Mana Marii Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Go/H/Bahaa

Mana Marii Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Go/H/Bahaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Mana Marii Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Go/H/Bahaa, Religious organisation, Betamangisti, Harar.

Waltajjii Leenjii Hubannoo Uumuu Faayinaansii Halaal Baankiin Raammis Yuunivarsiitii Haramayaa fi Waajjira Dhimma Islaam...
12/08/2026

Waltajjii Leenjii Hubannoo Uumuu Faayinaansii Halaal Baankiin Raammis Yuunivarsiitii Haramayaa fi Waajjira Dhimma Islaamummaa Go/Harargee Bahaa Waliin Ta'uun Qooda Fudhattoota Adda Addaatiif Qopheesse. Eegalee jira

Obboleysa kenya Dr. Ammaar  Imala yeroo dheeraa booda barnoota Digrii sadaffaa [ Doktoreetii] dhaan eybifamuu kheetitti ...
18/07/2026

Obboleysa kenya Dr. Ammaar Imala yeroo dheeraa booda barnoota Digrii sadaffaa [ Doktoreetii] dhaan eybifamuu kheetitti baga gammaddan, baga gammanne.

Dr. Ammaar barnoota doktoreetiidhaa goolabuu qofa oson taane, qabxii olaanaa dhaan eybifamuun isaa waan nama gammachiisaati.
Imala fuula duraa kheysattis milkiin wal faana isin haa barbaaddu doktor. Duniyarratti warra diinirratti jiraatee , aakhirattis warra jannata badhaafamurraa si haa godhu.

Hamtuun isin argin, umrii dheeradhaa Dr.

Afferra
14/05/2026

Afferra

04/05/2026
🌲Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa dhaabbata ummata Musliimaa hundaaf walqixaan tajaajila haqaa kennuudha. Kaayyoon gudda...
01/05/2026

🌲Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa dhaabbata ummata Musliimaa hundaaf walqixaan tajaajila haqaa kennuudha. Kaayyoon guddaan mana mariichaa immoo ummanni Islaamaa tokkummaan mataa walitti qabee, hawaasa beekumsaa fi diinagdeen badhaadhe ijaaruun, akkasumas Diin Islaamaa dagaagsuudha jedhan Itti Aanaa Mana Marii Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Godina Harargee Bahaa kan ta’an kabajamoo Sheekh

✅️Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Kombolchaatti walgahiin haala yeroo irratti gaggeeffameera. Walgahii kana irratti Koreen Hojii Raawwachiiftuu Mana Marii Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Godina Harargee Bahaa, I/A Mana marichaa Sheikh Umaar Ismail fi
IG/Hajji fi Umraa Sheikh Umar Ismail( Ashrafuddi) akkasumas Koreen Hojii Raawwachiiftuu Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Kombolchaa, Gamtaa Ulamaa’ota Aniichaa Sheekh Hassan Adam fi Sheekh Aliyyii Ibraahim [Fallaanaa)manguddoota biyyaa, hayyoota fi hogganaa, bulchiinsaa fi nageenyaa Aanaa Kombolchaa dabalatee namoonni hedduun hirmaataniiru. Dhimmoota nageenyaa fi tokkummaa irratti mariin bal’aan gaggeeffameera.

✅️Rakkooleen yeroo dheeraaf sheekaa fi sheekaa jidduu, obbolaa fi obbolaa jidduu, akkasumas hawaasa fi hawaasa jidduu ture gadi fageenyaan irratti mari’atamee, rakkoon sun bu’uura irraa akka furamuuf kallattiin kaa’amuun Tokkummaa obbolummaa fi jaalalli waaraa akka dagaaguuf koreen hawaasaaf hundeeffameera. Koreen kun guutuu aanaa keessatti tokkummaa fi obbolummaa irraatti akka hojjatan waadaa galeera.

✅️Haaluma kanaan:
Amiira: Ramzii Bahreddiin
Itti Aanaa: Murad Yuusuf
Barreessaa: Abdii Kaliif

✅️Gorsitoota:
Haaji Jamaal Yoonis
Mahammad Daawwid
Abdunaasir Fandiish
Abdusalaam Ahmad
Haaji Sufiyaan (Xiilaa)
Nuuraddiin Abdurazzaaq

✅️Manguddoota:
Sheekh Hasan Aadam
Sheekh Aliyyii Ibraahim
Haaji Ibraahim
Haaji Yuusuf
Haaji Sufiyaan
Kaliif Muusaa
Abdurahmaan Damiinaa
Ahmad Daawwee
Haaji Zakkoo Huseen
Sheekh Saadiqaa

Gaabasni komnikeeshiinii Mana Marii Dhimmoota Islaamumma Goodina harargee bahaa ✍️

18/04/2026
18/04/2026

Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaatti Mariin Haala Yeroo irratti Gaggeeffame

Ebla 10, 2018 | Zul Qiidaa 1, 1447

Manni Marii Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa fi Manni Marii Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa dhimmoota yeroo ijoo ta’an irratti marii bal’aa gaggeessaniiru.

Marii kanaan Jilli Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii, Itti Gaafatamaa Hajjii fi Umraa Mana Marii Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Dr. Muhammad Saaliih, Miseensa Koree Hojii Raawwachiiftuu Majlisa Federaalaa Itti Gaafatamaa Barnootaa Sheik Ziyaad Aliyyii fi Pirezidaantii Majlisa Oromiyaa Sheik Gaalii Muktaar Biiroo Majlisa Oromiyaa dhufuun dhimmoota armaan gadii irratti Marii taasisuun kallattii kaa'aniiru:

1. Dhimma Muslimoota Naannoo Tigraay (Aksum) Manni Marichaa gidiraa fi rakkoo hawaasa Muslimaa Magaalaa Aksum keessatti mudachaa jiru irratti ibsa kenneera

Magaalaa Aksumitti Hawaasni Muslimaa duudhaa, Aadaa,Safuu Hawaasaa fi miira Wal danda'uun waliin jiraachu utuu qabu Diiggaa Masjiidaa fi reebicha hamaan hawaasa Muslimaa irra ga'aa kan turee fi Yeroo ammaas namoota gocha akkasii Muslima irratti raawwataa jiran Cimsinee kan balaaleffannu fi Mootummaanis qaama garee ijaaramee gocha kana raawwate hordofee seeratti akka dhiyeessu Maqaa Maqaa Mana marichaatiin ni gaafanna

2. Qophii Filannoo Biyyoolessaa Marsaa 7ffaa ilaalchisee Filannoo Biyyi keenya yeroo ammaa qophii filannoo irra jiraachuun ni beekama.

Filannoo lammiin ykn Hawaasni mirga filuu fi filatamuu waan qabuuf Hawaasni Naannoo Oromiyaa keessa jiru hunduu, dhiiraa fi dubartiin umriin isaa filannoof ga'e, guyyoota muraasa hafan keessatti Kaardii Filannoo fudhattanii akka of qopheessitanu fi ga'ee Keessan Akka ba'attanu maqaa Mana Marichaatiin isin beeksifna.

"Tokkummaan Keenya Humna Keenya!"

18/04/2026
انا الله وانا اليه اراجعون والله ما أعطى وله ما أخذ وكل شيء عنده بمقدار Warri Aanaa Goroo Guututi fi naanawa isii  Balaa...
14/04/2026

انا الله وانا اليه اراجعون والله ما أعطى وله ما أخذ وكل شيء عنده بمقدار
Warri Aanaa Goroo Guututi fi naanawa isii Balaa tarafika guyya kaleeysa isin mudatteef Gadda gudda nutti dhagayamee maatii fii firoota warra balaa tasaatiin namni irra dhumaniif imaana sabrii akkasumattiin jajabina hawwinaaf.

Address

Betamangisti
Harar

Opening Hours

09:00 - 17:00

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana Marii Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Go/H/Bahaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Place Of Worship

Send a message to Mana Marii Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Go/H/Bahaa:

Shortcuts

Share