18/06/2026
'eela Waxabajjii geessan
Baahiraan-Nama Xalayaan Du'aa Isaa geeddarame
Qulqulluu Mikaa'el ajaa'iba raawwate keessaa kitaaba Geessisa Qulqulluu Mikaa'el irratti kanatu barraa'e:
Iskindiriyaatti, bara mooticha Baxlimoos ilmi isaa Akluubixraa jedhamu, waaq-harkee guddaa dhaabee aarsaa dhiyeessaafii uummannis isa aarsaa dhiyaate sanarraa nyaatee dhugee, waggaa waggaadhaan dhiichisaa fi harka dhahaa kabaju ture. Booda garuu, yemmuu Qosxenxiinoos manneen waaq-harkee haa cufaman; manni kiristaanaa haa ijaaraman jedhetti, phaaphaasiin Masrii Illeskindiroos iddoo xaa’ota Zuhaal jedhamu sanatti, bataskaana ijaarsisannii Taabota Mikaa’eel itti galchan, kabajni ayyaana zuhaalis kanaan bakka bu’e.
Abbaan Baahiraan warra ayyaana qulqulluu Mikaa’eel kabajan keessaa tokko ture.Yemmuu du’us, haadha warraa isaatiin ayyaana qulqulluu Mikaa’eel keessumattuu, kan Sadaasaa fi Waxabajjii akka kabajju itti himee du’e; yemmuus Baahiraanin ulfa turte. Ollaa isaanii garuu, namicha sooressa keessummaa hin jaalanne, ayyaanas hin kabajne tokkotu ture. Guyyaa Baahiraan dhalatus, eragmootni Mikaa’eeliifi Gabrii’eel mucicha eebbisanii, haadhaan “qabeenya namicha sooressa ollaa keessanii kana kan dhaalu mucaa kana” yemmuu jedhaniin, namichi sooressi ollaa kun waan dhagaheef, haati isaa waan mucaa kana ittiin guddistu yemmuu dhabdu, mucicha nan guddisa jedhee, isheedhaaf warqee waqeetii 20 kennee mucicha fudhate. Sanduuqa keessa godhees bishaan irratti gate.
Saanduuqa sana garuu, namni hoolota tiksu tokko argatee bane yoo ilaalu, mucaadha. Yemmus, daa’ima baay’ee barbaada waan ta’eef, fudhatee wanta nyaaturraa nyaachisaa, wanta dhugurraayis obaasaa, fudhatee guddifate. Guyyaa tokko sooressi sun daldalaaf biyya biraa yemmuu deemu, itti dhihee mana namicha kanaa bule. Naamichis, mucaa kanaan Bahiraan, Bahiraan jedhee yemmuu waamu dhagahee, “Baahiraan jechuun maal jechuudha” jedhee gaafate.Innis, “kan bishaanirraa/galaana/ argame” jedhee seenaa isaa iti hime.Yemmuus, namni sooressi kun “edaa hin duune ni jiraa?” jedhee, akka waan meeshaa manatti irraanfateetti, maaloo, ilma kee kana akka naaf ergamu godhi;gatii dadhabbii isaa anatu siif kaffala jedheen. Innis, xalayaa “yemmuu achi gahe ajjeesaa” jedhu barreesisee, sobee dhungatee erge.
Bahiraan guyyaa 9 imalee gahuudhaaf guyyaan tokko qofa yemmuu isa hafu, qulqulluu Mikaa’eel dursaa loltuu fakkaatee, loltootas of duuba hiriirsee farda irra taa’ee, gara isaatti dhufe. “Namana eessa deemta?” jedhee, Bahiraanin gafate, annis, “ergaan fuudhee deema” jedheen. “Mee ergicha fuutee deemtun kana anatti agarsiisi” jedheen. Bahiraanis yemmuus “Lakki namatti hin agarsiisin jedhameera” jedheen. “Tahus, osoo hin banamin akkanumatti natti agarsiisi” jedheen. Yeroo kana, afuura isaa itti baafatee, xalayaa du’aa sana kan jireenyaatti jijjiirefii, Baahiraan xalayicha fuudhee deemee, itti gaafatamaa mana namichaatti kenne. Yemmu bira gahus, xalayichi “Mucaa kanatti intala koo itti fuudhaa, qabeeya koos dhaalchisaa, gargaartonni koos haa bitamaniif” kan jedhu ture. Chaappaa goofticha isaatin waan chaappeffameef, akkasuma ta’eef.
Namichi sooressi sunis daldalaa yemmuu deebi’u, “maalinni dhiichisni fi taphni kuni hundi” jedhe. Isaanis, “gurban ati ergite, intala kee fuudhee, qabeenya kees dhaalee, kunoo guyya 40’f cidha isaati ni taphatama” jedheen. Yemmuu kana namichi rifatee, farda irraa kufee du’eera. Baahiraanis, kuni hundi gargaarsa ergamaa qulqulluu Mikaa’eelin akka ta’e hubatee, lubummaa fudhatee bataskaana ijaarsiseera.
(Madda:Kitaaba "Yaadannoo Qulqullootaa")
Sugni Qulqulluu Mikaael hunduma keenya waliin haa tau.