuu bal’aa gaggeessaa ture. Miidiyaalee gara garaa irratti marii fi ibsa bal’aa kennuun, seenaa Muslimtoota Itoophiyaa fi gaaffilee isaanii irratti ragaa fi qorannoo dhiyeessaa ture. Dhimmoonni kunis sadarkaa mootummaa fi qaamolee dhimmi ilaallatuutti akka ga’anif carraaqqii taasisaa ture.
Keessumaa, gaaffilee Muslimtoota Itoophiyaa seenaa fi ragaa irratti hundaa’uun kaasuun, dhimma walqixxummaa amantaa fi mirga Muslimtootaa irratti mariin sirrii akka gaggeeffamuuf shoora olaanaa taphachaa ture.
Haa ta’u malee, yeroo garaa garaatti namoonni seenaa fi dhugaa Muslimtoota Itoophiyaa irratti qorannoo fi gaaffilee ka’an hin fudhanne, akkasumas walqixxummaa amantaa fi nageenya biyya kanaa hin barbaadne, duula miidiyaa gara garaa gaggeessaa turaniiru.
Yeroo ammaa illee namoonni ilaalcha finxaaleyyii qaban tokko tokko biyya alaa taa’uun, ragaa gahaa malee Marii Biyyaalessaa, gaaffilee Muslimtoonni Itoophiyaa kaasaa turan, akkasumas dhimma magaalaa Finfinnee irratti odeeffannoo sobaa fi dogoggoraa tamsaasaa jiru.
Gaaffilee Muslimtoonni Itoophiyaa waggoota dheeraaf kaasaa turan hubachuuf, seenaa isaanii, gumaacha isaanii, mirga isaanii fi haala isaan ittiin biyya kana keessatti jiraachaa turan sirriitti qorachuun barbaachisaa dha. Gaaffiin ummataa yeroo dheeraaf ka’aa ture karaa marii biyyaalessaa keessatti dhagahamee, irratti mari’atamee, gara waliigaltee fi furmaataatti tarkaanfachuun, adeemsa marii fi araara biyyaalessaa keessatti tarkaanfii barbaachisaa dha. Marii Biyyaalessaa keessatti gaaffiin ummataa dhagahamuun qofti xumura miti; waliigaltee irra ga’ame hojiitti hiikuu fi mirkaneessuun tarkaanfii itti aanu isa murteessaa ta’a.
Baga Gammaddan, Muslimtoonnu biyya keenya!
Hirmaattonni marii kana irratti hawaasa Muslimaa bakka bu’uun hirmaattanii, gaaffii hawaasni keenya yeroo dheeraaf kaasaa ture gara marii fi deebii argachuutti ceesisuuf shoora keessan bahattan, galatoomaa!🙏
Kun milkii guddaadha:- Gaaffiin walqixxummaa amantaa, kabaja mirga amantii fi hirmaannaa haqaa karaa marii, waliigaltee fi adeemsa biyyaalessaa keessatti gara furmaataatti tarkaanfachuun, abdii fi carraa haaraa ummata Muslimaa Itoophiyaa biraa uuma.
Baga gammaddan Muslimtoota biyya keenyaa!Baga gammaddan hirmaattota Marii Biyyaalessaa! Biyya Keenyaa keessattii Haqa, walqixxummaa fi kabajni mirga amantii Islaamaa hundaa haa eeggamu.