Waldaa Duuka Bu'ootaa Damee Goree

  • Home
  • Waldaa Duuka Bu'ootaa Damee Goree

Waldaa Duuka Bu'ootaa Damee Goree "AMANTAA" KOOF "OROMUMMAA" KOO MAALIINUU HIN JIJJIIRU

🔥Baga jala bultii Ayyaana qulqulluu mikaa'el nagaan geessan🙏🙏🙏
17/06/2026

🔥Baga jala bultii Ayyaana qulqulluu mikaa'el nagaan geessan🙏🙏🙏

‎🔥 Jechoota Abdii Waaqayyoo Torban‎1) Dhiifama na godha   1:9‎2) Humna siifan kenna   41:10‎3) Jireenya keef Kaayyoon qa...
16/06/2026

‎🔥 Jechoota Abdii Waaqayyoo Torban
‎1) Dhiifama na godha 1:9
‎2) Humna siifan kenna 41:10
‎3) Jireenya keef Kaayyoon qaba 29:11
‎4) Tasumallee Qofa kee miti 28:19
‎5) Nageenya sif nan kenna 14:27
‎6) Kadhannaa kee siifan deebisa 14:13
‎7) Jireenya bara baraa sifaan kenna 21:25

‎💒 Abdii qabdanitti Gammadaa 💯👌

Akkam ooltan bakka jirtan maratti nagaaf araarri waaqayyo hunduma keenyaaf haa bayyatu jechaa waldaa duuka bu'ootaa wiir...
14/06/2026

Akkam ooltan bakka jirtan maratti nagaaf araarri waaqayyo hunduma keenyaaf haa bayyatu jechaa waldaa duuka bu'ootaa wiirtuu Aanaa Aallee ongaa guyyaa haraa miseensa isaa waliin marii bal'aa geggeessera. marii isaa kanaanis hanqinaaf cimina hundeeffamarraa kaasee jiru irratti bilchinaan maryachuun hojii gara fuulduraallee akkamiin akka hojjetamuu qabus bakka koreen wiirtuu Aanaa Aallee argamanitti maree keenya goolabneerra waaqa nu gargaareef galatni ha ta'u🙏🙏🙏

🔥Maqaa Abbaa Ilmaa Afuura Qulqulluu sadan waaqa tokkoo ameen🙏Akkuma beekamu  Waldaa Duuka Bu'ootaa Damee Goree imala duu...
14/06/2026

🔥Maqaa Abbaa Ilmaa Afuura Qulqulluu sadan waaqa tokkoo ameen🙏
Akkuma beekamu Waldaa Duuka Bu'ootaa Damee Goree imala duuka bu'ummaa isaa mana kiristaana afuri irraatti geggeesseera bakka nagaa oolaa mana kana oduu mana kirstaanaa yeroo isaa eeggate argachuuf godhaa🙏🙏

Jilli Eebbifamoo Abbaa Saawuroosiin durfamu Arsiitti argamuun Kiristaanota Miidhaan irra gahe jajjabeesse!Tibbana Arsiit...
11/06/2026

Jilli Eebbifamoo Abbaa Saawuroosiin durfamu Arsiitti argamuun Kiristaanota Miidhaan irra gahe jajjabeesse!

Tibbana Arsiitti ajjechaan lubbuufii gubannaan Mana Kiristaanaa qaqqabee akka ture beekamaadha.Kanuma sababeeffachuun jilli Eebbifamoo Abbaa Saawuroosiin durfamu Bakka Miidhaan kun qaqqabetti argamuun Kiristaanota gaddan kan jajjabeessan yemmuu ta'u deeggarsa namoomaa Manni Kiristaanattii gootes miidhamtootaaf laatanii jiru!

Barattoonni Barnoota Dubbii Waaqummaa (Theology) Yuuniversitii Q/Sillaasee Ajjeechaa Kiristaanota Arsii irratti raawwata...
11/06/2026

Barattoonni Barnoota Dubbii Waaqummaa (Theology) Yuuniversitii Q/Sillaasee Ajjeechaa Kiristaanota Arsii irratti raawwatame balaaleffatan!

B.A

Waldaa Duuka Bu'ootaa!Kakuu Tajaajila Waldaa Duuka Bu’ootaa Afaan Oromootiin taasifamuuf galame:1. Jalqaba irratti:-Siya...
11/06/2026

Waldaa Duuka Bu'ootaa!
Kakuu Tajaajila Waldaa Duuka Bu’ootaa Afaan Oromootiin taasifamuuf galame:
1. Jalqaba irratti:
-Siyaasaaf walitti hin qabamne
-Sanyummaaf walitti hin qabamne
-Qabeenya dhuunfachuuf walitti hin qabamne
-Hamma geenyu walitti agarsisiuuf walitti hin qabamne
-Saboota biraa mana kiristaanaa keessaa ari’uuf walitti hin qabamne
-Bataskaana takkatti addaan qooduuf walitti hin qabamne.

2. Kan walitti qabamneef:
-Afaan beeknuun Waaqayyoon galateeffachuu waan qabnuufi
-Manni keenya cufamaa jiraachuusaa dursinee waan agarreefi
-Miidhama seenaa keessatti hin taane waan agarreefi
-Manni kiristaanaa caalatti akka babaldhattu waan yaadneefi
-Miseensota mana kiristaanaa waan taaneef mirga ijoollummaa waan qabnuufi.
-Afaan keenyaan tajaajilamaa tajaajiluuf walitti qabamne

3. Kana ennaa goonus:
-Gorfamne miti, keessa keenyatu nuttime
-Ayyaan laallatuu taanee sa’aatii xumuraa irra gara dubbiin itti deemtu agarree fayyadamuuf miti
-Dhugaa Afuura Qulqulluutu nutti garsiise
-Qabeenyaa fi humna beekkumsa xiqqoo qabnurra walitti buusnee malee fandii fi faayinaansii addaa argannee miti
-Ijaarsa siyaasaan fandii taanee miti
-Namoota siyaasaa quunnamnee miti
-Dhugaa keenya ibsachaa hojiin agarsiisaa karaa seera abboota keenyaa irraa taakku takkayyuu osoo hin maqinidha.
-Adeemsawwan jiran hunduma eegnee,obsa guddaadhanis hunduma dandeenyeeti

4. Kuni ennaa ta’u
-Wareegamni kaffalameera
-Wareegamni kaffalame kun wareegama qarshii qofa miti
-Wareegama maqaan baduu qofa miti
-Wareegama hidhamuu qofa miti
-Wareegama arrabsamuu qofa miti
-Wareegama tajaajila irraa ugguramuu qofa miti
-Wareegama tikaan doorsifamuu qofa miti
-Wareegama waajjiratti keessumeessamuu dhabuu qofa miti
-Wareegama qabeenyaa fi saamichaa qofa miti
-Wareegamni LUBBUU NAMAA itti kaffalameera.

5. Kanaaf:
-Sartafikeetii Ortodooksummaa nutu kenna warri jedhan
-Abboonni gartummaa qabatanii deemaan
-Warri ija tokkoon ijoollee isaanii ilaaluu dadhaban
-Warri osoo dhugaa beekan sodaa aangoo fi damozoaaf jedhanii waa meeqa keessa galanis
-Warri guyyaan guuttefi aangoo isaanitiin dubbii gara barbaadanitti dabsan
-Warri maqaa malee maqaa kennan hundumti,
-Ammayyuu tasgabbaa’uu qabu.
-Karaa akkasiitin amma tasayyuu wanti ta’u waan hin jirreef

6. Karaan WDB
-Karaa wareegama guddaa nama kaffalchiistudha
-Karaa gufuu hedduurra tarkaanfachuun ishee barbaachisudha:
-Karaa gufuun hiriira galee ishee eeggatu akka taate ijaa beeknuuf
-Karaa akkuma durii sana warra nama jaje ofitti qabanii warra nama komate ari’atan miti
-Karaa warra bade sassaaban malee karaa warruma dura turan sana kunuunsan miti
-Karra warra aadaa fi safuu isaanii itti tuffatamu osoo hin taane karaa eenyummaa ofii qabatanii Waaqeffataniiti.
-Karaa Luba pheexiroos fa’a itti wareegaman sanadha
-Shiras dabas, hin qabu
-Humna addaas hin qabu

7. Ammayyuu:
-Adeemsi waldicha diiguuf taasifamu haa dhaabatu
-Ijaarsi hordoftoota burjaajessuuf deemamu haa dhaabatu
-Duulli hidhaa hadhaa haa dhaabatu
-Hojii hojjetamee fi tajajaila kennameen qofaan haa madaalamu
-Karra bataskaanaa waldichatti cufuun haa dhaabatu
-Galma wal gahii miseensota waldichaatti cufuun haa dhaabatu
-Miseensota waldichaa gara biraatti fiduuf dhamaatiin jiru haa dhaabatu
-Kan gaafatamuu qabnu yoo doogmaa fi qannoonaa mana kiristaanaa keenyaa diigne qofa
-Yoo seera bataskaanaa keessa kunne qofa

9. Maleessa:
-Warra durii leellisu diddan jennee gaafatamuu hin qabnu
-Warra yaada durii qabatan waliin ‘tabaabbaruu’ diddan jennee gaafatamuu hin qabnu
-Dubbi walitti bu’iinsaa hoo’isuu diddan jennee gafatamuu hin qabnu
--Loogoo fi hojiin keessan sabummaa calaqqisa jedhamnee gaafatamuu hin qbanu
-Warra jaalalli ilaalcha durii ija jaamse dura gugguufu diddan jennee gaafatamuu hin qabnu.

10. Warri:
-Dubbii tana hin hubatin Hubadhaa
-Adeemsa jirtu tana ammayyuu sirriitti xiyyeeffannoo hin kennin kennaa
- Warra fedhii isaaniif jecha camadanii nuun qotu barbaadaniin gartummaan keenya tajaajilaaf ta’uu haa agarsiifnu

11. Furmaatni
-Tajaajila dhugaa hubachuu
-Hunduma hojiin madaaluu
-Ija tokkoon ijoollee ilaaluu
-wal jalaa awwaachuu fi wal amansiisudha

12. Waadaa keenya
Tajaajilli kun akka kana dura sababa gara garaatiin gufuu gara garaan takaalamee akka hin kufneef nuti waadaa kaaneefii turre ni haaromsina. Waadichis kana:
-Tajaajila kana nuti gidduutti hin dhiisnu
-Nuti kan agarre dubbanna, kan dhageenyes dhugaa baana
-Hidhamne jennee hin dhiisnu
-Duune jennee hin dhiisnu
-Nutti baay’ate jennee hin dhiisnu
-Yeroo dhabne jennee hin dhiisnu
-Aanngoon jijjiirranne jennee hin dhiisnu
-Addan fagaanne jennee hin dhiisnu
-Abalu gammachiisuf jennee hin dhiisnu
-Fakkaatan dhufe jennee hin dhiisnu
-Mana guddaa tokko taana malee dallaa diigamte hin taanu
-Galaana guddaa taane yaana malee haroo dhuma geese hin taanu
Waaqayyo kan walitti qabe homtuu hin diigu
Waaqayyo kan qajeelches homtuu karra itti hin cufu.

"Nuti walitti qabama keenya hin dhiisnu(Ibr 10:25);wangeelattis hin leeyyofnu(Rom 1:16)

Urgooftu Foolii Naardos

🔥𝘔𝘪𝘪𝘥𝘩𝘢𝘨𝘪𝘯𝘢 𝘮𝘢𝘨𝘢𝘢𝘭𝘢𝘢 𝘬𝘦𝘦𝘯𝘺𝘢𝘢 𝘬𝘢𝘯 𝘵𝘢𝘢𝘵𝘦 𝘬𝘢𝘸𝘢𝘢𝘭𝘢 𝘲𝘶𝘭𝘲𝘶𝘭𝘭𝘦𝘦𝘵𝘵𝘪𝘪 𝘮𝘢𝘢𝘳𝘺𝘢𝘮𝘪𝘪  #𝗴𝗼𝗿𝗲𝗲
09/06/2026

🔥𝘔𝘪𝘪𝘥𝘩𝘢𝘨𝘪𝘯𝘢 𝘮𝘢𝘨𝘢𝘢𝘭𝘢𝘢 𝘬𝘦𝘦𝘯𝘺𝘢𝘢 𝘬𝘢𝘯 𝘵𝘢𝘢𝘵𝘦 𝘬𝘢𝘸𝘢𝘢𝘭𝘢 𝘲𝘶𝘭𝘲𝘶𝘭𝘭𝘦𝘦𝘵𝘵𝘪𝘪 𝘮𝘢𝘢𝘳𝘺𝘢𝘮𝘪𝘪 #𝗴𝗼𝗿𝗲𝗲

09/06/2026

👉Kaayyoon keenya sagalee waaqayyoo wal barsiifnee cubbuu irraa wal baraarree mootummaa waaqayyoof wal qopheessuudha🙏

“Garaan keessan hin raafamin, Waaqayyotti amanaa, anattis amanaa! ”___yoh 14÷1) Guyyaa 30/9/2018 WDB A/Aallee Guyyaa har...
07/06/2026

“Garaan keessan hin raafamin, Waaqayyotti amanaa, anattis amanaa! ”___yoh 14÷1)
Guyyaa 30/9/2018 WDB A/Aallee Guyyaa harraa Imala isaa manneen kiristiyaanaa baadiyyaa torbatti taasiseera.
1.Jeetoo Fayyisaa Adunyaa
2. Ongaa Dabreloozaa Mariyaami
3.Maggeelaa kidanee mihirat
4. Hoobee Gabriel
5 Saggii Waaqa Abbaa
6. Sonxee Isxifaanosii
7. Caatuu Amanu'el
Imala isaa kanaanis amantoota barsiisuu jajjabeessuu Amantii isaaniitti akka isaan hanga dhumaatti cimanii dhaabbatan hubachiiseera.

Oromoof Waaqjiraa
Fayyeeraa Fiixumaa Abbaa Aagaa
Dagaagaa Baalchaa Irranaa
Kennesaa Haacaaluu Tuuchoo
Temesgen Legese
Biruke Abebe
Melkamu Ze Goree
Balbala jireenyaa
Adane Mucaa Gore

Address

Gore

0000

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waldaa Duuka Bu'ootaa Damee Goree posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

  • Want your place of worship to be the top-listed Place Of Worship?

Share