Waldaa Fayyisaa Addunyaa-Wiirtuu Amboo

Waldaa Fayyisaa Addunyaa-Wiirtuu Amboo "Xoofoo Fayyisaa Addunyaa Nan Fudhaadha Maqaa Waaqayyootis Nan Waama!" Faar 116:13

22/11/2024
16/11/2024



Waldaan Fayyisaa Addunyaa Gaafa Guyyaa 13-04-2017 Imala Duuka Bu'ummaa marsaa 4ffaaf Magaalaa seena qabeetti Magaalaa Hoo-lataa Mana Kiristaanaa Qulqulluu Gabreelii Hoo-lataatti haala fi bifa adda ta'een qopheessuu isaa kabajaan isiin beeksiisna.

Marree isiinis Amantoonni kiristaanaa guutuu biyya keessa fi biyya alaas jirtan guyyaa addaa kana waldaan Keessaan qopheesse kana irratti argamtanii eebba fi suga akka argatan kabajaan waamicha keenya siniif dhiheessina.

Guyyaa kana Ijoolleen Waaqayyoo tokkummaan kallatti hunda irra dhufuun walwajjiin Waaqayyoon ni galateeffatu,Abbootiin hangafa Phaaphasotaa,Barsiisoonni wangeelaa,Farfattoonni akkasumaas namoonni beebbeekamoon Imala kana irratti argamuun tokkummaan ni farfanna ni galateeffanna.

Kanaaf Waldaan Fayyisaa Addunyaa Imala seena qabeessa kana irratti akka hirmaatan hunda keessaan affeere jira.

Koota Wal wajjiin Waaqayyoon Galateeffanna !

:- Waldaa Keessan
Waldaa Fayyisaa Addunyaa

Odeeffannoo Dabalataaf :-
+251969362838

  Hunda dursa Waaqa bacaqii gannaa nu dabarsee booqa birraatiin nun gahee Masqala nu oofkalcheef Fayyisaa Addunyaatiif g...
21/10/2024


Hunda dursa Waaqa bacaqii gannaa nu dabarsee booqa birraatiin nun gahee Masqala nu oofkalcheef Fayyisaa Addunyaatiif galanni haata’u. Baga bara haaraa nagaan geessan jechaa, waldaan keenya Waldaa Fayyisaa Addunyaa erga hundeeffamee kaasee hojii afuurawaa adda addaa hojjechaa kan jiru ta’uun isaa ni beekama.

Bara haaraa kanas miseensota fi deeggartoota keenya waliin hojiilee gurguddaa Mana Kiristaanaa keenya cimsuu fi utubuu danda’an hojjechuuf karoorfachuun hojjitti gallee jira.

Waldaan keenya Waldaa Fayyisaa Addunyaa tajaajila isaa daraan cimsuuf Yaa’ii Waliigalaa 1ffaa Onkololeessa 17/02/2017 B.A. ganama sa’aatii 2:30 irra eegaluun bakka miseensonni isaa fi keessummoon argamanitti gaggeessuuf haal-duree hunda xummuree jira.

Isiniis Yaa’ii keenya kana irratti akka nuuf argamtan maqaa Fayyisaa Addunyaatiin kabajaan isin afeerree jirra.

Iddoon: Magaalaa Shaggar, kutaa magaala Galaan Guddaa, Mana Kiristaanaa Qulqulluu Amanu’eelii Waato.

Koreen Hojii Rawaachistuu WFA Wiirtuu-Amboo (kan Biyyaa Lallaba Shawaa Lixaa) iddoo Abbootiin amanta, miseensonni Waldaa...
07/07/2024

Koreen Hojii Rawaachistuu WFA Wiirtuu-Amboo (kan Biyyaa Lallaba Shawaa Lixaa) iddoo Abbootiin amanta, miseensonni Waldaa Fayyisaa Addunyaa fi kessumonni biroo argamanitti guyyaa 30/10/2016 B.A mudaamaniru.

Wiirtuun Shawaa Lixaa Waraqaa Ragaa fi Danbii ittin Bulmataa  Fudhateera.
07/07/2024

Wiirtuun Shawaa Lixaa Waraqaa Ragaa fi Danbii ittin Bulmataa Fudhateera.

Guyya har'aa Koree Waldaa Fayyisaa Addunyaa godina shawaa lixaa fi naanno ishee guyya itti filatama oole dha.           ...
07/07/2024

Guyya har'aa Koree Waldaa Fayyisaa Addunyaa godina shawaa lixaa fi naanno ishee guyya itti filatama oole dha.
Galanni Waaqayyoof haa ta'uu!!!

.............💙💙💙Baga Gessan!💙💙💙💙.............                       ✝️ 'ootaa 💙Tsoomiin kun tsoomiiwwan labsiidhaan akka...
24/06/2024

.............💙💙💙Baga Gessan!💙💙💙💙.............

✝️ 'ootaa
💙Tsoomiin kun tsoomiiwwan labsiidhaan akka mana kiristaana keenyaatti tsoomaman #7'n keessaa isa tokkodha. tsoomii Duukaa Bu'ootaa kan jedhameefis si'a duraatiif duukaa butonni gooftaa erga kennaa Afuura qulqulluu argataniin booda osoo gara tajaajila kamiillee hin deemin dura tsoomii kana waan tsoomaniifidha. tsoomii Waxabajjii kan jedhameefis tsoomii kun ji'a bal'inaan ji'a waxabajjii keessa waan tsoomamuufi. Bara kanas tsoomiin kun waxabajjii 16,2016 kan qabama.

💙Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoosis yeroo biyya lafaa kana irra deddeebi'ee barsiisaa turetti duukaa buutonni kee maaliif hin tsooman jedhamee gaafatamee ture. deebiin gooftaa keenyaas:-
kunoo
👇
"Dhirsi misirroo hamma isaan bira jirutti warri cidhaa gadduu danda'uu ree? Guyyoonni dhirsi misirroo itti isaan duraa dhufuuf jiru; isaan yeroo in .”
Mat. 9:15
💙Kun Bartoonni yohaannis gaaffii jarri Iyyesuusiin gaafataniif deebii iyyesuus kenneedha. gaaf tokko bartoonni yohaannis gara iyyesuus dhfanii akkas jedhanii gaafatan "nuyii fi fariisotni maaliif tsoomnaa??? bartootni (duuka bu'oonni) kee maaliiif hin tsooman? jedhaniin. iyyesuus deebisee "dhirsi misiroo hamma isaan bira jirutti warrri cidhaa ykn waayillan (miizeen) gadduu (tsoomuu) danda'uu ree??? guyyoonni dhirsi misiroo isaan biraa itti fudhatamu dhufuuf jira. isaan yeroo sanatti in tsoomu" jedheen.
Mat 9:14-15
💙Dhirsa misiroo kan jedhame iyyesuus yammuu ta'u waa'illan (miizee) kan jedhaman immoo duuka buutota gooftaati. yeroo dhirsi misiroo biraa itti fudhatamu jechuun isaa yeroo ilmi waaqayyoo du'ee du'as moo'ee ka'uun ol gara teessoo isaa gara samiitti jechuudha. yeroo sanas duuuka buutonni koo in tsoomu jedhe malee gonkumaa duuuka buutota kootiiif tsoomiin hin barbaachisu hin jenne. duuka buutonni gooftaas akkuma gooftaan dubbate erga iyyesuus ol gara samii teesssoo isaattti ba'een (aarrageen) guyyaa 10 booda Afuura qulqulluu erga argataniin booda tsoomaniiru.
HDB 13:2
💙Fariisonni bara kanaa caqasa kana qabachuun duukaa buutonni gooftaa hin tsoomne waan ta'eef hin tsoomnu jettan Duukaa buutonni erga tsoomanii jaarraa heedduu ta'eera isinis tsoomaa! jenna.

💙Egaa walumaa galattti sagalee waaqayyootiiif bitamuu qabna malee sagalee waaqayyoo keessaa kan foon keenyaaf ta'u barbaaaduu hin qabnu. an tsoomii danda'ee hin tsoomu jechuun ni dandaaa'ama. garuu tsoomiin hin barbaachisu jennee sagalee waaaqayyoo akka fedha foon keenyaattti hiiknee barsiisuun seexanaa wajjin walii galuuun ofiiif jalllannee saboota waaqayyoo jal'isuun hammeenyummaadha.

"Nyaanni garaachaaf kenname. garaachis nyaataaf kenname. waaqayyo immoo isa sanas isa kanas lafatti in dabala."
1ffaa Qor 6:13

💙Egaa nyaata baduuf jennee lubbuu keenya akka hin gaddisiifne waaqayyo nu haa eegu!

💙Tsoomiin kun kan dhiifama cubbuu ittti argannu waaqayyoo wajjin itti araaramnu nuuf haa ta'u.
“Ayyaanni gooftaa Iyyesuus Kiristoos, jaalalli Waaqayyoo, tokkummaan hafuura qulqulluus hunduma keenyaa wajjin haa ta'u!”
2ffaa Qor. 13:13
Sooma Gaarii nuuf haa ta'uu!!!

Address

Ethiopia, Oromia
Ambo

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waldaa Fayyisaa Addunyaa-Wiirtuu Amboo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share