WDB Damee Noonnoo

WDB Damee Noonnoo Waaqayyoo karaa tokkos karaa biras ni dubbata namni garu hin hubatu.Mac Iyob 33:14

20/03/2026

ደረሰኝ እና የፈለጉትን ቁጥር
በimo እና በ Telegram
ይላኩልን ንቃይ ቁጥሮች ብቻ ነዉ የቀሩት

19/03/2026
እኔን የረዱኝ አባት ናቸዉ☎️09-04-37-29-98ወይም☎️09-98-15-88-75ይደዉሉና ያግኞቸዉ መርጌታ በቃሉ ይባላሉ
12/03/2026

እኔን የረዱኝ አባት ናቸዉ
☎️09-04-37-29-98
ወይም
☎️09-98-15-88-75
ይደዉሉና ያግኞቸዉ መርጌታ በቃሉ ይባላሉ

እንኳን ደስ አላችሁ1 ኪሎ በ 700 ብቻ 1 ኩንታል በ 65.000 ብር ብቻ☎️09 04-37-29-98☎️09 04_37-29-98ለሆቴል ለቡና ቤትእንዴሁም ለቤትዎ ጥራቱን የጠበቀ የይርጋ ጨፌ የ...
08/03/2026

እንኳን ደስ አላችሁ
1 ኪሎ በ 700 ብቻ
1 ኩንታል በ 65.000 ብር ብቻ
☎️09 04-37-29-98
☎️09 04_37-29-98
ለሆቴል ለቡና ቤት
እንዴሁም ለቤትዎ ጥራቱን የጠበቀ የይርጋ ጨፌ
የጅማ ቡናዎች በታላቅ ቅናሽ አቅርበናል መምጣት ካልቻሉ ባሉበት እናደርስልዎታለን
ለበለጠ መረጃ ከላይ ባስቀመጥንሎት ስልክ ይደውሉልን

“Ati kana waan gooteef, ani yeroo hundumaa galateeffachaa sin jajadha; namoota siif of kennan durattis, maqaa kee isa ga...
03/05/2025

“Ati kana waan gooteef, ani yeroo hundumaa galateeffachaa sin jajadha; namoota siif of kennan durattis, maqaa kee isa gaarii abdiidhaan nan waammadha.”
— Far. 52:9

Waldaan keenya waldaan duuka bu'oota damee noonoo haala bareedaan waaggaa sadaffaasaa kajatee ooleera.
25/05/2024

Waldaan keenya waldaan duuka bu'oota damee noonoo haala bareedaan waaggaa sadaffaasaa kajatee ooleera.

Baga geessan!!!
24/12/2023

Baga geessan!!!

Dhugaa kana akka nuuf hubattan feena:Gaaffi fi deebii1. Kitaabni Qulqulluun Afaan Oromoo kan Waldaa Kitaaba Qulqulluutii...
09/12/2023

Dhugaa kana akka nuuf hubattan feena:
Gaaffi fi deebii
1. Kitaabni Qulqulluun Afaan Oromoo kan Waldaa Kitaaba Qulqulluutiin maxxane jiraa?
:- Eeyyee baay’etu jira. Sanayyuu loqoda gara garaatiin.
2. Kitaaba Qulqulluu Afaan Oromootti hiikaman kana mana kiristaanaatti itti fayyadamaa jirraa?
:- Lakki officially itti fayyadamaa hin jiru.Akka Ortodoksii Tawahidoo Itiyoophiyaatti sirna Qiddaasee irarttis hin dubbifaman
3. Maaliif itti hin fayyadamtu manni kiristaanaa?
:-Sababa hedduutu jira, garuu ammatti mana kiristaanaatti itti fayyadamaa hin jirru.
4. Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa kitaaba Qulqulluu Afaan Oromoo maxxanfattee qabdii?
: Lakki hin qabdu. Hanga yoonaatti hin jiru, Kitaabni kakuu haaraa kan Waldaan duuka bu’ootaa hiike kun kan jalqabaati.
5. Manni Kiristaanaa osoo hiikuu qabdu Waldaan Duuka Bu’ootaa maaf kitaaba Kakuu Haaraa hiike?
- Waldaan Duuka Bu’ootaa qaama mana kiristaanaati. Itti gaafatamummaani fi heyyamni kennameefis Afaan Oromootiin akka tajaajiluufi. Kitaaba qulqulluu malee ammoo tajaajiluu hin dandeenyu. Sanaaf hanqina kanaaf dursa kennine. Akka Xaqlaay betekihnetitti yeroo dheeraaf kitaabni kun hiikamaa jiraachuu dhageenya malee qabatamaan hanga ammaatti hiikamuusa ahin agarre. Sababa Dhabamuu kitaaba qulqulluutiin sirni qiddaasee hirdhachaa waan jiruuf hatattamaan kitaabni kun waan barbaachiseefi malee osoo kitaabni Qulqulluun Afaan Oromoo kan manni kiristaanaa fudhattu jiraatee hiikuun hin barbaachisu ture.
6. Kitaabni amma WDBn hiike kun hanqina tokko iyyuu hin qabuu?
:-:- Hiikka fi maxxansi kitaabaa yeroo tokkotti dhibbaan dhibbatti hanqina irraa bilisa jechuun hin danda’amu. Isa yeroo jalqabaaf hiikaman miti hanga yoonaatti mana kiristaanaatiin of eeggannoo olaanaa fi bajata olaanaan kan maxxanan iyyuu hanqinoota xixiqqoo irraa bilisa miti. Kanaaf hanqinoota qabaachuu mala. Hanqinootni kun garuu hanqinoota xixiqqoo maxxansaafi typology(qubeen) wal qabatan ta’uu malu.

09/12/2023

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen.
Ajjeechaa iddoowwan gara garaatti Kiristaanota irratti raawwatamaa jiru ilaalchisee ibsa Waldaa Duuka Bu’ootaa irraa kenname.
Akkuma beekamu namni kamuu mirga amantaan isaa kabajameefi jiraachuu seera uumaanis ta’ee kan biyya lafaanis kennameef guutuu qaba. Hawaasni kamuu mirga amantaa isaa guddifachuu fi dirqama mirga amantoota biraa immoo kabajee jiraachuu ni qaba. Haa ta’u malee, baroota dhiyoo asitti dhiibbaan haala yeroo waliin wal qabsiisuun manneen kiristaanaa barbaadessuu hanga lubbuu amantoota balleessutti yeroo raawwatamu argaa, dhaga’aa jirra. Kiristaanonni akkuma qaama hawaasa tokkotti naannoo jiraatanitti mirgi uumamaan kennameef kabajameefii jiraachuu osoo qabanuu dhiibbaan akkanaa isaan irraan gahamaa jira.
Gidduu kana Godina Arsii Aanota gara garaa keessatti lubbuun Abboota Lubootaa, Tajaajiltoota mana kiristaanaa fi hordoftoota amantichaa haala sukaneessaa ta’een darbaa jira.
Akka ragaatti godina kana keessatti aanaa Sirkaatti gaafa Sadaasa 12 bara 2016 halkan ganda Soolee Digalootti obbolotni 17 fi ganda Iidoo Labuutti obbolootni 11ajjeefamaniiru. Gaafa sadaasa 16 halkan ganda Koonnee keessatti obbolootni Kiristaanaa 8 kan ajjeefaman yoo ta’u, gaafa Sadaaa 24,2016 ganama obboloota shan irratti haaluma wal fakkaataan ajjeechaan raawwatameera. Manni hawaasa lubbuun darbees akka gubatu, qabeenyi isaanis akka manca’u ta’eera. Godinuma kana keessatti aanaa Arsii Roobee ganda Walta’ii keessatti lubbuun kiristaanotaa 3 akka darbu taasifameera. Ajjeechawwan kana irratti kan wareegaman daa’imman harma hodhanii hanga manguddoo umrii waggaa 70 keessatti ni argamu.
Waldaan keenyas Waldaan Duuka Bu’ootaa warreen sababa amantaa isaanitiin qoodamanii wareegamaniif Waaqayyoo lubbuu isaanii bobaa abbaa keenya Abrahaam haa boqachiisu, lubbuu isaanii dhaaltuu mootummaa isaa haa taasisu jechaa gadda itti dhagahame ibsachuu barbaada. Ajjeechaa suukaneessaa haalota adda addaa sababa godhachuun dhiiga obboloota kiristaanaa lolaasuu fi rakkina manneen kiristaana irratti fidu hunda cimsinee ni balaaleffanna. Mirgi hordoftoota Mana Kiristaanaas akkuma qaama haawasaa kamiittuu kabajameefi jiraachuu qabu. Mootummaanis dirqama nageenya lammiiwwan nagaan jiraachuu fi amantiin isaaniis eegamee gaggeeffachuu qaban mirkaneessuufi qaba jennee amanna.
Sadaasa 26, 2016 BA
Finfinnee

Baga guyyaa hundeeffama Waggaa 12ffaa Waldaa Duuka Bu'ootaan isin gahe. WDBn Onkololessa 14 bara 2004 Magaalaa Finfinnee...
25/10/2023

Baga guyyaa hundeeffama Waggaa 12ffaa Waldaa Duuka Bu'ootaan isin gahe. WDBn Onkololessa 14 bara 2004 Magaalaa Finfinnee bataskaana qulqulluu Giyoorgiis isa Birbirsa Goorootti argamutti hundeeffame. Kallattii hunduma irraa walitti nu qabee waggoota 12n darbaniif tajaajila Afaan Oromootiin kennamu keessatti tokkummaadhaan gahee keenya akka baanu kan nuuf heyyame, kan nu gargaares Waaqayyo Gooftaaf galannii fi ulfinni haa ta'u. Miseensonnii fi obbolootni keenya warri tajajaila kanatti gammaddan hundumti baga waliin geenye jechaa, tajaajila isa kana boodaafis hunduma olitti kadhannaa keessanii fi yaadaan akka wal faana dhaabannu jaalala Waaqayyootin isin gaafanna//

Ayyaana Gaarii!

Address

Nono
Addis Ababa
1000

Telephone

+251941950565

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when WDB Damee Noonnoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Place Of Worship

Send a message to WDB Damee Noonnoo:

Share