Entoto Mekane Yesus Afan Oromo Congregation

Entoto Mekane Yesus Afan Oromo Congregation This page represents Entoto Mekane Yesus Afan Oromo Congregation!

Sagantaa DilbataaWWWMY/ Inxooxxoo Afaan Oromoo1Qor 12: 1 Yaa obboloota ko! Waa'ee kennaa garaa garaa hafuurri qulqulluun...
07/06/2026

Sagantaa Dilbataa
WWWMY/ Inxooxxoo Afaan Oromoo

1Qor 12: 1 Yaa obboloota ko! Waa'ee kennaa garaa garaa hafuurri qulqulluun kennuu, akka hubattan nan barbaada*. 2 Isin amma illee saba Waaqayyoo utuu hin ta'in dura, karaa irraa kaachifamtanii gara waaqayyolii tolfaman warra duudaatti, akka oofamaa turtan in beektu*. 3 Akkasumas namni hafuura Waaqayyootiin geggeeffamu, “Yesus abaaramaa dha” jechuu, namni tokko illees hafuura qulqulluutiin yoo ta'e malee, “Yesus gooftaa dha” jechuu, akka hin dandeenye cimsee isinittan beeksisa*.

Sagantaa DilbataaWWWMY/Inxooxxoo Afaan Oromoo Efeson 2: 19 Egaa isin si'achi warra Waaqayyoof qulqullaa'anii wajjin warr...
31/05/2026

Sagantaa Dilbataa
WWWMY/Inxooxxoo Afaan Oromoo

Efeson 2:
19 Egaa isin si'achi warra Waaqayyoof qulqullaa'anii wajjin warra biyyaa, warra mana Waaqayyoo tis malee, orma, nama biyya diidaas miti*. 20 Isin hundee ergamootaa fi raajotaa irratti ijaaramtaniittu, Kristos Yesus immoo ofii isaatii dhagaa golee qajeelchuu dha*. 21 Guutummaan ijaarsa sanaa isumaan walitti qabamee, mana qulqullummaa Waaqayyoo ta'uudhaaf gooftaatti in guddata*.

Sagantaa DilbataaWWWMY/Inxooxxoo Afaan OromooMar 13:5 Yesus immoo, “Homtinuu akka isin hin wallaalchifnetti akeekkadhaa!...
24/05/2026

Sagantaa Dilbataa
WWWMY/Inxooxxoo Afaan Oromoo

Mar 13:
5 Yesus immoo, “Homtinuu akka isin hin wallaalchifnetti akeekkadhaa! 6 Baay'een, ‘Ani Kristos’ jechaa maqaa kootiin in dhufu, namoota baay'ees in wallaalchisu. 7 Lolaa fi oduu lolaa yommuu dhageessan hin na'inaa, kan akkasii kun ta'uun irra jira; kun garuu amma illee dhuma isaa miti. 8 Sabni saba irratti mootummaanis mootummaa irratti in ka'a; socho'i lafaa iddoo adda addaatti, beellis in ta'a; wanti kun garuu jalqaba ciniinsuu ti *.

Sagantaa DilbataaEntoto Mekane Yesus Afan Oromo Congregation 1Mot 18:36 Yeroo aarsaa galgalaatti, Eliyaas raajichi gara ...
17/05/2026

Sagantaa Dilbataa
Entoto Mekane Yesus Afan Oromo Congregation

1Mot 18:

36 Yeroo aarsaa galgalaatti, Eliyaas raajichi gara iddoo aarsaatti dhi'aatee, “Yaa Waaqayyo gooftaa isa kan Abrahaam, kan Yisihaq, kan Yaaqoobis ati Waaqayyo isa kan Israa'el akka taate, ani garbicha kee akkan ta'e, wanta kana hundumaas abboommii keetiin akkan godhe har'a akka beekamu godhi*! 37 Jarri kun ati Waaqayyo gooftaa akka taate, yaada isaanii gara ofii keetti deebisuuf akka jirtu akka beekanitti anaaf dhaga'i! Yaa Waaqayyo, anaaf dhaga'i!” jedhee in kadhate. 38 Yommus ibiddi waaqa irraa bu'ee qalmicha gubamu, qoraanicha, dhagaa fi biyyoo gubee, bishaan boollicha keessa tures arraabee in gogse*. 39 Jarri hundinuu kana yommuu argan, adda isaaniitiin gombifamanii sagalee guddaadhaan, “Gooftichi kun Waaqayyoo dha! Gooftichi kun Waaqayyoo dha!” jedhan.

03/05/2026

Mucoolii W/W/W/M/Y Inxooxxoo Afaan Oromoo

03/05/2026

Sunday Service
Entoto Mekane Yesus Afan Oromo Congregation

Sagantaa DilbataaEntoto Mekane Yesus Oromo CongregationYoh 14: 11 Ani abbaa keessa, abbaanis ana keessa akka jiru na ama...
03/05/2026

Sagantaa Dilbataa
Entoto Mekane Yesus Oromo Congregation

Yoh 14:
11 Ani abbaa keessa, abbaanis ana keessa akka jiru na amanaa! Yookiis sababii hojichuma kana hundumaaf ana amanaa!

Sagantaa DilbataaEbla 19, 2026Yoh 17:1 Dubbii kana erga dubbatee booddee, Yesus gara waaqaatti ol ilaalee, “Yaa abbaa, y...
19/04/2026

Sagantaa Dilbataa
Ebla 19, 2026

Yoh 17:
1 Dubbii kana erga dubbatee booddee, Yesus gara waaqaatti ol ilaalee, “Yaa abbaa, yerichi ga'eera, ilmi kee ulfina akka siif kennuuf, ilma kee gara ulfinaatti ol fudhadhu *. 2 Akkuma ati foon-qabeessa hundumaa irratti aboo isaaf kennite, inni immoo warra ati isaaf kennite hundumaaf jireenya bara baraa haa kennuuf *. 3 Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti *. 4 Ani lafa irratti ulfina siif kenneera, hojii akka ani hojjedhuuf ati anaaf laattes raawwadheera *. 5 Ammas yaa abbaa, ulfina isa utuu biyyi lafaa hin uumamin ani si biratti qaba tureen, ofii kee biratti ulfina anaaf kenni *
6 “Biyya lafaa keessaa warra ati anaaf laattetti maqaa kee beeksiseera. Isaan kan kee turan, ati immoo anaaf isaan laatte; isaanis dubbii kee eeganiiru *. 7 Ammas wanti ati anaaf kennite hundinuu si biraa ta'uu isaa hubataniiru.

Sagantaa DilbataaEntoto Mekane Yesus Afan Oromo Congregation Room 8: 1 Egaa amma firdiin, warra Kristos Yesusitti qabama...
05/04/2026

Sagantaa Dilbataa
Entoto Mekane Yesus Afan Oromo Congregation

Room 8: 1 Egaa amma firdiin, warra Kristos Yesusitti qabamanii jiraatanitti faradamu tokko illee hin jiru*. 2 Seerri hafuuraa inni karaa Kristos Yesus nama jiraachisu, seera cubbuu isa du'atti nama geessu jalaa si baaseera*.

Sagantaa DilbataaEntoto Mekane Yesus Afan Oromo Congregation Yoh 3: 3 Yesus, “Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee ...
29/03/2026

Sagantaa Dilbataa
Entoto Mekane Yesus Afan Oromo Congregation

Yoh 3: 3 Yesus, “Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee olii yoo dhalachuu dhaabaate, mootummaa Waaqayyoo arguu iyyuu hin danda'u” jedhee deebiseef*.

Address

Shiromeda, Next To American Embassy, Opposite To Taxi Station
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Entoto Mekane Yesus Afan Oromo Congregation posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share