21/08/2026
W๐๐ง๐ง๐ D๐ช'๐๐ K๐'๐ช๐ช ๐๐ O๐ก B๐'๐ช๐ช M๐๐๐ง๐๐ฎ๐๐๐ข๐๐ S๐๐๐ ๐ ๐๐ฃ H๐ช๐ฃ๐๐๐๐ G๐๐๐๐๐๐๐ฌ๐ฌ๐๐ฃ M๐๐ง๐๐ ๐๐ Q๐ค๐ง๐ข๐๐๐ฉ๐
B๐๐๐ ๐๐๐๐จ๐จ๐๐ฃ ๐ฅฐ๐
โ๏ธIccitiin fayyinaa inni hundarra guddaanii fi ajaaโibsiisaan, Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos foon ishee irraa foon, dhiiga ishee irraa dhiiga fudhatee nama taโuu isaati. Waaqayyo uumama hunda keessaa ishee filatee, bultoo isaa qulqulluu godhatee erga kabajee; yemmuu nuti haadha Waaqayyoo kabajnuu fi โDuโaa kaateetti, ol baateetti!โ jennu maaliif isin aarsa? Rakkoon keessan inni dhugaan maaliidha?
โ๏ธGooftaan keenya abboommiiwwan kurnan kenne keessatti, โAbbaa kee fi haadha kee kabaji!โ โ (Bau. 20:12) jedhee ajajeera. Ilmi namaa inni cubbamaa taโee utuu jiruu haadha isaa akka kabaju erga ajajamee, Gooftaan inni seera kana kenne ofii isaa haadha isaa qulqulleettii foon ishee tortoree biyyee akka taโu eeyyamuudhaan, akkamitti utuu hin kabajin hafa jettanii yaaddu? Inni seera ofii baase hin diigne; kabaja ofii isaa haadha isaatiif kennuudhaan duโa injifachiisee ishee kaaseera!
D๐๐ช๐๐ช๐ข๐๐๐ฃ ๐๐จ๐๐ฃ ๐๐๐๐๐๐ฃ๐ฃ๐:
โ๏ธMaariyaam, yoo ilmi ishee Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos duโaa ishee kaasee mirga isaatti ol fudhateef, isin addatti maaluma miidhamtu? Dhiibbaan isin irra gaโu maalidha? Nuti raajiin mootichaa fi faarfatichaa Daawit, โMootittiin uffata warqee ofitti uffattee mirga kee dhaabatti.โ โ (Faar. 45:9) jedhe raawwatamuu isaatiif dhugaa baana malee dhara dubbannee? Qooda isheen duโaa kaate duโaa kaโumsa dhabdu moo, qooda isheen ol baate ol baโumsa dhabduuf inaafaa fi yaaddaโaa jirtu?
โ๏ธWaaqayyo tajaajiltoota isaa, Heenookii fi Eeliyaasiin utuu duโa hin dhamdhamsiisin gara samiitti erga ol fudhatee (Uma. 5:24, 2 Moot. 2:11), haadha isaa ishee foonii fi dhiiga isaa irraa fudhatee nama taโe duโaa kaasuu dadhaba jettanii amantuu? Faarfatichi Daawit, โKaโi yaa Waaqayyo gara iddoo boqonnaa keetti, atii fi Taabotni qulqullummaa kee!โ โ (Faar. 132:8) jedhee raajiin kan inni dubbate eenyuufi? โTaabotni qulqullummaaโ ishee Gooftaa of keessatti baattedha; isheenos Qulqulleettii Dubroo Maariyaamidha. Waaqayyo iddoo boqonnaa isaa yeroo deemu, Taabota isaa (Maariyaam) of biratti ol fudhate malee, lafa irratti tortoruuf ishee hin dhiisne. Kanaaf mormii maalii qabdu?
โ๏ธDhimmi ijoon immoo, dhugaan kun [duโaa kaโuu fi ol baโuunshee] Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoositti amanuu isin daangessa moo yaadni keessan maalidha? Nuti Kiristoos ofii isaatii aangoo isaatiin duโa moโee akka kaโe, Haati isaa immoo kennaa (ayyaanaa) fi aangoo Ilma isheetiin akka duโaa kaate amanne. Kun maal rakkoo qaba?
โ๏ธQulqulluu Yohaannis inni Damaasqoo waaโee kanaa yeroo ibsu, โIsheen yeroo ulfooftee turte durbummaan ishee utuu hin hiikamin akka eegame, akkasuma erga duutees foon ishee akka hin tortorre eegame. Sanyiin jireenyaa fi madda jireenyaa kan taโe Waaqa kan baatte, akkamitti duโaan liqimfamtee tortorti?โ jedhee warra morman gaafatee deebii dhabeera. Kanaafuu, qaamni Jireenya (Kiristoosiin) of keessaa maddisiise, dhugumaan akka uumama hundaa biyyee taโee hafa jechuun, Waaqummaa fi Aangoo Ilma isheettis qoosaa fi waan gatii hin qabne jechuudha mitiiree?
โ๏ธYoo isheen โDuโaa kaate, ol baate,โ jennu, isheen ofiin Waaqa kan isiniin jedhe jiraa? Nuti ishee ni kabajne malee, Waaqa goonee hin waaqeffanne. Haadha Mootichaa waan taateef inumaayyuu kabajni addaa isheedhaaf laanne! Kun maaliif isin gube?
โ๏ธDuโaa kaโuu fi ol baโuun Maariyaamii duโaa kaโuu fi ol baโuu keenya isa gara fuulduraatti raawwatamuuf jiruuf fakkeenya taanaan, nutis akka kanatti โDuโaa kaana, ol baanaโ taanaan maaliif amanuu irra darbee gaaffii isinitti taโe? Isheen namoota keessaa angafa fayyinaa fi fakkeenya duโaa kaโuu foonii yoo nuuf taatu, kana mormuun keessan amantii gatii hin qabne keessa akka jirtan argisiisa mitiiree? Nutis akkuma duโaa kaโuu fi ol baโuu Maariyaamiitti nuuf raawwatama taanaan, isin kana hin amantanis taanaan isin maalumatu Kiristiyaanaa ree? Amantiin Kiristiyaanummaa hundeedhaan duโaa kaโumsa irratti kan hundaaโedha miti?
โ๏ธKitaabni Qulqulluunis, โWarri duโan hin kaโan erga taโee, Kiristoos immoo duโaa hin kaane.โ โ (1 Qor. 15:16) akkuma jedhu isin akkuma Yihudootaa fi saduuqotaa duโaa kaโuu hin amanne taanaan isin Kiristaana miti mitiiree? Eeyyee, mormiin keessan kun dhuma irratti buโuura amantaa keessanii kan diigedha.
โ๏ธQulqullichi Phaawuloosis, โIyyesuus duโee duโaa akka kaโe erga amannee akkasuma Waaqayyo warra obbaafatan akka kaasu amanna.โ โ (1 Tas. 4:14) jedhametti, isin kana hin amantan waan taโeef waan nu ajaaโibu maal qabaree? Erga duโaa kaโumsa ishee hin amannee, duโaa kaโumsa ofii keessaniiyyuu shakkuu keessan dhugoomsa.
โ๏ธXumura irratti, yeroo garaa ishee keessa bulerraa irraa jalqabee hanga fannoo isaatti ishee wajjin kan ture fooniin yoo taโe, isheen ammoo iddoo boqonnaa isaa mirga isaatti mootittii taatee dhaabachuu isheetti maaltu isin dhiphisa? Erga kun hunduu akkasitti ifa taโee utuu jiruu, dogoggorri ijoon hubannoo keessanii irra jira moo, dhugaa Waaqayyo haadha isaatiif godhe fudhachuu dadhabuu irrattidha?
Eebbii fi Ayyaanni ishee nuuf haa baay'atu!