Ethiopian Islamic Affairs Supreme Council Afan Oromo Page

Ethiopian Islamic Affairs Supreme Council Afan Oromo  Page Working on Ethiopian Islamic Affairs Supreme Council

22/01/2026

Manni Maree Waligalaa Dhimma Islaamummaa Ityoophiyaa Ministeera Amantaa fi Awqaaf Mootummaa Mootii Morookoo waliin waliigaltee mallatteesse.

15/01/2026
Sheek Haaji Ibraahim Tufaa pirojektoota Yunivarsiitii Islaamaa Imaamu Ash-shaafi'ii ijaare eebbisan. •••••••••••••••••••...
09/01/2026

Sheek Haaji Ibraahim Tufaa pirojektoota Yunivarsiitii Islaamaa Imaamu Ash-shaafi'ii ijaare eebbisan.

••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Guraandhala 01/2018 AH | Rajab 20/1447 Hijira
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Adaama

Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa Doktar Kabajaa Sheek Haaji Ibraahim Tufaa pirojektoota Yuunivarsiitii Imaam Ashaafii magaalaa Adaamaa keessatti ijaaran eebbisan.

Yuunivarsiitiin Islaamaa guyyaa har’aa bakka Pireezidaantiin Mana Maree Ol’aanaa argamanitti Faakulttiiwwan Qur’aana, Teeknooloojii infoormeeshini , fi Barnoota Shari’aa eebbiseera.

Yuunivarsiitiin Islaamaa Imaam Ashfaaqii daree barnootaan alattis piroojektii barattoota dubartootaaf iddoo barumsaa fi dormii kennuuf qophaa’e eebbiseera.

Sirna eebba pirojektoota Yuunivarsiitii Islaamaa Birrii miiliyoona dhibba tokkoo ol baasan kanarratti Itti aanaan Pireezidaantii Mana Maree Waliigalaa Sheek Abdulkariim , Barreessaa Olaanaa Ustaaz Temkin Abdullaahii, Pireezidaantiin Majlisa Oromiyaa, Sheek Galii Mukhtar, fi qondaaltonni biroo argamaniiru.

•••••••••••••••

Follow Damee Hariiroo Hawaasaa fi Miidiyaa Yaa'ii Marii Siyaasaa Ummata Itoophiyaa | Nu hordofaa.
Facebook | Mana Marii Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Itoophiyaa
Telegiraamii | t.me/eiasc1
Twitter | https://x.com/eiasc1 irratti kan argamu

Jilli Mana Maree Ol’aanaa Sheek Haaji Ibraahim Tufaa fi Sheek Abdulkariim Sheek Badraddiin durfamu daawwannaa hojiif Sam...
31/12/2025

Jilli Mana Maree Ol’aanaa Sheek Haaji Ibraahim Tufaa fi Sheek Abdulkariim Sheek Badraddiin durfamu daawwannaa hojiif Samarraa galeera.
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Muddee 22, 2018 Rajab 11/1447 ALH

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Samara|

Jilli Pireezidaantii Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Doktar Kabajaa Sheek Hajii Ibraahim Tufaa fi Itti Aanaa Pireezidaantii Sheek Abdulkariim Sheek Badraddin durfamu daawwannaa hojiitiif Samaraa seene.

Jilli kun magaalaa Semeraa yommuu ga’u Pireezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Affaar Obbo Umar Nuur Arbaa, Pireezidaantii Mana Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamaa Naannichaa Sheek Muhaammad Awal Hayat, fi qondaaltonni olaanoo mootummaa fi Majlisa naannichaa biroon simannaa taasisaniiru.

Sirna simannaa kanarratti barattoonni Qur’aana haffazuu giddugala Furqaan irraa dhufan, abbootiin amantaa, fi jaarsoliin argamuun ergaa simannaa dabarsaniiru.

Jilli kun guyyaa har’aa dabalatee daawwannaa hojii guyyoota sadiif naannoo Affaaritti kan taasisu yoo ta’u, turtii isaa keessatti qaamota dhimmi ilaallatu waliin marii, madrasaalee adda addaa, raawwii hojii majlisa naannichaa, akkasumas sochiiwwan misoomaa magaalichaa ni ilaalu jedhamee eegama.
•••••••••••••••

Follow Damee Hariiroo Hawaasaa fi Miidiyaa Yaa'ii Marii Siyaasaa Ummata Itoophiyaa | Nu hordofaa.
Facebook | Mana Marii Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Itoophiyaa
Telegiraamii | t.me/eiasc1
Twitter | https://x.com/eiasc1 irratti kan argamu

Galmeen Hajjii baranaa hanga cufamutti guyyoota 30 qofatu hafe.
27/12/2025

Galmeen Hajjii baranaa hanga cufamutti guyyoota 30 qofatu hafe.

Pirezidaantiin Mana Maree Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa fi jilli isaanii Imaamota, Sheekota, fi jaarsolii b...
21/12/2025

Pirezidaantiin Mana Maree Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa fi jilli isaanii Imaamota, Sheekota, fi jaarsolii biyyaa magaalaa Harar waliin mari'atan.
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Muddee 12 , 2018 Jamaadul Aal Saani 30 , 1447 A.H

سْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلَرَّحِيمِ ‏‎‏
Addis Ababaa

Daawwii hojiif har’a jila hoggantoota mana marechaa duursanii gara Harar kan imalan Pireezidaantiin Mana Maree Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Dr Kabajaa Sheyik Hajjii Ibraahim Tufaa, turtii isaanii Harar keessaatiin imaamota, mashaa'ikkaniifi jaarsolii biyyaa waliin haala sochii Islaamaa magaalattii keessatti ta'u irratti marii taasisaniiru.

Marii isaanii kanaanis gabaasa raawwii hojii guyyoota 100 Mana Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Naannichaa gamaaggamuun karoorri hojii guyyoota 100 itti aanan akka qophaa'uu kallattii hojii kaa’aniiru.

Jili Mana Marechaa Doktara kabajaa Sheyik Hajjii Ibraahiimiin duurfamu salaata Zuhrii Masjiida Imaam Ahmaditti erga salaatanii booda, pirojektii babal’ina masjiidichaafi koridoorii dabalatee pirojektoota misoomaa magaalattii keessatti raawwatamaa jiran hoggantoota magaalichaatii waliin erga daawwatanii booda ergama isaanii xumuranii gara magaalaa Dirre Dhawaatti deebi'aniiru.

•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Follow Damee Hariiroo Hawaasaa fi Miidiyaa Yaa'ii Marii Siyaasaa Ummata Itoophiyaa | Nu hordofaa.
Facebook | Mana Marii Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Itoophiyaa
Telegiraamii | t.me/eiasc1
Twitter | https://x.com/eiasc1 irratti kan argamu

Sheek Haaji Ibraahim Tufaa daawwannaa hojiitiif Harar galan.••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••...
21/12/2025

Sheek Haaji Ibraahim Tufaa daawwannaa hojiitiif Harar galan.

••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Muddee 12 , 2018 Jamaadul Aal Saani 30 , 1447 A.H

سْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلَرَّحِيمِ ‏‎‏
Addis Ababaa

Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Doktara Kabajaa Sheek Haaji Ibraahim Tufaa daawwannaa hojiitiif Harar galaniiru.

Pireezidaantichi Magaalaa Harar yommuu gahan Pireezidaantii Naannoo Harar, Kabajamoo Ordiin Badri, Pireezidaantii Mana Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamaa Naannoo Hararii, Sheek Abdusalaam Jibriil, fi qondaaltonni isaanii simataniiru.

Sheek Haaji Ibraahim Tufaa turtii isaanii Harar keessatti sochiiwwan islaamumma fi misooma naannichaa daawwachuun qaamolee dhimmi ilaallatu waliin marii ni taasisu jedhamee eegama.

••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Follow Damee Hariiroo Hawaasaa fi Miidiyaa Yaa'ii Marii Siyaasaa Ummata Itoophiyaa | Nu hordofaa.
Facebook | Mana Marii Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Itoophiyaa
Telegiraamii | t.me/eiasc1
Twitter | https://x.com/eiasc1 irratti kan argamu

Madrasaan Dire Dawaa keessatti argaman fakkeenya barnoota idilee fi amantiiti:  Pireezidaantiin Doktar Kabajaa Sheek Haj...
20/12/2025

Madrasaan Dire Dawaa keessatti argaman fakkeenya barnoota idilee fi amantiiti: Pireezidaantiin Doktar Kabajaa Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Muddee 11 , 2018 Jamaadul Aal Saani 29, 1447 A.H

سْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلَرَّحِيمِ ‏‎‏
Addis Ababaa

Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Itiyoophiyaa daawwannaa hojii Dire Dawaa taasisaa kan jiran Pirojektoota misoomaa fi manneen barnootaa adda addaa jila isaanii waliin daawwataniiru.

Mana Barumsaa Alfalaa dabalatee, Qur’aana Hifz dabalatee madrasaalee barnoota Islaamaa kennan shan kan kutaa 1 hanga 12tti barattoota 1,500 ol qabu daawwachuun barattoota, barsiisota, fi bulchiinsa waliin mari’ataniiru.

Madrasoonni magaalicha keessa jiran kunneen barnoota idilee fi amantaa kennuu keessatti fakkeenyummaa kan qaban ta’uu Pireezidaantiin Doktar Kabajaa Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa ibsaniiru.

Manneen barnootaa kunneen barnoota idileetiin ga’umsa baay’ee gaarii kan agarsiisan yoo ta’u, barnoota amantaa kennaniin firii eegdota amantii dhaloota egeree oomishaa jiru. Pireezidaantichi ergaa Manni Maree Olaanaa isin waliin jira jedhu dabarsaniiru. Biyyaaf fakkeenya ta’uu fi babal’isuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Hojii Mana Maree Ol’aanaa Dhimma Islaamummaa Dirredawaa kan ijaarsa waajjira mataa isaa ijaaraa jiru jiru kan daawwatan Pireezidaantichi hoggansa olaanoo isaa waliin marii gadi fageenyaa taasisaniiru.

Pireezidaantichi sochii kawunsilii Dargaggoota Musliimaa Dirre dawaas daawwatanii hoggantoota waliin marii taasisaniiru.

Adeemsi dargaggoonni amantii fi beekumsaan barsiisuun ummataaf gumaacha olaanaa akka gumaachan gaarii ta’us, hojiin hedduun hafeera jedhan. Manni Maree Olaanaa adeemsa keessa deeggarsa isaa cimsee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Hoggansa Kabajamoo Kantiibaatiin misooma koridoo magaalichaa kan daawwatan Pireezidaantichi, misoomni kun magaalattii jijjiiraa jiraachuu fi hojiin kun dinqisiisaa ta’uu ibsaniiru.

Address

Torhaylochi
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ethiopian Islamic Affairs Supreme Council Afan Oromo Page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share