30/06/2024
:
KRISTOS XUMURA SEERAA TI!
========================
Kristos nama amanu hundumaa gara
qajeelummaatti geessuudhaan seericha
iddoodhaan in ga'a. (Rom 10:4)
For Christ is the end of the law for righteousness
to everyone who believes. (Rom 10:4 NKJV)
Yesus Kristos gara biyya lafaa yommuu dhufe
seera hin fooyyessine; ni raawwate malee. Faallaa
dhugaa kanaa kan ta'e har'a lallabdootaa fi
barsiisotni baay'een akka waan Yesus seerota
warra kaan fooyyessee, warra kaan immoo
akkuma jirutti akka itti gargaaramaniif
qajeelcheetti ija jabinaan dogoggora nama
waga'u. Rom 10:4 hiikuuf luqqisiin wal ilaallataa
jalatti kennameef Mat 5:17 dha. Macaafa
Qulqulluu (hard copy) isaa irraa ilaalaa!
Yesus, “Seeraa fi barsiisa raajotaa diiguudhaaf
waanan dhufe hin se’inaa, ani isaan
raawwachuudhaafan dhufe malee, diiguudhaaf hin
dhufne. …..” isaaniin jedhe. (Mat 5:17)
Qajeelummaan seerri barbaadu hundinuu Kristos
keessatti raawwatameera. Nuun immoo sababa
Kristositti amannee Hafuurri Qulqulluun nu keessa
jiraatuuf Kristos keessatti waan seerri nurraa
barbaadu raawwannee jirra jechuu dha. Egaa
seera isa raawwatame yookiin iddoon gaa’ame
Kristos Yesusitti amanuu keessaan arganna. Nama
karaa seeraatiin ga’eessa of godhee of mul’isuu
barbaadu hundumaan deebiin Yesus kennuuf,
“Ammallee wanti gochuun si hafu ni jira” kan
jedhuu dha. Yihudichi dargaggeessi sooressi sun
karaa seeraatiin ga’eessa of se’ee Yesus bira
yommuu dhufe waan ta’e haa ilaallu:
Yesus yommuu kana dhaga'e namichaan, "Amma
illee wanti gochuun si hafe tokko jira, waan
qabdu hundumaa gurgurii warra deegaadhaaf
hiri, waaqa irrattis badhaadhummaa in qabaatta;
erga hirtee booddee immoo kottuu ana duukaa
bu'i!" jedhe. Namichi garuu yommuu kana
dhaga'e, baay'ee sooressa waan tureef, baay'isee
gadde. (Luq 18:22-23)
YAADA FI QEEQA YOO QABAATAN NAA BARRESSA.
Dubbii Jireenyaa ✝:
DUBBII OGEESSOTAA #1
====================
1. Waltajjii lallaba keetii gaara Siinaa irraa gara