Dambi Dollo Full Gospel Church No 9

Dambi Dollo Full Gospel Church No 9 It is a kind of page to have more connected with church believers and deliver information about bible

Hagayya 24/2018 Sagantaa Waaqeffannaa Sambata ganamaa   โœ๏ธ๐Ÿ“–Wangeela Mar 8:1-3๐ŸŽค 'uu_Waaqayyoo 1Gidduu sanas tuuti sonaan ...
30/08/2026

Hagayya 24/2018 Sagantaa Waaqeffannaa Sambata ganamaa โœ๏ธ
๐Ÿ“–Wangeela Mar 8:1-3
๐ŸŽค 'uu_Waaqayyoo
1Gidduu sanas tuuti sonaan baay'een deebi'anii walitti qabaman. Isaan waan nyaatan dhabnaan, Yesus bartoota isaa waamee isaanitti dubbatee,
2Namoonni kun guyyaa sadan kana anaa wajjin turan, nyaatas waan isaan hin qabneef hunduma isaaniif nan oo'a.
3Akkuma beela'anitti gara mana isaaniitti yoon isaan erge, karaatti in kukkufu; isaan keessaa lafa fagootii kan dhufan jiru jedhe. Ameen๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™

26/08/2026

Hagayya 17/2018 Sagantaa Waaqeffannaa Sambata ganamaa   โœ๏ธ
23/08/2026

Hagayya 17/2018 Sagantaa Waaqeffannaa Sambata ganamaa โœ๏ธ

19/08/2026

Nagaan gooftaa isiniif haa ta'uu.Sagantaan keenya guutamuu Hafuura Qulqulluu ykn Pheenxeqoosxummaa giddu galeessa godhatu waggaa waggaan gaggeeffamuu bara kanaa Hagayya 22 jimaata ganamaa jalqabee hanga gaafa 24 sanbata waaree boodaatti waan gaggeeffamuuf dargaggoonnii fi amantoonnii argamaa eebba hirmaadhaa isiniin jenna.
Qopheesitoonni--- Kilaastera Waldoota Guutuu Wangeelaa Naannoo Dambi Doolloo fi Tokkummaa Dargaggoota M/D/Doolloo

โ€œAbdiin Waaqayyo abdachiise isinii fi ijoollee keessaniif, warra fagaatanii jiraatanii, Waaqayyo keenya gooftichi itti waamu hundumaafisโ€ jedhee deebiseef.
Hojii Ergamootaa 2:39

Hagayya 10/2018 Sagantaa Waaqeffannaa Sambata ganamaa   โœ๏ธ๐Ÿ“–Ergaa Warra Ibrootaa 5:7-9๐ŸŽค  7Yesus biyya lafaa kana irra yer...
16/08/2026

Hagayya 10/2018 Sagantaa Waaqeffannaa Sambata ganamaa โœ๏ธ
๐Ÿ“–Ergaa Warra Ibrootaa 5:7-9
๐ŸŽค
7Yesus biyya lafaa kana irra yeroo jiraachaa turetti, sagalee guddaadhaan imimmaaniin, kadhataa fi waammata gara isa du'a isa oolchuu danda'uutti dhi'eesse; sababii inni ulfina Waaqayyoof gad of deebisee, isatti of kennateefis, kadhanni isaa in dhaga'ameef.
8Utuma ilma Waaqayyoo ta'ee jiruu immoo, dhiphina isatti dhufe hundumaa keessaa abboomamuu bare. 9Inni isa waan hundumaa fiixaan baase ta'ee erga argamee immoo, warra isaaf abboomaman hundumaaf sababii fayyina bara baraa ta'e. Ameen๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™

๐€๐˜๐˜๐€๐€๐๐€ ๐Š๐Ž๐๐…๐ˆ๐‘๐€๐€๐๐’๐ˆ๐ˆ ๐ƒ๐€๐€'๐ˆ๐Œ๐Œ๐€๐๐ˆ๐ˆ โœ๏ธ๐Ÿ“–M.Faarfannaa 127:3-๐ŸŽค  Dhaalu Qabna!3Ilaa ijoolleen kennaa Waaqayyoo ti,dhala godhach...
09/08/2026

๐€๐˜๐˜๐€๐€๐๐€ ๐Š๐Ž๐๐…๐ˆ๐‘๐€๐€๐๐’๐ˆ๐ˆ ๐ƒ๐€๐€'๐ˆ๐Œ๐Œ๐€๐๐ˆ๐ˆ
โœ๏ธ
๐Ÿ“–M.Faarfannaa 127:3-
๐ŸŽค Dhaalu Qabna!
3Ilaa ijoolleen kennaa Waaqayyoo ti,
dhala godhachuunis bu'aa inni namaaf kennuu dha

4Ilmaan dargaggummaadhaan godhatan,
akka xiyya harka jagnaa keessa jiruu ti.

5Namni warra akka xiyyaa kana
mana guuttate, haa gammadu!
Isaan lafa yaa'iitti diinota isaanii wajjin,
yeroo walitti falman hin yeellaasifaman.

Sagantaa Waaqeffannaa Sambata ganamaa   โœ๏ธ๐Ÿ“–M.Yo'eel Raajichaa 2:28-๐ŸŽค  Ayyaanaa Fi Akkaataa Ittiin Tajaajilan 28Waaqayyo ...
03/08/2026

Sagantaa Waaqeffannaa Sambata ganamaa โœ๏ธ
๐Ÿ“–M.Yo'eel Raajichaa 2:28-
๐ŸŽค Ayyaanaa Fi Akkaataa Ittiin Tajaajilan
28Waaqayyo ammas,
Bara booddeetti ani hafuura koo
nama hundumaa irratti nan dhangalaasa;
ilmaan keessanii fi intaloonni keessan
raajii in dubbatu,
maanguddoonni keessan
abjuu in abju'atu,
dargaggoonni keessanis
mul'ata in argu;

29bara sanatti, ani hojjetoota koo
warra dhiirotaa fi
warra dubartootaa irratti iyyuu
hafuura koo nan dhangalaasa. Ameen๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™

Baga Gammaddan! Baga Gammadne!!Paaster Kibiruu Nagaasaa,  hunda dura tajaajila Wangeelaa bal'aa fi hordofitoota baay'ee ...
30/07/2026

Baga Gammaddan! Baga Gammadne!!

Paaster Kibiruu Nagaasaa, hunda dura tajaajila Wangeelaa bal'aa fi hordofitoota baay'ee horate kanaan, yeroo lammaffaaf Waldoolii Guutuu Wangeelaa Naannoo Godina Qellem Wallaggaatti Pireezidaantii taatanii waan filatamtaniif gammachuu guddaatu nutti dhaga'ama. Filannoon kun tajaajila keessan isa darbe keessatti amanamummaa, obsaa fi hoggansa gaarii argisiistan ragaa kan bahudha. Mul'ata fi dandeettii hoggansaa Waaqayyo isiniif kenneen tajaajila kana caalaatti akka guddistaniif abdii guddaa qabna.

Guddina hafuuraa fi ijaarama waldoolii naannoo keenyaa keessatti gaheen keessan hamma dhumaa guddaadha. Ammas itti fufuun hojii gurguddaa fi amantoota dammaqsuuf dirqama guddaa fi eebba guddaa qabdu kanatti waan deebitaniif baga eebbifamtan. Hojii keessan kana keessatti Waaqayyo caalaatti humna, eebba, beekumsaa fi ayyaanasaa akka isiniif baay'isu gara Waaqayyootti isiniif kadha na..

Xumura irratti, tajaajila keessan isa haaraa kanaan mo'ichaa fi firiin baay'een akka ba'u hawwii keenya ibsaa, nutis yeroo mara isinii wajjin dhaabbachuu fi tajaajila keessan gargaaruuf qophii ta'uu keenya mirkaneessina. Maqaa kiyya fi maqaa amantoota Waldaa Guutuu Wangeelaa Dambii Doolloo Lak. 09 hundaan baga gammaddan, baga eebbifamtan jechuu nan jaalladha.

Yasuus Kiristoos bara baraan Gooftaafha!!!

Yohaannis Olaanaa

Walitti Qabaa Waldichaa

๐™ผ๐šŠ๐š—๐šŠ ๐™ฐ๐š–๐šŠ๐š•๐šŠ ๐š‚๐š’๐š›๐š›๐šŽ๐šŽ๐šœ๐šœ๐šŠ๐šŠ ๐™ถ/๐š€/๐š†๐šŠ๐š•๐š•๐šŠ๐š๐š๐šŠ๐šŠ๐š๐š๐š’ t๐šŠ๐š“๐šŠ๐šŠ๐š“๐š’๐š•๐š๐š˜๐š˜๐š๐šŠ ๐š†๐šŠ๐š•๐š๐šŠ๐šŠ ๐™ถ๐šž๐šž๐š๐šž๐šž ๐š†๐šŠ๐š—๐š๐šŽ๐šŽ๐š•๐šŠ๐šŠ ๐™ณ/๐™ณ๐š˜๐š•๐š•๐š˜๐š˜ ๐™ป๐šŠ๐š”๐š”.๐Ÿฟ๐š๐š๐šŠ๐šŠ๐š— ๐š†๐šŠ๐š—๐š๐šŽ๐šŽ๐š•๐š•๐š’ ๐™ผ๐š˜๐š˜๐š๐šž๐š–๐š–๐šŠ๐šŠ ๐š ๐šŠ...
27/07/2026

๐™ผ๐šŠ๐š—๐šŠ ๐™ฐ๐š–๐šŠ๐š•๐šŠ ๐š‚๐š’๐š›๐š›๐šŽ๐šŽ๐šœ๐šœ๐šŠ๐šŠ ๐™ถ/๐š€/๐š†๐šŠ๐š•๐š•๐šŠ๐š๐š๐šŠ๐šŠ๐š๐š๐š’ t๐šŠ๐š“๐šŠ๐šŠ๐š“๐š’๐š•๐š๐š˜๐š˜๐š๐šŠ ๐š†๐šŠ๐š•๐š๐šŠ๐šŠ ๐™ถ๐šž๐šž๐š๐šž๐šž ๐š†๐šŠ๐š—๐š๐šŽ๐šŽ๐š•๐šŠ๐šŠ ๐™ณ/๐™ณ๐š˜๐š•๐š•๐š˜๐š˜ ๐™ป๐šŠ๐š”๐š”.๐Ÿฟ๐š๐š๐šŠ๐šŠ๐š— ๐š†๐šŠ๐š—๐š๐šŽ๐šŽ๐š•๐š•๐š’ ๐™ผ๐š˜๐š˜๐š๐šž๐š–๐š–๐šŠ๐šŠ ๐š ๐šŠ๐šŠ๐šš๐šŠ๐šข๐šข๐š˜๐š˜ ๐š•๐šŠ๐š•๐š•๐šŠ๐š‹๐šŠ๐š–eera, ๐š๐šŠ๐šŠ๐š›๐š๐šŠ๐š—๐š—๐šŠ๐šŠ๐š— ๐š๐šž๐š›๐š–๐šž๐šž ๐š๐šŠ๐šŠ๐š›๐š๐šŠ๐š๐š๐š˜๐š˜๐š๐šŠ๐šŠ๐š— ๐šŠ๐š”๐š”๐šŠ๐šœ๐šž๐š–๐šŠ๐šœ ๐š”๐šŠ๐š๐š‘๐šŠ๐š—๐š—๐šŠ๐šŠ ๐š๐šŠ๐šŠ๐šœ๐š’๐š๐šŠ๐š–ee๐š— ๐š‘๐š˜๐š“๐š’๐š’๐š— ๐š‘๐šŠ๐š๐šž๐šž๐š›๐šŠ๐šŠ ๐š๐šž๐š๐š๐šŠ๐šŠ๐š— ๐š‘๐š˜๐š“๐š“๐šŽ๐š๐šŠ๐š–๐šŽ๐šŽ๐š›๐šŠ. ๐™ฐ๐š‹๐š‹๐šŠ๐šŠ๐š— ๐š‘๐š˜๐š“๐š’๐šŒ๐š‘๐šŠ๐šŠ ๐š†๐šŠ๐šŠ๐šš๐šŠ๐šข๐šข๐š˜ ๐šž๐š•๐š๐š’๐š—๐šŠ ๐š‘๐šŠ๐šŠ ๐š๐šž๐š๐š‘๐šŠ๐š๐šž!

๐•Š๐•’๐•˜๐•’๐•Ÿ๐•ฅ๐•’๐•’ ๐”พ๐•’๐•๐•’๐•ฅ๐•–๐•–๐•—๐•—๐•’๐•Ÿ๐•Ÿ๐•’๐•’ โ„๐•’๐•’๐••๐•™๐• ๐•๐•š๐•š ๐•Ž๐•’๐•’๐•ฃ๐•–๐•– ๐”น๐• ๐• ๐••๐•’๐•’๐•ฅ๐•š๐•š๐•Ÿ Y๐ž๐ซ๐จ๐จ ๐ฐ๐š๐š๐ช๐ž๐Ÿ๐Ÿ๐š๐ง๐ง๐š๐š, ๐ฒ๐ž๐ซ๐จ๐จ ๐๐ฎ๐›๐›๐ข๐ข ๐ฐ๐š๐š๐ช๐š๐ฒ๐ฒ๐จ๐จ ๐Ÿ๐ข ๐ก๐จ๐ฃ๐ฃ๐ž๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ ๐ก๐š๐Ÿ๐ฎ๐ฎ๐ซ๐š ๐ช๐ฎ๐ฅ๐ช...
19/07/2026

๐•Š๐•’๐•˜๐•’๐•Ÿ๐•ฅ๐•’๐•’ ๐”พ๐•’๐•๐•’๐•ฅ๐•–๐•–๐•—๐•—๐•’๐•Ÿ๐•Ÿ๐•’๐•’ โ„๐•’๐•’๐••๐•™๐• ๐•๐•š๐•š ๐•Ž๐•’๐•’๐•ฃ๐•–๐•– ๐”น๐• ๐• ๐••๐•’๐•’๐•ฅ๐•š๐•š๐•Ÿ
Y๐ž๐ซ๐จ๐จ ๐ฐ๐š๐š๐ช๐ž๐Ÿ๐Ÿ๐š๐ง๐ง๐š๐š, ๐ฒ๐ž๐ซ๐จ๐จ ๐๐ฎ๐›๐›๐ข๐ข ๐ฐ๐š๐š๐ช๐š๐ฒ๐ฒ๐จ๐จ ๐Ÿ๐ข ๐ก๐จ๐ฃ๐ฃ๐ž๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ ๐ก๐š๐Ÿ๐ฎ๐ฎ๐ซ๐š ๐ช๐ฎ๐ฅ๐ช๐ฎ๐ฅ๐ฅ๐ฎ๐ฎ ๐ ๐ฎ๐๐๐š๐š๐ญ๐ฎ ๐ญ๐ฎ๐ซ๐ž. ๐–๐š๐š๐ช๐š๐ฒ๐ฒ๐จ ๐ฎ๐ฅ๐Ÿ๐ข๐ง๐š๐ฌ๐š๐š ๐ก๐š๐š ๐Ÿ๐ฎ๐๐ก๐š๐ญ๐ฎ.
๐Ÿ“–H.Ergamootaa 16:25-
๐ŸŽค๐“ฆ๐“ช๐“ช๐“ท ๐“’๐“ช๐“ช๐“ต๐“พ ๐“’๐“ช๐“ช๐“ต๐“ฝ๐“ฎ๐“ฎ ๐“ช๐“ป๐“ฐ๐“ช๐“ถ๐“ฝ๐“ช
25Gara halkan walakkaatti Phaawulosii fi Siilaas Waaqayyoon kadhatanii faarfatan; warri hidhaman immoo isaan in dhaggeeffatu turan.
26Dingatas hamma hundeen manicha hidhaa raafamutti socho'i lafaa guddaan ta'e; achumaan balbaloonni manicha hidhaa hundinuu banamanii, hidhaan warra hidhamanii hundinuus in hiikaman.
27Namichi mana hidhaa eegu sun warreeree hirribaa dammaqee, balbaloonni mana hidhaa banamuu yommuu argee, warri hidhaman waan sokkan se'e; kanaafis billaa isaa luqqifatee of ajjeesuu barbaade.
28Phaawulos garuu sagalee guddaadhaan, Waa of hin godhin! Nuyi hundumti keenya as jirra jedhee itti iyye.
29Inni mana hidhaa eegu sun ibsaa waammatee ol fiigee, rom'aa miilla Phaawulosii fi Siilaasitti kufe.
30Gadis isaan baasee, Ani akkan fayyuuf maal gochuutu anaaf ta'a? gooftolii ko jedhee isaan gaafate.
31Isaan immoo, Gooftaa Yesusitti amani, ati in fayyita, maatiin kees in fayyu jedhanii deebisaniif. Ameen๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dambi Dollo Full Gospel Church No 9 posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share