H/W Samu'el Dabali Dayoo

H/W Samu'el Dabali Dayoo wangeela warra hin dhageenyeef akka dhagahaan ni barsiisna

07/07/2025

Yommus gurbichi yaada isaa naanneefatee, ‘Hojjetoonni guyyaa abbaa kootiif hojjetanii buddeenni isaan irraa hafu nama meeqa? Ani garuu asitti beelaanan badduu ba'a. 18 Ka'ee gara abbaa koo dhaqeetan, “Yaa abbaa ko, Waaqayyoon, sis yakkeera; 19 si'achis ilma kee jedhamuun anaaf hin ta'u, hojjetoota kee keessaa akka isa tokkoo na godhadhu”’ jedhaan. 20 Ka'ees gara abbaa isaa dhaquudhaaf karaa irra bu'e; amma illees fagoodhaa utuu inni dhufuutti jiruu, abbaan isaa fuulleetti isa argee garaan isaa mooga'e; itti fiigees ilma isaatti marmee dhungates. 21 Ilmi isaa garuu, ‘Yaa abbaa ko, ani Waaqayyoon, sis yakkeera, si'achis ilma kee jedhamuun anaaf hin ta'u’ jedheen. 22 Abbaan isaa garuu ergamtuu isaatiin, ‘Dafaatii uffata isa keessaa caalu fidaatii itti uffisaa, amartii warqees quba isaatti kaa'aa, kophees miilla isaatti kaa'aa. 23 Tuntunicha isa coomaa sana fidaatii qalaa, in nyaanna in gammannas. 24 Ilmi koo kun du'eedhuma ture deebi'ee jiraate, badee ture in argames’ jedhe; hundumtinuus itti gammadan.

07/07/2025

Egaa akka nama sabbataan hidhatuutti dhugaadhaan mudhii keessan jabeeffadhaa, qajeelummaas akka maddaa sibiilaatti uffadhaatii dhaabadhaa! Akka nama kophee kaa'ateettis wangeela nagaa fudhattanii, isa lallabuudhaaf qophaa'aa! Kana hundumaa irrattis amantii akka gaachanaatti fudhadhaa! Isaan xiyya isa hamaa sanaa, warra boba'aa adeeman dhaamsuu in dandeessu. Fayyina akka gonfoo-sibiilaatti, sagalee Waaqayyoos akka billaatti, Hafuura Qulqulluu biraa fudhadhaa!
EfS 6:14-17

06/07/2025

Isin akka hin gufannetti Waaqayyo isin eeguu, mudaa malee gammachuudhaan ulfina isaa dura isin dhaabachiisuu in danda'a.
Yihudaa 1:24

05/07/2025

Kana booddee namichii fi haati manaa isaa yeroo qilleensi qabbanaa'aan qilleensa'utti Waaqayyo gooftaan iddoo dhaabaa sana keessa utuu adeemuu sagalee dhaga'an; isaan Waaqayyo gooftaa duraa mukkeetii iddoo dhaabaa sanaa gidduu in dhokatan. 9 Waaqayyo gooftaan garuu namic.ha waamee, “Eessa jirta?” jedheen. seera .UUmama.3.8.

05/07/2025

Kanaafis namni kan Kristos yoo ta'e, uumama haaraa dha; inni moofaan darbe, kunoo, inni haaraan dhufeera. 18 Kun hundumtuu Waaqayyo isa karaa Kristos ofitti nu araarse biraa ta'e; inni hojii araarsuu isaa kanas namootatti akka dabarsinuuf nuuf kenne. 19 Kunis, Waaqayyo irra-daddarbaa namootaa itti lakkaa'uu dhiisee, karaa Kristos biyya lafaa ofitti araarse jechuu dha; ergaa araara isaa kana immoo hadaraa nutti kenne. 20 Egaa nuyi afaan Kristos taanee ergamneerra; Waaqayyos karaa keenya isin in dhageessifata; “Waaqayyotti araaramaa!” jennee qooda Kristos taanee isin in kadhanna. 21 Isa cubbuu tokko illee hin qabne, nuyi karaa isaa qajeelina Waaqayyoo akka argannutti, nuuf jedhee cubbamaa1 isa godheera.2Qor.5:1_21

07/05/2025

Waaqayyoof jiraachuudhaafan karaa seeraa, seera jalaa du'e; ani Kristosii wajjin fannifameera*.



20 Egaa si'achi Kristos isa ana keessaatu jiraata malee, anatu jiraata miti; jireenya ani amma fooniin jiraadhu immoo, ilma Waaqayyoo isa na jaallate, ofii isaas dabarsee isa anaaf kennetti amanuudhaan nan jiraadha*.



21

19/04/2025

Philaaxos ayyaana Faasiikaatti warra hidhaman keessaa nama isaan, “Nuuf gad dhiisi” jedhan tokko in gad dhiisa ture.



7 Warra goolii kaasanii nama ajjeesanii hidhaman keessaa immoo tokko Barabbaa kan jedhamu ture.



8 Yommus namoonni gara mana mootummaatti ol ba'anii, waan dur gochaafii ture akka isaaniif raawwatuuf Philaaxosin kadhachuutti ka'an.



9 Philaaxos immoo deebisee, “Mootii Yihudootaa akkan gad isiniif dhiisu barbaadduu?” isaaniin jedhe.



10 Innoo luboonni warri angafoonni hinaaffaadhaaf dabarsanii akka isa kennan hubatee ture.



11 Luboonni warri angafoonni garuu, isaa mannaa Barabbaa gad nuuf dhiisi, akka jedhaniif namoota itti tuqan*.



12 Ammas Philaaxos, “Egaa namicha isa isin mootii Yihudootaa jettanii waamtanoo maal godhu ree?” jedhee isaaniif deebise.



13 Isaanis, “Isa fannisi!” jedhanii iyyan.



14 Philaaxos immoo, “Maaliif? Maal balleesse?” isaaniin jedhe; isaan garuu, “Isa fannisi!” jedhanii ittuma caalchisanii iyyan*.



15 Philaaxos yommus namoota gammachiisuu barbaadee, Barabbaa gad isaaniif dhiise; Yesusin immoo reebsisee akka inni fannifamuuf dabarsee kenne*.Mar 15 .6 .15

19/04/2025

Akkuma lafti bari'een luboonni warri angafoonni, maanguddoonnii fi barsiisonni seeraa guutummaan yaa'ii warra Yihudootaa hundinuus Yesus irratti mari'atan; kana booddee isa hidhanii, geessanii, Philaaxositti dabarsanii kennan*.



2 Philaaxos, “Sii mootiin Yihudootaa?” jedhee isa gaafate; inni immoo, “Situ akkas jedhe” jedhe deebiseef.



3 Luboonni warri angafoonni waan baay'eedhaan isa hadheessan.



4 Philaaxos ammas, “Kunoo, waan baay'eedhaan si hadheessu'o waan deebiftu hin qabduu ree?” jedhee, Yesusin gaafate.



5 Yesus garuu ergasii deebii tokko illee hin deebifneef; kun immoo Philaaxosin in dinqifachiise

18/04/2025

garuu akka warri wangeela Kristos fudhatan jiraachuun ta'utti jiraadhaa malee, kan biraa isin hin dhibin! Hafuura tokkoon iddoo keessanii utuu hin socho'in dhaabattanii, yaada tokkoon amantii karaa wangeelaa argameef akka wal dorgomtan nan barbaada; ani yoon dhufe akkasitti isin arguu, yoon dhufuu dhabaadhes akkasitti jiraachuu keessan dhaga'uu nan fedha*.



28 Isin waanuma tokkoon illee warra isinitti ka'an sodaattanii hin raafaminaa! Jabaattanii dhaabachuun keessan Waaqayyo biraa isiniif kenname; kunis warri isinitti ka'an baduu isaanii, isin immoo fayyuu keessan in argisiisa*.



29 Kristositti amanuu keessan duwwaa utuu hin ta'in, isaaf dhiphachuu danda'uunis immoo isiniif kennameera*.



30 Kanatti dhama'uu koo akkuma kanaan dura ana irraa argitan, ammas waa'ee kootiif dhaga'aa jirtan, isinis itti dhama'uu in dandeessu*

17/04/2025

Waa'ee fannifamuu Kristos dubbachuun warra karaa badiisaa irra jiraniif gowwummaa dha; nuyi warra karaa fayyinaa irra jirruuf garuu, inni humna Waaqayyoo ti*. Caaffanni qulqullaa'aan, “Ogummaa warra ogeessotaa nan balleessa, hubannaa warra hubattootaas lafatti nan dabala” in jedha*. Biyyi lafaa ogummaa ofii isaatiin Waaqayyoon isa ogummaadhaan guute beekuu dadhabnaan, gowwummaa barsiisa isa nuyi lallabnuutiin warra amanan fayyisuun Waaqayyotti tole*. Nuyi garuu, Kristos isa fannifame in lallabna; kun immoo warra Yihudootaatti gufuu dha, warra Yihudoota hin ta'initti immoo gowwummaa dha*. Warra Waaqayyo waameef garuu Yihudootaa fi taanaan Griikotaafis taanaan, Kristos humna Waaqayyoo ti, ogummaa Waaqayyoo tis*. Wanti gowwummaa Waaqayyoo fakkaatu ogummaa namaa irra in caala, wanti dadhabbii Waaqayyoo fakkaatus jabina namaa irra in caala*
1ffaa.Qorontos 1:18-, 25

Address

Addis Ababa, Ethiopoa
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when H/W Samu'el Dabali Dayoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share