19/05/2025
Haala yeroo irratti ibsa Waldaa Duuka Bu’ootaa irraa kenname
“Egaa yaa obboloota; barumsa isin barattan kan morman, namoota garaa garummaa fi gufuu uuman akka ilaaltan isin nan kadha, isaan irraayis fagaadhaa” Rom. 16:17
Akkaataa seerri mana kiristaanaa keenya haqi afuuraa ajajuun abbootni mana kiristaanaa keenya waggaatti al lama walitti qabamuudhaan yaa’ii qulqulluu Sinodoosii ni adeemsisu. Yaa’ii waggaatti al lama taasifamu kana irratti murteewwan mana kiristanaaa keenya fayyadan murteeffamaa turanii darbanii jiru, gara fuula durattis kan itti fufu ta’u. Murteewwan kunis murteewwan doogmaa, qannoonaa, dhimma kiristaanaa, biyyaa,muudama abbootaa, bulchiinsaa, ramaddii fi kkf irratti kan xiyyeeffatu ta’uu danda’u. Ajandaawwan hedduun yaa’ii qulqulluu sinodoosii irratti dhiyaatan kan idilee ta’anis ajandaawwan al-idilee ta’an kan waggoota muraasa ykn dheeraa booddee naanna’anii dhufan keessatti ni hammatamu. Ajandaalee akkasii keessaa jajjaboon akka fakkeenyaatti muudama paatriyaarikii, ramaddii hojii gaggeessaa mana lubummaa waliigalaa, ramaddii barreessaa qulqulluu sinodoosii kaasuun ni dada’ama.
Akka carraa ta’ee yaa’ii qulqulluu Sinodoosii Caamsaa bara 2017 kana gaggeeffamaa jirutti ajandaan dhimma hoji gaggeessaa mana lubummaa waliigalaa fi barreessaa qulqulluu Sinodoosii keessatti hammatamaniiru. Kanaafis murteen marii kanaa si’aayinaan akka eegamu taasiseera.
Akkuma beekamu manni kiristaanaa keenya waggoota muraasa darban keessatti rakkinoota hedduuf kan saaxilamtee fi keessumattuu waggoota dhiyoo darban keessatti ajandaaleen ijoon xiyyeeffannoo addunyaa harkisan mana kiristaanaa keenya keessatti raawwatamaniiru. Ajandaaleen kun ajandaarra darbanii rakkina ta’uu kan danda’aniif gaaffiwwan ka’aa turaniif fedha Waaqayyoo gaafachaa, furmaata waloo fi deebii ga’uumsa gaggeessummaa gahaa ta’een deebifamuu qabu kennuu dhabuu, haala yeroo hubachuu dhabuu, kaleessa irra qofa ijaajjuu, ga’uumsa bulchiinsaa akkasumas gaaffiwwan murteessoo akka tajaajila afaan dhalootan waliin gahuuf gaafataman hunda gara sanyummaatti fudhachuufaa akka turan kan amantoonni hedduun beekanidha. Qaawwiii gama kanaan uumame amma irra deebidhaan akka hin uumamneef, dhimmi kun dhimma murteessaa waan ta’eef, qulqulluu sinodoosiin filannoon marsaa kanaaf ta’an gahumsa fi fudhatama abboota hundaa kan gaafatu akkasumas ammoo abboota gahumsan rakkina mana kiristaanaa waqtaawaa ta’aniif murtoo olaanoo kennaan barbaaddachuun wanta filannoo hin qabne akka ta’e beekamaadha. Kanaaf abbootni hanga yoonaa ajandaalee marii guyyoota darbanii irratti mari’achaa, kan hafaniifis kadhannaa gochuudhan hanga ajandaa kana irra gahanitti abboota iddoo kanaaf ni malu jedhaman akka qalbiidhan barbaadaa jiran ni amanna.
Haa ta’u malee akkuma ajandaan qulqulluu sinodoosii bara kanaa kun barameen, keessumattuu abbootni hojii tajajaila afaan dhalootaan walin gahuu irratti hojii fakkeenyummaa qaban hojjetan gara fuuladuraatti dhufuudhan carraa duuka bu’ummaa itti gaafatamummaa olaanaa gaafatu kana akka hin arganne duulli jibbiinsaa olaanaan bifa qindaa’een miidiyaa sabaa himaalee irratti qaamota dhimma kanaaf of ijaaraniin banamee keessumattu abboota hawaasa Oromoo keessaa argaman irratti jibbiinsi fi tuffiin gaggeeffamaa jiru olaanaa akka ta’e hubachuu dandeenyeerra. Kanaafis ragaan abboota itti gaafatamummaa akkasiif kadhimamuu danda’u ykn ammoo filannoo abboota hedduu ta’uu ni danda’u, itti gaafatamummaa kana galmaan gahuu ni danda’u jedhamanii yaadaman dursanii maqaa isaanii balleessun qabatamaan mul’achaa waan jirudha. Abboota tajajaajilli afaan dhalootaan akka wal gahuuf hawaasa keessatti sochii taasisaa turan akka hin filatamneef ijaarsa olaanaa kiristaanaa irraa hin eegamnee fi filannoo biyya lafaa fakkaatun, miseensota sinodoosii irratti dhiibbaa uumuuf duula taasifama jiru yoo agarru, baay’ee un gaddisiisuu irra darbee dhimma kana irratti ibsa fi yaada keenya akka kenninu nu dirqisiiseera. Caalatti ammoo hojiin akkasii namoota siyaasaa amantii golga taasifatanii fi miidiyaa sabaa-himaalee jibba sabaa fi sablammootaa walqixxummaa afaanii hin feeneen akka gaggeeffamu yoo agarru akka baay’ee hojii isaanitti gaddinuu fi dura dhaabachuuf of qopheessinu un taasiseera.
Waggoota darban muraasa keessatti keessumattuu rakkinoota mana kiristaanaa Oromiyaa keessa jiru akka hirdhatu gochuu ni danda’a jedhamee yaadamee hojitti galamee tajaajila afaan Oromoo mana kiristaanaa cimsuu hedduun raawwatamee, muraasni immoo haala walii galteen osoo hojiirra hin ooliin rarra’anii itti fufannis, carraaqqiin abbootni keenya osoo of hin qusatin aarsaa olaanaa kaffaluudhaan kutanno fi murtee fudhataniin, kana jechuunis sochiiwwan ijaarsa waldaalee afuurawaa, sochiiwwan mana lubummaa Oromiyaa fi gahee hundeeffama Sinodoosii Oromiyaa keessatti qaban eeruudhaan, akka cubbuu olaanaa dhiifama hin qabneetti kaasuudhaan maqaa abbootaa gurraachessaa ooluun hojii garee kanaa ta’eera.Kuni tokkummaa mana kiristanaaf summii waan ta’eef yeroon summii akkasii kun akka raawwatee tufamu taasifamu amma ta’uu qaba jennee amanna.
Abbootni keenya wanta amantootaafi mana kiristaanaaf ni fayyada jedhan irratti murtee mataa ofii fudhataniiru, waan biyyaaf ni mala jedhanis ammoo qaama mootummaa waliin ta’uudhaan, jaarsummaa araaraa qaama mootummaatiin dhiyaatefis kabaja kennuudhaan wanta rakkina mana kiristaanaa gara furmaatatti deebisu hojjecha turaniiru. Kanarra darbee hardhas ija shakkii fi tuffiitiin akka ilaalalaman gochuudhan filannoo kam keessayyuu seenuu akka hin qabne dursanii duulanii duulchisuu irratti qaamonni argaman akka jiran hubachiisuu fi qaamota akkasii sana tokkummaadhaan akka dhaabsifnu gahee keenya akka baanu waamicha obbolummaa amantootaaf dhiyeessina.
Egaa gama tokkoon, “mana kiristaanaa tokkittii, sinodoosii tokkoo fi paatiriyaarikii tokko” jechaa, gama birootin ammo abboota faayidaa fi fedha uummtaaf jedhanii gatii olaanaa kaffalanii ba’aa heddu baatanii gaggeessaa turanii fi jiran, akka alaagaatti mana kiristaanaa keessatti ilaaluun wangeela wallaaludha, hojii biyya lafaatisi. Sanarras darbee akkuma kaleessaf dheengaddaa caasaa mana kiristaanaa sabaa fi afaan tokkoon too’achuudhaan manni kiristaanaa kan hundaati, ykn hunda galeettidha yaada jedhu akka hin raawwatamne gochuu fi rakkinni ishee hundeerraa akka hin furamne kan barbaadan jiru.
Waldaan keenya mana kiristaanaa keessatti tajaajila afuurawaa afaan dhalootaan waliin gahuu yaada jedhuun kennamu irratti xiyyeeffachuudhan aarsaa olaanaadhaan hanga lubbuu miseensotaa gaaga’uu gahaa turee fi jiru keessatti gahee, kadhannaa fi qajeelchi hangafoota phaaphaasota amma irratti duulamaa jiruu kun olaanaadha. Hojii isaanii gaarii hojjetanis jalaa dhoksuu fi cilee dubuun adeemsa sanyummaa fi goolii mana kiristaanaa keessatti babaldhisuu ta’ee waan nutti mul’ateef qaamonni hojii akkasii irratti afaan mi’eeffatanii summii tufan akka irraa of qusatan maqaa Waaqayyoo fi waa’ee tokkummaa mana kiristanaaaf jedhee ni waamicha ni dhiyeessina.
Kana qofas osoo hin taane abbootni hawaasa Oromoo keessa argaman kamuus sababa irratti funaanudhaafii dubbii fi gocha isaanii malees yeroo dhaadheessanii mataa gadi qabachiisuuf yaalamu wanta guyyaa guyyaan arginu ta’aa dhufeera. Beekusma fi gahuumsa olaanan abboota afuura qulqulluudhan filamanis akka waan siyaasa mootummaan amma gaggeessaa jiruun filatamaniitti maqaa isaanii balleessudhaan barsiisota bebbeekkamoo jedhamanii beekaman dabalateen, duulli taasifamaa jiru, egeree mana kiristaanaa keenyaaf yaaddessaa waan ta’eef gamanumaa tokkummaadhan dura dhaabachuuf dirqamneerra, amantoonni hundumtii fi qaamni dhimmi ilaalatu kamuu akka waliin dhaabannus waamicha dhiyeessina. Qulqulluu sinodoosiin Afuura Qulqulluudhaan kan hoogganu malee duula miidiyaatin kan hoogganamus miti. Abboota hawaasa Oromoo keessa argamanis ta’ee abboota hawaasa gara garaa keessa argaman yeroo filatamanitti gahuumsa sanaan argamnaan fedha Waaqayyooti jedhanii fudhachuurra darbee dursanii seenaa abbootaa xureessu fi maqa balleessii hamaa( character assassination) irratti raawwachuun gara jabummaa fi hojii Waaqayyo hin jaalanneedha. Kanaaf gochi akkasii nagaa mana kiristanaaf jedhamee hafu akka qabu irra deeddeebiin waamicha dhiyeessina. Akkuma ergaa qulqulluu Phaawulos irratti ibsames,namoota akkasii adda baafachuudhan ilaaluu, hojii hamaa isaanii irrayis fagaachun barbaachisaadha. Kanarra darbee garuu hojiin hin malle qaamota kakaasuu fi hokkara uumuu barbaadaniif itti gaafatamummaa fi dirqama mana kiristaanaa irraa fudhanneen gahee keenya akka baanu ibsaa, yaa’iin qulqulluu sinodoosii baatii Caamsaa bara 2017 kun nagaa fi jaalalaan akka xumuramu, abbootni Afuura qulqulluun files gara hooggansaatti akka dhufan kadhannaadhan abboota keenya faana ni dhaabanna
Mana Kiristaana Ortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaatti
Waldaa Duuka Bu’ootaa
Caamsaa 11 bara 2017, Finfinnee