05/05/2025
Maqaa Abbaa Maqaa Ilmaa Maqaa Afuura qulqulluu Waaqa tokko Amen!!!
“QULQULLUU MIKAA’EELIIN SAQALAA NU WAAMA”
Akkam jirtuu miseensoota akkaa Daawwiit otoo hin taane akka Solomon mana Waaqayyoo akka ijaartan kan isiiniif eeyyamame, manni kiristaanaa amma akka kan nurraa eegamu/kan nu eegu amantaa biraa fi namoota amantii hin qabneen marsamtee kan jirtu, uummatni naannoo sana jiru iikoonoomiinis ta’e beekumsi aamantii isaan qaban gamoo mana kiristaanaa kana hojjeetanii xumuru jedhamee kan hin yaadamne dha.
Saqalaa Qulqulluu Mikaa’eeliin, mani kiristaanaa duraanii akka argaa jirtan yeroo baay’ee kan turee ta’uu isaan walqabatee yeroo itti hirkatan kan socho’uu, xaaraan isaas kan dhim’isu fi bara kanaaf illee kan hin taane waan ta’eef akka Nahamiyaan “Waaqni samii irraa nuuf xumuraatii nuti kaane nii hojjennaa” jedhetti uummatni naannoo sanaa Madaanaalamii andatanii diiganiiru.
Abbooliin Qulqulluu Saqalaa Miikaa’eelii deeggarsa eerga gaafatanii ji’oottan muraasa kan darbe ta’uus rakkoon tokko tokko waan turaniif hanga sirraa’uutti kan eegaa turree fi adeemsa sirreessuu irrattis waldaan keenya hirmaachaa kan turee ta’ee amma rakkoon isaa sirraa’aa jira. Kanaafuu sochiin jalqbqmee jira. Pilaanii qabu, gamoos jalqabanii jiru, miini haanga TOP BIIMIItii barbaachisus barameera, feerroon gamichaaf barbaachisus guutuun isaa nama tokkoon akka bitamus waadaan galameeraafi.
Warreen biroo akka;
***Simiintoo Kuntaala 260
***Ashawaa Baajoo 4
***Korota Baajoo 4
***Bilookeettii 4000
***Ogeessaaf 170,000 kan barbaachisu ta’uu isaa xalayaadhaan nuu ibsaniiru.
Nutoo maal gochuu dandeenya? Qulqulluun Miikaa’eel waldaa fi miseensicha akka eebbisaa jiru hundi keenya ilaalaa jirra. Qalbeeffadhaa, kuni Daawwit abbaa keenyaaf illee kan hin eeyyamamnetu nuti akka hojjennu kan gaafatamaa jirru.
Egaa gaabbiidhaan haa kaanu!!! Naannoo keenyi tajaajilaan 45ffaa ta’uu isaa eenyutu beekaa laata? Isayyuu 45 keessaadhammooti. Kuni bara keenyatti ta’uusaa yeroo yaadnu nama hin ciquu?
Horro bulluq keessaa immoo tajaajilli mana amantaa kan geggeeffamu Qulqulluu Mikaa’eelii Saqalaa fi qulqulleettii Maariyaamii Fooqaa duwwaa dha, kunis nama aarsa mitiiree?
Jedhaa amma akkuma Qulqulluu Mikaa’eelii manbariif birmanneetti Qulqulluu Mikaa’eelii Saqalaafiis haa kaanu, namaafis sharii gochuu irraa of hin qusatiinaa, yeroo namaan bira geenyu namni eebba waan argatuuf ni birmata kan nurraa eegmu odeeffannoo isaanii bira geesissuu duwwaa dha. Kanaafuu haafe hojii Mikaa’eelii ti.
“EBBIFAMAATII NAMA EEBBISIISAA”