03/03/2026
Beellama qabna;kanaaf ariifanna!.
We have an appointment so we hurry!
"Ani kophaatti isin hin dhiisu, gara keessan nan dhufa. "
Yohannis 14:18
Hafuurrii qulqulluun erga hoE boq 2 irratti duuka buutota irratti dhangala'eetii hamma nuti gooftaatti amannutti,erga amannees nu keessatti hojii ulfinaa fi mul'ina Mootummaa Waaqayyoo calaqqisiisaa jira. Akka nuti Amantii keenya hin caccabsineef, fayyina keenya akka mirkaneeffannuuf,jireenya bara baraaf qophii akka goonuuf yeroo hundumaa Sagalee Yesus Kristos keessaa fuudhee nu barsiisa. Waaqayyo guddaa karooraa fi ajandaa isaatii isa ilma isaa jaalatamaan nutti mul'ise guutummaatti akka hubannu,raawwannuu fi raawwachiifnuuf hojii Hafuura qulqulluutiin hafuura nu keessa kaa'e duukaa bu'ee ilaalaa jira. Kun hojii ajaahibsiisaa Waaqayyoo isa nama dadhabaa keessatti hojjetu nutti agarsiisuu Bira darbee Waaqayyo ajandaa isaatiif daanga'aa kan hin taanee fi hammam xiyyeeffataa akka ta'e kan ajaahibsiisudha.
Waaqayyo akka tasaa omaayyuu hin godhu!. Inni waan hamma hojjetu eenyummaa isaa isa dursee beekuutiin karaa Kristos of dura kaa'atee ture. Yeroo murametti immoo Waaqayyo nama ta'e Kristosiin dhugaa ulfina Kaayyoo isaa nutti argisiise. Nuti Sagalee Yesus isa waamichaa fi affeerraa Waaqayyo cubbamootaaf godhe dhugaa ba'u qabna. Akka dubbii fi barsiisa isaa kanatti "gooftichi isa ture,isa jiru isa jiraatu qofaa osoo hintaane isa deebi'ee dhufu akka ta'e mirkanaa'oo taana.
Sagaleen kun yeroo yaaddootti jabina,yeroo abdii kutannaatti dammaqinaa fi dhugaa lubbuu Kristiyaana dhugaati!...
Eeyyee! Nuti galma qabna.buddeena lafa irraa fi uffata jijjiirrannaa akkasumas mijaa'insa jireenya lafa irraaf gooftaa hin amanne waan ta'eef isaafis jennee isa duukaa deemaa hin jirru!..
Nutoo akka inni jirutti isa kan arguu feenuu fi faana isaa duukaa buunee bakka inni gahe geenyee arguudha...
Guyyaan Yesus Kristos gooftaan keenya biyya cubbamootaa dhufee dhimma cubbamootaatiif furii ta'e sun eebbifamaa Haa ta'u malee nuti baay’ina araara Waaqayyo keessatti gammadaa jirra..
Hamma kan hafe waan tokkicha. Inni abdii eebbifamaa,kan lubbuun qabamee dhaabatuu fi amantiin keenya ittiin dhaabatu nuuf laate. Inni biyya lafaa Kana keessaatti nu jajjabeesse,na dammaqsee,nu gorse hin deemne. Gooftichi nu beellamee deeme. Yaa guddaa beellama isaa!.... beellama guddicha.
Ilaa inni yemmuu deebi'u hammam akka inni beellama isaaf amanamaa ta'e waan beeknuuf hamma ariifannaa qophoofna,hojjenna,sochii uumna...
Eeyye! Beellama qabna kanaaf ariifanna!....
Kristos Yesusiif mootummaa isaatiif isinan jaaladha !!...
Guraandhala 23,2018