12/07/2026
M/ D KAN ITTI JIRAATEEF YESUUS JIREENYA!
Yommus jarri Yesusin bishaanicha gamatti argatanii, “Yaa barsiisaa! Yoom as geesse?” ittiin jedhan. Yesus immoo deebisee, “Dhuguma, dhuguman isinitti hima, isin milikkita waan argitaniif utuu hin ta'in, buddeena nyaattanii waan quuftaniif na barbaaddu. Nyaata baduuf hin dhama'inaa! Nyaata jireenya bara baraatiif argamuuf dhama'aa malee! Ilmi namaa inni Waaqayyo abbaan mallattoo itti godhe, nyaata kana isiniif kennuuf jira” isaaniin jedhe. Isaan immoo, “Egaa hojii Waaqayyoof akka dhamaanuuf maal gochuutu nuuf ta'a?” jedhanii isa gaafatan. Yesus deebisee, “Isa inni ergetti amanuu keessaniin hojii Waaqayyoo in hojjettu” jedheen. Kana irratti isaanis, “Arginee akka sitti amannuuf, milikkita maalii argisiifta? Maalis hojjetta ree? Macaafni ‘Buddeena akka nyaataniif waaqa irraa isaaniif kenne’ akkuma jedhu, abaabiliin keenya lafa onaatti nyaata ‘Maannaa’ jedhamu nyaataniiru” jedhaniin. Yesus immoo deebisee, “Dhuguma, dhuguman isiniin jedha, Museen buddeena waaqa irraa isiniif hin kennine; abbaan koo buddeena isa dhugaa waaqa irraa isiniif in kenna. Buddeenni Waaqayyoo isa waaqa irraa gad dhufu, biyya lafaatiifis isa jireenya kennuu dha” jedheen.
Isaan immoo, “Gooftaa, buddeena kana yeroo hundumaa nuuf kenni” jedhaniin; yommus Yesus, “Ana buddeenni jireenyaa, gara koo kan dhufu hin beela'u, kan anatti amanus matumaa hin dheebotu. Akkuma ani isinitti hime, isin ana argitaniittu, garuu hin amantan. Abbaan koo anaaf kan kennu hundinuu gara koo in dhufa, isa gara koo dhufus ani of irraa hin ari'u. Fedha ofii kootii raawwachuudhaaf miti, fedha isa ana ergee raawwachuudhaafan waaqa irraa gad bu'e malee. Inni na erge immoo, warra inni anaaf kenne keessaa tokko illee akka ani balleessu hin fedhu, guyyaa booddeetti du'aa akkan isaan kaasu fedha malee. Abbaan koo, namni ana ilma isaa argu, kan anatti amanus hundinuu, jireenya bara baraa akka qabaatu in fedha; anis immoo guyyaa booddeetti du'aa isa nan kaasa.
“Warri Yihudootaa, waan inni, ‘Ani buddeena isa waaqa irraa gad bu'ee dha’ ofiin jedheef, isa irratti in guunguman”. Isaan, “Kun Yesus ilma Yoseef isa abbaa isaa fi haadha isaa beeknu mitii? Amma attamitti ‘Waaqaraan gad bu'e’ jedha ree?” jedhan. Yesus deebisee, “Walii keessanitti hin guunguminaa! Abbaan inni ana erge yoo isa harkisuu dhaabaate, homtinuu gara koo dhufuu hin danda'u; isa gara koo dhufu immoo ani guyyaa isa dhumaatti du'aa nan kaasa. ”
Yohannis 6:25-44
Sambata dinqii ture