Mana Marii Dhimmoota Islaamumma A/Kombolcha

Mana Marii Dhimmoota Islaamumma A/Kombolcha Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Mana Marii Dhimmoota Islaamumma A/Kombolcha, Religious organisation, Harar.
(1)

Service Type of Communication Kombolcha Woreda Islamic Affairs Council
===would News
🕌 Authentic Information
📚 Islamic Education
🤝 Community Service & Unity
✔️ Trust • Accuracy • Timeliness
Follow, Like,shere 🌐📲📞📺

“Mu’minni boolla takkatti yeroo Lama hin iddamu(hin ciniinamu).”Nabi Muhammadﷺ{Bukhaarii 6133}• Mu’minni Faxina, if eegg...
27/08/2026

“Mu’minni boolla takkatti yeroo Lama hin iddamu(hin ciniinamu).”
Nabi Muhammadﷺ
{Bukhaarii 6133}

• Mu’minni Faxina, if eeggataadha. Dhimma Diinii fi duniyaa keessattiis deddeebi’ee dagamuu ykn dogongora hamaa keessa bu’uurraa if eega.

“لا يُلْدَغُ المُؤْمِنُ مِن جُحْرٍ واحِدٍ مَرَّتَيْنِ.”
الراوي : أبو هريرة.
﴿إِنَّ اللَّهَ وَمَلَائِكَتَهُ يُصَلُّونَ عَلَى النَّبِيِّ ۚ يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا صَلُّوا عَلَيْهِ وَسَلِّمُوا تَسْلِيمًا﴾
اللَّهُمَّ صَلِّ وَسَلِّمْ عَلَى نَبِيِّنَا مُحَمَّدٍ ﷺ

إِنَّ ٱلۡمُسۡلِمِينَ وَٱلۡمُسۡلِمَٰتِ وَٱلۡمُؤۡمِنِينَ وَٱلۡمُؤۡمِنَٰتِ وَٱلۡقَٰنِتِينَ وَٱلۡقَٰنِتَٰتِ وَٱلصَّـٰدِقِينَ...
27/08/2026

إِنَّ ٱلۡمُسۡلِمِينَ وَٱلۡمُسۡلِمَٰتِ وَٱلۡمُؤۡمِنِينَ وَٱلۡمُؤۡمِنَٰتِ وَٱلۡقَٰنِتِينَ وَٱلۡقَٰنِتَٰتِ وَٱلصَّـٰدِقِينَ وَٱلصَّـٰدِقَٰتِ وَٱلصَّـٰبِرِينَ وَٱلصَّـٰبِرَٰتِ وَٱلۡخَٰشِعِينَ وَٱلۡخَٰشِعَٰتِ وَٱلۡمُتَصَدِّقِينَ وَٱلۡمُتَصَدِّقَٰتِ وَٱلصَّـٰٓئِمِينَ وَٱلصَّـٰٓئِمَٰتِ وَٱلۡحَٰفِظِينَ فُرُوجَهُمۡ وَٱلۡحَٰفِظَٰتِ وَٱلذَّـٰكِرِينَ ٱللَّهَ كَثِيرٗا وَٱلذَّـٰكِرَٰتِ أَعَدَّ ٱللَّهُ لَهُم مَّغۡفِرَةٗ وَأَجۡرًا عَظِيمٗا
— سورة الأحزاب (33:35)
Dhiironni Muslimaatiifi dubartoonni Muslimaas, dhiironni mu’uminaatiifi dubartoonni mu’uminaas, dhiironni Rabbiif ajajamaniifi dubartoonni Rabbiif ajajamanis, dhiironni dhugaa dubbataniifi dubartoonni dhugaa dubbatanis, dhiironni obsaniifi dubartoonni obsanis, dhiironni (Rabbiin) sodaataniifi dubartoonni (Rabbiin) sodaatanis, dhiironni sadaqataniifi dubartoonni sadaqatanis, dhiironni soomaniifi dubartoonni soomanis, dhiironni qaama saalaa isaanii (haraama irraa) tikfataniifi dubartoonni tikfatanis, dhiironni hedduu Rabbiin faarsaniifi dubartoonni hedduu faarsanis, Rabbiin araaramaafi mindaa guddaa isaaniif qopheesseera.''(Qur'ana Suura Alahzaab 33:35)
✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅

 .Godina Harargee Bahaa Aanaa Kombolchaatti Sagantaan barnootaa kitaaboota Sunanafi leenjii  Du'aatoota, immaamman, shee...
26/08/2026

.
Godina Harargee Bahaa Aanaa Kombolchaatti Sagantaan barnootaa kitaaboota Sunanafi leenjii Du'aatoota, immaamman, sheekkanfi koreelee Majliisaa dabalatee aanaarraa hanga gandaatti akkasumas aanaalee garaagaraa irraa sheekkan hedduu hirmaachiisun guyyaa kamiisaa aanaa Kombolcha magaalaa Malkaa Raafuu masjidul Nuuritti walitti qabaa Gamtaa Ulamaa’ota Aniichaa Sheekh Aliyyii Fallaanaattin kenama jiru akkuma kanaan bufa bareedan adeemsiifama ture guyyaa boruutiis kan itti fufuu waan taheef ergaa kana waliif qooda wal yaadachiisa kottaa baradhaa.

26/08/2026
﴿وَعَسَىٰ أَن تَكْرَهُوا شَيْئًا وَهُوَ خَيْرٌ لَّكُمْ ۖ وَعَسَىٰ أَن تُحِبُّوا شَيْئًا وَهُوَ شَرٌّ لَّكُمْ ۗ وَاللَّهُ...
26/08/2026

﴿وَعَسَىٰ أَن تَكْرَهُوا شَيْئًا وَهُوَ خَيْرٌ لَّكُمْ ۖ وَعَسَىٰ أَن تُحِبُّوا شَيْئًا وَهُوَ شَرٌّ لَّكُمْ ۗ وَاللَّهُ يَعْلَمُ وَأَنتُمْ لَا تَعْلَمُونَ﴾

“Tarii waan tokko jibbitanii, inni isiniif gaarii ta’uu danda’a. Tarii waan tokko jaallattanii, inni isiniif hamaa ta’uu danda’a. Rabbiin ni beeka; isin garuu hin beektan.”
📖 Suuraa Al-Baqarah: 216
waan nuti gaarii ykn hamaa jennee yaadnu hundumaa dhugumaan akkas ta’uu dhiisuu danda’a; Rabbiin waan hundumaa caalaa beeka.

Kanaaf waan nu quname hunda yoo gaariis ta'e Rabbiif galata galchuu qabna gammachuu kessaatti daangaa dabruu hin qabnu yoo hamaas tahee irratti obsuufi rabbiin gargaarsifachuu qabna.

Rabbiin qormaata adunyaa fi akhiiraatiis Nuhaa Dabarsuu Amiin🤲🤲🤲

D/Bu'aa Mana Marii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa sheekh   Ergaa leenjii Faayinaansii haalalaa irratti dabarsan kessa to...
26/08/2026

D/Bu'aa Mana Marii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa sheekh Ergaa leenjii Faayinaansii haalalaa irratti dabarsan kessa tokko ummanni Muslimaa Diinagdeenya Keessatti Adda-Duree Ta’uu Qaba.

🕌 Imaamni, du’aatonniifi sheekkan keenya barnoota amantii qofa osoo hin taane, ummata isaanii gama diinagdeetiinis akka fakkeenya ta’an barsiisuu qabu.

Ummanni Islaamaa amantii isaa keessatti akkuma adda durummaan beekamu, hojii, daldala, amanamummaa, qusannaa, invastimantii fi of danda’uu diinagdee keessattis adda durummaan mul’achuu qaba.

Nabiyyiin ﷺ sahaabota isaanii ibaadaa qofa irratti osoo hin daangeessi, amanamummaa hojii, daldala haqaa fi itti gaafatamummaa irrattiis leenjisaniiru.

Kanaaf, hoggantoonni Islaamaa, imaamoonni, du’aatonniifi sheekkan keenya dhaloota har’aa amanamummaa hojii, daldala haqaa fi itti gaafatamummaa irrattiis leenjisuufi barsiisuun dirqama jechuun dhaamsa dabarsaniru.

Waluma galatti Amantii keessatti fakkeenya ta’uu hojii keessatti fakkeenya ta’uu Masjiida keessatti fakkeenya ta’uu gabaa keessattis fakkeenya ta’uu Hiyyeessa gargaaruuf qabeenya horachuu qabeenya horattus karaa halaalaa horachuu qabu.

💡 Akkuma rabbiin isiin irraa caalaa ummataati nuun jedhu Ummanni Islaamaa diinagdee caalaa ta'ee argamuun barbaachisadha

Kanaaf, barnoota amantii fi diinagdee wal bira qabnee dhaloota of danda’u, hojii jaallatu, daldala halaalaa gaggeessuufi ummata isaa jijjiiru haa ijaarru D/Bu'aa Mana Marii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa sheekh

Komnikeeshiinii Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Kombolchaa


’uu


Godina Harargee Bahaa, Aanaa Kombolchaatti, Waajjira Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Kombolchaatti, guyyaa har’aa...
25/08/2026

Godina Harargee Bahaa, Aanaa Kombolchaatti, Waajjira Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Kombolchaatti, guyyaa har’aa dargaggoota waliin dhimmoota garaagaraa irratti mariin gaggeeffamee jira.

25/08/2026

Hogganaa wajjira Mana Marii waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa itiyoophiyaa Ustaz

24/08/2026

Gaaffileen Muslimtoota Itoophiyaa MARII BIYYOLEESSAA keessatti kaafamaa ture tarkaanfii gara furmaataatti ca’ee jira, muslimoonni biyya keenyaatiis milkaa’ee jira.” — Ustaaz Ahmedin Jabal

Ustaaz Ahmaddin Jabal hayyuu Seenaa fi Amantaa qofa osoo hin taane, akka mana kitaabaa socho’aa fi dhaabbata guddaa ummata tokkooti, seenaa, amantaa fi gaaffilee hawaasa Muslimoota Itoophiyaa irratti qorannoo fi hojii hubannoo uumuu yeroo dheeraaf gaggeessaa ture jira.

Dadhabbii fi qabsoo isaa waggoota dheeraa keessatti, yeroo garaa garaatti hidhamuu fi dararamaa turuu isaa keessatti illee, dhimma Muslimtoota Itoophiyaa gadi faggeenyaan qorachuun, ragaa Seenaa irratti hundaa’uun falmii fi marii jabaa gaggeessaa ture. Har’as hojii fi qabsoo kana keessaa bu’aan isaa mul’achuun isaa yeroo Muraasa qofaatu nuuf hafa.

Marii Biyyaalessaa fi Gaaffilee Muslimtoota Itoophiyaa

Marii Biyyaalessaa yeroo dheeraaf gaggeeffamaa ture keessatti gaaffileen hawaasa Itoophiyaa gara garaa ka’anii irratti mari’atamaa turaniiru. Odeeffannoo yeroo ammaa Aalam Miidiyaan fuula Sooshaal Miidiyaa irraa argataa jiruun, Guyyoota 37 Marii Bal’aa Gaggeeffamaa tureen gaaffilee Muslimtoota Itoophiyaa hedduu irratti mariin gaggeeffamee, bu’aa fi waliigaltee irra ga’amee jira. Bal’inaan waliigalteen kun immoo yeroo dhiyootti caalaatti ifa ta’uun isaa haala adda taheen eeggama jira.

Gaaffileen Muslimtoonni Itoophiyaa waggoota dheeraaf kaasaa turan keessaa, kanneen Ustaaz Ahmaddin Jabal yeroo garaa garaatti sadarkaa Ol’aanatti kaasaa, qorannoo fi ragaa Seenaa irratti hundaa’uun irratti falmaa ture. Gaaffileen hedduun isaanii Marii Biyyaalessaa keessatti ka’anii jiru, gara furmaataatti tarkaanfachuu wal hubachuun danda’amee jira. Walqixxummaa Amantaa fi Kabaja Mirga Amantii; Gaaffiin Muslimtoota Itoophiyaa inni bu’uuraa fi guddaan walqixxummaa amantaa fi kabaja mirga amantii ti.

Muslimtoonni Itoophiyaa ijaarsa fi dagaagina biyya kanaa keessatti shoora guddaa taphachaa turaniiru. Akkasumas, seenaa fi dagaagina Islaamaa keessatti gumaacha olaanaa qabu.
Kanaaf, gumaacha Muslimtootaa seenaa biyya Itoophiyaa keessatti sirriitti qorachuun, hubachuun fi galmeessuun, akkasumas mirgi amantii fi walqixxummaan amantoota biyyattii gidduutti kabajamuu isaa mirkaneessuun dhimma murteessaa dha.

Gaaffilee Marii Biyyaalessaa keessatti ka’an
Aalam Midiyaab Odeeffannoo yeroo ammaa jiru irraa hubachuun, gaaffilee Muslimtootaa waliin walqabatan keessaa dhimmoota armaan gadii irratti marii fi waliigalteen jiraachuu odeeffamaa jira.

1- Biyya Keenya keessattii Lakkoofsi Hijraa akka lakkoofsa yeroo biyyattii keessatti beekamtii fi itti fayyadama argatu. Guyyaan Juma’aa haala hojii fi barnootaa keessatti kabajamuu isaa mirkaneessuu.
2- Uffanni amantii ijoollee dubaraa Muslimootaa manneen barnootaa sadarkaa gadiirraa kaasee hanga yunivarsiitii keessatti, akka kabajamu gochuu.
3- Sirni Faayinaansii Islaamaa (Islamic Finance) sirna faayinaansii biyyattii keessatti bal’inaan akka hammatamu gochuu.
4- Dhaabbilee faayinaansii Muslimootaa fi tajaajila faayinaansii Islaamaa sirna faayinaansii biyyattii keessatti bakka isaanii akka argatan gochuu.
5- Afaan Arabaa manneen barnootaa biyyattii keessatti akka baratamuuf carraa fi beekamtii isaa cimsuu. Dhimmoonni kunneen hundi gaaffilee hawaasa Muslimootaa keessatti yeroo dheeraaf ka’aa turan keessaa muraasa.

Hayyuun Ustaaz Ahmaddin Jabal:-
Ustaaz Ahmaddin Jabal yeroo garaa garaatti dhimmoota kanneen irratti qorannoo fi hojii hubannoo uumuu bal’aa gaggeessaa ture. Miidiyaalee gara garaa irratti marii fi ibsa bal’aa kennuun, seenaa Muslimtoota Itoophiyaa fi gaaffilee isaanii irratti ragaa fi qorannoo dhiyeessaa ture. Dhimmoonni kunis sadarkaa mootummaa fi qaamolee dhimmi ilaallatuutti akka ga’anif carraaqqii taasisaa ture.

Keessumaa, gaaffilee Muslimtoota Itoophiyaa seenaa fi ragaa irratti hundaa’uun kaasuun, dhimma walqixxummaa amantaa fi mirga Muslimtootaa irratti mariin sirrii akka gaggeeffamuuf shoora olaanaa taphachaa ture.

Haa ta’u malee, yeroo garaa garaatti namoonni seenaa fi dhugaa Muslimtoota Itoophiyaa irratti qorannoo fi gaaffilee ka’an hin fudhanne, akkasumas walqixxummaa amantaa fi nageenya biyya kanaa hin barbaadne, duula miidiyaa gara garaa gaggeessaa turaniiru.

Yeroo ammaa illee namoonni ilaalcha finxaaleyyii qaban tokko tokko biyya alaa taa’uun, ragaa gahaa malee Marii Biyyaalessaa, gaaffilee Muslimtoonni Itoophiyaa kaasaa turan, akkasumas dhimma magaalaa Finfinnee irratti odeeffannoo sobaa fi dogoggoraa tamsaasaa jiru.

Gaaffilee Muslimtoonni Itoophiyaa waggoota dheeraaf kaasaa turan hubachuuf, seenaa isaanii, gumaacha isaanii, mirga isaanii fi haala isaan ittiin biyya kana keessatti jiraachaa turan sirriitti qorachuun barbaachisaa dha. Gaaffiin ummataa yeroo dheeraaf ka’aa ture karaa marii biyyaalessaa keessatti dhagahamee, irratti mari’atamee, gara waliigaltee fi furmaataatti tarkaanfachuun, adeemsa marii fi araara biyyaalessaa keessatti tarkaanfii barbaachisaa dha. Marii Biyyaalessaa keessatti gaaffiin ummataa dhagahamuun qofti xumura miti; waliigaltee irra ga’ame hojiitti hiikuu fi mirkaneessuun tarkaanfii itti aanu isa murteessaa ta’a.

Baga Gammaddan, Muslimtoonnu biyya keenya!

Hirmaattonni marii kana irratti hawaasa Muslimaa bakka bu’uun hirmaattanii, gaaffii hawaasni keenya yeroo dheeraaf kaasaa ture gara marii fi deebii argachuutti ceesisuuf shoora keessan bahattan, galatoomaa!🙏

Kun milkii guddaadha:- Gaaffiin walqixxummaa amantaa, kabaja mirga amantii fi hirmaannaa haqaa karaa marii, waliigaltee fi adeemsa biyyaalessaa keessatti gara furmaataatti tarkaanfachuun, abdii fi carraa haaraa ummata Muslimaa Itoophiyaa biraa uuma.

Baga gammaddan Muslimtoota biyya keenyaa!Baga gammaddan hirmaattota Marii Biyyaalessaa! Biyya Keenyaa keessattii Haqa, walqixxummaa fi kabajni mirga amantii Islaamaa hundaa haa eeggamu.

Lakkoofsi Hijraas akka biyyaalessaatti beekamtii argatee akka ittin hojjetamu murta'eera.🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁Marii biyyaalessaa ...
24/08/2026

Lakkoofsi Hijraas akka biyyaalessaatti beekamtii argatee akka ittin hojjetamu murta'eera.
🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁
Marii biyyaalessaa irratti Murtiin dabarfame, keessaa lakkoofsa baraa isa duraan ture cinaatti, lakkoofsi Hijraas akka biyyaalessaatti beekamtii argatee akka ittiin hojjetamu murta'eera.

Dabalataanis, lakkoofsa baraa isa duraan ture wajjin walqabatee, moggaasonni “ዓ.ም” (A.M – Waggaa Araaraa / Fannoo Kiristoosiin araara arganne), “ዓ.ል” (A.L – Waggaa Dhalootaa / dhaloota Kiristoos irraa eegalee) fi “እ.ኢ.አ” (A.L.I – Akka Lakkoofsa Itoophiyaatti) jedhaman sadanuu qixa fudhatama argatanii akka ittiin hojjetaman murtaa’eera.

Address

Harar

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana Marii Dhimmoota Islaamumma A/Kombolcha posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share