Diin keetin Booni

Diin keetin Booni HASAWUF SHENAWULE CALLISU KIYAF TAKKAN SHENOYNE كن لله يكون الله معك

18/03/2026

ANAAFI NAMNI YATIIMAAF IF QABE OLLAADHA JA AN RASSUL S A W
GALATOMA
FAXUMA FOUNDATION

13/02/2026

Guyyaa jummaa akka arraa soomana afaani qabnaa
Rabbin nagyan nuhaa fidu

Seerri Ittiin Bulmaata Mana Marii Waliigalaa Itoophiyaa mirkanaa'e.•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••...
11/02/2026

Seerri Ittiin Bulmaata Mana Marii Waliigalaa Itoophiyaa mirkanaa'e.
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Guraandhala 4፣ 2018 | Sha’abaana 23፣1447
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Finfinnee|Majlisa Oromiyaa

Ogeessota seeraa fi qaama dhimmi ilaaluun qoratamuun kan dhiyaate seerri ittiin bulmaata mana marichaa yaa'iif dhiyaateera. Manni maree Waliiagalaa dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Yaa'ii Idilee 1ffaa bara hojii 1ffaa, hoggantoota mana maree naannolee,Sagalee guutuun yaa'ichi bakka bu'iinsa isaanii mirkaneesseen, miseensota ulamaa,Korea hoji raawwachiistuu mana marichaa,itti gaafatamtoota dhimmichaa fi qaamonni dhimmi ilaallatu guyyoota lamaaf hoteela stay iiziitti woliin irratti maryatee jira.

Seerri ittiin bulmaata mana marichaa fooyya'iinsi taasifame woliin qaamolee yaa'ichi bakka bu'iinsa kenneefin sagalee guutuudhaan ragga'eera. Sirna mirkaneessa seera ittiin bulmaata mana marichaa irratti argamuun kan hogganan Perezdaantiin mana marichaa Sheik Hajjii Ibraahiim Tufaa qaamota yeroo ofii aarsaa gochuun hojii seena qabeessa kana hojjatan maqaa yaa'ii Walii galaatiin na galateeffadha jedhaniiru. Haaluma kanaan raggaasisa seera ittiin bulmaataa kana hordofuudhaan bakka buutonni yaa'ii walii galaa Muudama Pirezdaantota 3 fi ga'een hojii isaanii dhiyaatee sagalee guutuudhaan mirkanaa'eera.

Bu'uuruma Kanaan:-
1. Sheik Abdulkariim Sheik Badraddiin Dursaa Itti Aanaa Perezdaantii mana marichaa.
2. Sheik Haamid Muusaa I/A Pirezdaantii Waliigala mana marichaa Itti gaafatamaa Dhimmoota Misoomaa fi Tajaajila hawaasummaa.
3. Sheik Junadiin Hamzaa Yuusuf I/Aanaa Pirezdaantii Itti gaafatamaa dhimma ulamoota Itoophiyaa
4. Ustaaz Tamkiin Abdullaahii Itti Aanaa Pirezdaantiitti Hogganaa Bulchiinsaa fi Dhaabbata
5. Dr.Muhammadsaalih Jamaal Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantiitti Itti gaafatamaa dhimma Hajjii fi Umraa ta'uun muudamanii jiruu
Dhuma irratti Muudamtoonni Hoggantoota Majlisaa Naannoolee Miseensota Ulamaa’aHoggansa Hojii Rawwachiiftuu fi qooda fudhattoota fuulduratti Ulamaa fi Maanguddootaan sirna kakuu raawwatanii jiruu.
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Oduu fi Odeeffannoo Tamsaasa Mana Marii Ol'aanaa dhimmoota Islaamummaa naannoo Oromiyaa irraa isiniif darbun nu hordofaa


https://linktr.ee/majlisaoromiya1

Address

Harar

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Diin keetin Booni posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Place Of Worship

Send a message to Diin keetin Booni:

Shortcuts

Share