Miidiyaa Haadha ifaa

Miidiyaa Haadha ifaa 🌍haadha☸️ifaa🔆21✅️

Foon Qulqulluu Isxifaanos Waggoota Baay’een Booda Argame.💫💫💫💫💫💫💫💫💫💫💫💫💫💫💫💫💫Qulqulluun Isxifaanos akkuma wareegameen kiris...
26/10/2025

Foon Qulqulluu Isxifaanos Waggoota Baay’een Booda Argame.
💫💫💫💫💫💫💫💫💫💫💫💫💫💫💫💫💫
Qulqulluun Isxifaanos akkuma wareegameen kiristaanonni foonsaa fudhatanii awwaallatan.
Foonsa kanan raajiiwwan baay’een raawwachaa waan turaniif Yihudonni akkuma fannoo Gooftaa
keenyaa taasisan foonsa fageessanii awwaalun kosiin akka irratti gatamu taasisanii waggoota
dhibba sadiif haala kanaan ture. Turtii waggoota kana booda bara bilisummaa mana kiristaanaatti
garuu guyyaan isaa yeroo ga’u bakka awwaalamee ture baafamee kabajaan mana kiristaanaa
maqaa isaan ijaarame keessa kaa’ameera. Innis akkas ture.
Bara mooticha Qusxinxiniyoos manni kiristaanaa bilisummaa argattee manneen xaa’otii yeroo
cufaman ture. Guyyaa tokko Qulqulluun Isxifaanos naannoo Iyyerusaalem bakka foonsa jiru
jiraachaa kan ture namicha Luukiyanos jedhamutti mul’ataan argamee, “ani Isxifaanosidha, foon
koo bakka kanatti awwaalamee waan jiruuf akka baasaniif ajaji” jedhe.
Luukiyaanosis gara
Phaaphasii Iyyerusaalem deemee itti himun bakkicha yeroo qofforan raajii addaan sanduuqa
foonsa qabatee jiru argatan. sanduqa kana keessa foolii baay’ee namatti tolutuu ba’a ture.
Qulqulloonni ergamootni Waaqayyos bakka kanatti osoo farfaatanii sagaleen isaanii dhagahame.

Kana booda ephis qophoosonni fi luboonni mana kiristaanaa kabaja fi faarfannaan fuudhanii kaa’an.

Kana boodas akkas ta’e. Iyyerusaalem keessa jiraachaa kan ture dhalataa Qusxinxiniyaa kan ta’e Illeksenderiyoos kan jedhamu nama tokkotu ture.

innis qulqulluu Isxinfaanosiif mana kiristaanaa
ijaaree foonsa achi keessa kaa’an. Waggaa shanii booda Illekseenderiyosis du’ee haati manaa isaa foon Qulqulluu Isxifaanos cinaatti awwaalte.
Haati manaa isaa kun waggoota shanii booda garaQusxinxiniyaatti deebi’uf jettee foon abbaa manaashee fudhattee deemuf yeroo jettu fedha Waaqayyoon foon Qulqulluu Isxifaanos fudhattee hanga magaalaa Asqaalan jedhamtutti geessitee
doonin ce’uun Qusxinxiniyaa geesse.

Doonii irras osoo deemtuu sanduqa sana keessa faarsaa ergamootaa dhageesssee foon sun kan Qulqulluu Isxifaanos ta’uu beekte.
Gara Iyyerusaalemitti deebi’uus waan hin dandeenyeef waanti kunis Waaqayyon kan raawwatee ta’uu hubattee fudhattee
Qusxinxiniyaatti galte.

Achi yeroo geessus fedha Waaqayyoon foon Qulqulluu Isxifaanos fiddee akka dhufte phaaphaasii magaalichatti ergite. Luboonni fi kiristaanonni magaalichas faarfannaa fi
galatoon ba’ani simatan. Foon isaa irraas raajiiwwan baay’een osoo hojjetamuu argan. Kana booda foonsa gaariin harkisaa osoo deemanii bakka Qusxaanxinoos jedhamu yeroo ga’an gaangeen sun deemu dide.

Isaanis Waaqayyo foon Qulqulluu Isxifaanos bakka kana akka jiraatuf akka eyyeme
hubatan. Itti aansus gaangeen sun afaan baasee, “foon Qulqulluu Isxifaanos bakka kana jiraachisaa” jedhee dubbate.

Kanumaanis raajii Waaqayyo dinqisiifachuun isa galateeffatanii
mootiin magaalichaa bakka sanatti mana kiristaanaa ijaarsisee achi keessa jiraachisan.

Manni kiristaanaa keenya ayyaanota Qulqulluu Isxifaanos kanneen armaan gadii waggaan ni kabajji.

Amajji 1 guyyaa dhalannaa isaa fi dhagaan waraanamee wareegamuu isaa, onkoloolessa 17 guyyaa muudama isaa fi fulbaana 15 guyyaa itti foonsa waggoota 300f awaalamee ture itti argamedha.

Eebbi Hangafa Wareegamtootaa Qulqulluu Isxifaanos hunda keenyarra haa bulu.

Galanni Waaqayyoof haa ta'u Ameen!

26/10/2025

Dhaggeeffadhaa ittin fayyaa🥰

Jaalalli kiristoos kan galeefMaariyaam sii jaallata*2Haadha waaqa koo jedhee sii farfaattagalataa kee maariyaam ni jilbe...
26/10/2025

Jaalalli kiristoos kan galeef
Maariyaam sii jaallata*2
Haadha waaqa koo jedhee sii farfaatta
galataa kee maariyaam ni jilbeeffata
Ulfina keef maariyaam ni jilbeeffata
Ceesisa
Uumaadhaan gaditti uumamaa olitti
Kabajanii kee adda maariyaam qulqulleettii
Yaa bultoo waaqayyoo yaa ayyaana qabeettii
Kabajanii kee addaa uumamaa irratti]*2
Ceesisa
Akka gabri'eelii ulfinaa kee himna
Oolmaa kee maariyaam akkamiin daganna
Ijoollee tewahidoo nuutoo sii jaallanna
Kabaja kee durbee addunyaaf labsina]*2
Ceesisa
Kirubeel suraafeel caala itti toltee
Bultoosa akka taatuf gooftaan sii filate
Qulqulloonnii hunduu maqaa kee waammatu
Yaa Haadha amaanu'el jechuun sii farfaattu ]2
Ceesisa
Bokkaan dummeessa ala kiristoos sii malee
Dhaloonni haa barruu hin jiru tasaa illee
Dubbiin fayyina sittin rawwate
Addunyaan boqonnaa jireenya argatte]*2

👇 follow
╔═══════════╗

Haadha qaba kan haqxu imimmaan kooNan waammadha bahuu koof galuu koo=•Kidaanemihiret/3/ Iddoo boqonnaa koo     Hewaan na...
26/10/2025

Haadha qaba kan haqxu imimmaan koo
Nan waammadha bahuu koof galuu koo
=•Kidaanemihiret/3/ Iddoo boqonnaa koo

Hewaan naaf laatte ija balasichaa
Qullaa koo ta'een dhokadhee sodaachaa
Wayyaa naaf fidde garakoo dhuftetta
Yaa haadha koo na miidheksitetta
=•Kidaane-mihiret/3/ Iddoo boqonnaa koo

Qulleettii waan taateefi baraani
Na wajjini waadaan kee jiraani
Nan gammade gaddi koo waan darbeef
Haati koo waan na jajjabeessiteef
=•Kidaane-mihiret/3/ Iddoo boqonnaa koo

Siinan darbee bishaan badiinsarraa
Bidiruun koo boqonnaa du'arraa
Yaada Waaqa naaf taate ulfina koo
Lubbuun jira ce’ee boolla kan koo
=•Kidaane-mihiret/3/ Iddoo boqonnaa koo

Haadhummaa keen daawwatte lubbuu koo
Nan boqadhee himadhee cubbuu koo
Funcaan harka koorra cicciteera
Hadhawwankoo siin naaf miyaa'era
=•Kidaane-mihiret/3/ Iddoo boqonnaa koo
==•|•==
F/taa Dn Firii Waaqshumaa

👇👇follow

26/10/2025

Hin jiru akkakee🥰
16

26/10/2025

Kidaanemiret iddoo boqonnaakoo🥰

👏Faaruu waqtii Filsataa👇Yaa Dubroo x2 deessuu Waaqa Ilmaa/2/Boqonnaan kee Amajji hagayya awwaalchi keeKan kee kun addadh...
25/10/2025

👏Faaruu waqtii Filsataa👇

Yaa Dubroo x2 deessuu Waaqa Ilmaa/2/

Boqonnaan kee Amajji hagayya awwaalchi kee
Kan kee kun addadha du’aa ka’umsi kee
Foon kee akka uumamaa yoom argame lafatti Olbahe gara samii teessoo Kiristoositti

Foon kee yeroo olbaasan
Ergamoonni samii
Toomaas osoo deemuu daandii duumessaanii
Sabbata kee fuudhee mul’isuuf bartootatti

Du’aa ka’umsa kee arguudhaaf jedhanii
Isaaniif ibsite Bartootni soomnaanii
Awwaalamtee hin hafne lafa kanarratti
Samiitti ol baate akkuma Ilma isheettii

Arguuf yeroo hawwanii du’aa ka’umsa ishee
Kadhannaa baay'eetiin argan olbahuushee
Balbala cufannee nutis haa kadhannu
Deessuu Waaqayyoorraa eebba akka argannu

✍️ : Afaan Amaariffaa irraa

Aayyoo🥰
25/10/2025

Aayyoo🥰

25/10/2025

16🥰Nan dagatinii!

‎  ❓‎        ✍︎ ━━━━◌◌◌━━━━ ✍︎‎Dursa  #𝐒𝐡𝐞𝐞𝐫 gochuun warreen dogongoraa jiraniif dhaqqabsiisa!‎‎Yoo Obsaan dubbistanii X...
25/10/2025

‎ ❓
‎ ✍︎ ━━━━◌◌◌━━━━ ✍︎
‎Dursa #𝐒𝐡𝐞𝐞𝐫 gochuun warreen dogongoraa jiraniif dhaqqabsiisa!

‎Yoo Obsaan dubbistanii Xumurtan beekumsa guddaa akka argattanu shakkii hin qabu!

‎➛ Akka Seera Mana Kiristaanaa Ortodoksii Qofatti Osoo hin taanee Akka Macaafa qulqulluuttis Qulqullootaaf sirrii akka ta'e Heramee jira!

‎➛ Namoonni Heedduun (Shakkitoonni) Garuu Qulqullootaaf sagaduun sirrii miti Qulqulloonni nama dha Kan Sagadamuufii qabu Waaqa qofaafi jedhanii Lallaba seexanaa Magaalaa keessas ta'ee bakka garaa garaatti Yemmuu jarri Lallaban baayyeen keenya nii dhageenya! Argaas jirra!
‎Waa'ee kanaa macaafni qulqulluun maal jedha ❓

‎➛ Akkuma gara Olii irratti Ilaalle shakkitoonni Qulqullootaaf sagadni hin malu waaqayyo qofaaf sagadaa jedha macaafni qulqulluun jedhu!

‎ ❓
‎➛Macaafa Qulqulluu S/Umamaa Hanga M/Yohaannisi tti waaqa qofaaf sagadi kan jedhu Tasummaayyuu hin jiru!

Yemmuu nuti qulqullootaaf sagadni niimala jennu Shakkitootni Warri Ortodoksii kun qulqullootaaf sagadu macaafni immoo waaqa qofaaf sagadi jedhamee barreeffamee jira jechuun odeessu

➦ Yemmuu nuti immoo Waaqa qofaaf Sagadi caqasa jedhu Fidi jenee Kokkee jara qabnu Caqasni isaan kennanu Mat 4÷10 irra isa jirudha 😂 mee caqasicha haa'ilaallu

‎ #𝐇𝐔𝐁𝐀𝐃𝐇𝐀𝐀
‎➪------ --------
‎Waaqayyoof Sagadi isa waaqessi jedha! melee waaqa qofaaf sagadi hin jedhu

‎Amma caqasa kana Hubannoo dhaan yoo ilaallee Erga jedhee booda waaqessi jedha Isheen jettu waaqessi isa jedhu bukkeetti barrooftee argamti
‎Osoo Qulqullootaaf sagadni hin malu ta'eetii Waaqa sagadi waaqessi jedhaa ture!
‎Waaqayyoof Sagadi jechuun Qulqullootaaf hin sagadin jechuu miti

‎Jalqana irratti
‎ Akka Qoodamu beekuun Barbaachisaadha!
‎Isaanis fi

‎ ❓
‎---- ----
‎➛ Saawool Saamueeliif Sagade

‎---- ----
‎➛ Ijoolleen Raajotaa Eelsaa dhaaf sagadan

‎---- ----
‎➛ Ornaan Daawitiif Sagade

‎---- ----
‎➛Mootiin Naabu kedenesoor Qulqulluu Daani'eeliif sagade

‎---- ----
‎➛ Qorneelewoos pheexiroosiif Sagade

‎---- ----
‎➛ Gareen Seexanootaa Yohaannisiif Akka sagadanu

‎ , fi k k f warreen jiran keessaa muraasa dha

‎➛Egaa Caqassoota gara gubbaatti Amma ilaalle kana sirriitti keessa gallee yoo dubbisne kakuu haaraa keessattis ta'ee kakuu moofaa keessatti Namoonni heedduun , Beektonni , Mootonni , Garaa garaa Qulqullootaaf sagadaa akka jarri turan dubbifna

‎➛Sagadni jarri sagadaa turan kunis kan ykn Isin waaqa keenya jedhanii Jara waaqesuuf Osoo hin taanee Kan kabaajaa Kan Ulfinaa sagadaa turan jechuudha! waaqa akka jarri hin taane sirritti nii beeku!

‎ ❓

‎➛Sagadni Waaqeffanna kan sagadamu Waaqayyoof Qofadha!
‎Kunis Uumaa ta'uu isaa Waaqa ta'uu isaa Mootii moototaa ta'uu isaa Jiraataa ta'uu isaa Laphee keenyaan Amannee Waaqa koo jennee isa waaqessaa kan isaaf sagadamuu dha

‎ Qulqullootaaf Ergamootaaf Q/Maareyaamiif Taabotaaf Gonkumaa hin sagadamu sababiin isaas jarri waaqa osoo hin taane Uumamtoota waan ta'anii fidha!

‎Kanaaf Manni Amantaa Ortodoksii Qulqullootaf Sagadni akka malu yemmuu barsiiftu Qulqulloota jechuu osoo hin taanee Kabajaa Ulfina laadhaa jechuu isheeti!


‎Amantaa keessaniif hojii keessaniin Abboota keessan duraa fakkadhaa jedha mitiree ! Nutis kanumaaf waan abbootiin keenya raawwataa turan ammas nii raawwanna!

‎Qulqullootaaf mitiiti Namoota cubbamoo akka keenyaatiifiyyuu ulfina laachuuf gadi jenna mitiire ?

➦ ‎Sagadni Qulqullootaaf hin malu jettu yoota'e garuu Caqasoota sila gara Gubbaatti barreeffaman moormaa akka jirtan hin dagatinaa! KUn Ammoo cubbuu guddaa dha
‎Jechi Macaafa qulqulluu tokko Hafuu irraa samiif lafti darbuutu salphata jedha macaafni qulqulluun

‎Nuti kabajnees dhiisnees qulqullootaaf omaa hin daballu sagaduu bannees homaa irra hin hirrisnu Waaqayyo jara kabajeera waan ta'eef Kabajnuf ofiif dhiisnus ofiifi!

‎Kanuma hunda itti himanee illee gonkumaa jaraaf hin galu kanaafi wangeelli ija qabu hin arganu Gurra qabu hin dhagahanu kan jedheef!
‎Yaa Ashaboo ofii jettu mi'aai jedhama mitiire
‎Sammuu yoo qabaatte siif gala!

‎Nuti Ortodoksoonni Qulqullootaaf sagada ulfinaa sagaduun keenya dogongora miti!
‎▓▓▓▓▓▓▓▓▓▓▓▓▓▓▓▓▓▓

Yoo xumurtan fi kana gochuu hin dagatina!

‎🔥══•~~----♡︎-----~~•══🔥

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Miidiyaa Haadha ifaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share