Anfo Ifa Jiregna Mekane Yesus Church

Anfo Ifa Jiregna Mekane Yesus Church For God so loved the world, that he gave his only begotten Son, that whosoever believeth in him should not perish, but have everlasting life. (John 3:16)

07/01/2026

Christmas Holy Day

07/01/2026

Guyyaa Yaadanno Dhalachuu Gooftaa Keenya Yesuus Kiristoos Sababeefachuudhaan Faarfanna Daa'imman Waldaa Keenyaa.

19/12/2025
30/11/2025

25Yesus yommus, “Mootummaan waaqaa durboota kurnan warra ibsaa isaanii fudhatanii, dhirsa misirroo simuudhaaf ba'an fakkaata. 2 Durboota sana keessaa shan gowwoota turan, shan immoo afchaalota turan. 3 Warri gowwoonni ibsaa isaanii fudhatan malee cuunfaa ejersaa isa ibsaatti naqan hin fudhanne. 4 Warri afchaalonni ibsaa isaanii wajjin cuunfaa ejersaa qodaatti fudhatan. 5 Dhirsi misirroo galuu turraan hundumti isaanii muganii rafan.
*1 Luq 12:35-36; Mul 19:7
6 “Halkan walakkaa immoo sagalee guddisee, ‘Dhirsi misirroo kunoo ti! Isa simuudhaaf ba'aa!’ jedhutu dhaga'ame. 7 Yommus durboonni sun hundinuu ka'anii ibsaa isaanii tottolfatan. 8 Warri gowwoonni warra afchaalotaan, ‘Ibsaan keenya dhaamuuf jedha, cuunfaa ejersaa keessan irraa waa nuuf kennaa!’ ittiin jedhan. 9 Warri afchaalonni garuu deebisanii, ‘Warra gurguran bira dhaqaatii bitadhaa malee, innoo nuufis isiniifis hin ga'u’ jedhaniin. 10 Yeroo isaan bitachuu dhaqanittis dhirsi misirroo in dhufe; warri qophaa'an isaa wajjin mana cidhichaatti ol galan, balballis in cufame. 11 Durboota sana keessaa warri hafan immoo booddee dhufanii, ‘Yaa gooftaa, yaa gooftaa nuuf bani!’ jedhaniin. 12 Inni immoo deebisee, ‘Dhuguman isiniin jedha, ani isin hin beeku’ jedheen. 13 Egaa, guyyicha, yerichas hin beektaniitii dammaqaa!” jedhe.

Address

Shegar City, Melka Gefersa Woreda, Anfo 105, Infront Of Zebdar Hotel
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Anfo Ifa Jiregna Mekane Yesus Church posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share