WDB Wiirtuu Bishooftuu fi Naannooshee

WDB Wiirtuu Bishooftuu fi Naannooshee "Tajaajila kee raawwadhu" 2Xim 4:5

▶TAJAAJILAA AMANAMAA(Gabri'eer)▶Baga Torbee 6ffaa sooma Gooftaa Keenyaan Isin gahe▶Amanamaa ta'uu Barbaddaa? ▶Tajaajilaa...
23/03/2026

▶TAJAAJILAA AMANAMAA(Gabri'eer)
▶Baga Torbee 6ffaa sooma Gooftaa Keenyaan Isin gahe
▶Amanamaa ta'uu Barbaddaa?
▶Tajaajilaa amanamaan gatiin argatuu maalidha?
2xim 2÷1-16 ,1pex 51÷2 ,Far 398÷-9,Mat 25÷4-30

✍Torbeen kun ️Tajajilaa amanamaan gatii inni argatu fi kabajaa isaaf qophaa’e baay’ee guddaa akka ta’ee akkasuma tajaajiltoonni hin amanamne rakkoo fi gidiraa isaan irraa gahu kan itti yaadannudha.
✍Seenaa tajaajilaa amanamaa kana keessatti Iyyasus kiristoos gara biyya biraa deemudhaan waa’ee tajaajila amanamaa kan barsiisee dha. Yeroo barsiisu kanatti sooreessa tokko fakkeenya godhaachuudhan namoota sadi immoo tajaajiloota taasisuudhaan akka namootaaf galutti barsiise. Gooftaan keenyaa itti dabalee dubbiin kun akka nama biyya fagoo dhaquudhaaf ka’eetti inni hojjettoota isaa waamee horii calla qabu itti kennate akkuma humna isaanitti isa tokkotti meetii shan, isa tokkotti meetii lama, isa tokkotti meetii tokko kennee biyya fagoo adeeme.

✍️Namichi meetii shan fudhate isuma sana dhaqee ittiin bitee gurguree meetii shan buufatee inni meetii lama fudhate immoo lama buufate. Namichi inni meetii tokko fudhate garuu dhaqee boolla qotee meetii gooftaa isaa awwaale. Gooftaan hojjettoota sanaa yeroo dheeraa booda deebi’ee dhufe waan isaanitti kenne isaan irraa deeffachuuf isaan waame inni shan fudhatee fi inni lama fudhate kan kennamefin alatti hojjetanii bu’aa waan buufataniif gooftichis itti gammadee isiin gara gammachuu gooftaatti seenaa jedheen. Inni meetii tokkoo immoo atoo jedhamee gaafa gaafatamu yaa gooftaa ati nama gara jabeessa iddoo itti hin facaasne galfatu iddoo itti hin bittinsinee walitti qabattu tahuu kee nan beeka.

✍️Kanaafan si sodaadhe meetii kee awwale kunoo meetiin kee jedheen gooftaan isaa garuu deebisee ati hojjetaa hamaa fi dhiba’a nana. Iddoo itti hin bittinsine akkan sassabadhu beekteeta mitii ati meetii koo warra dhalatti fuudhatan biraa anaaf ka’atu si irra ture jedheen. Sana booda meetiicha tokko sana harkaa fudhee isa meetii kudhan qabuuf kenne. Nama amanamee waa qabatu hundumaaf hamma isa irraa hafutti itti dabalamee ni kennamaf kan hin qabne garuu inumaa kan qabu iyyuu isarra ni fudhatama. Hojjetaa isaa waa’ee hin baafne kana dukkana isaa alatti darbaa achitti namoonni ni boo’u ilkaanis ni qaru jedhee isaanin jedha. Mat 25÷ 14-30
▶Hiikkaa
✍Seenaa kana irraa akka hubanutti eenyu iyyuu tokkoon tokkoon isaa Kan waaqa isaa irraa kennameef kan hin qabne hin jiru. Gara addunyaa kana yeroo dhufnu harka duwwaa akka dhufne ni beekkama. Nuti waanuma tokko illee fidannee gara biyya lafaa hin dhufne . Xim 1ffaa 6÷7 gara addunyaa kanaa erga dhufnee garuu kennaa afuura qulqulluu fi wantoota nuuf barbaachisaan hunda isaa argannee jirra. Amannus amanuu dhiisnuus addunyaa kanatti homaa qabannee hin dhufne qabannees hin deemnu. Kanaaf kennaa afuura qulqulluu waaqayyoo irraa arganneen ittiin baafachuun dirqamaa keenyaa dha. Maalif yoo jenne? Gooftaan keenyaa Iyyasuus kiristoos bara dhumaatti murtiidhaaf yeroo dhufutti gaaffii isaa keessa inni tokko kennaa anis isiniif kennee deeme naaf deebisaa jedhee nu gaafata. Gaaffii isaatiif deebiin keenya maalidha.? “Akka ayyaana Waaqayyoo isa nuuf kennameetti kennaa garaa garaa qabna; kennaan isaa waan Waaqayyo namatti ibsu dubbachuu yoo ta'e, akka amantichaa wajjin waliif gallutti dubbachuu dha.” Rom. 12:6.
✍Akka kutaa macaafa qulqulluu kanaarraa hubannutti nama kamiifiyyuu akka humnaa fi Beekumsa isaatti kennaan waaqayyoo kennameefii jira. Garuu kennaan kun garagaraa yoo ta’u gatiin ittiin argannu tokkodha. “Kennaan afuura gosa gara garaatu jira, afuurichi garuu tokkichuma ” Qor 1ffaa 12÷4 Qulqulluu yaared faarfannaa guyyaa kanaa yomuu faarfatuu akkas jechuudhaan faarfate “hojii gaarii hojjachaa gooftaa isaatiif amanamaa ta’ee araara isaaf amanamuummaa kan argate eenyuudha ” jechuun nuuf faarfate.
✍️Eenyuyyuu cuuphaatin mana kiristaanaatti yeroo dabalamu qaama Kiristoos ta’a. yeroo kana kennaan isaaf kennama. Qaamonni keenya tajaajila adda addaa akkuma qaban nutis qaama Kiristoos waan taaneef tajaajila adda addaa qabna. Yoo xiqqaatee xiqqaate kiristaanni tokko lubbuu isaa sirritti tajaajiluu qaba.
✍️Namoonni warreen duraa lamaan tajaajila adda addaa tajaajilanii, bakka gammachuu tokkicha akkuma argatan, nutis har’a kallattii adda addaa fi kennaa adda addaatiin yoo tajaajillee illee xumura irratti kan nuuf kennamu waan tokkicha; innis Mootummaa Waaqayyoodha.
▶Maalin Tajaajilu???
Yeroo baay’ee namootni tokko tokko ani hin baranne, kennaa lubummaa, barsiisummaa, faarfannaa, hin qabu; kanaaf maaliin tajaajilu jechuun gaafatu. Deebiin gaaffii kanaa baay’ee salphaadha. Kanneen armaan gadii tajaajiladha.
⓵. Mataa keenya tajaajiluun lubbuu tokko fayyisuu waan ta’eef; lubbuu keenya cubbuu nuti guyyaa guyyaatti raawwannuun dhiphaachaa jiraattu (2Phex 2:7-8) dhiphina ishee keessa haa baasnu. Akkamitti? Gaabbii galuun, cubbuu jibbuun, nyaatashee kan ta’e sagalee Waaqayyo isheef dhiyeessuun, …
⓶. Kiristaanummaan keenya namoota duratti akka beekamuuf hamminaa fi cubbuu irraa fagaatanii jiraachuun tajaajila guddaadha. Hojii keenya kanaan namoonni uumaa keenya waan galateeffataniif. (Mat 5:16).
⓷.Waan dandeenyun waan gaarii tokko namootaf, mana kiristaanaaf, taasisuun tajaajiladha.
⓸. Ajaja Gooftaa keenyaa eegnee, akka fedhaa fi jaalala isaatti deddeebi’uun tajaajiladha.
▶Fakkeenya Lallabaa Tokkoo
✍️Lallabaan kun bakka fagoo deemee guyyoota baay’eef lallabee yeroo deebi’uu Waaqayyon, “yaa Waaqakoo amma kanaa dadhabee tajaajiluu koof maalin sirra argadha?” jechuun gaafate. Waaqayyos waan dheera tokko itti agarsiise. Yeroo kana lallabaan kun gammachuun “kun hunduu kan kooti?” jechuun gaafate. Waaqayyos lakki, turi, obsi, jechuun walakkaatti kutee, kuni gatii warreen geejjiba kee danda’aniiti; ammas kan hafte irra kutuun kun gatii warreen nyaata kee, bakka bultii kee danda’aniiti; ammas ishee hafte lamatti hiruun kuni gatii warreen bakka lallabaa fi waan adda addaa qopheessaniti. Dhuma irratti ishee hafte gatiin kee kunooti; inniyyu gad of qabummaan yoo hin taane sirraa fudhatama jedhe.
✍️Kanaaf waan dandeenyu hundaan gad of qabummaan haa taajajillu!!! Barsiisuu kan danda’u jabaatee haa barsiisu, faarfachuu kan danda’u jabaatee haa faarfatu, barreessuu kan danda’u jabaatee haa barreessu, dadhabdoota gargaaruu kan danda’u jabaatee haa raawwatu, kennaa qabnu hundaan haa tajaajillu. Haala kanaan kennaa qabnuun yoo tajaajille Sooressichi (Gooftaan Keenya) yeroo dhufu ‘isin eebbifamtoonni Abbaa koo kottaa' jedhee mootummaa isaa ishee bara baraatti nu galcha.
▶Eegaa kennaa nuuf kennameen Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiif amanamnee baroota lafa kana irra jiraannu hundumatti isa qofa tajaajillee gara gammachuu ykn mootummaa Waaqayyoo akka galluuf waaqayyoon nu ha gargaaru. Itti fufa...

▶Waaqayyoon fedhee jennaan torbee 7ffaa torbee Niqoodimoosiin walitti deebina.
▶Galanni Waaqayyoof haa tahu
▶Elii'eezar(ኤሊዔዘር)
▶Bitooteessa 14,2018

WDBn Wiirtuu Bishooftuu Imala Afuuraa guddaa gara Kattaa Maariyamii tti taasise suuraadhan. Waaqa nu gargaareef maqaan i...
22/03/2026

WDBn Wiirtuu Bishooftuu Imala Afuuraa guddaa gara Kattaa Maariyamii tti taasise suuraadhan. Waaqa nu gargaareef maqaan isaa haa Ulfaatu.

16/03/2026
  (Abune Gebre Menfes Kidus)Waaqayyo namoota tokko tokko gadaamessa haadha isaanii keessa osoo jiranuu akka filatu raaji...
14/03/2026

(Abune Gebre Menfes Kidus)

Waaqayyo namoota tokko tokko gadaamessa haadha isaanii keessa osoo jiranuu akka filatu raajii Ermiyaas keessatti himameera. Biyya keenya keessattis amantaa isaanii keessatti hojii hin irraanfatamne kan hojjetan, iddoo guddaas kan qaban, kan wangeela lallaban, kan kadhaadhaan dinqii gara garaa hojjetan tolootni fi qulqulloonni hedduun ni yaadatamu. Qulqulloota kana keessaa immoo kan dhaloonni isaanii biyya keenya keessa ta’anis kan biyya alaatii dhufanii kiristaanummaa babaldhisanii biyya keenyaaf tajaajila hafuuraa fi naamusa kiristaanummaa fi Iyyasuus Kiristoos lallabanii namoota cuuphanii kan darban hedduutu jiru. Isaan keessaa har’a dursaa tolootaa, kophummaan gadaamota keessatii qabsuura ajaa’ibaa dabarsuun biyya keenyaaf umurii isaa guutuu araara kadhachaa kan turan, kan dhalootaanis yeroo hunda yaadatamu. Waa’ee Abune Gabre-Menfes Qiddus (Aabboo) hanga tokko isiniif dhiheessina. Ummata Oromoo biratti immoo Aabboo jedhamee waamamu. Waaqayyo waa’ee abbaa jaalatamaa kana akka barreessinuuf kan nuuf eeyyame maqaansaa haa ulfaatu!

Abbaa fi haati isaa Simi’oonii fi Aqleesiyaa jedhamu. Biyyi isaanis Gibxi (Misraa) dha. Isaanis erga wal fuudhanii booda ijoollee dhabanii waggaa 30 guutuu boo’ichaa fi gaddaan jiraata turan. Waaqayyoos ilmoo akka kennuuf jabeessanii kadhatu ture. Guyyaa tokko Aqleesiyaan gara bataskaanaa dhaqxee fakkii Sillaasee fuuldura dhaabbatte, “Maaloo yaa Waaqayyoo ilma si gammachiisu, kan abboommii kee eeguu fi qulqullina jaalatu naaf kenni” jettee kadhatte. Yeroo sanas fakkichaa irraa sagaleen “ilma maqaansaa guddate, qulqullini isaas akka ergamoota Mikaa’elii fi Gabr’eelii kan ta’e, lubummaan isaas akka Melketseediq kan ta’e akka Yohaannis cuuphaa fi akka raajii Eeliyaas kan ta’e ni deessa” jedhee. Dur kakuu moofaa keessatti akkuma Ribqaan waa’ee ijoollee ishee Waaqayyoon gaafachuu deemte, Aqileesiyaanis Waaqayyoon gaafachuu gara mana Waaqayyoo adeemte. (Seera Uumama 25:23)

Kana booda Aqleesiyaan muddee 29 ilma deesse. Maqaan daa’ima dhalatees ergamaa Waaqayyoo Gabr’eeliin mogga’e, Garba Afuura Qulqulluu (Gabre-Menfes Qiddus jedha Gi’iziin) jedhamee mogga’e. Wanti dinqii ta’e immoo guyyuma dhalatetti “Abbaaf galatni haa ta’u Ilmaaf galatni haa ta’u, Afuura Qulqulluuf galatni haa ta’u” jedhee yeroo sadi sagade, “ammas dukkana keessaa gara ifaatti kan na fidde galatni si haa ga’u” jedhe. Dubbiin kunis akka kitaaba Heenok irratti ibsametti dhalachuu Noohin wal fakkaata. Nooh guyyuma dhalatetti Waaqayyoon akka galateeffate kitaaba Heenok irratti ibsameera.

Wanti ajaa’iban nama dinqu biraa ammo guyyaa dhalate irraa eegalee haati isaa hin hammanne, harmas hin hoosifne, yeroo kana dinqii ta’erraa kan ka’e haati isaa fi warri achi jiran hundi baay’ee dinqisiifatan. Waggaa sadi erga guutee boodas ergamaa Gabri’eeliin Waaqayyoon ajajame daa’imicha harka haadhaatii fuudhe gara gadaamiitti (lafa onaa) geesse. Hoogganaa gadaamichaanis waan daa’imni kun nyaatuu fi dhuguufis hin cinqamin inni sagalee Waaqayyoo qofaan jiraata jedhee itti hime .
Ergamaa Gabri’eeliinis gara samiitti ol fudhatee iddoo baay’ee daawwachiise. Kana booda gara gadaamitti deebisee, waan Waaqayyo waa’ee daa’ima kanaa itti hime hunda hoogganaa gadaamichaa Aabba Zameda Birhaanitti hime. Aabba Zameda Birhaanis faarfaannaa Daawitii fi barnoota manni kiristaana barsiiftu hunda barsiisuun guddisan. Kana boodaas Diyaaqonii ta’ee akka Isxifaanositti qulqullummaan Waaqayyoon tajaajila ture.

Boodas immoo askeemaa kaawwate ni monokkose, barsiisan isaas kennaan dhokate irratti muldhata waan ta’eef waa’ee nama kanaa baay’ee dinqama ture. Aangoo lubummaas fudhatee soomaa fi kadhata baay’isa ture. Kana booda nama irraa adda ba’ee gadaamii keessa kophaa jiraate. Akka duuka bu’ootaa dinqii fi kennaan fayyisuu ni kennameef. Kana booda nama seexanni irra bule seexana irraa baasaa kan dhibame fayyisaa, kadhaa isaatinis dhukkubsattoonni dhukkuba irraa ni fayyu ture.

Kana booda ergamaa Gabr’eeliin gara samiitti ol fudhate, Gooftaa Iyyasuusis erga eebbisee booda akkas jedheen “ kadhannaa keetiin lubbuun ati ibidda keessaa baaftu baay’eedha, namarraa adda ba’ii jiraadhu, kadhata keetiin kan ijaan hin agarre ni fayya, qaama miidhamaan dhaabbatanii sirraa’anii adeemu” jedheen. Waaqayyos leencaa fi qeerransa waliin akka jiraatu qeerransa jahatamaa fi leenca jahaatama ni kenneef. “Kana hunda maalan nyaachisa?” egaa jedhee gaafannaanis lafa ati dhaabatte arraabanii jiraatu ni quufus jedheen.

Ergamootnis waan kana yoo dhagahan baay’ee gammadan. Yemmuu iddoo dura jirutti deebi’us mataa irraa eegalee hanga lukaatti rifeensi ni biqileef. Dheerinni rifeensa isaatis ciqilee tokkoof walakkaa ture. Abboon nafa isaatiinis “jabaadhu Waaqayyo fuldura qullaa kee dhaabatta cichi” jedhaan ture, halkanis guyyaas Waqayyoon kadhachuurra hin hafu ture. Foon isaa hanga goguutti gogaan isaas akka lafeetti maxxanutti halkan-guyyaa ni sagada malee waa hin nyaatu ture. Ergamoonnis yeroo hunda ni jajjabeessu ture.
Waaqayyo ergamaa Ermiyaasiin osoo gadaamessa haadha kee keessa jirtu si filadhee akkuma jedhe Abboonnis akkasuma filatame. Kadhannaa isaatiinis lubbuun namoota hedduu araara argatan. Gooftanis waadaa ati na kadhatte siifan kenna, maqaa kee kan waamanii fi yaadannoo kee kan godhaniif nan araarama’ jedheen. Abboon dhalate hanga waadaa Waaqayyo irraa argatetti waggoota 300 ta’ee ture. Waada sanaanis namoota baay’eetu ibiddaa ba’e. Waaqayyoo karaa fayyina kan nuuf baay’ise haa ulfaatu.

Aabboon Gara Biyya Keenyaa Dhufuu Isaa
Ergas booda Aabboon gara Itiyoophiyaa qerransoota fi leencota isaa wajjiin gaarii qilleensaa irra taa’e dhufe. Qulqulluu Gabreelinis gara iddoo Midra kebdiitti geesse (Kibbatti argamti iddoon tun). Sana boodas gara tulluu Cuqqaala fide hora tulluu cuqqaala cinaa dhaabbatee biyya keenya kallattii afraniinuu eebbise. Aabboonis hora sana keessa waggaa 100 ‘f dhaabatee kadhate. Lafeen isaatis akka cabbii ta’ee muldhate. Foonsaas ni dhume, dhiigni isaas bishaanin wal make.

Seexannis kaabaa kibbaa dhufanii guyyuma guyyaan ni rakkisu ture, ni waraanus ture, kana booda Gooftaan gara isaa dhufe ba’i namoota Itiyoophiyaatiif ararameeraaf jedheen. Yemmuu waggaa torbaaf biyya Midre- kebditti dhaabbatee kadhatus seexanni arraagessa fakkaatee ija isaa lamaanuu keessa fudhate, inni garuu kadhaa isaa addaan hin kunne ture, hamma kana kadhaadhan kan hawwatame ture. Sana booda garuu Mikaa’ela fi Gabri’eeliin dhufanii fuldura isaa dhabatanii ija irratti ‘if’ itti jedhan, kanaanis ijji isaa ni deebi’e. Yemmuu gara tulluu Cuqqaalaatti deebi’anis Sillaaseen akka Abrahaamitti muldhatanitti Abboottis muka tokko jala dhaabatanii itti muldhataniiru.

Gooftanis ‘gara tulluu Cuqqaalaatti deebi’iiti seexannan waggaa dhibba tokkoof si qoraa turan sana dhabamsiisi, ergamoota koon siif kenna’ jedheen. Yeroo sana Aabboon bakkakkaan fi ergamootaan seexannan sana ni fixe, ni ari’e. Dinqii Aabboon godhe keessaa yeroo Abuune Saamu’eel fa’a isaan gaafachuu dhufanitti leencota Abune Saamu’eel fa’a leenconni Abboo jalaa nyaannan leenca isaaniitiin “koottaa tufaa waan isiniif hin heeyyamamne gootan” jedheeni. Sana booda maqaa Gooftaa Iyyasuusin ka’aa jedhee yemmuu ajaju leenconni nyaataman sun ni ka’an.
Biyya keenya dhufuuttis ni gammade. Innis yeroo hunda fayyina uummata fayyaalessa kanaa Waaqayyoon jabeessee kadhata ture. Foonii fi dhiiga Gooftaa Iyyasuusis gara Iyyaruusaaleem deemee ni fudhata ture. Yemmuu achis dhaqu kadhaan isaa ‘Yaa Waaqayyo warra Itiyoophiyaa kan osoo si hin argin sitti amanan kanaaf naaf araarami’ kan jedhu ture. Waadaan isaa kennames kan amaneef hanga dhaloota 15 kan araara argamsiisudha.

Waaqayyos kan bataskaanaaf kennaa kennu, ixaana haa ta’u, zayitas ta’u, guyyaa yaadannoo kee kan dhiheesse cubbuu isaa irraan dhiqa. Kan beela’an kan beela baasu, maqaa keetinis kan dhiifama godhu samii irratti si waliinan jiraachisa.

Kan daares maqaa keetiin daara kan baase, kan gadde kan jajjabeesse, cubbuu isa duraa itti jalaa hin lakkaawu’ jedheen waadaa hedduu kanaaf kan kana fakkaatu kenneef. Waggaa 562 tti Erga waadaa hedduu argatee booda, Bitootessa 5 haala nama ajaa’ibsiisuun booqate. Waggaa keessattis guyyaan kun biyya keenyatti haala guddaadhan kabajama. Keessumattuu ammoo Midre kebdiifi tulluu Cuqqaalaatti (Shawaa Bahaa). Onkoloolessa 5 haaluma wal fakkaatun ni kabajama.

Nuti ijoolleen Ortodooksii warri araarsummaa isaatti amanuu hundaaf sugni fi araarsumman Abbaa keenyaa hanga dhumaatti nu faana haa ta’u. Kakaase kan nu jalqabsiise, nu jalqabsiises kan nu xumursiise maqaan ilma Maariyaam kan Gooftaa keenyaa haa ulfaatu, bakka hirdhate inni itti nuuf haa guutu.Ameen!

Wabii
Kitaaba Qabsuura Abune Gebre Menfes Qiddus (Abboo). (1992). Afaan Amaariffaa fi Gi’iziin kan qophaa’e, Finfinnee, Mana maxxansa Tasfaa Gebre Sillaasee.

Yaadannoon Qulqullootaa Eebbaafi FKN 10:7
14/03/2026

Yaadannoon Qulqullootaa Eebbaafi FKN 10:7

08/03/2026

🏥 Matsaaguu : "Nama Hin Qabu" Irraa Gara "Gargaaraa Hundumaatti!

🌟 Seensa Gabaabaa
Ortodooksii Tawaahidoo keessatti torban kun torban Mazaagu'ii jedhamuun beekama. Hiikni isaas "Dhukkubsataa" jechuudha. Seenaan kun kan dubbatu waa'ee namicha waggaa 38 guutuu dhibeedhaan hidhamee, dhumarratti dubbii Gooftaan harka namaa malee fayyeeti.

⛓️ Waggaa 38 fi Dubbii "Nama Hin Qabu"

Namichi kun madda bishaanii Beetasaayidaa cinaa ciisee waggoota dheeraa dabarse. Gaafa Gooftaan keenya Iyyasuus Kristoos "Fayyuu ni barbaaddaa?" jedhee isa gaafatu, deebiin isaa akkas ture:
"Gooftaa, yommuu bishaanichi rukkutamu kan bishaanicha keessa na buusu nama hin qabu." (Yohaannis 5:7)

Hubachiisa namootaaf: Namichi kun abdii isaa "Nama" irra kaa'ee waan tureef, waggaa 38 guutuu gadadoo keessa jiraate. Nuti har'as "Nama koo, fira koo, beekumsa koo" jennee yoo abdanne, akka Matsaaguii kofalummaa keessatti turra.

⚡ Aangoo Dubbii Gooftaa: "Siree kee baadhun deemi"

Gooftaan keenya namicha kanaan: "Ka'i, siree kee baadhun deemi!" jedhe.

Dinqii Isaa: Waggaa 38 kan isa baadhachaa (isa kuffisee) ture sireen sun, yeroodhuma sanatti inni ol kaasee siree isaa baadhatee deeme.

Ergaa: Wanti waggoota dheeraaf sitti ulfaatee jireenya kee kuffisee ture, dubbii Waaqayyoon har'a sitti salphata!

💎 Barumsa Ijoo (Points of Reflection)

⏳ Obsa: Waggaa 38 eeggachuun obsa guddaadha. Waaqayyo yeroo isaa eeggata malee si hin dagatu.

🤝 Gargaarsa: Inni "Nama hin qabu" jedhus, uumaan namoota hundaa garuu isa bira dhaabbateera. Nama dhabuun kee Waaqayyo sirraa fagaate jechuu miti.

🚿 Qulqullummaa: Fayyina booda Gooftaan "Deebitee cubbuu hin hojjatin" jedheera. Fayyina foonii qofa osoo hin taane, kan lubbuu (qulqullummaa) dursa kennuufii qabna.

"Bakka namni 'si hin danda'u' jedhee si dhiisetti, Waaqayyo 'ka'i deemi' siin jedha!"

'ii

B/saa Fayyeeraa Tasfaa
29/6/2018 B.A
Gimbii Oromiyaa Itiyoophiyaa

WDB
01/03/2026

WDB

〰️〰️〰️Q𝙪𝙡𝙦𝙪𝙡𝙡𝙚𝙚𝙩𝙩𝙞 (Qiddist)〰️〰️〰️✍️Torbeewwan sooma guddaa yookiin sooma Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos keessaa inni...
22/02/2026

〰️〰️〰️Q𝙪𝙡𝙦𝙪𝙡𝙡𝙚𝙚𝙩𝙩𝙞 (Qiddist)〰️〰️〰️

✍️Torbeewwan sooma guddaa yookiin sooma Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos keessaa inni lammataa Qulqulleettii (Qiddist )jedhama. Qulqulluun Yaared torbee lammaffaa sooma guddaaf moggaasa inni kenne “Qidisti” kan jedhudha. Jechi “Qidisti” kun isa Gi’iiziin “ቀደሰ” jedhu irraa kan dhufe yoo ta’u hiikni isaas adda baase, foo’e, calale, filate, kabaje jechuudha. Kana irraas “Qidisti” jechuun eebifamtuu, kabajmtuu hiika jedhu arganna. Jechi qulqulluu jedhu Qulqulummaa amalaa Waaqa irraa argamuun Qulqulloota Waaqni isaan filate fi kennaan qulqullummaas isaaniif kennameef kan tajaajiludha.

✍️Fakkeenyaf qulqulloota namoota, qulqulloota ergamoota, bakkeewwan qulqullaa’oo, kitaabolee qulqullaa’oo kaasuu ni dandeenya. Haaluma kanaan qulqullummaa guyyaa Sanbataa ilaalchisee barnoota Gooftaan keenya barsiise weedduu fi dubbisan kaasuun kanas sababa godhachuun torbee sooma guddaa lammaaffaa maqaa kanaan moggaaseera.. Kanas “እግዚአብሔርሰ ሰማያተ ገብረ፤ አሚን መሠናይት ቅድሜሁ፤ ቅድሳት ወዕበየ ስብሐት ውስተ መቅደሱ” Waaqayyoo garuu samiiwwan hojjete; galanni fi miidhaginni fuuldura Isaati; Qulqullummaan Isaa fi kabajni Isaas mana Qulqullummaa Isaa keessatidha” isa jedhu irraa ka’uun kan faarfatamutu ni lallabama. (Farsa Dawit 95፥5-6)
Torbee sooma guddaa lammaffaa “Qidisti” jedhamtu kanatti barnoonni Gooftaa wangeela Mat.6:16-25 irratti argamutu ni barsiifama, ni lallabama, ni hiikamas.

✍️Sababiin kana jedhameefis “ ዛቲ ይእቲቅድስትዕለት ” guyyaan kun ebbifamtuudha. Kanan itti boqodhe sanbata qulqulleettii dha. Ani qulqulluu akkuman ta’e isinis qulqulloota ta’aa (Lew 19:2-3) jechuudhaan Waaqayyo abbaan guyyaa sanbataa ni qulqulleesse,ni kabajes. Jechaa qulqullummaa Sanbataafi namnis qulqullummaan jiraachuu akka qabu kaasaa waan faarfatuuf torbeen kun Qulqulleettii jedhameera. Moggaasichis Sanbatni guyyaa boqonnaa akka taatu bara Ooritiis bara Wangeelaas Waaqayyo guyyaa eebbise, guyyaa kabaje ta’uu nutti hima. Gara biraanis Waaqayyo qulqulluu akkuma ta’e namni harka Waaqayyon uumames qulqulluu ta’uu akka qabu nutti hima. (Uum 2:3, Bahuu 20:8-11; 1Pheex 1:15-16).

▶Caqasootni guyyaa Sanbataa kana Qiddaaseerratti dubbifaman kanneen armaan gadii jirandha:

➹1Tese. 4:1-12 ((Waaqayyo cubbuudhaaf osoo hin taane qulqullummaaf nu waameerati….))
➹1Pheex. 1:13-25 ((…Ani Qulqulluu waanan ta’eef akkasuma isinis Qulqulloota ta’aa jedhamee waan barreeffameef kan isin waame qulqulluu akkuma ta’e isinis immoo jireenya keessan hunda keessatti
Qulqullooota ta’aa)).
➹H.Er. 10:17-30 ((Pheexiroosis akkana isaaniin jedhe- “namni Yihuudi orma waliin makamuu akka hin dandeenye ni beektu. Anaaf garuu namni kamiyyuu xura’aa akka hin taaneefi eenyuunuu tuffachuu akkan hinqabne Waaqni na agarsiiseera. Kanaafuu otuu homaallee hin shakkiin gara keessan nan dhufe”))
〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️
➹Faaruu 95 (96):5 (Misbaakii)
➹እግዚአብሔርሰ ሰማያተ ገብረ
➹አሚን ወሠናይት ቅድሜሁ
➹ቅድሳት ወዕበየ ስብሐት ውስተ መቅደሱ

Hiika:“Waaqayyo garuu samiiwwan hojjete
Galataafi miidhaginni fuuldura Isaa ti
Qulqullummaafi ulfinni isaa Mana Qulqullummaasaa keessadha”.
〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️
✍️Maat 6:16-25 “yeroo soomtanitti akka warra of agarsiisanii hin coologiinaa. Akka soomtotaa mul’achuuf fuula isaanii ni balleessu waan ta’eef . Dhuguman isiniin jedha gatii isaanii argataniiru. Ati garuu yeroo soomtutti abbaa kee isa hin mul’anneef malee akka soomtotaa namatti argamuuf hin carraaqiin. Mataa kees dibadhu; fuula kees dhiqadhu. Abbaan kee inni dhoksaadhaan si ilaalu ifaan siif kanfala. Bakka ilbiisni adda addaa balleessanifi hattootni hatuu danda’an lafa kanaratti qabeenya ol-hin keeyyatiinaa, samiirratti walitti qabadhaa malee. Bakka qabeenyi kee jiru lapheen kees ni jirati. Ifni qaamaa ija dha. Egaa ijji kee nagaa yoo ta’e qaamni kee hundi ifa ni ta’a. Ijji kee dhukkubsataa taanaan garuu qaamni kee hunduu kan dukkanaa’e ni ta’a. Egaa ifni si keessa jiru dukkanoofnaan dukkanni kaan akkam haa cimuree? Gooftaa lamaaf bitamuu kan danda’u tokkollee hin jiru-tokkoosaa ni jaalata ykn isa tokko ni jibba. Waaqayyoofi qarshiif bitamuu hindandeessan. Kanaafuu waa’ee lubbuu keessanii, waan nyaattaniifi waan dhugdaniif yookiin qaama keessanitti waanta uffattaniif hin yaadda’iinaa isiniin jedha”

✍️Walumaagalatti Waaqayyo kan nu waame qulqullummaan jiraannee mana isaa akka dhaalluufidha. Mana isaa dhaaluuf immoo hojii qulqullummaaf kan nu gahan ajajasaafi abboommii isaa eeguun nurraa eegama. Namootni tokko tokko yeroo soomanitti namarraa galata barbaacha (inni cimaadha jedhamuuf) fuula isaanii daalacheessuun sirrii miti.

✍️Torbee soomaa kana keessa waa’ee qulqullummaa Waaqayyoo, qulqullummaa Sanbataa, hojii qulqullummaaf nama geessisan yaadachaa hiyyeessas gargaaraa soomuu qabna.
〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️itti fufa....

▶Torbee dhufu barreeffama torbee Mikuraabin wal-agarra. Hangasitti araarri Waaqayyoo hunda keenya waliin haa ta’u. Ameen.

Gadi Bu'uu(ዘወረደ)
16/02/2026

Gadi Bu'uu(ዘወረደ)

Gadi Bu'uu//Zeweredee

15/02/2026

Gaa'ela irratti gaaffii akkamii qabdu? Warri gaa'ela godhattanis ta'ee warri gaa'ela raawwachuuf karoorfattan wanti gaaffii isiniti ta'e jiraa? Qorumsi gaa'elaan wal qabate hoo kan isin quunnamee fi furmaata isaa gorsa abbootaa fi kallattii furmaataa barbaadaa jirtan jirtuu? Eyyee dhimmi kun dhimma amantoota heddu ilaallatuudha. Maarree imala marsaa 25ffaa irratti gorsi abbootaa waltajjii irratti inni ijoon gaaffiiwwan kanaaf deebii kennuu ta'a. Kanaaf isinis gaaffii gaa'ela irratti qabdan kamuu dursaa nuuf ergaa, gama miseejiitiin yookaan ammoo gama garee teleegiraamiitiin yookaan ammoo gaaffii keessan komentii jala nuuf kaa'aa. Guyyaa imalaa abbootni afferaman kana irratti ibsa gahaa nuuf kennu.

IDB 25ffaa WDB yaa hirmaannu, yaa hirmaachisnu.
Mata dureen imala bara 2018 kun ' ' kan jedhudha!

Gareen teelegiraamii imalaa ammoo kan kanaa gaddiiti. Join godhaa!

https://t.me/+VfRMYe7JdxtmOTdk

Address

Debre Zeyit

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when WDB Wiirtuu Bishooftuu fi Naannooshee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share