Yoo waliin taane waliif taana

Yoo waliin taane waliif taana JAALALA WAAQAYYOO NUUF QABU HUBACHUU!

18/02/2026

Big shout-out to my newest top fans! Haabuluu Warqinaa

Wal-Hammachuu(Jaalala Isa dhugaatiin). Namoota hundaaf🙏February 12 Guyyaa Wal- hammachuu jedhamee Beekama. kanaaf Namni ...
12/02/2026

Wal-Hammachuu(Jaalala Isa dhugaatiin). Namoota hundaaf🙏
February 12 Guyyaa Wal- hammachuu jedhamee Beekama. kanaaf Namni hunduu guyyaa har'aa maatii keessan, hiriyoota keessan, jaalallee keessan hammadhaa nagaa gaafadha
Faayidaalee wal-hammachuu/hugging qabu keessaa muraasa:- Namoonni lama yoo hanga sekondii 20tti wali hammatan qaama isaaniitiif bu'aa hedduu akka qabu qorannoon garaagaraa ni ibsa.Asiratti namoonni hedduun sekondii 3 qofa jiddugaleessaan ka wal hammatan yoo ta'e bu'aalee kana hin qabaatu.Saayinsii fayyaa daa'imannii keessatti daa'imman dhalatuu hammachuu kan"Kangaroo mother care"/isa akka kaangaroon garaa jalatti qabatuu sani akka yaalaatti daa'imanniif ni kennama. Kana malees wal-hammachuun namoota guddaafis faayalee hedduu qabu keessaa muraasni:-
1.Hormoonii jedhamu akka Pituutarii irraa maddu taasisa.Hormooniin kuni hormoonii jaalalaa/love hormone jedhama.Akka gammadnu,sodaa fi cinqii nurraa balleessaa kanaaf fayyummaa qaamaa fi sammuu keenyaaf gaariidha.Sababa adduunyaa kanarra jiraachuu kaayyoo keenyaa nutti hima.Haati erga deesse booda dhukkubbii lafa kanarraa kamuu olii akka irraanfattee jaalala ilmoo isheen liqimfamtu godha.Akka isheen jaalala,yeroo,waayee ilmoo isheef kennitu godha.Kana malees hormooniin kun dhahannaa onnee hir'isa,hormoonii koortisool jedhamu hir'isa. Kun ammoo dhiibbaa dhiigaa,cinqamuu fi dhukkuboota onneen fi k*k ittisuuf gargaara.
2. nuuf kenna.Namni tokko heddu yoo aare ykn booye yoo sossobuu barbaaddan hammachuu qabdu.Yoo hammatan ni obsa,ni irraanfata hormooniin olitti jenne ni madda.Isa qofa osoo hin taane nama hammates akkasuma ni fayyada.
3. namarraa hir'isa.Akkuma olitti kaafne cinqamuu hir'isa. Hormoonnii tokko waan hir'isuuf bu'aa qaba.Qorannoon tokko akka mul'isutti daa'imanni hammachuun dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu ni dabala,Dhukkuboota qaama ofiitiin lolan/Autoimmune ni ittisa,dhukkuba shukkaraa gosa tokkoffaa irraayis carraa qabamuu akka ittisu ni ibsa...
kanan dubbiserraa.

Address

Laga Tafo
Addis Ababa
1234

Telephone

+251996891875

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Yoo waliin taane waliif taana posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Place Of Worship

Send a message to Yoo waliin taane waliif taana:

Shortcuts

Share