16/03/2021
Ija ykn yaada keessan rakkoo irraa kaasaati furmaata isaa irraa keewwadhaa furmaata isaa qofa xiinxalaa. Akka Sabaattis ta'e akka dhuunfaatti haala keessa jirtan keessa ba'uuf rakkoo sana yaaduu dhiistanii furmaata isaatti xiyyeefadhaa. Sababiin isaa sagaleen Waaqayyoo namni akkuma yaada isaatti yaade dha jedha, gaariis ta'e hamaa, hiyyummaas ta'e badhadhummaa waanuma ati yaaddu ykn immoo keessa kee dedebi'u ykn immo ati sodaattuuf yaaddoftuuf sanatu ta'a.
Inni gaddu dafee gadda isaa keessaa ba'u qaba, inni aaru dafee aarii isaa keessaa ba'uu qaba. Yeroo hundaa wanta yaada jirtu beeku qabda irratti dammaqaa waaltu yaada keessan irratti ulfaatee jira? Wantichi waan ta'uuf jedhu waan hin oolle dha.
Gootota Wareegamaniif boo'aa hin ooliinaa, miidha saba irra ga'e faarsaa hin ooliina, waan godhamuu qabu godhaa qaama himamutti himaa achi keessaa ba'aa. Furmaata isaa barbaada! Bara dhufee darbu hundaa boosanii saba hinboosisiina, maaltu furmaata? Kana godhuu qabna jechuun sabaaf kallattii kaa'anii irratti hojechuu dha. fkn sabi garbummaa jala jira taanan furmaanni isas bilisummaa dha kanaaf kan yaadamuu qabu xinxalamuu qabu bilisummaa dha malee hin boo'iina. Gaaffiin boo'ichaan deebi'u tokko ille hinjiru. WAAQAYYOO Musee dhaan maaliif boossaa? Maaltu si harka jira ittiin jedhe!
Yaada keessan nuuf qooda
Comment, share like godha itti ebbifamaa!