30/06/2021
☀️🎇Amaloota Ifaa🎆☀️
1⃣. Wantootni akka muldhatan godha [Maat 5:15, Efe 5:13]
👉Addunyaan kun hojii dukkanaan kan guutamtedha. namootni keessa jiraatanis hojii dukkanaa kana ciggaasisaa akka ta'e osoo beekanii illee ifni wantichi fokkisaa(ciigaasisaa) ta'uu isaa itti agarsiisu waan hin jirreef dukkana filatu. [Namni yoo ifatti ba'e malee uffatni isaa xurii akka qabu hin
beeku. Namni xurii uffata isa kan biraarra jiru arguuf ifni jiraachuun dirqama] yoh 3:17--21
👉 Ifni Jiraachuu Waaqayyoo, jiraachuu hojii gaarii agarsiisa
“Namoonni hojii keessan isa gaarii arganii, abbaa keessan isa waaqa irraaf ulfina akka kennaniif ifni keessan akkuma kanaatti namoota duratti haa ifu!" jedheen.”(Mat. 5:16)
dabalatan Mat 11:25-27 , Yoh 14:6-10, 2Qor 4:3-6 dubbisi
2⃣ Madda Qaba [Efe 5:8]
👉Maddi ifa keenyaa Waaqayyodha.
“8 Isin dur dukkanaa'oo turtan, amma garuu karaa gooftaa iftaniittu; egaa akka
ijoollee ifaatti jiraadhaa!”
Efe 5:8 akksumas
“Yesus ammas namootatti dubbatee, "Ani ifa biyya lafaa ti, namni ana duukaa bu'u
ifa jireenyaa in qabaata malee, dukkana keessa hin adeemu" isaaniin jedhe.” Yoh. 8:12
2.2.1 Erga Maddi Ifa Keenyaa Waaqayyo ta'ee maal gochuu qabna❓
👉A) Madda ifa keenyaa isa ta'e Yesuus duukaa bu'uu.
“Yesus ammas namootatti dubbatee, "Ani ifa biyya lafaa ti, namni ana duukaa bu'u ifa jireenyaa in qabaata malee, dukkana keessa hin adeemu" isaaniin jedhe.”( Yoh. 8:12)
3⃣. Hammi ifaa anniisaa maddarraa argamuu fi baattoo isaa irratti hundaa'a
[Maat 5:15]
👉Maddi ifa keenyaa Waaqayyyo akka ta'e qabxii isa lammaffaa irratti kaasnee jirra. Waaqayyo immoo kan hin daangeeffamne kan hin dulloomnedha. Humni Waaqayyoo takka ol-jedhee takka gadi hin bu'u.
👉Yeroo hundumaa guddaadha.
“Ati hin beeknee ree? Hin dhageenyeesii ree? Waaqayyo, gooftaa bara baraan jiraatuu dha, inni isa guutummaa biyya lafaa uumee dha; inni hin mudhuku, hin dadhabu, hubannaa isaas namni qoree bira hin ga'u;”(Isa. 40:28)
==> Kana jechuun ifni nuti ibsinu hammi isa