Sumeya Bint Islam سُمَيَّة بِنْت إِسْلَام

Sumeya Bint Islam سُمَيَّة بِنْت إِسْلَام Share Muslim message

02/09/2026

🤍 RABBII KEE WALIIN HARIIROO GAARII QABAACHUUF GORSA 5 🌿kana mee ilaali.✍️ 1️⃣ Salaata kee eegi. 🕌Salaanni hariiroo kee ...
01/09/2026

🤍 RABBII KEE WALIIN HARIIROO GAARII QABAACHUUF GORSA 5 🌿kana mee ilaali.✍️

1️⃣ Salaata kee eegi. 🕌
Salaanni hariiroo kee Rabbii kee waliin cimsuuf karaa guddaadha. Yeroo isaa eegii, qalbii kee keessatti Rabbiin yaadadhu.

2️⃣ Qur’aana dubbisi. 📖🤍
Guyyaa hunda yoo xiqqaate aayata muraasa dubbisi. Baay’ina qofa osoo hin taane, hiika isaa hubachuuf yaali.

3️⃣ Du’aa’ii baay’isi. 🤲🏽
yeroo Rakkoo qofa Rabbii kadhattu hin ta’in. Yeroo gammachuu, dhiphachuu fi yeroo waan hundumaa keessa jirtu hundatti Rabbiin waliin dubbadhu.

4️⃣ Cubbuu irraa fagaachuuf tattaafi. 🌱
Namni hundi dogoggora. Garuu yeroo dogoggortu abdii hin kutatin; tawbaa godhiitii gara Rabbii deebi’i. Rabbiin araarama jaallata.

5️⃣ Rabbii irratti hirkadhu; garuu sababaa godhi. 🕊️
Waan dandeessu hojjedhu, achiis bu’aa isaa Rabbitti dhiisi. Wanti ati barbaadde yeroo ati yaaddeti hin dhufne jechuun Rabbiin si dhiise jechuu miti.

✨ Yaadadhu:
Hariiroon Rabbii waliin qabdu guyyaa tokko keessatti hin ijaaramu. Guyyaa guyyaan salaata, du’aa’ii, Qur’aana, tawbaa fi hojii gaarii xiqqoo xiqqoodhaan qalbiin kee Rabbii biratti dhiyaatti. 🤍

“Yaa Rabbi, qalbii keenya Si waliin walitti hidhi; Si yaadachuu, Si galateeffachuu fi sirriitti Si gabbaruu nuuf tolchi.”nuuf Laaffisii 🤲🏽🤍
Muslim

Wallaahi Rabbiif jechan siJaalladhaa ❣️ Rabbiin koo naaolitti si haa jaallatu ❤️ Atumti na laalaa jirtu kun 🫵Halkan gaar...
01/09/2026

Wallaahi Rabbiif jechan si
Jaalladhaa ❣️ Rabbiin koo naa
olitti si haa jaallatu ❤️
Atumti na laalaa jirtu kun 🫵

Halkan gaarii isiniif haa ta'u 🌹

Namni Osoo Kofluu Dilii Dalage, Osoo Booyuu Rabbiin Ibidda Jahannam Isa Naqa, Namni Osoo Booyuu Qaalii Rabbii Godhe, Oso...
17/08/2026

Namni Osoo Kofluu Dilii Dalage, Osoo Booyuu Rabbiin Ibidda Jahannam Isa Naqa, Namni Osoo Booyuu Qaalii Rabbii Godhe, Osoo Inni Kofluu Rabbiin Jannata Isa Naqa.

Fedhii Lubbuu Jala Deemuun Mootoota Gurguddaa Xiqqeessitee Gabra Goote. Obsi (Sabriin) Ammoo Gabra Mootii Gooti. Qissaa Nabi Yuusuf fi Zuleekhaa Laali Fakkeenya Bareedaadha.

Namni Sinqiin Maletti Qabrii Seene Akka Nama Dooniin Maletti Bahara Yaabbateeti. Abu Huzeyiifa

15/08/2026
15/08/2026

15/08/2026


Yaa shamarran keenyaa 🧕Rabbiin Abbaa manaa gaarii👨‍❤️‍💋‍👨 Kan nun aarsinee kan nun xaarsinee Kan nun daarsine nuuf haa k...
11/08/2026

Yaa shamarran keenyaa 🧕
Rabbiin Abbaa manaa gaarii👨‍❤️‍💋‍👨
Kan nun aarsinee
kan nun xaarsinee
Kan nun daarsine nuuf haa kennuu Rabbiin 🤲🤲

Address

Addis Abeba
Addis Ababa
2000

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sumeya Bint Islam سُمَيَّة بِنْت إِسْلَام posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Place Of Worship

Send a message to Sumeya Bint Islam سُمَيَّة بِنْت إِسْلَام:

Shortcuts

Share